Gadaa.com
Gadaa.com



Gadaa.com ⇒ Regional Politics Comments off

‘Itoophiyaa Keessa Hongee Malee Beelli Hin jiru’ Jechuun Lubbuu Ummatootaatti Qoosuu Dha

(Infoo-Deeskii ABO irraa – 08-11-2011) Sirni Wayyaanee beela hamaa ummatoota miiliyoonota gaaga’e haaluudhaan ‘hongee malee beelli hin jiru’ jechuun kijiba. Balaa beelaa sababaa hongeetiin dhalachuuf ture irratti dursinee qophii gahaa waan gooneef lammiin tokko illee beelaan hin miidhamne jechuun lubbuu ummata miiliyoonotaatti qoose. Fiilmii dokmantarii kan haqa irraa fagoo tahe qindeessee miidiyaalee isaa irratti dhiheessuun sirna gaafatamni itti hin dhagahamne tahuu isaa dabalee mirkaneeffate. Balaa hongee fi beelaa dhalate kanaan akka malee kan miidhaman lammiilee Oromoo Kibba Oromiyaa tahuun beekamaa dha. Fiilmiin Wayyaaneen eega lafti itti guyya’ee booda miidiyaatti baafatee garsiifatus miidhaa guddaa jiraattota Oromoo naannoo kanaa mudate haguuguuf yoo tahe malee miidhama ummataa amananii fudhachuun fala barbaachisu faluuf kan qophaawe miti.

Ololli ‘Itoophiyaa keessa hongee malee beelli hin jiru’ jedhu yeroo kanatti akka dhihaatu maaliif barbaachise? Deebiin gaaffii kanaa ifaa dha. Balaa beelaa hongeen wal qabatee Kibba Oromiyaa, Kibba Baha Oromiyaa, Baha Oromiyaa, naannoo Ogaadeenii fi naannoo Ummatoota Kibba Itoophiyaa miidhe irratti amma dura baay’ee dubbatameera. Gabaasaaleen dhugaa kana ragaa bahan miidiyaalee idil addunyaa tokko tokkoo fi miidiyaalee arraata dhaabota siyaasaa kan akka Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) irratti dhihaatanii turan. Miidiyaaleen kunis haala sirna Wayyaanee garmalee rifaasisee fi aarseen dhugaa jiru gurra addunyaan gahanii jiru. Maddeen oduu idil addunyaa bebbeekamoo keessaa tokko kan tahe BBCiin sagantaa isaa Newsnight jedhamuun dokmantarii dhugaa irratti hundaawee dhiheesseen Wayyaanee mataa wareersuun beekamaa dha. Akka gabaasaa BBC kanaatti beelli Itoophiyaa keessatti dhalate irra guddaatti namtolchee dha malee kan uumamaa qofa miti. Warra beela’eef gargaarsi biyya alaa irraa dhihaatus gara dabarfamee dantaa siyaasaa mootummaaf oolfamuu miidiyaan kun ragaa bahuun beekamaa dha. Ummata beela’e keessaa warri paartii aangoo irra jiru hin deeggarre gargaarsa dhowwatamanii adabamuu tu saaxilame. Arjoomtonni addunyaa waggaa waggaatti doolaara biiliyoona 3 ol Itoophiyaaf kan gumaachan tahu illee, horiin guddaan hangana gahu kaayyoo gumaachameef osoo hin taane akka sirnichi deeggarsa siyaasaa ittiin bitatee aangoo irra of tursuuf tajaajilaa jiraachuu tu ifatti ragaa bahame.

Read More (OromoLiberationFront.org)


Gadaa.com

Comments are closed.