Habashaas ta’ee kan sammuun habashoome, lamaanuu farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti
Abdii Boruutiin*
Gara dhimma mata duree kanaa otuu hin seenin dura, Habashaa fi kan sammuun habashoome kanan jedhu gabaabinaan ibsuun yaala. Jechi “Habashaa” jedhu karaa adda addaatiin waan ibsamuuf ykn hiikamuuf; waayeen kunis mormisiisaa ta’uu waan danda’uuf, asitti bal’inaan ibsuu hin barbaadu. Akkan barruu kana keessatti itti fayyadamutti garuu, “Habashaa” kanan jedhu gabaabumatti, warra nu gabroomsan ykn/fi ammallee gabrummaa kana keessa akka turru warra barbaadani jechuu kooti. Kan sammuun habashoome kanan jedhu ammoo, warra gabrummaa Habashaa jalatti kufanii; sirna kana keessatti karaa adda addaatiin ayidoolojiin isaanii jijjiiramee; eenyummaa isaaniillee dagatan ykn gaafii keessa galchani dha. Kun Oromoo qofaa otuu hin taane, saboota Habashaa dhaan gabrooman hundaayuu ilaala. Barruun kiyya kan xiyyeeffatu garuu Oromoota rakkoo akkanaa qabanitti ta’a.
Akka waliigalaatti dhugaan hubatamuu qabu tokko, namni hin dammaqini fi eenyummaa ofiitti hin amanne, bilisummaa uummata ykn saba tokkoof yookaanis walabummaa biyya tokkoof dhiisii mirga ofiitiifillee falmuu hin danda’u. Of baruun eenyummaa ofii beekuu fi itti amanuun; seenaa fi aadaa ofii baruun; walumaagalatti dammaqinsa qabaachuun bu’ura mirga ofiitiif falmuu ti jechuu dha. Oromoo ta’uun qofaa gahaa miti. Oromummaa fi Sabboonummaan yoo hin bilchaanne fi hin guddanne, maaliif akka qabsoofnu beekuu fi qabsoo kana keessattis gahee taphachuun ykn qooda gumaachuun rakkisaa ta’a. Oromummaa fi Sabboonummaa guddisuun ammoo dammaqinsarraa madda. Oromummaa fi Sabboonummaan meeshaa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ti yoo jedhame, kun waan dhara ta’uu miti. Isaan kanaan bilchaachuu fi isaan kana guddisuutu qabsoo kanallee cimsuu fi galii hawwamutti geessuu danda’a.
Qabsoon bilisummaa Oromoo yoo jalqabu, keessumaayuu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) sochii kana yoo eegalu, hojii karaa lamaa dalagaa akka ture eenyuyyuu jalaa waan dhokatu natti hin fakkaatu. Karaan tokko diinaan falmuu yoo ta’u, karaan biraa ammoo, uummata keenya dammaqsuu fi akka of baran; akka mirga ofiitiif falman taasisuu dha. Haala baay’ee ulfaataa fi walxaxaa ta’e kana keessatti wareegama guddaa kaffaluu dhaan Oromummaa fi Sabboonummaan akka guddatu taasise jechuu dha. Egaa, jijjiiramni bara 1991 argame qabsoo hadhaawaa sana keessa dabree akka ta’e seenaatu ragaa ta’a. Injifatnoolee gurguddoon, kan akka Qubee Afaan Oromoo fi Oromiyaa addunyaatti beeksisuun hafee, Oromoon of baree eenyummaa ofiitiin boonuu danda’uunuu akka injifatnoo guddaa tokkootti ilaalamuu qaba. Oromootni hunduu kanaan boonuu qabna. Bu’aaleen kun ammoo kadhaa dhaan otuu hin taane, dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin argaman.
Gaafii guddaan ani asitti kaasu: Yeroo ilmaan Oromoo mirga keenyaaf jedhanii lubbuu isaanii dhaban, bu’aalee isaan nuuf argamsiisanitti fayyadamnee; eenyummaa keenyaaf quuqamuu dhiifnee; har’allee gabroomsaa keenyaaf meeshaa ta’uun sababni isaa maali? kan jedhu dha. Gaafiin biraa ammoo: Oromummaa fi Sabboonummaa keenyatu hin bilchaatin moo rakkoo ayidoolojii qabna? kan jedhu ta’a. Deebiin gaafiilee kanaa waan fedhes ta’u, kan sammuun habashoome, akka ilaalcha kiyyaatitti, farra qabsoo kanaa ti. Diina caalaa kan qabsoo kana gaaga’u, kan sammuun isaa hin bilisoominii dha. Namni tokko bilisummaa uummataa fi walabummaa biyyaatiif kan dubbachuu danda’u kana bira dabrees kan qabsaa’uu danda’u yoo mataan ykn sammuun isaa bilisa ta’e fi qulqullaaye qofaa dha.
