Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

GULANTAA UMMATA CUNQURFAMEE

Posted: Adoolessa/July 26, 2011 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (3)

Dr. Abdulsamad Mohammed

Gaafa nurratti ol’aantoomanirraa eegalee gadigaloo, gad’aantii hundaagadii tahuu mudanne. Heerri ni caphe; seerri ni hanqate. Cunqursaan, saamichi, tuffiin, kabajaa namummaa dhabuun aadaa guyyayyee ni tahan; ni raggaasifaman. Akka dur turre mara mulqamneeti akka haarayaaf qaadhimamne. Waan dinneefis oggoluuf boortamne. Yakkaafi gidiraa garanaan raaw’ataman hayyoota dhimma kana waa’eessaniifin dhiisa.

Sochiin teenya seeramalee, gaaffiin teenya akkamalee, himannoon teenyas karaamalee nuun jedhan. Walumaagalattuu daneen hanqatteeti cubbuun danee taate. Yoo jaraa, bu’urri dur diigamee haarayni bakka bu’e. Haarayni kunis waaraa, sabataa, siranaa lamuu hinbuqqaane, kan duubatti hindeebine seehan. Seehmaya ofii kana dhugoomfatanii qomatti galfataniiti dhihaa-barii jireenyaa keessatti ittiin masakaman. Warra ta Rabbii dagatee seehmaya ofii Rabbi godhate tahuu of hin argan.

Nuti ni cabne malee, hin caccabne. Maalummaafi haqa keenya wallaalee warra seenaan dagatee waliin qilee hinbuune. Qaruutaan waa yaaddu nu keessatti hin masheenne. Gabrummaa amanfannee, bilisummaa irraanfannee, hegereerraa abdii dhabnee, tanumaatu teenya jennee gadadoo mudanne hiree godhannee hin teenye.

Malli tokkichi qabsoo qofa tahuu hin daganne. Barii ganamaa, gaafa waan qaban maraan nurratti bobbahaniis waan qabnuun dura dhaabbanne malee, “Baga nagayaan dhuftan” jennee isaan aammannee hin simanne. Lubbuu itti wareeynee, dhiiga itti cophsinee, lafeedhaahis itti caphnee biyya teenya falmanne. Gootummaa seenaan hin daganne dhaloota gaafasiitiif, kan arraatiifi ka hegere dhufu maraaf dhiiga keenyaan barreessinee galmee seenaa tanaatiis qaruutaa waa qu’attuuf ol keenye.

Haqni keenya, xuruurri irraa booddee hamma nu harkatti deebi’uu falmii jalqabne itti fufna. Hin nuffinu hifannu; hin lakkifnu; akkanattis hinhafnu.

Mudannoo teenya irraanfannee, eenyummaa teenya gaggannee eennummaa haaraya maxxanfannee kan bir taanee akka jiraannu fedhan. Tan isaanii tan ofii, teenya ammoo, tan wajjii tan walii (sanuu tan isaan itti mataa, itti ajajoo) taatee akka waliin jiraannu kajeelan. Maalin jedha? Cubbuu, tuffii, moo maali? Deebiin tanuma feeteehuu haa taatu; malli garuu, tokko qofa: Qabsoo !!

Qabsoo tana bakkaan gayuuf gurmuu cimtuu garayyuun cimtee, bobbaa tanatti cittee, fakkeenya taatee hooggantu jiraachuun dirqama. Sochiin hanquu tana guuttachuuf godhamtu kurnee afuri moo shan dura eegalamte. Warri duraa alatti gurmaawaniiti hulluuqanii biyya seenan. Qaataa harkisanii dhukkaasaanii diina ajjeesuun akka dandayamu hojiidhaan biyyatti mul’isan. Qaanqeen achirraa qabatte qaruutaa ilmaan biyyaa ni bante; gooloo irra jirtu irraa martee ni fuute; habeenoo hubannoo hagooydee waa arguu dhowwitees ni wal’aante. Dukkanarraa ifatti bahuu, if arguu if baruu, if hubachuun ni dhalatte. Anaannachuun, waliif hadooduun, wal jaalachuun, waliif dirmachuun, tarree takka galanii shoobdoo takka dhawachuun ni argamte. Garayyuun, bakkayyutti babal’attee hunda aammattee suduuda takkaan milkii maaheeysaatiif mara bobbaasuu garuu hindandeenye.

