Xalayaa: Hogganoota QBOtiif - Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo yoomiyyuu caalaa amma barbaachisaa dha
Abdii Boruutiin*
Audio: Voice of Oromiyaa (Minneapolis) – Said Ali
Duraan dursee, xalayaa kana yoon barreessu haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) isin caalaan beeka jechuuf otuu hin taane; yookaanis ammoo isin caalaa dandeettii qabaadhee isin gorsuuf ykn isin ajajuuf otuu hin taane, akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsa Oromummaa fi Sabboonummaa isiniif erguufi. Xalayaan kiyya kun dubbisamee kan hirraanfatamullee yoo ta’e, yoo xinnaate yeroo isa dubbistan, eessaa kaanee eessa akka jirru; garamittis deemaa akka jirru akka yaadattanii fi haala keessa jirrus sirriitti akka hubattan isin gaafachuufi. Keessumaayuu warri mooyxannoo bara dheeraa qabsoo kanarraa argattani fi wareegama guddaa kaffaltanii as geessan, bu’aa ba’ii keessa dabartan hundaa yaadachuu dhaan; qabsoon keenya kun akkamitti daandii gaarii akka qabatu godhuuf yoomiyyuu caalaa dirqama keessan akka baatan abdiin qaba.
Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa qofaa otuu hin taane, jaarmayoota siyaasaa Oromoo, kan walaba ta’anii ijaaraman keessaa isa hangafa dha. Jaarmayaa Jeneraal Waaqoo Guutuutiin ijaarame – Adda Tokkummaa Bilisummaa Uummata Oromoo (ATBUO) irraa kan hafan, jaarmayootni bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif ijaaraman ykn uumaman hunduu, sababa adda addaatiin warra ABO keessaa bahaniin ykn ABOrraa fottoqaniin akka uumaman ni yaadatama. Waayee kana ammoo isin caalaa beekee otuu hin taane, dura dhimma kana kaasuun barbaachisaa waan ta’eefi. Jaarmayootni sababa fottoqinsaatiin ykn sababoota birootiin uumaman kun ammoo, garri caalaan isaanii erga ABOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bahe, bara 1992 boda, akka ta’an ni beekama.
ABO keessa ilaalchi siyaasaa adda addaa turuu fi ammallee jiraatus, hanga bara 1991tti tokkummaan qabsaa’ota Oromoo akka har’aa laafaa akka hin turin waan ragaa qabu dha. Ani yeroo sana biyya keessa turuu baadhullee, bara 1991 hanga ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa bahutti, tokkummaan qabsaa’ota keenyaa akkam akka ture “Gullalleetu ragaa ta’uu danda’a” jedhanii warri dubbatan jiru. Haala sana ija kootiin arguu dadhabuun garaa na nyaata. Egaa, waayee kana yoon kaasu, seenaa isinitti himuufii miti; kana isintu na caalaa arge, na caalaa beektus. Wantin kana kaaseef, eessarraa kaanee eessa akka jirru hubachuufi. Tokkummaa yeroo sanaa fi sana duras turetu; wareegama qabsaa’ota keenyaatu; dhiiga fi lafee ilmaan Oromootu injifannoolee gurguddoo nuuf argamsiisan.
Seenaa saba Oromoo keessatti bara 1991 jijjiiramni hamma kana hin jedhamne argamuun tokkummaan qabsaa’ota keenyaa cimaa waan turee fi summiin gandummaa, naanummaa fi amantii dhaan walqoqqooduu kun, akka har’aa yeroo sana uummata keenya jidduutti waan hin faca’iniifi. Har’a mataa keenya ol qabannee waayee keenya dubbachuu bira dabarree; Afaan keenya bareedaa kanaan barreessuu danda’uun, injifannoolee tokkummaan qabsaa’ota Oromoo nuuf argamsiise sana keessaa isa tokko dha. Kaayyoo inni guddaan – bilisummaa Oromoo fi walabummaan Oromiyaa – galii hawwame otuu hin gahin turanillee, injifannooleen hanaga har’aatti argaman, akka alagaa fi diinni gadi xinneessanii dubbatanitti, kan akka laayyootti ilaalamanii miti. Kan caalu fi isa guddaa hawwinus argachuu kan dandeenyu, injifannoolee harka keenyatti galfanne kana tikfachaa qabsoo keenya yoo cimsinee dha.
