Comments

Beeksisa Gumii Waaqeffannaa Norway

Gadaa.com

Gumiin Waaqeffannaa Oromoo Norway Fulbaana guyyaa 11, bara 2010 biyya Norway, magaalaa Bergen-tti seminaara Amantii fi Aadaa qindeessuuf qophii barbaachisu soneessee jira.

Akkuma kanaan dura ibsamee jiru, Amantiin Waaqeffannaa Oromoo biyya Norway-tti seeraan galmaa’ee waraqaa hayyamaa argachuun hojii Waaqeffannaa barsiisuu fi guddisuuf hojjetaa jira.

Akeekni ijaarsa Waaqeffannaa kun Aadaa, Duudhaa, Amantii fi Sirna Gadaa Oromoo kan sirna alagaan golgamee fi gadi qabamee jiru deebi’ee akka ijaaramu, akka guddatuu fi akka dagaaguufi dha. Yeroo ammaatti Amantiin Waaqeffannaa biyyoota Oromoon argamu maratti bifuma walfakkaatuun akka ijaaramuuf tattaaffii fi qophiin barbaachisu godhamaa jira.

Seminaara Waaqeffannaa biyya Norway qophaa’e kanarratti kan argamanii fi barumsa kennuuf jiran hayyoota Amantii Isilamaa, Kiristaa fi Waaqeffannaa irraa akkasumas beektota seenaa fi sirna Gadaa Oromoo irratti kanneen qorannoo godhani irraa yeroo tahu, isaanis amantiiwwan oromoon yeroo ammaa hordofu guddinaa fi dagaagina aadaa fi seenaa oromoof bu’aa isaan kennaa jiranii fi dhiibbaa ykn deeggarsa amantiin tokko aadaa saba isaaf qabu irratti haala qabatamaa jirurraa barumsa kennu. Kana malees aadaa oromoo dagatamee ture keessaa waan mul’ifamuu fi agarsiifamuuf jiru waan adda addaatu qophaa’ee jira

Barumsa kana boodas faaruu Waaqeffannaa fi wallee aadaa oromoo calaqqisantu dhihaata. Kana malees sagantaalee jiran fuula dura wal duraa duuba isin hubachiifna.

Kanneen kanneen mul’inaa fi guddina Waaqeffannaa Oromoof jaalalaa fi deeggarsa qabdan bakka qophii seminaara kanaatti argamuun qooda keessan akka gumaachitan kajabaan isin afeerra.

Saglee Gumii Waaqeffannaa Norway irraa








»» BACK TO MAIN PAGE

Write Your Comment Below.


RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Comments are moderated. Your comment appears below after it has been approved by a Gadaa.com Admin.
2. If you use different names to post comments, we will delete all of your comments.
3. Apply common-sense respect and courtesy.
4. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
5. Comments are naturally short. Long comments may not be approved.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.