Nama sammuun bilisa hin taane ykn hin bilisoomne yoon jedhu garuu kun karaa lamaan ilaalamuu ni danda’a. Inni tokko kan homaa hin dhaga’in fi hin beekne yoo ta’u, nama akkanaa barsiisanii akka of baru fi dammaqu taasisuun ni danda’ama. Wallaalummaa dhaan ykn otuu hin beekin waan mirga uummata Oromoo faallessu yoo dalage, kun yakka hin qabu. Inni biraa ammoo, otuu barumsa, beekumsa fi dammaqinsa qabuu; garuu sirna gabrummaa kana keessatti ayidoolojii qabsoo kana wajjin hin deemne waan qabuuf, sababa kanaan faallaa qabsoo bilisummaa dalaga. Ayidoolojii akkanaatu akka eenyummaa ofiillee dagatu ykn gaafii keessa galchu isa taasisa jechuu dha. Namni eenyummaa ofii dagatu fi isa kanaaf dursa hin kennine ammoo, tajaajiltuu diinaa ta’ee hafa. Isa kanatu yakka guddaa dha; isa kanatu farra qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Gaafiin deebii argachuu qabu garuu, “Maddi sababa kanaa maali?” kan jedhu dha.
Deebii quubsaa fi amansiisaa argachuuf xinxala bal’aa godhuu fi gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaa ta’ullee, sababoota tokko tokko tuquun ni danda’ama. Isaan kanas gabaabinaan ibsuun yaala. Sirna gabrummaa Habashaa bar-dhibbee tokkoo ol nurra ture fi jiru kana keessatti wanti ayidoolojii namaa jijjiiran waa baay’eetu hojjetaman.
Tokkoffaa, waan hojjetaman keessaa inni hangafnni tokko amantii meeshaa godhatanii; isa kanaan akka dhimma keenya dagannu taasisuu dha. Sirna kana keessatti ammoo kan gahee guddaa taphate fi furtuu ta’e, amantii Ortodooksii Kristaanaa ti. Asirratti wantin hubachiisuu barbaadu, amantii kanarraa jibba qabaadhee ykn/fi olola irratti oofuuf otuu hin taane, kan dhaga’ame, argame fi ragaallee qabu waan ta’eef, dhugaa lafa jiru kana ibsuufi. Kan dur godhaamaa turellee yoo hafe, har’allee dhugaan kun dhokachuu hin dandeenye; hawaasa keessatti mul’achaa waan jiruuf dhokachuus hin danda’u. Wanti hubatamuu qabu garuu amantiin kamiiyyuu, yoo siyaasaaf meeshaa hin godhamne, qulqulluu ta’ee jiraachuu fi kabajas argachuu qaba. Amntiin Ortodooksiis akka amantii tokkootti akkanumatti ilaalamuu qaba. Sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti kan mul’achaa fi calaqqisaa jiru garuu fallaa kanaa ti.
Akkan ofii kiyyaa argee fi hubadhetti, diina caalaa har’a kan qabsoo bilisummaa keenyaa kanaan morman Oromoota karaa amantii kanaan sammuu isaanii habashoomsani fi eenyummaa isaaniillee gaafii keessa galchanii dha. Keessumaayuu Oromootni yeroo dur, jechuun yeroo mootummaa Haila Sillaasee fi mootummaa Darguu biyyaa bahn, har’allee sammuu’uma dur sanaan yaaduu isaanii ti. Jijjiiramni bara 1991 QBOn fide ija fi gurra isaanii waan seene hin fakkaatu. Kan baay’ee nama gaddisiisu ammoo, “Oromoo” jechuu dhiisanii jecha diinni fi alagaan nuuf moggaasaniin qaanii tokko malee of yaamuu isaanii ti. Kun dammaqinsa dhabuu dha moo diina fi alagaa gammachiisuufi? Sabani isaanii waan fedhes haa ta’u, ani warra akkanaa diinaan addaan baasee hin ilaalu. Diina caalaa isaantu farra QBO ti yoon jedhe dhara hin ta’u.