Qabsoon bilisummaa keenyaa dhaabbachuu baatus; tattaaffiin qabsaa’ota keenyaa otuu walirraa hin citin itti fufus; bara 1992 booda haalli mooraa keenyaa bifa biraa agarsiisaa akka dhufe waan nama mamsiisuu miti. Bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti waan nama gammachiisan caalaa waan nama gaddisiisantu mul’achaa turan; mul’achaas jiru. Bara 2000 yeroo jaarmayootni Oromoo walitti dhufanii tumsa “Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa, Afaan Ingliziitiin ULFO (United Liberation Forces of Oromia) jedhamee beekamu, ijaaran sana gammachuu guddaan mooraa QBO keessatti mul’atee ture. Haa ta’u malee, gammachuun sun yeroo dheeraaf hin turre. Otuu abdii guddaan tumsa kanarraa eegamaa jiruu, bara 2001 fottoqinsi mooraa ABO keessatti uumame. Ergasii kaasee hanga har’aatti mooraan QBO yeroo dhaa yerootti laafaa akka dufe dhara ta’uu hin danda’u. Egaa, asirratti maaliif mooraan keenya laafe? Maaliif diinni fi alagaan nu keessa seenanii gara gara nu hiruu yaalu? Maaliif gantuu fi ayyaanlaallattuun heddoomaa dhufan? jennee of gaafachuun barbaachisaa dha.
Mee waan tokkon jechuu barbaada, yoon akkana jedhu ammoo, tattaaffii qabsaa’otni keenya godhan dagachuu fi tuffachuuf otuu hin taane, dhugaa lafa jiru akka hubannuufi. Erga ABOn ijaarame, bar-kurnee afur gahuuf deemna. Waggoota afurtamman kana bakka lamatti baafnee yoo ilaallu, Inni tokko ijaarsa ABOtii kaasee hanga bara 1991 yoo ta’u; inni biraa bara 1991 kaasee hamma har’aatti kan jiru dha. Bu’aalee QBOn argamsiise yoo hubannu ammoo, qabsoo waggoota kudha-sagal (19) keessatti godhametu bu’aalee gurguddoo argamsiise. Bu’aalee bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti argaman yoo xinxalle fi kan sana duraa wajjin walbira qabnee yoo ilaalle, maal akka ta’e hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Kun maaliif ta’e? jennee of gaafachuu qabna. Deebiin gaafii kanaas ulfaataa miti. Ani gabaabumatti kanan jedhu, tokkummaan qabsaa’ota Oromoo laafuun ykn dhabamuun sababa isa guddaa dha. Jaarmayoota heddoomsuu fi humna gara gara facaasuutu laaffina kana fide jechuu dha.
Garaa garummaan ilaalchaa yeroo’uma fedhee ta’u adeemsa siyaasaa keessatti hin dhabamu. Haa ta’u malee, dhimma keenyarratti wanti irratti waliigaluu danda’an baa’yeetu jiru. Otuu garaagarummaa xixiqqoo isin jidduu jiraniif dursa kennuu dhiiftanii; waan waloo tokkorratti waliigaluu dandeessanii, mooraa QBO kana keessatti rakkooleen adda addaa heddoomaa hin dhufan turan. Yoon akkana jedhu ammoo komii otuu hin taane, haala har’a keessa jirrutu akkana nama jechisiisa. Yeroon ammaa garuu, yeroo taa’anii wal qeeqan ykn wal komatan; yeroo “…otuu akkas turee,…” jedhanii dubbatan otuu hin taane, yeroo haala keenya gamaaggamnee; rakkoolee dhalatan kana keessaa bahuuf, karaa kana keessaa nu baasu barbaadnu ta’uu qaba. Kan dabre hubannee; barumsas irraa argannee; kana booda maal godhuu qabna? jennee of gaafachuu qabna jechuu dha. Qabiyyee fi kaayyoon yookaanis dhaamsi xalayaa kiyyaas isuma kanatti xiyyeeffata.
