Barreessaa Waldaa Macaa-Tuulamaa (WMT) Duraanii Kan Turan Obbo Laggasaa Deettii Marsaa Sadaffaaf Hidhaa Seenan
Seenaan isaan haa yaadatu Koloneel Alamuu qixxeessa ergi du’ani booda filannoo taasifameen Barreesa WMT ta’ani hojataa kan turan, Obboo laggasaa deetti otoo hin hidhamin dura dura ta’a Koree Aadaa fi Seenaa oromo akkasumas misseensa Bordi WMT Ta’anii dalagaa turan.
Akka seenaa isaani irraa hubannetti bara Dargi otoo hin qabamin dura biyya Amerikatti barnoota human qilleesa USA tiin flight techinican ta’un baratani sadrkaa olaanaan eebifamani biyyatti deebi’udhaan ganna tokkollee otoo hin turin, gaafiin cunqurfamtootaa deebi argachu qaba jedhani waan falmaniif Dargiin qabee gana sadeetii fi baati ja’aaf hidhaa hamaa fi sukkaneesaadhaan hiraarsa ture, reebichaa fi torchiin irratti raawatameen harki isaani cabee ganna tokko oli Hiriyoota isaan waliin hidhaa keessa jiranitu nyaatallee laataafii ture.
Ergi mana hidhaati bayan booda ammoo dalagaa dhorkaamani ganna lamaa oli hojii barbaachatti rakkataa turan. Isaanis rakkina kanaan otoo hin booji’amin Universiti Finfinnee seenudhaan ganna afuur ergi baratani booda carraa hoji argannaan barnoota isaani otoo hin goolabiin maatii fi ijoolee isaani guddisuuf jecha dalagaatti bobahan. Otoo kanaan jiranuu Dalagaa wayyaahuu argannaan gara hoji Midirok avation seenanii leenjiif biyya Amerikaati yeroo lammataatiif ergaman.
Obboo Laggasaan WMT jalatti korewwan jiran keessaa Koree Aadaa, Seenaa fi Amantii oromoo cimsuudhaaf bu’ureessaa ta’ani halkanii guyyaa otoo hin nuufa’in hojataa akka turani seenaan isaani ni addeessa. Haaluma kanaan otoo jiranu magalaan oromiyaa finifinnee irraa gara Adaamatti ce’u qaba jedhame murttee wayyaaneen murta’e mormuudhaan WMT hiriira nagaa qopheesseen qabamanii akeekkachiisni hamaan itti keename gadi lakkifaman, baati murtaahee booda ammo kijiba dharaa uumudhaan ABO waliin quunamtii qabda, maadhee biyya keesaa siin geegeefama jechuudhan raga sobaa fi waan hin jirre qopheesudhaan mana hidhaa ma’ikalaawii, Ziwaayii, qaalittiiti fi karchalleetti ganoota afuriif hidhaan hiraaramaa turan. Miidhaan kun martinu kan isaan irra gahaa jiru waan oromoo ta’anii fi aadaan oromoo kabajamuu, dagaaguu fi warra hafan waliin ija tokkon ilaalamu qaba ka jedhu amntaa falmii hin qabnee waan qabaniif malee badi tokko dalagani miti. Ammas, haala kanaan otoo jiranuu mana hidhaa keeyissaa akkuma bahanitti dalagaa isaanitti ji’oota 7 booda deebi’un yeroo sadaffaaf gama USA tti ergamani baati afuur ergi turani booda gara biyyaatti deebi’un dalagaa isaani cinaatti waahee aadaa oromoo irratti bal’inaan hojataa turan. Obboo Laggasaan namoota yeroo dheeraadhaaf mootummoota dargiif wayyaaneetiin rakkachuufi hidhamuu isaanii beekaniin aka Amieerikaatti hafan yoo gaafataman wagaa lama dura ani biyya kootti deebi’ee uummata koo keessatti rakkachaa aadaaf seenaa uummata koo guddisuu naan wayya, otoo biyya alatti hafuuu ta’ee bara Darigii, warra isaan barsiisaa tureen gaafatamanii akka hin fudhatin ibsan. Keesaayyuu, Irreecha bara- baraan kabajamaa jiru bifaa fi karaa qajeelaa qabate akka tarkaanfatu hiriyoota isaani waliin jabeesudhaaf mata duree ta’ani akka dalagaa turan ni hubatam. Aadaa oromoo, oromoon jabeesse qabate akka of ta’u dandahu dargaagoota, barattootaa fi maanguddoota barsiisuudhaan naannoon hundi aadaa isaa akka ulfinaa fi kabaja keenuuf akkasumas akka of ta’anii deeman barsiisudhaan tattaafii hiriyaa hin qabne taasisaa turan/jirus.
Aadaa Oromoo gabisuu fi jabeesudhaaf jecha haagayya 23/2011 Gubaa Masqala Oromo naannoo lixa shawaa goodina Gindabaratiti bal’inaan kabajame irratti aferamani uumata naannoo sana waliin bal’inaan kabajanii, Sirna kabaja gubaa masqala naannoo Gindabaratitti taasifame kuusaa galmee seenaa Oromootti akka dabalamuuf waraabanii otoo galaa jiranuu naannoo Gincitti kitilayyoota mootumaatiin ukkaamamani mana hidhaa Gincitti ergi galchani booda barii isaa mana murtii aanaa Dandiitti dhiyeesani Kan ittin yakkan …
1- Naannoo kana maaliif dhufan?
2- WMT cufameera, isaan maqaa WMT tiin socha’u.
3- Warri isaan waliin qabamani turan Misseensa Bordi WMT ka ta’an Obbo Mulugeetaa Riqituu fi Barataa Sisaay Sarbeessaa waliin eessatti wal beektu?