Lammaffaa, gahee guddaa kan taphate fi taphachaa jirus Afaan Habashaa (Afaan Amaaraa) ti. Asirrattis sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti ayidoolojiin hangam sammuu namaa akka jijjiire hubachuun nama hin rakkisu. Warri nu Oromoo dha ofiin jedhan ykn dhuguma dhalootaanis Oromoo ta’an, Afaan abbaa fi haadha isaanii otuu jiruu; kana dubbachuun tuffii ykn har’allee qaanii itti fakkaatee, Afaan alagaa kanatti fayyadamuu isaanii ti. Asirrtti wantin hubachiisuu barbaadu, Afaan alagaa dubbachuun farraa QBO ti jechuu kiyya akka hin taane dha. Warri Afaan gabroomsaatiif kabaja fi dursa kennan kun, Qubee Afaan Oromoo QBOn dhalche kanallee akka qoosaatti ilaalu. Akka waan ofii isaaniitiif Oromoo hin taa’inii, qubee keessan kana jedhanii qoosuu barbaadu. Baratanii itti fayyadamuun hafee, akka Qubeen teenya jiraattuu waan barbaadan hin fakkaatu. Oromummaa fi Sabboonummaa akka dhiphinaatti ilaalu. Waan gabroomsaan isaaniin jedhe dabarsanii lallabuu barbaadu. Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa akka tapha ijooleetitti ilaalu, itti qoosu. Akka isaanitti himametti, tokkummaa Itoophiyaatiif mudhii qabatanii mormu. Galgalaa fi ganama isuma kanaaf sagadus.
Afaan Amaaraa haasa’uun ykn dubbachuun; sirba Afaan Amaaraa dhaggeeffachuun; fiilmii (diraamaa) Afaan kanaan hojjetame ilaaluu fi isa kana qofaa dinqifachuun; kitaabota Afaan kanaa dubbisuun; aadaa Amaaraa ol kaasuu fi kan biraa gadi qabuun; amantiin Ortodooksii addunyaa kanarratti amantiilee hundaa caalaa qulqulluu akka ta’e godhanii olola afarsuun; kan biraa tuffachuun; walumaagalatti eenyummaa Habashaatiif ol aantummaa kennuun hammayummaa ykn baranee ta’ee isaanitti mul’ata jechuu dha. Diina caalaa kan Sabboontota Oromoorratti qeeqa tuulan jara kana dha. Jaarmayoota fi qabsaa’ota keenya jidduutti rakkoon yoo uumamu, kan dafanii quba ol qaban wara akkanaa ti. Bakkee Oromummaan itti calaqqisutti argamuu akka du’aatti jibbu. Bataskaana Ortodooksii fi bakkee ciinni Habashaa jirutti kan dursanii argaman garuu isaani.
Sadaffaa, kan biraa ammoo fuudha fi heerumsaan Habashaa wajjin walitti makamuu dha. Akka teessoo lafaa Oromiyaatti, sirna gabrummaa kana keessatti rakkoo guddaa kan nutti fide tokko waayee fuudha fi heerumsaa kana. Asirrattis wantin hubachiisuu barbaadu, Oromoon karaa kanaan alagaa wajjin walitti hin makamin jechuu kiyyaa miti. Kun mirga abbaa fedhee ti. Abbaan fedhe kan jaalate fuuduu ykn heerumuu ni danda’a; kun mirga ilma namaa ti. Haa ta’u malee, karaa kanaan Habashoota wajjin walitti makamuun keenya qabsoo keenyatti gufuu akka ta’e ykn ta’u waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Har’a yoo waayeen QBO ka’u, Oromootni fuudha fi heerumsaan Habashoota wajjin walitti makamani fi jidduutti ijoollee godhatan, wanti isaan dafanii dubbatan, yoo Ormiyaan fottoqxe (akka Habashootni isaaniin jedhanitti) yookaanis yoo Oromiyaan walaba taatu ijaaramte (akka Sabboontotni Oromoo jedhanitti), ijooleen keenya akkam ta’u? jechuu dhaan; waan hin taane sababa godhanii qabsoo kanatti gufuu ta’uu barbaadu. Erga qabsoo kana dura dhaabbatani, isaan kunis akka farra QBOtti wanti hin ilaalmaneef sababni waan jiru natti hin fakkaatu.
