Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com Comments (8)

Irreechaa (Oromo Thanksgiving) 2011 in Minneapolis

By Teferi Fufa and Yeshi Tolosa (OPride.com)

Minneapolis, MN – On September 11, 2011, Irreechaa was colorfully celebrated at Lake Nokomis in Minneapolis, Minnesota. Irreechaa is one of the ancient and premier holidays of the Oromo people. Oromo people, the largest ethno-national group in east Africa, inhabit most of the present day Ethiopia. Oromos are descendents of the ancient Cushitic people.

Read the Full Report (OPride.com)

The following pictures were taken by Hegeree Media:

Videos from OPride.com:

Irreechaa 2011: Buna Qalaa

RELATED LINKS:
- www.Waaqeffannaa.org
- Irreechaa 2011 @ Gadaa.com


Gadaa.com

8 Comments

  1. Ossanaa Bungul said,

    September 12, 2011 @ 6:48 am

    Irreecha yeroo isaa malee kabajame!! Sochiin hundi haala keessa jiru xiinxalaa fi hubataa yoo adeeme bareeda!! Guyyaan Irrecha Minneapolis guyya biyyi nuti kabajaan keessa jiraannu kun gadda irra oole ta’uun, shakkii walii keenya gidduutti uumuun isaa hin hafne. Koreen aduunyaa kan Irreechaa dhimma kana qoratee lammiii Oromoo hundaaf ibsa kennuu qaba. Wal kabajuu fi walii keenya dhaggeeffata, wal tumsaa adeemuu baruudha qabna. Hanga biyya godhannee kan keenyatti galutti biyyi keenya kanuma. Gadda biyyi kun qabu waliin gadduu, gammachuu isaas akkuma kana wliin gammaduun barbaachiisa dha. Kan ta’e ta’e, waaninni fidee dhufu hin beeklnu. Gara fuula duraatti garuu of serreessuun gaariidha. Ummata keenya, keessuma daa’immaan Oromoo akka ta’utti tumsuunii fi qalbii gaariin akka isaan guddatan gochuutu nurra eegama. Bor nu gaafatan. ” Guyyaa biyyi kun gaddu, nuti maaliif gammaduun baraachise?” Gaddi isaa gadda keenya mitii?? Shame and shame!! Dhuguma gamadaa ooltanii??

  2. Lammii said,

    September 12, 2011 @ 5:27 pm

    Obboo Ossanaa,

    Kana anis yaaduma keetan qaba. Kana malees kanaan dura guyyaan irreecha Oromoo maaliif tokko hin taane jedhee yaada dhiheesseen ture. Garuu kan yaada koo fudhate hin turre. Waanti gaariin hojjatamee dhumni isaa hojii daa’imaa waanti tahuuf naaf hin galu. Fakkeenyaaf thanksgiving day Canada yoo fudhanne October 12 bara baraan guutummaa Canada keessatti kabajama. Akkasumas USA keessatti November 26 bara baraan guutummaa USA keessatti kabajama malee bariitu isaallee kutaan USA tokko yoo nan kabaja jedhe seera keessa hin jiru. Egaa kan Oromoo maaliif hojii daa’imaa fakkaate ? Maaliif guyyaadhuma Oromiyaa keessatti kabajamuu hin kabajne ? humna Ayyaana kanaa akka xiqqeessu beektuu laata ? maaliif hojii har’a sirreeffamee deemuu qabu dhiiftanii Mootummaa Oromiyaa boru dhufuuf hojii keessu ? kan har’a bade qajeelchuuf akka yaroo itti fudhatu beeknaa laata ?

  3. saarttu said,

    September 12, 2011 @ 9:29 pm

    Guyaa isaa osoo hintahiin ergaa isaattif bu’a inii qabuu ilaaluu maa dadhabddani. amoo guyaa kanna tahee sanna tahee wariii qeeqaaf tokoofaa hiriire kunii osoo guyaa kamiyuu tahee akka iratti hinargamnne jalla mureen beekka. Halaalan dhaabbattanii fokinna obolaa ofiif dadhabinna obolewan ofii faarsaa oluun dinumaa malee bekumsa mitti.

  4. sabaaf said,

    September 13, 2011 @ 12:48 am

    Kabajan Ayyannaa Irreechaa Ummani keenya (Oromoon) biyyaa USA MN baayee nama gammachissa Aadaa, Daadhu oromoo qabdu addunnaati beeksisufs ta’e aadaa keenya kan kaleessa akka hin banne gochu keeaanif galatoomma jedha . Namooni yaada qeeqa dhisssa jirtan gaarii ture garuu namooni oromiyaa alaa jiratan akka, bakka jirtaniiti akka mija’eefti yoo kabajtan rakkina waani qabu nati hin fakka’u Ayyaanni Irreechaas guyyaa waaqa ufii itti galatafatani waani ta’ef yaani guyyaa gadda irraa jedhu rakkina miti gara kootin Akkuma walii galati Oromoon Oromiyaa jiru dhumma Fulbaana qaba hamma jalqaba Onkoloolessati kabaja ykn Ayyaneefta wani ta’ef viva Ilmaani oromoo MN . jedha Awurooba irra.

