Comments (2)

Haala Polotiikaa Somaliyaa irratti Gaaffii fi Deebii Obbo Leencoo Lataa Wajjin

Gadaa.com


Qopheessaa Namoo Daandii | Washington DC

Dho’insawwan Boombii Ugaandaa keessatti Geggeessaman Rakkoon Gaanfa Afrikaa Keessaa Sadarkaa Biraatti Cehuu Agarsiisa jedhan, Qorataan Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Itti-aanaa Hayyu-duree ABO durii, Obbo Leencoo Lataa.

Raadiyoo Saagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kennaniin kan kana dubbatan, Obbo Leencoon, dho’insawwan Magaalaa Kampaalaa keessatti ggeessamanii namoota 74 galaafachuu gara turban tokkoo dura, hoogganoonni miseensota IGAD tahan Finfinneetti walga’uudhaan loltoota dabalataa 2000 gargaarsa Mootummaa Cehumsaa Somaliyaaf erguuf murteessuun, keessumaa, ka duraan akka Somaliyaa keessaa baatu taasisamte, Itiyoophiyaan loltoota ishee itti deebisu malti ka jedhamu, Al Shabaabiin daranuu jabeessee, rakkoo Somaliyaa fi ka Gaanfa Afrikaa hammeessuu irraa kan hafe bu’aa fidu akka hin qabne dubbatu.

“Al-Shabaabiin ka jabeesse, Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Somaliyaa keessatti akka diinaatti ilaalamuu dha. Silaa, Itiyoophiyaa fi Ameerikaan harka keessaa baafatanii, uummatni Somaliyaa Al Shabaabiif mararfannaa hin qabu. Inumaa, seera Al-shabaab biyyattii keessatti baasaa jiru, kan akka seera uffannaa dubartootaa fi jimaa qaamuu dhorkuu faa irratti uummatni Somaaliyaa jibbinsa qaba” jedhu, Obbo Leencoo Lataa.

Ammaan dura dhimma polotikaa Gaanfa Afrikaa irratti kitaabota lama ka barreessanii turiin, amma dhaabbata dhuunfaa biyya Noorwey maadheffate, ka jedhamu keessatti qorataa polotikaa Gaanfa Afrikaa ka tahan, Obbo Leencoo Lataa, “humnoota sadarkaa Addunyaa dhimma Somaaliyaa keessa harka galfatan” jedhan lamatti qoodanii ilaalu. “Tokko, kanneen Al-shabaabiin gagaaraa jiran, caasaa Shororkeessotaa akka AL-QAA’IDAA fi lammaffaan, Yuunaayitid Isteetsii fi Itiyoophiyaa dabalatee qaamota alaa Mootummaa Cehumsaa Somaliyaa gargaarani. Lameenuu, rakkoo Somaaliyaa daranuu hammmeessuu malee fooyyessuu hin danda’ani. Kanneen dantaa uummata Somaaliyaaf dhaabatan illee miti.” Jedhu.

Rakkoon Somaaliyaa keessaa, haalli itti amma Al-Shabaab of mul’isaa jiru kun, Itiyoophiyaa irratti gama nageenyaanis tahe gama polotikaatiin yoo dhiibbaa qaba tahe gaafatamanii, “Eyyeen dhiibbaa jabaa qaba. Yoo isaaf danda’ame dinni isaa guddaan inni itti xiyyeeffate Itiyoophiyaa dha. Kanaaf, Itiyoophiyaan rakkoo nageenyaa Al-shabaab itti fidu irraa ooluuf, naga-eegumsa ishee daran cimsuuf maallaqa hedduu itti dhangalaasuu tu ishee eeggata. Gama polotikaatiin immoo, rakkoo sana caalaa sodaachisaa tahe tu jira. Yeroo dhaabonni mirga uummata isaaniif lola laaffataa deeman kanatti, leellistummaan amantii Al-shabaab oofaa jiru kun akka furmaataatti yaadamee gara biyya Itiyoophiyaa keessaatti illee babal’atuu mala. Kun immoo, uummata Itiyoophiyaa amantii adda addaa qabu addaan facaasee, wal irratti kaasee, rakkoo furuun isaa rakkisaa tahe uumuu mala. Kun hedduu na yaaddessa.” Jedhan.

Dhaabota mormii polotikaa Itiyoophiyaa keessaa, kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden faa irratti yoo dhiibbaa fidu qabaate illee gaafatamanii, “Eyyeen dhiibbaa jabaa qabaata. Duraanuu, dhabonni bilisummaa uummata isaaniif lolan, kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Ogaaden faa hawaasa Addunyaa irraa ilaalcha hin arganne. Amma immoo, Adda Bilisummaa Ogaaden yoo ilaalle, uummatni Ogaadeen aadaanis amantiidhaanis uummata Somaalee waliin tokko waan ta’eef akka qaama leellistummaa amantiitti hidhata qabuutti tilmaamamuu mala. Addi Bilisummaa Oromoos, uummatni Oromoo harki caalaan kan amantii Islaamaa hordofu tahuu isaa irraa kan ka’e, akka waan gochaa leellistummaa amantiitti hidhata qabuutti shakkamuu mala. Silaa dhaabota mirga uummata isaaniif qabsaawan akka kanaaf duraan ilaalchi gaariin kennameefii jabaatan tahee, rakkoon leellistummaa amantiiyyuu akkana hin babal’atu ture.” Jedhan, Obbo Leencoo Lataa.