4- Akkasumas, waraabiin sirna gubaa Oromoota naanoo Ginsabaratiin taasifame uumata nurraatti kakaasa, ka jedhuu yoo tahu manni Murtii guyyaa beelamaa 14 akka kennuuf gaafatan.
Kanaaf, warabbiin Viidiyoo gubaa Masqalaa kunilleen ilaalmuu qaba jechudhaan mana murti aanaa dandiitti dhiyeesan. Abbaan murtii aanichaa vidiyoo warabame erga ilaalee booda badiin Obboo Lagasaa deetti fi warri isaan waliin qabaman maqaan isaanii asii olitti xuqame gocha isaanii kanaaf badii tokko akka hin qabne murteesse.
Akka kanaatti murti akkana jedhu keenne “Badi tokko waan hin qabneef guyyaa beelamaa kennuun hin barbaachisu, Waraabi kanarraa badi tokkollee hin argine, wanni ittiin himataman kun waan isaan gaafachisu tokkolle hin qabu, kanaaf bilisaan gad haalakifaman jedhe” Isaanis murti kanaan aarani deebisanii mana hidhaati galchan. Abukaatoon isaanif dhaabate yoo xiqaate mirgi wabillee yaa eegamuuf jedhee mana murtirraa xalayaa baasee gaafa 08/29/11 sa’aa Itophiaati waare booda 8:00pm akka dhiyyatan beelamsiise. Wayyaanoonnis kana waan beekaniif guyyuma sana sa’atiin beelama otoo hin gayin sa’a lama dursan 6:00pm irratti fudhatani gara isaan geesan otoo hin beekamiin jira. Maatii, firootanii fi hiriyootni isaani yaadoo guddaa keessa galani jiru.
Obbo Laggasaa Deettii otoo hin qabamiin dura Mucaan keesan bosona jira, bakka inni jiru nu himi Jedhamanii akka sodaachifamaa turan odeefannoon namoota isaan beekanirraa dhagayamee jira. Mucaan isaanis yeroo gara garaa qabamae Mana hidhaa keesatti reebichii fi hiraaramni guddaan akka irratti raawatamaa ture. Sanaan boodee Obboo Laggasaa hidhanii Ilma isas uukkaamsani bakka isaan geesan otoo hin beekamiin hanga har’atti walaalamee jira.
Haala kanaan oromoota kumaatamaan lakaayaman dharaan yakkamani bakka gara garaatti akka gidiraa uunachaa jiran hubatamaa waan taheef, Namuu bakka jirutti yoo xiqaate qaamota mirga dhala namaaf falmanitti akka iyyatuu fi biyyootni mootimicha gargaaraa jiran imaamata isaani akka keessa deebi’ani ilaalan, gochaa motimichi halkani guyyaa uumata oromoo irratti raawataa jiru saaxilun tarkaanfi barbaachisa tahe akka fudhatan ykn dhiibaa akka taasisan karaa maraanu irratti hojatuun nu feesisa. “Yoo Abbaan iyyate malee ollaan namaa hin birmatu” jedha oromoon eennaa mammaaku.
3 Comments


dabltaa said,
October 27, 2011 @ 12:05 am
Oromonii walli refachu didunii dinii guyya irra guyyatti sabottotaa garra jabbnani hirrarsaa jiruu.
My God help this genues human being whom are safaring simple for been unoromo.
(Report this comment as inappropriate.)
Qamadii Maccidii said,
October 27, 2011 @ 10:20 am
Such injustices, atrocities, genocides, domination and exploitations of Oromos both as individuals and nation is the long standing policies and practical actions of the tyrannical DIVISIVE minority dictators. As such this is NO news when the long standing pattern of injustice repeats itself.
What is news or to be considered as something NEW is if the divided Oromos feel and initiate changes in themselves both as individuals as well as as a nation and stand up in unity within diversity and at least once in 110 years bring about fundamental changes in politics, sustained development and justice for all. SUCH STEPS ARE GREAT NEWS! AND THAT HAVE ALSO BEEN AND BEING IMPLEMENTED BY THE DETERMINED EFFORTS OF THE TUNISIAN; EGYPTIAN, LIBYAN, etc. united peoples’ positive power right in front of our very eyes.
Endless whining by the great nation is not the answer simply because it only leads to the endless winning of the tiny tyrants.
“If GOD had not blinded them (Oromos) and willed that certain families or tribes among them should be at war with one another constantly, there would not have been an inch of land in the empire, of which they were not the masters.” Manoel de Almeida, a Portuguese Jesuit priest who visited Ethiopia in the 1620s. That was in the 1620s but the show is still going on as well as the fruits are also being ripped. :)
(Report this comment as inappropriate.)
Irresso said,
October 29, 2011 @ 4:13 pm
Today Oromia is in a state of bleeding wound caused by Abyssinian TPLF version of occupiers. Oromians are under its de facto control by all means possible – the only thing about Oromia and its nationals will survive is its name – if that.
It’s illegal to be an Oromo in Ethiopian empire right now. The very alarming events taking place on our soil is the bleeding of our nation’s elder or head Boranaa and Arsi Oromos caused by TPLF made famine. The other one was the blocking and blackmail the celebration of our great culture Irrecha this year. Even TPLF regime blocked news on the website of the weekly repoter in the country. The looting and sale of our father land is a grave danger for generation to come. TPLF- gangs came to stay as their turn to eat, that is way they kill, arrest the WMT- Oromo self help organization leadership members.
History proves that tyranny can not win for ever. Libya is a very recent history.
Defending the nation, land and dignity is a holy task. The power of the oromo people is huge if orgnized and united as a one.
So let’s stand together to the ultimate goal – put an end to all forms of Habesha occupation.
(Report this comment as inappropriate.)