Barruu kiyya xumuruu dhaaf, egaa, har’allee QBOn kan xiyyeeffatu diina qofaatti otuu hin taane, keessa ofiituu qulqulleessuunuu qabsoo biraa ti jechuu dha. Har’as akkuma kaleessaa uummata keenya barsiisuu fi dammaqsuurratti; Oromummaa fi Sabboonummaa guddisuurratti beekumsa fi dandeettii keenya akkasumas yeroo keenya fixuun dirqama ta’uun isaa hin oolu. Yoo kuni hin taane ammoo, baay’ina keenya himachuu qofaan gahaa hin ta’u. Aynaa Oromummaa fi Sabboonummaatu murteessaa dha. Dura rakkoolee nu keessa jiraniif furmaata barbaadnee; sana booda tokkummaa keenya ijaaruu qabna jechuu dha. Tokkummaan Oromummaarratti hin hundoofne ammoo tokkummaa dhugaa ta’uus hin danda’u. Hanga kun hin milkaa’initti diinaaf saaxilamuu fi diinaaf meeshaa ta’uun keenya waan dhaabbatu hin ta’u. Yoo haalli kun akkanumatti itti fufe ammoo, bilisummaan achi fagaachaa akka deemu waan nama mamsiisuu miti. Mana keenya qulqulleessuun dursa (priority) argachuu qaba.
Galatoomaa!
* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
13 Comments


Fighter-Jet said,
December 17, 2011 @ 11:19 pm
Obbo Abdii,
yaadaa gaarii, akkuma durii! Jaalatanis jibbanis, QBO ni moo’a!! Aadaan qabsoo keenyaa akka kanaa gadiitti yoo deeme numa moona!
———-The Victorious Culture and Nature of The Oromo Liberation Movement!———-
The political enemies of the Oromo nation, specially the currently ruling Gujile from the Tegaruland, tried to give the Oromo liberation movement in genreal and the OLF in particular a fake and false picture. They tried to present it as a secessionist or separatist movement just trying to discredit the legitimate struggle of the Oromo people for bilisummaa/freedom in front of the international community. They also tried to exploit and use certain areas of conflict in the Oromo liberation camp to hinder the forward march of the Oromo people to bilisummaa.
Fortunately, after many years of conflicts in the Oromo liberation camp, now it seems that all Oromo nationals from the Oromo political spectrum, extending from the left wing to the right wing, are coopertaing with each other and coordinating our efforts in order to liberate the Oromo people from the currently ruling fascist and racist regime.
Specially, it is encouraging to observe the still strong Oromian Students’ Movement (OSM), including the Qeerroo movement for freedom and democracy, being part and parcel of the ongoing Oromo liberation movement (part of our Fighter-Jet). I think we can present this Fighter-Jet as an airkraft with the following left wing, middle body and right wing. The skilled pilot of the Fighter-Jet is, of course, our famous mindset of bilisummaa, the OLF.
1) The left wing, who talks about the possibility of forging ‘Oromia in Ethiopia’. This wing includes those Oromo nationalists, who do want to have an integrative Oromia in a form of an autonomous Oromian state within Ethiopian federation, for they think that even the large part of the so called Abyssinia in the current geography of Ethiopia belongs to Oromia.
2) The middle body, who strives to realize ‘Oromia vs Ethiopia’ as the two separated neighbouring nations, the same as the two sate solution of the Israel-Palestinian conflict; this group considers Ethiopia as being the same to the colonizer Abyssinia.
3) The right wing, who tries to foster the notion of an integrative Oromia in a form of ‘Oromia is Ethiopia’, claiming that even the whole Ethiopia was once Oromia and can again be transformed into Oromia,
This Fighter-Jet is actually a well developed Oromo liberation movement like a well grown butterfly, which had firstly got its caterpillar and then developed its two wings. The middle body (the caterpillar) of the Oromo liberation movement is the one which started to grow in 1969 with the kaayyoo/goal of realizing an independent Oromia to be liberated from the colonizer neighbouring Abyssinia. The left wing grew in 1991 as the Oromo liberation movement could get rid of the fascist Derg trying to forge free ‘Oromia in Ethiopia’. Now the right wing is developing in order to get rid of the currently ruling fascist and racist Gujile and then foster a liberated country in a form of ‘Oromia is Ethiopia’.
Interestingly this currently ongoing pan-OLF movement tries to take into consideration the beneficial move of the above three factions of the Oromo liberation movement and tries to harmonize these three types of moves towards bilisummaa. But, in order to accomodate these different Oromo positions regarding our future type of sovereignty (walabummaa) of Oromia, all Oromo nationalists have to be able to concentrate on the common denominator of all the positions, i.e on bilisummaa of the Oromo people. To comprehend what I do mean, we just need to compare the following interesting three concepts: secession, independence and sovereignty. Let me try to put the difference in short as follows:
- secession needs the precondition of being legally part of one sovereign nation and being a minority nation at the periphery. Oromia has never been legally part of Ethiopia and it is neither a minority nation nor at periphery unlike Tigrai. So Oromia’s question is not a question of secession in this sense.