Har’a haalli mooraa keenya keessatti uumame yoomiyyuu caalaa baay’ee kan nama yaaddessu dha. QBOrratti keessa fi alaan irratti duulamaa jira. Diina waloo cimaa Wayyaanee kuffisuuf tumsi alaa barbaachisaa ta’uu danda’a jedhamaa turre. Haa ta’u malee, warri tumsaaf yaadaman har’a kunoo diina guddaa sana dhiisanii; dura nu kuffisuuf nurratti duulaa jiru. Bu’aalee hamma har’aatti QBOn nuuf argamsiise fi harka keenyatti galfanneeyyuu diiguu fi balleessuuf; uummatoota olla Oromiyaallee nurratti kakaasuuf; ciminaan irratti hojjechaa jiru. Duraanuu dhuguma tumsa Oromoo barbaadanii otuu hin taane, kaayyoon isaanii Oromoota meeshaa isaaniif ta’an ofitti qabanii; kan hafan walirratti duulchisuu fi mooraa keenya laaffisuuf ture. Kaayyoon kun ammoo otuu hin dhokatin kunoo caalaatti ifa bahaa jira. Asirratti, waanuma adeemaa jiru akka hubannuuf malee, kaayyoon xalayaa kiyyaallee waan diinni fi alagaan nurratti dalagaa jiran himuuf miti. Kaayyoon xalayaa kanaa, akkamitti duula kana jalaa baanee; qabsoo keenya cimsinee; galii hawwamu ga’uu akka dandeenyu qabsaa’ota keenyaaf, addatti ammoo hogganoota QBOtiif dhaamsa dabarsuufi.
Gara qabiyyee xalayichaatti deebi’uu dhaaf, yoo daftanii dhibdeelee ykn garaagarummaa isin jidduu jiraniif walumaan furmaata hin barbaadne, humni mooraa keenyaa gara gara faca’ee laafuu qofaa otuu hin taane, Oromummaa fi Oromiyaan gaaga’ama guddaa keessa akka jiran; diinni karaa lamaan nurratti duulaa akka jiru; egereen keenya gaafii guddaa keessa galuuf deemaa akka jiru akka hubattaniifi. Hammuma fedhe garaagarummaan ilaalchaa jiraatullee, warri kaayyoo tokko qaban; ilmaan haadha fi abbaa tokkoo; maaliif waliigaltee akka dhaban naaf galuu dide. Tokkoomanii jaarmayaa tokko keessatti walitti baquun yoo hin danda’amne, tumsa ofii ijaaranii kaayyoo yeroo, kaayyoo hatattamaa tokko lafa kaawwatanii; dura isa kanarratti waliigaltee uumuun ni danda’ama jedheen yaada. Yeroo tokkoon yoo hin danda’amne, sadarkaa sadarkaa dhaan hojjetanii; gara tokkoomuutti dhufuun ni danda’ama jedheen amana. Kun akka milkaawu garuu, wal kabajuun, wal mararfachuun, waliif na’uun, wal obsuun, waliin haasa’uun, waliin mari’achuun tarkaanfii duraa ta’uu qaba.
Haalli yeroo ammaa mooraa QBO keessatti uumame kun, waa baay’ee akka hubannu nu taasisuu danda’a. Maaliif yoo jedhame, tokkoomuun hafee waliigaltee dhabuun keenya, diina fi alagaa dhaaf qaawwa uumee ykn karaa baasee; karaa kanaan nu keessa seenanii akka meeshaatti akka nutti fayyadaman waan ifa nuuf godheefi. Haa ta’u malee, diina fi alagaatti quba qabuun har’a homaa nuuf hin fidu. Har’a keessa ofii hubachuutu barbaachisaa dha. Waliigaltee fi tokkummaa dhabuun, akkuma argaa turre fi jirru, gantummaa fi ayyaanlaallattummaan akka dhalatani fi babal’atan godha. Karaa biraatiin garuu, haalli amma uumame kun, yoomiyyuu caalaa diina fi fira QBO addaan baafnee akka hubannu nu taasisa. Kana beekuu fi sirriitti hubachuun ammoo, adeemsa keenya akka sirreessinu nu godha jechuu dha.
