Afaan Waaltessuun Jechoonni Naannoo Itti Guddatanii (Dialect) akka Dagatamaniif Miti
Qopheessaa Jaallannee Gammadaa
“Afaan oromoo caalaatti akka waalta’uu gochuuf, yeroo yerootti wal arganii mari’achuu fi irratti hojjachun barbaachisaa dha “ jedhu, Qindessaan konfraansii Finfinneetti geggeessamuuf jiruu, Obbo Dabalaa Goshuu Amantee
Konfraansiin waa’ee Afaan Oromoo irratti mari’atu, baatii Muddee bara 2010 magaalaa Finfinnee keessatti kan gaggefamuuf jiru ta’uu, qindeessaan konferensii kanaa, Obbo Dabalaa Goshu Amantee ibsanii jiran.
Yeroo ammaa Noorweey keessa ka jiru Univarsitii OSLOO keessatti,digirii Doktorummaa Afaan Oromoon argachuf hojjataa kan jiran Obbo Dabalaan, baatii Fulbaana bara 2010 nan xumura jedhu. “Jechoonni Afaan Oromoo barnoota sadarkaa adda addaa keessatti hojii irra oolaa jiran wal fakkaatoo ta’uu qaban,” kan jehan Obbo Dabalaan kana gochufiis irra deebi’anii hojiin waaltessu akka itti fufuu qabu dubbatu. Dhimmi kun gama barnootaan qofa otoo hin taane, gama sabaa-himaanis (Media) ka rakkoo qabu ta’u eeran.
“Waan dagatamuu hin qabne garuu” jedhan Obbo Dabalaan, “jechonni godinaalee adda addaa keessatti sadarkaa gadiitti bartaman dhabamu qabu jechu miti, Waaltessuun waan giddu galeessa ta’e tokko irratti waliigalanii, jecha tokkoon gargaaramu danda’uu malee.”
Hojii Afaan Oromoo waaltessuf gaggeefaman keessatti, Oromonni godinaalee oromiyaa mara keessaa walitti dhufani itti hirmaachun, rakkoo mudate kana xiqqeesuuf ka gargaaru ta’uu, Obbo Dabalaan hubachisanii jiran.
Konfraansii saganteffame kana irratti namoota hirmaatan ilaalchisee, keessumaa kanneen biyya keessaa kallattidhaan Afaan Oromoo irratti hojjataa jiran, kan akka waajira barnoota fi biroo aadaa fi Turizmii Oromiyaa, Gazexxesoota Televiziyoona, Radiyoo fi maxxansaalee Afaan oromoo adda addaa akkasumas biyya alaa keessaa, kanneen yeroo dheeraaf Afaan Oromoo irratti hojjataa turan, walgahii kana irratti kan hirmaatan ta’uu VOAf ibsan, Obbo Dabalaa Goshu Amantee, qindeessaan konfaransichaa.
– VOA Horn
»» BACK TO MAIN PAGE
Write Your Comment Below.
RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Comments are moderated. Your comment appears below after it has been approved by a Gadaa.com Admin.
2. If you use different names to post comments, we will delete all of your comments.
3. Apply common-sense respect and courtesy.
4. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
5. Comments are naturally short. Long comments may not be approved.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