  5. Balee said,

    September 13, 2011 @ 10:41 am

    Ossanaa, Dubbiin kee fokkataa dha.

  6. Lammii said,

    September 13, 2011 @ 3:42 pm

    Aaddee Saattu Koo,

    Oromoota jidduutti gorsa walii kennuun diinummaa erga sitti fakkaatee mee jedhikaa silumaallee akkaan maqaa kee kana irraa argutti ati namuma akka koo kana irraa waahee irreessaa dhageesse malee kan ittiin dhalatee guddatellee anuma turee mee jedhi akkuma diinatti na fudhatte siif haa tahu.

  7. Hundee dha said,

    September 13, 2011 @ 5:36 pm

    Obboleewwan keeya yaada armmaan olitti kaastan martuu galata guddaa qabdu qeequmsa, ka’eefis koreen qindeessituu ayyaana Oromoo Minnesotaa beebii Oromoota qeeqaniifs ta’ee nama gaaftu kamiifuu kennuudhaaf qophaawadha. Deeniin quubsaa ta’aaf hin ta’uu warra gaafatuf warra deebisutu murteessa otoo hin taane warra jidduuti. egaa Obboloota keenya waan lamatu jira.
    1, Waayee guyyaa gaddaa biyya keessa jiraannuu

    2, Ayyaanni Irreessaa addunyaa guututti akka gaafa tokko ta’u kan jedhu ture.

    Gaafii tokkooffaa jala jiruuf gabaabsee deebisuuf koreen qindeessiuu ayyaana Oromoo otoo hin mar’atin waan darbe miti, warra mana, deebiin gabaabaan gabaasa http://www.gadaa.com jehu irra jiru dubbistanii yoo qalbiin ubattanwaan nuti goonetti ni gammaddu ture malee gaaf’ii hin kaastan ture. Oromoonni magaalaa Minneapolisitti July 4th guyyaa ameerikaan biisomte bal’inaan bayanii kabajuu. Akkuma sanaa guyyaa Ameerikaan miidhamtes bali’inaan bakka tokkotti baanee yoogadda keenya ibsine ojii keenya biraa akkuma July 4th deemsifannu cinaatti deemsifanne waan badii tokko hin argine. mee oromoota mana hoolan meeqatu gaddaa oole? gaafadhaa guyyaan sun guyyaa gaddaa ta’uu isaatuu nmoonni yaadatan warra bakka Irreeffannaa dhufanidha. Waanti Oromoonni bakka sanatti argaman otoo waantokko hin godhin dura, warra miidhaman yaadatan, firoota isaaniif jajjabina kadhatan, biyya keessa jiraannuuf nagaa kadhatan. Akkanatti guyyaa kana dabarsin guyyaan irreessaa ammoo guyyaa waaqa ofii kadhatan malee guyyaa gammachuu qofa mitii, Oromoon gammadaa gaddaa, gaddaas gammada, warri cidha qabu tokko yoo duuti itti gale duuniif cidhi tokko jedha ni sirba jechuudha.

  8. Hundee dha said,

    September 13, 2011 @ 5:47 pm

    2ffaa, Ayyaanni Irreessaa Oromia keessatti guyyaa tokko ta’uu danda’a, Addnyaa irratti garuu tokko ta’uu hin danda’u. kanas muuxannoo waggota salgan darbaniitiin mirkaneeffachuu dandeenyee jira, Yeroo Oromiaatti ta’u, yookaan Washington DC fi wshington seattel ti ta’u Minnesottatti gochuun hin danda’amu yoo ni goona jenne konkolaataa keessaa ijoollee dhiisii naminni guddaanuu bayuu hi danda’u.Oromoonni Minneesota jiraatan akka guyyaa isaa jijjiramuuf yeroo deeraadhaaf gaaf’ii dhiyeessaa turaniijiru.
    Waayee gaafa Oromiyan bilisomte Mootummaan Oromiya Oromia bulcha warra ala jirtan yoo jaalate akk lammii tokkoffaatti yoo barbaade akka lammii lammaffaatti simatamtu, Mootummaan Oromiyaa warra ala jiru bulchuuf waan dhiphatu hin qabu jajjabina Oromummaaf tasiftaniif gargaarsa Oromoo beela’eef gootan, mana barnootaaf mana yaalaa isin Oromiyaatti bantaniif galata guddaa isnii galcha, malee akkatti alatti oromoon of bulchu waan laallu natti hin fakkaatu.