Comments (1)

Gumii aadaa fi Afaan Oromoo Yuniversitii Finfinnee (VOA)

Gadaa.com


Qopheessaa Jaallannee Gammadaa | Washington DC

Barnoota Ramaddiin cina, aadaa, Afaanii fi Aartii keenya jajjabeessuuf dirqma dhalootaatu nu irra jira jedha prezidaantiin gumii aadaa fi Afaan Oromoo Yuniversitii Finfinnee barataa Gololcha Baallii.

Universitii Finfinnee keessatti, Gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo ykn (GAO)n eega hundeffame waggaa 5 ta’eera. Akeeki hundeffama gumii kanaa, guddina aadaa fi Afaan akkasumas Artii oromoo baratoota oromoo giddutti jajjabessuuf, kana malees, baratonni kana keessatti qooda gama isaanii akka ba’an gochuf akka ta’e, prezidaantiin gumii kanaa barataa Gololcha Baallii ibsee jira.

Torbanitti guyyaa tokko baratonni walaloolee, Asoosamaa fi wallelee aadaa dhiyessuun kan wal argan yoo ta’u, darbee darbees beektootaa fi keessummoota afeeruun, muxannoo aadaa qaban akka baratotaaf ibsan taasisama, jedha Barataa Goloolchaan. Gumiin Aadaa fi Afaan Oromoo, Wallistoota Oromoo bebbeekamoo Finfinnee keessaa afeeruun ka qophii sanatti hirmaachisu tahuu illee ibsee jira.

Waggaa barnootaa jalqabaa fi xumura irratti qophii agarsiisa aadaa kan addaa akka qabaatan,dhuma waggaa irratti immo barattoota Oromoo eebbifafamaniif qophii eebbaa addatti gumiin kun qophheessu ta’uu, kitaaba suuraa eebbifamtootaa qabatee ba’u ka maxxansisuu ta’uu dubbata, prezidaantiin gumii kanaa, Barataa Gololchaa Baallii.

Hojii kana gaggeessuuf kan oolu, barattoonni oromoo mooraa yunivarsitii Finfinnee keessa jiran marti ji’a ji’aan mata mataatti qarshii lama lama ka buusan ta’uu kan ibsee barataa Gololcha, ” Kun barreefamoota ammaan dura qopha’an sana akka kitaabaatti maxxansisuu kan hin dandeessisne ta’uu fi gara fuula duraatti marsaa internetti fi ‘Face book’ irratti hojii gumii kanaa baasuuf carraaqaa jirra, gargaarsa Oromoota maraa illee feena.” jedha. 

VOA Horn








»» BACK TO MAIN PAGE

1 Comment »

  1. muhammadabdulgafarabdulla said,

    July 30, 2010 @ 7:57 pm

    after my best greeting to my people of oromo ,this is the my proposal to all oromo political leaders , politicians,and elders
    as well as students and ordinary people of oromo to identify the unity and effective political application as the strongest
    weapon that can be used to achieve your goals.wish great victory for oromo people

RSS feed for comments on this post

Write Your Comment Below.


RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Comments are moderated. Your comment appears below after it has been approved by a Gadaa.com Admin.
2. If you use different names to post comments, we will delete all of your comments.
3. Apply common-sense respect and courtesy.
4. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
5. Comments are naturally short. Long comments may not be approved.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.