Har’a biyya keessatti barattootni fi darggaggootni Oromoo diina hamma funyaaniitti hidhate kana otuu hin sodaatin; tokkummaa dhaan ka’anii falmii guddaa fi wareegama hamma kana hin jedhamne kaffalaa jiru. Falmii fi Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) yookaanis Warraaqsi Uummataa (WU) kun sadarkaa guddaatti akka tarkaanfatu fi qabsoon bilisummaa keenyaa keessa fi alaan akka cimu, qabsaa’otni Oromoo hatattamaan, haal-duree tokko malee, tokkummaa keessan ijaartanii; dargaggoota keenyaaf (Qeerroo dhaaf) abdii ta’uu qabdu. Yoo tokkummaan keessan milkaawe fi humni abdachiisaan mooraa keenya keessatti uumame, hammuma fedhe humni diinaa fi alagaa cimus, qabsoon keenya galii hawwamu otuu hin gahin hin hafu. Kun shakkii ykn mamii takkalle hin qabu. Bilisummaa keenya argachuuf taankii fi xayyaara waraanaa qabaachuun dirqama miti. Yoo tokkummaan jiraate, karaaleen galii keenyatti nu geessuu danda’an baay’eetu jiru. Waaqayyo/Rabbi waliigaltee isiniif kennee; tokkummaan keessan akka milkaawu isin haa gargaaru. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru.
Galatoomaa!
* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com
14 Comments


Gadaa Visitor said,
January 28, 2012 @ 4:05 am
Obbo Abdii hedduu galatoomi. Barreeffama kee yeroo hundaa nama dubbisan keessaa ani nama tokko. Akka hubannoo kootti yaada dhugaa fi madaallii eenyu illee hin abaarre ykn eenyyun illee hin faarsine, garuu dhibdee keenya xiinxale godheen fudha. Qaamaan si beekuu baadhus hangama akka uummata keef yaaddu barreeffama kee irraa hubachuun salphaa dha. Jabaadhu!
Waamicha ati QBOf dhiyeessite hawwaasni Oromoos ta’e qabsaa’onni bifa gurmuun/gamtaan gaafachuu kan qabnu natti fakkaata. Hoggantoonni keenya kana dhaga’uu ykn hojii ti hiiku jedhee garuu hin yaadu. Sababni isaas seenaa dabarsan kamuu keessatti muuxannoo akkanaa waan hin qabneefi. Wal dhabbii ilaalcha siyaasaa caalaa kan dhuunfaan gidduu isaaniitti uumamaniif waan bakka guddaa kennaan natti fakkaata. Alagaaf akka ergaman kan isaan godhus dhibdee gidduu isaaniif haaloo wal irratti bahuuf yaaduu irraa ti. Waan nama gaddisiisu yoo jiraate, badiin kamuu uumamu callifnee teenyee dhageeffachuu keenya dha. Hanga yoomiitti waan kolfaa ta’aa hafnaa????
(Report this comment as inappropriate.)
Firaol dhuguma said,
January 28, 2012 @ 4:09 am
Abdi waan akkam baredu dubate.yeroon bilisuma oromo itti murta’u amma akka ta’een mami tokkole hin qabnu.kanafu yaa hogantoota oromo ganna darbef mana ijarun waan hin danda’amnef,wanta darbef wal qeequ istani harka wal qabane bilisuma oromo ha labsinu.
(Report this comment as inappropriate.)
Diimaa Magariisa Diimaa said,
January 28, 2012 @ 8:24 pm
Abdii boruu hedduu galatoomi!, barrefamni kee yeroo mara namatti tola, jabaadhuu itti fufi. Rabbiin umrii dheeraa nuuf haa Kennu, Oromiyaan turtuus bilisoomuun isii hin oolu. Gaafa bilisoomte garuu barruulee kee mara walitti qabee handhura Oromiyaa Finfinnee keessatti, odaa fi alaabaa bilisummaa jala dhaabbatee kan dubbisuuf jiraatu Ana dha, abdiin godhaas. Kanaafuu jabadhuu jajjabaadhuun siin ja’a.
(Report this comment as inappropriate.)
Fakii Boruu said,
January 28, 2012 @ 9:18 pm
Duraan dursee Abdii Boruu heduu galatoomin siin ja’a!
Galani kee bilisumaadha!
Wani ati bareesitu hundi baay’ee namati mi’aawa sanis jechuun waan dhugaraa haasote kanaafu nama dhugaa jaalatuu fi argu cufa birati yaadni kee aka fudhatama qabu abdii guddadhan qaba!
Haatayu malee nuti hawaasni umata bal’aa oromoo ti fi misensotiin dhaaba cufaatu aka dhiiba dhaaba cufaa fi hoganooti dhaaba cufarati goone aka waan kun dhugoomu aka godhuu dandeenyu kan nugodhu tokkolee mee nuufis bareesi!
