GadaaTubelogo2013_1
Gadaa.com | Oromia/Oromo | Gadaa.com REPORTS | Chronology | Events | Bookstore | About Us | Contact

Qeerroo – Gumaacha Artistii Kabajamaa fi Jaallatamaa Hirphaa Gaanfuree: “Ka’i, Oromoo!!”

Rating:
1 Star2 Stars3 Stars4 Stars5 Stars
Loading ... Loading ...
Comments (6)

Gadaa.com

Description:

QEERROO.com

(Qeerroo, Finfinnee, 3 Bitootessa 2012) Wallisaa Oromoo, beekamaa fi jaalatamaa kan ta’e, Hirphaa Gaanfuree wallee haaraa Warraaqsa Bilisummaa fi Dimokiraasii Darggaggoota Oromoo, (Qeerroo),jajabeessuu fi leellisu qopheessuun gumaata godhee jira.

Wallisaa Hirphaan walluu kana keessatti jabinaa fi murannoo qabsoof qabu kan mirkaneesse caalayyuu, ilmaan Oromoo sababa roorroo fi qabsootiin addaan faffaca’an otuu abdii hin kutatiin jabaatanii qabsaa’uun gara injifannootti ce;uu akka danda’an dhaamee jira.

Wallee haarawaa kana keessattis qabsoon obsaa fi kutannoo kan barbaadu ta’uu kan hubachiise Wallisaa Hirphaa Gaanfuree, “Obsa gaafataa, hin ariifatiin qabsooni,” jechuun gorsa guddaa nuuf dabarse jira!

Qeerroon Bilisummaas gama keenyaan, sabboonaa Oromoo kan ta’e Hirphaa Gaanfureef galata guddaa dhiyeessaa, yeroo qabsoon Oromoo karaa hundaan birmannaa fi jabina babarbaadu kanatti gumaata olaanaa, kan galaa qabsaa’otaa ta’e kanaan nu dhaqqabuu keetiif Galatni kee BILISUMMAA haa ta’u! jenna!

Amma illee hidhannoo keenya karaa hundaan jabeeffanneen, diina keenya haga jilbeeffachiifnutti qabsooroga maraa finiinsuu irraa kan hin deebine ta’us Qeerroon dabalee hubachiisa!!

Comments

Comments (6)

  1. falamataa said,

    March 3, 2012 @ 7:16 pm

    Artist Hirphaa Gaanfuree lubbuun is haadheerattu!!! nuu jiraadhu goota goota caalu!! obboleeyyan gadaa.com illee haalaan isin galateeffadha jiraadha.

  2. Anaaf jettee said,

    March 4, 2012 @ 11:20 am

    Galataan koo walisaa hirpha fi qeerroo oromoo hundaaf hata’uu abdiin oromiyaa isiin qofaa ta’uu umaan oromoo tolchee baree jiraa kanaafuu jabadhaan dhamsaa kiyyaa

  3. nuur abdo said,

    March 12, 2012 @ 11:03 am

    QABSAA’AA HIRPHAA GAANFUREE GALAANNII KEE BILISUMMAA HAA TAA’U!!!!!!!!!!!!!!!!!!111

  4. Guyyankee said,

    March 12, 2012 @ 1:11 pm

    Jeechaan ittin Hirphaa galatefadhu hinqabu, rabii Lubu issa hangaa Bilisumma arganutti nuuf yaadhersuu.garuu Oromoo maaraf kun barumssa guddaf Eergga gudda dha.kana waan ta’eef Qeerron illee maggalla keessatti socha’uu qabaa abdiin jedhun qabba, qabsoon, maggalla keessati caalaqabee deebii hin dhabuu waan ta’eef, Oromoon maartii harkaa waal qabanee gabrumma off irra garaa biyya isheeti yadebsinuun jedha.

    Injifanoon Oromoo marraff!

  5. Wirtuu said,

    March 13, 2012 @ 3:19 am

    Koodee koo Hirphaa waan hunda dura kabaja siif qabun ibsa. Walleen kee isa kana qofa otoo hin taane durumaayyuu waan oromoo kakaasu nama onneessu fi waan wallisaa turteef inni kun garuu isa kaan irraa kan adda isa godhu yeroo namni hamileen cabee ta’aa jiru kana keessatti wallee bareedaa humna qabeessa kana baasuun kee hedduu nama gammachiisa.

    Akka wallistoonni wallisaniin qabsoo finiinsuufi bilisummaa dhiheessuun har’a hin turre,garuu cubbuu guddaan kan jiru hoogganoota akka dhakaa gurraachaa bakkuma tokko taa’aa oolanidha rakkini guddaan.

    Yeroo hedduu wallistooni fi akka qoosaa fi baacoo akkasumas bifa diraamaa ,walaloodhaan diina qofarratti qofa otoo hin taane akka oromoon waliif galuufi hoogganooni akka sirnnaan gadi bu’ani dadhabina isaani hubatanii qabsoo kana fuulduratti gaggeessan itti himamaa turuun isaa seenaatu quba qaba .dimshaashumati waaqni oromoo umrii kee dheeressee waan yaadde si haa agarsiisun jedha..Nagaan
    Gumaa qabsawota oromoo gandummaaf jecha otoo hinn taane oromummaaf jecha dabaranii lafa hin bu’iin.

  6. muhaammad galatoo said,

    December 10, 2012 @ 1:29 pm

    kabajamaa artistii hirphaa galatoomi galanni kee bilisummaa oromoo fi wolabumaa oromiyaa siif haa ta’uu

Leave a Reply