- independence is the liberation of a subjugated nation from the other oppressive one, as the case we do see in the attempt of some Oromo nationals trying to emancipate the occupied Oromia from the oppressive Abyssinia.
- sovereignity is the right of the liberated and free nation to decide on the type of arrangement it wants, like the sovereignty of the Oromo nation to decide on its future in a form of an independence, be it within or without Ethiopia.
Thus, according to the right of the Oromo nation to its own bilisummaa and walabummaa, it is not wrong if some Oromo nationals do strive for the right of Oromo and Oromia within Ethiopia, as long as the determining factor is the result of the referendum. That is why it is so nice to see that our nationalists are bombarding tyranic Abyssinists from the three parts of our Fighter-Jet.
This is really very scary for the enemy of the Oromo nation. Important is that all the three parts do fight the enemy, but do not attack each other. In the currently ongoing rhetorics, it is good that the OLF factions are refrainig from attacking each other. Of course, it is clear that we do read nowadays a lot of the criminal cadres of the gezhi gujile camouflaging as Oromo nationals in order to sow a discord in the Oromo liberation camp by trying to support one faction of the OLF and attack the others!
(Report this comment as inappropriate.)
abdulkadir said,
December 18, 2011 @ 4:50 am
good job OBOO ABDI BORUU ULFDHUU!!!!
(Report this comment as inappropriate.)
Gadaa Visitor said,
December 18, 2011 @ 5:48 am
Galatoomi obbo Abdii.
yeroo hundaa dhimma Oromoo irratti waan barreessitu onnee koo irraan deeggara. Akka hawwii kootti otoo dhimmoota akkasii irratti otoo carraa bifa hawwaasaan walitti dhufnee yaada wal-jijjiiruu ykn irratti mari’achuuf carraan jiraate rakkina akkasiif hubannoo gahaa arganna ture. Garuu……maal goona ree yeroo hundaa waan kolfaa ta’uu jalaa yoom akka baanu rabbitu beeka. Geessumaa guyyaa kaleessaa dhimma Oromoo waliin kan wal-qabate irratti namni gaazexeessaa dha jedhamu Nugusee Gamaa Dr. Trevor Truemaniif gaaffii dhiheesse irratti dhimma armaan olitti kaafte argita. Akkuma atuu jalqaba irratti maaltu nu hir’ate? jette naafis gaaffii guddaa naaf ta’e. Waan qalbii koo na jeeqes “yoomi kan kana keessaa baanuu?” kan jedhu dha. Gaaffii inni waa’ee uummata isaa irratti alagaa mirga uumata isaaf falmu gaafate mee dhaggeeffadhu. Inni bkka Abashaa bu’ee gaaffii gaafatu yeroo dhaggeeffattuu Dr. Trevoriin dogoggorsuu yaalu arguun nama gaddisiisa. Hundaafuu jabaadhu, hojiin irra aanuuun alatti furmaata biraa hin qabnu.
(Report this comment as inappropriate.)
Jimma said,
December 19, 2011 @ 5:38 pm
Hi Abdii,
Ani gama kotin, maalif kana hordofu miti. Namootini amantaa Ortoodoksii hordofan filanno isaani akka filanno ummata bal’aatti jedhani kan yaadan yoo ta’e haqa lafa jiru wallaaludha. Gariin isaani “short-term goal” iraa madda. Gariin akkuma ati jette fudhaaf herumaan kan walmakan yaada akkaana calaqisu danda’u. Kun filanno isaanitti malee fillano ummata bal’aa ta’u isaa hin beekkamu. Hundi keenya kan nurraa eegamu, ummatni bilisa ta’e dhiibaa tokko malee kan isaaf ta’u akka filatu hojachuudha. Isaanis ummatnis kan isaaf ta’u yaa filatu. Gaafas beekama. Jallanus jibbinus hundi keenya feedhi fi filanno ummata bal’aa jalatti bulla. Amanuma.