Walumaa-galatti kan haala Gaanfa Afrikaa keessaa daddaaqaa jiru rakkoon Somaaliyaa keessaa ka furmaata argachuu danda’u, otuu harki hawaasa Addunyaa fi ka mootummoota naannoo keessa hin seeniin yoo uummatni Somaalee ofii gad taa’ee wal-waliin mari’atee, dhiibbaa tokko malee ofii mala dhawate qofa tahuu akeekan.

VOA Horn








»» BACK TO MAIN PAGE

2 Comments »

  1. Walfidaa said,

    July 19, 2010 @ 1:49 pm

    Obbo Leencoo is one of the very few Oromo, who has completed his Oromo political evolution. He is the promotor of Oromian (biological origin) Union = Horn (geographical origin) Union = Kush (according to Hebrew) Union = Kas (according to old Egypt) Union = Ethiopian (according to Greeks) Union. That is why Oromo scholars started to talk about a “paradigm shift” and even Habesha scholars are trying to join them. It is not bad that at last one of the leaders of the Habesha dominated unitarist parties (Dr Berihanu) is ready to come to Oromo conference of OSA and discuss with Oromo. By the way, the topic of the upcoming OSA-conference is really good! “Rethinking the Urgency of Paradigm shift for Democracy, Human Rights and Social Justice in the Age of Intensified Globalization.” But what do the concerned people mean by “paradigm shift”? Shift of Kaayyoo or shift of Karaa to the Kaayyoo? At which level of the Oromo political evolution are the panelists and participants moving? We like it or not, all Oromo individuals and Oromo institutions do pass through certain evolution process from level one to level five, unlike Dr Negasso Gidaada’s backward evolution move from the fourth level to the first level. Here is the Oromo political evolution:

    - the first level of the evolution is that of those who do support the unitary Abyssinian Empire as Oromo in Habesha organizations like AEUP, EDP, EPPF, EPRP, G-7 and UDJ are now doing (they deny the existence of Oromia and do cry about only Imiye Ethiopia). Are panelists like Dr Berihanu and Oromo like Birtukan Midhagsaa, Yaqob Likkie and Sofiya Yilma Dheresaa not moving at this level?

    - the second level of those acting like OPDO, who do claim to be Oromo and believe in the existence of Oromia, but do accept and adore Abyssinian rule over the occupied Oromia. Of course Oromo like Junedin Sadoo belong here.

    - the third level of those acting like OFC, who do claim to to be Oromo and demand Oromian Autonomy at least within Ethiopian UNION. Are panelists like Jawar and Oromo like Dr Merera and Obbo Bulchaa not moving at this level?

    - the fourth level of those acting like ULFO and do claim the unconditional Oromian Independence in a form of an independent Gadaa Repubic. Is there any one from such the pro-ONLY-Walabummaa without a possibility for a UNION of independent nations of the region in the conference? Are Oromo like Obbo Jaarra Abbaagadaa, Galasa Dilboo, Dhugaasaa Bakakkoo not moving at this level?

    - the fifth level of those searching to foster the Oromian UNION planned by AFD, i.e a union of independent nations in the Horn which brings all Oromo in the Horn (starting from those in Egypt to those in Sudan, Ethiopia, Eritrea, Djibouti, Somalia, Kenia and Tanzania) together. I think people like Professor Mohammed Hassen and Prof Assefa Jalata are moving at this level! Surely Obbo Leencoo Lata and Daud Ibsaa belong here.

    The question yet to be answered is, how many of the Oromo individuals taking part in Oromo politics and the Oromo institutions they do represent did finish their political evolution process? I know there are some who already have completed their evolution, but tactically make the rhetoric of the lower levels of the evolution. But yet there are some who still are convinced to live and move at the lower level of the Oromo political evolution! Which one iof the positions (compelled or convinced) is the position of each panelist and participant of the conference in particular and that of the Oromo politicians in general? The position of the compelled ones, who do consider the lower levels as their tactical goal because of the compelling political situation or the position of the convinced ones, who do accept the lower levels as their strategical goal based on their political conviction?

  2. Argii Amani said,

    July 22, 2010 @ 4:42 pm

    Walfidaa,
    galatoomi. We hope that Dr. Berihanu and his likes will evolve from his obsolete first level position of supporting a Unitary Ethiopia to at least the third level of Ethiopian UNION of autonomous nations or at best to the fifth position of the Horn UNION of independent nations!

RSS feed for comments on this post

Write Your Comment Below.


RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Comments are moderated. Your comment appears below after it has been approved by a Gadaa.com Admin.
2. If you use different names to post comments, we will delete all of your comments.
3. Apply common-sense respect and courtesy.
4. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
5. Comments are naturally short. Long comments may not be approved.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.