Gadaa.com
Gadaa.com



Comments off

Humni Addaa WBO Tarkaanfii Fudhataa Jiru Itti Fufe

(Madda Oduu ABO/MOA/ Waxabajjii 4, 2012)

Sirni Wayyaanee ummata Oromoo hiyyoomsuun jilbeenfachiisuuf lafa isaa irraa buqqaasuu akka tooftaatti dhimma itti bahaa akka jiru ni beekama. Keessattuu ummata Oromoo Gidduu Galeessa Oromiyaa bakka gabaatti dhihoo fi geejjibaaf aanjaa qabu keessa jiraatu lafa dhablee taasisuun kan karooraan qabamee bal’inaan adeemsifamu dha.

Hammeenyii addaa diinaan ummata keenya irratti fudhatamaa jiru kun bakkayyuutti mormii itti dhalchee waan jiruuf tarkaanfiileen humna addaan fudhatamaa jiran itti fufanii jiran. Akka kanaan Caamsaa 29, 2012 humni addaa WBO Shawaa Bahaa keessa sosso’u magaalaa Boosat keessatti miseensa tikaa Wayyaanee Chaaynaatti baratee kampany chaynaa keessa hojjatu irratti tarkaanfii maayii fudhatee jira. Miseensi tikaa Wayyaanee Tasfayee Asseggid jedhamu tarkaanfiin irratti fudhatame kun amanamaa sirnichaa tahuun kanneen ummata Oromoo lafa irraa buqqaasuun beekaman keessaa tokko.

Sirni Wayyaanee tarkaanfii humni addaa WBO fudhate kanaan rifates ummata fayyaaleyyii iirratti tarkaanfii gara jabinaa fudhatuu irratti argama.

IUOf!

(OromoLiberationFront.org)


Gadaa.com

Comments are closed.