Ani gama kootin kan argaa jiru, ijooleen dhiiga amaraan makaman kan oromoof quqamu amanaa miti. Gariin isaani haadhanis abbaanis amaraa ta’an caala waayedhuma oromoo dhagahu hin fedhan. Bakkan jiraadhu, barataa tokko amma asi adeemutti dhiiga oromoo of keessa qabaachu isaa hin beeku ture. Akkaa tasaa eega inni deeme booda, xalayaan maqaa isaa kaase haga akkakayyu kan irratti barrefame arge, nama Ph.D qabudha, nan gadde. Osoo dhiigaa ofi keesa qabani akkamitti jibbinisi hagana qabaachu akka danda’e naaf galu dide. Namoota muraasadha kan saba amaaraa fudhani kan Oromoo biyya of dandeeesse ta’u qabdi jedhani kan falman. Harki caalu waanuma amaari feetu “modify” ta’e yaa adeemu filatu. Ijoolen isaani moo waayedhuma oromoo beeku hin feetu. Haati mucaa kan amaaaraa abbaan garu oromoo jettaani miti – Ijoolen amaara maal jedhu sitti fakaate- waanuma shakkinu hin jiru amaaradha jedhaani dubatu. Amma akka ta’u qabu, qabsoo keenya gageessu dura, samu isaani feedhi ummata bala’a “understand” gochuu dursa kennu qabu.
Kanaa ala hojii gaaridha. Itti fufi. Nagaan
(Report this comment as inappropriate.)
Moti refugee said,
December 19, 2011 @ 11:17 pm
Habboo ammallee rabbi siya’eebbiisu wayee xinxxaala sammukedhaaf. Ani yeroo hundaa wantii gaafii natti ta’u jiira, innis malii: samuun saaba kana dafee waa hinhubatuumoo? Wan yeeroo eeraafi gabrumma jaala tureef sammuun qancaaree waa xinxaalu dadhaabe. Nama tokko waa nubaatu jechuun barbaachiisa ta’u batullee, innumtii kaleesa qabsoof mana bayeelle yoo warra ati nafxaanyaa jettee hiika itti laatte kana arguu sabaaba tokko malee, yeroo inni hudduun olka’ee, mataan gadjeedhee, dhilkansaa bakkeeti yaasee, garaasa hundaa baneefi,… sii oromoo isaa bira jirtullee dagaatee harkaa fudhuuti fiiga. Garuu yoo nafxaanya ilaltuu ilmoon isheen reef lafa batullee ummaata keenya irrati bayee qaroo taatee argamtii kanaaf jechaan yeroo hedduu gaafi nakeessaati ummamee najeeqa. Hundumaafu ummaata kana rabbiin kadhacha itoo abdii hinkutatiin, ummaata jarra meeqaaf daftaaraan, xonqayiin fi qeesiin nafxaanyaa samuusa xaxee kaana karaati debisuuf beekaa fi hubataan oromoo dadhaabe itoo hinjedhiin karaa nagaa fi obboolummatiin halkanii fi guyyaa carraaquu qaabaanin amsaakooti. Mootii irra
(Report this comment as inappropriate.)
abdii biyyaa said,
December 20, 2011 @ 5:49 am
Hundi keessaniyyu dhuguma jettan. Hayyichi Abdii Boruu waan jiru akkuma gaariitti lafa kaa’e. Garuu jarri kun rakkoo akkasii qabu isaan kunimmoo rakkoo akkasii jennee wal balaaleffachuurra walgorsanii gara daandii sirriitti wal deebisuun deemsa keenyaaf faayidaa guddaa qaba. Aadaa dimokiraasii qabnu fayyadamnee amantii nama kamiiyyu kabajuu qabna. Namni tokko yoo dogoggore sababaa amantii kana hordofeef dogoggore jechuura dogoggora isaa itti himuutu wayya tokkummaa keenyaaf. Waan fedhes ta’u yoo tokko tokko kabaja ta’e malee eessayyu ga’uu hindandeenyu. Ilaalchaa amantii nama kamiiyyu kabajuu qabna. Namni Oromoo ta’ee amantiisaatiin sabasaa jibbame tokko warra amantiitiin isa fakkaatan barbaaduun isaa hin oolu. Kanaaf ofii jibbinee ormatti kennuurra ofitti haaqabannun jedha. Galatoomaa!!!!
(Report this comment as inappropriate.)
jimmaa said,
December 21, 2011 @ 5:45 am
Why not find some thing that benefit the nation ruther than going around intire our life let us find a way to liberate our nation ruther than blaming and cursing each other why we give for enemy,why we aloow this facistic regime to stay in power for ever,when ever we are in conflict this will be great opportunity for them why we divde oromos,why we envy when some oromos commencing a movement in a way they think to close nation to victory?why only some individual want to make them selves above the majority and grab the power of the people and become obstacle for the revolution?
(Report this comment as inappropriate.)