Nuti osoo akkanatti jirruuti warri bobbaa akka keenyaatiin gaaratti game nu dursee diina cabsee raasaa biyyaa qubatee aangoo dhuunfate. Faccismaata diinaa laamsheeysuufis tumsa waan kajeelaniif nu afeerratan. Hin dinnee ni dhaqne; tumsa barbaadaniis ni laanne. Haala sunirraa nutiis bu’aa guddaa buufanne. Hunda tarree galchee himuu hin fedhu; muummee qofan irraa isinii hima. Sabni kiyya garayyuu walitti dhufee, walitti baqee, eenyummaa ofiitiin walitti siqee wal aammate. Haqa ofiitiis ni falmate. Lubbuu, dhiigaafi lafees itti gune. Oromiyaan bilisummaa dorrobde ogeeytii dhabarraa dhaluu ni hanqatte. Hanquun gaafas mul’atte har’aas furmaata hin arganne. Gufuu dahatteefi tan ifa baate jidduu dhibdee harkaa nu qabdu dhawaataan wal’aannachaa lafa garaa keenyaa akka geenyu shakkii hinqabu.

Dhumarratti wahiin jechuu fedha. Warri wal qoqqoodee walirratti bobbahee diina ofii cabsee bobbaa ofiitirraa milkaawee goobaan gale hinjiru. Dhugooma yaada kanaa warrummaan walqoggoodu kunuu waan dagatan hinseehu. Namni siyaasaa keessatti shoora qabu abbaa caayaa tahuu malee caayaa siyaasaa ooluun isa hinquubsitu. Kanaafuu fincilli, diddaan, mormiifi falmiin mooraa siyaasaa keessatti ka’u mara akka diigmayaa qofatti laaluun dogongora. Shoobdoo siyaasaa takkaatin hawatamanii dargaa ykn gariiba tahanii qoma dhawachaa ooluun waanuma irraa maganfatani. Siyaasaan wahyii Waaqarraa gadi hasaasamtee miti; saayinsii uumamaa hogguu tokkoofi tokko lama itti tahuu miti. Wanni kaleessa sirrii fakkaatu tokko, arra dogongora tahee boru ammoo, yakka hundaa’olii tahuun ni mala. Warri waa’ee kaayoo ganamaatiifi galgalaa haasawu tokko dhimma kana waan hubatan hinfakkaatan; hubachuu dhiisii hubachuufuu waan tattaafatan hinqaban. Nama harka ifiitiin qaruutaa ifii danqareef ani gorsa malee waan dhibii hinqabu. Haala baraa ija baraatiin daaw’adhaa; qaruutaa baraatiin qoradhaa; dhamaatoo dumeeysi tare isin dhaalchise iftina ammayyaatiin ibsadhaa !!!!

Warra malli qabsoo tokko qofa jedhee qaanii malee dubbatuufis gorsa biraa hinqabu. Galmeen seenaa qabsoo ummatoota addunyaa banaadha. Kan ji’oota muraasa dura biyyoota kaaba Afrikaatiifi Baha jiddugaleeysaa keessatti mul’aterraa wanni barannu baay’eedha. Injifannoo saffee gatii xiqqaadhaan goonfachuun akka dandayamu irraa hubanne. Kanaafuu hanquu gara hubannootiin mul’attu tana guuttachuudhaan amna seenaatiin waliin tarkaanfii ifii qixxeeyfachuun dirqama taha. Ammaaf hammanumaan ja’ee irraa bu’a. Waan na qomatti hafe baafachuuf taniin amma jedhe tuni hordaa haa taatu.

Qarayyoo halaalatti waa gartu, qaruutaa dhidhimsitee waa yaaddu, Rabbi nuu haa kennu.
Warra cubbuurraa maganfatee haqaaf haqarratti waliif caphu nu haa godhu !!!!!

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

3 Responses in THE COMMENT SECTION

  1. Abdulhakim osman

    Jul 27, 11 at 12:02 pm

    AS WR WB Dr.Abdusamad Mohammed gabaabumatti JAZAAKALLH yoon siin je’e naaf wayya,kitaaba kee kan “SEER LUGA AFAAN OROMOO” anillee afaan kiyya akkaan itti tattaafadhee wayyeeyfadhuuf hedduu na gargaare. amma barruu tee tana hogguun dubbise ergaa isii irraa hubachuun biratti afaan oromootiifi seera saa mi’aawaan irraa baradhe,hedduun lubbuurraa itti gammade.

  2. Jaalataa Sabaa

    Jul 29, 11 at 11:01 pm

    Dr. Abdulsamad Mumad Yusuf, Umriin tee haa dheerattu. Horii Buli. Afaan Oromoo miidhaysitee qabsoo saba kenyaa akkanatti nuu dhiheesuu keetiif galata qabda. Addaan hin dhaabni itti nuuf fufi. Kan dubbisu Arif Ali hedduu muuxannoo qabda. Bayyee jabaadha. Itti fufi atiis. Galatoomaa!!!!

  3. qero

    Aug 8, 11 at 10:39 am

    Hi,

    Barefama garii fi gorsa garii dha. the words a little bit difficult if some of the words are translated it may have dual function. words like “horda”, “sooduda”, ‘shoobdo”, ‘Mume” otto nuf hiktanii bayee gamadena. Kane achii bayee namatii tola itii fufii.

    thanks,

    Support the people!!! the true leader!!

    qero