Jimma said,
December 21, 2011 @ 8:34 pm
Hi
We are not blaming any one. We are telling to all to understand and respect the interest others. Some Oromos try to impose what they believe in, and which is contrary to the interest of the majority. It shouldn’t be. Of course, such small issues shouldn’t take our time. Everybody has to step back and think carefully for common grounds. How can we work together regardless of ideological differences? What common ground we have?. How far can we move together?. A number of related questions can be listed. Certainly, there is a room to work together if we are concerned for the nation and put nation’s interest a priority. The call for dialogue and national consensus is timely to move forward at a better pace. One thing which I don’t agree is that we can’t say we are in national crises. Some organizations are performing better than before. Probably, OLF is not doing its job. OLF ‘s leadership crisis can’t be a national problem.
(Report this comment as inappropriate.)
Abdii Boruu said,
December 23, 2011 @ 10:27 am
Hunda dura, yaada dhiyeessitaniif hundi keessanuu galatoomaa. Akka dubbistootni barruu kiyyaa hubatan, waan tokko irra deebi’ee ifa godhuun barbaada. Akka namootni tokko tokko yaada ofii asitti dhiyeessanittis ta’e akka yaadoleen gara garaa iimeelii dhaan na gahanitti, qabiyyeen barruu kiyyaa waan ifa ta’eef hin fakkaatu. Kaayyoon barruu kiyyaa amantii Ortodooksii Kristaanaa kophaatti baasee, jibbaan isa kanarratti olola oofuuf otuu hin taane, sirna gabrummaa Habashaa kana keessatti sammuu namaa habashoomsuuf amantiin kun gahee guddaa akka taphate fi ammallee taphachaa jiru dhugaa lafa jiru ibsufi.
Siyaasaa keessatti akka meeshaatti yoo itti fayyadaman, amantiin kamiiyyuu qabsoo kanarratti dhiibbaa hin qabu jechuun nama rakkisa. Haa xinnaatu ykn haa baay’atu malee amantiileen hunduu gahee taphachuun isaan hin oolu jechuu kooti. Waayee amantiillee kaasee waa baay’ee jechuu hin barbaadu, garuu amanuus amanuu daatnus; jaalannus jibbinus; fudhannus fudhachuu baatnus, amnatii kamiifuu dursa kenninee Oromummaa duubatti kan hanbisnu yoo ta’e, kun qabsoo bilisummaa kanarratti dhiibbaa akka qabu waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Kanaafan barruu yeroo tokko dhiyeesse keessatti Oromummaan kan walii fi dura dhufu waan ta’eef, isa kanaaf dursa kennuu qabna jedhe.
http://gadaa.com/oduu/3228/2010/04/08/oromummaan-kan-walii-fi-dura-dhufu-yoo-ta%e2%80%99u-amantiin-garuu-kan-dhuunfaa-fi-booda-dhufu-dha/
Kan kanaa alaa, akkuman barruu kiyya keessatti ifa godhuu yaale, amantiin kamiyyuu qulqulluu ta’ee; siyaasaarraa walaba ta’ee, walqixxummaa dhaan kabaja argachuu qaba. Meeshaa siyaasaa yoo ta’e garuu, kun nagaa booressuu waan danda’uuf hawaasa keessatti rakkoo guddaa uumuu danda’a. Namootnis amantii fedhan hordofuun mirga isaanii ti. Kana ykn sana qofaa hordofaa yookaanis kana ykn sana dhiisaa jechuun sirri miti. Dhugaa kana addaan baasanii ilaaluun barbaachisaa dha.
(Report this comment as inappropriate.)
Daandii Bilisummaa said,
December 25, 2011 @ 8:56 am
Obboo Abdii,yaadni ati oromoota sammuun Habashooman irratti ibsite baay’ee bareeda.Garuu,akka yaada kiyyaatti isaan kanatti aaruu,isaan dinqisiifachuu ykn ajaa’ibuu hin qabaannu.Sababni maali?yoo jette akkuma atuu ibsite,QBOtiif oromoo tauu qoftiin gahaa miti.Yoo sabboonummaan,ulaagaalee ibsite qabu,bira hin jirre. Dhiigaan oromoo ta’anii sammuun habashoomuun isaanii jabina Habashoota aydioloojii isaanii babal’isaniiti.kana keessaa haquuf jabina,dammaqiinsaa fi tokkummaa qabsaawota Qbo fi sabboontota oromoo gaafata waan taeef mee dura osoo tanatti jabaanne. Naaf of kalchi.
(Report this comment as inappropriate.)
qero said,
December 26, 2011 @ 5:05 pm
Akkam Obbo Abdi,
Baru garii dha, qabxi gagarii kassetee. Qabxilee kassetee kessaa;
1. Wa’ee oromumaa(identitiy) namootaa baraan ykn namootaa off bekkean
2. Qoda fudhana Amantii Ortodoksii
3. Afaan Amaraa
4. Fudhafii herumessa saba biraa wallin. Qabexiwan kun dhibaa qabesso irratii qaban agresissa fakkataa.
Qabexiwaan tokko hama sadiitii jirran irratii hojachun bayee nu rakkissaa natii hin fakkatu, qabexii afrefaa garu wan murtee umaataa oromo barebadu fakkataa namoon saba biraa walliin wale fudhun issanii hin olee kana akkamatii ilaalaa kan jedhu irratii mari’atee murteee tokko irratii gahun barebachisaa natii fakkataa. Amma amma tii kan dhagahamu Ijjoleen kan abatii kan jedhemu dha, kan biraa ijoleen kan bakka dhaltetii kan jedhu jiraa, kan biraa immoo ijooleen gafaa ogaa kudha sadet gessu ha murtesitu kan jedhu jiraa kana egaa umanii oromo murtesu qaba natii fakkata. Akkumaa jettee rakkina bayee qaba, rakkinii gara kenyanis jiraa annii akkan aregetii yeroo dhumaa dhiyoo kan kessatii namuma off akka oromo illaalu kana hatii saba biratii jedhu irraa kana ka’ee nama sane irra offee akka oromo garii, oromo qulequlu tii off illalan argeen jiraa. Kana akkamitii illaaletaa? Fallis male sitti fakkataa?
Qabxiwaan tokko amma sadii jiraan irratii cimenee hojaachu tu nuraa egaama; Churchii ortodoxi oromon itti galee qessi ta’ee danataa offii sabaa offiitif argamesisu qaba, affaan amara kan jetef warrii abeshaa “yeqese timerete” jedhannii warumaa kenyaa biraa ta’aanii affaan issanitiif adda issanii nu baresisaanii qareshii issannis aregachaa kabajamanii jirtaa turan, falle issa kana dhabu dha. Akkamitii kan jedhuf qerse yoo jedhamu sidamuma nutii fakkataa “IMAGE’ ykn fakkii kana jijiru, oromonis qesii akka ta’u danda’u agaressiisun barebachisaa natii fakkata “qube qese timerete bet” ummun hatataman barebachissa natii fakkata. kana irran kan ka’ee ummaan affaan offiii barecha, baressa demmaa, affan jaraa sabaa kessaa ba’aa jecha dha.
(Report this comment as inappropriate.)
qero said,
December 26, 2011 @ 8:29 pm
—Obbo Abdi,
dhamessa kanan dura wollin kan walqabatu; Namoota baratan kan jetef yoo namiin baratee sun wa’ee hawasuma ykn immoo wa’ee identity issaa yoo dubisee hin beekenee ta’ee namottaa kan wallin wan addaa ba’u hin qabu. Yerro ijoolumaa issaa wanumaa qabatee san qabatee itti fufaa jechu dha kanaf barates ykn hin baranee ta’ee yoo wa’ee enynumaa issa hin baraanee ta’ee tokkumaa namaa kan walliin. Kanaf namoon kessatu wa’ee hawasuma irratii barumessa qabaan media adda adda irratii oromuman male jechu akka ta’ee (identity) male akka ta’ee hallaan baresifamu qaban jedhaa. Baraa meqaa meqaaf samuun keenyaa ideology habeshadhan gutaamaa turee kun salphatii dhissa jettee tii kanaf ittii fufiinassan (continuously) wan oromumaa media irratii baresifamu issaa fayedaa gudaa fidu danda’aa jedheen yaddaa.
Galaatomii,
Support the people!!! the true leader!!!
qero
(Report this comment as inappropriate.)
biyako said,
January 2, 2012 @ 4:53 am
Galatoomi Abdii boruu
Dhugaa jete, nu ofbeeku qabnna kana taú baanan diina mohachu hindandeenyu ammaa qabe maqa ijoolee keenya habashumaan baleesa ture sana maqaa saani dhalataa haaraaf basaa haademnu, kiristina kaasisun haahafu, diriban deribe gechun haadhabatu enumaa keenyati haabonu, ani OROMOODHA jechun haajajjabatu, carra hunduman biyya alatille afan oromoo akka babaldhate himamuufi dubbatamu haacarraqnu, aadaa kenyaafii senaa keenya wal habarsifnu.GTM.
(Report this comment as inappropriate.)