Amalee ira deebi’ee sigalatoomfata buli hori siin ja’a!
(Report this comment as inappropriate.)
manchassa dina said,
January 29, 2012 @ 1:33 am
Hundaaa dursee yaadaa ebbifamaa akkasif galataa guddaa qabda, galatoomi. Ergan jedhee booda dhimmaa barbaachisumma tokkumma Moora QBO ilaalchise waa Jedhee Yaala.
Haara waa’ee barbaachisumaa tokkomma ilmaan oromoo namni hin galef yoo jirate inni kan sammun dhukkuba qabuu qofa ta’u qaba. Innumma yoo danda’ee saboota seena walfakkata qaban waliin hojechuunu baaye fardidha. Fkn Afar, Aga’u, Sidama, Somali–kkf.
Jarmoon dhugan ummata oromoof hojetan hunduu gargarumaa xixiqoo jiddu isaa jiddu jiru seena fi ummata oromoo jechaa dhise of-dura ilaalun keessa of qulqullessudhan moora qabso qulqullessun barbaachisadha. Seera fi heera dhaba jabbesuun barbaachisadha.
(Report this comment as inappropriate.)
Yadera sori said,
January 29, 2012 @ 3:36 am
Abdii Boruu galata guddaa qabda!yaadni kee dhugaa fi yoo hojii irraa oolfame kan furmaata gabrummaa ta’uudha.Bilisummaaf Tokkummaan dursa,Tokkummaaf immoo hawaasaa oromoo fi QBO gidduutti araarri,mariin,walitti dhufeenyi bu’uu qaba.kuni yoo ta’ee wanti QBO adda faffaca’anii umrii gabrummaa ofirratti dheeressinuuf hin jiru.Diinni illee daandii banaa itti fayyadame qabsa’ota oromoo gidduuti rakkina uumaa jiru ni dhaba.yaadni kee yaada sabbontota oromoo cufaati galata argadhuun jedhe irra deebi’e.QBO cufti illee xalayyaa kana hojii irra akka oolchitan anis dhaamsa koo asirrattin dabala.Humna taanee gadi bahuu qabna.Tokkummaan yoo hin jirre humni hin jiru.kanaaf nuti umna taanee oromiyaa diinni saamaa jiru kana diinaa jalaa baasuu qabna.galatoomaa!
(Report this comment as inappropriate.)
Galgalo borbor said,
January 29, 2012 @ 4:07 am
Galatoomi abdii yaadii kaankee baayee nama gammachiisa.garuu waggaa hedduu waa’ee oromoo kan dubbachaa jiruu.maltu kan hundaa fidee?diinnii dhabbichaa keessaa galuuttu digamsaa kan fide.
(Report this comment as inappropriate.)
olii said,
January 29, 2012 @ 6:06 am
Obbo A.Boruu Xiinxalli kanaa olitti dhiyeesite dhugaadha,kana malees yeroo adda adaaatii yaadni dhiyeesitu bilchaataa fi kan dhugaa irratii hundayee.Akkumma ibsiteti QBO iddo lamatti hirtee ilaaltee: wagaa 20mman dabree keesatti saba ormootii waantii buu`aa qabu hin hojjatamne ,inni jalqabamee akka duubatti deebi`u ta`aa jira.Ana akka natti fakaatuti waa jijiramu qaba jedheen amana.Inni baayee badaa ta`e garuu Jijirama gageefamaa jiru kanaa Naannoo kanatuu(sanatuu) adeemsisa jechuun ittu badii fida,kanaaf irraa of eeguu qabnna.Waayee ijaarsoota yoo ilaale saba oromootin waan hin filamneef ,hundi issaniitu akka itti fakaateeti haa hojjatan booda sabnii hogogolee kan dhugaa keesaa baafata,kanaaf waayee kana irratti manguddonni (jaarsonni) yeroo issaanii fixuu hin qaban.Jaarmootas yoo ta`an maqaa wal balleesu dhiisanii waan itti amanan sana fiixaan yoo baafatan wayaaf na fakkaata.
(Report this comment as inappropriate.)
Kutu said,
January 29, 2012 @ 11:51 pm
Galatoomi haadhoo koo, jaalataa sabaa, jaalataa Oromoo, jaalataa lammii ati qabsa’aa dhugaa kan furmaata barbaachuuf oliif gadi jechaa jirtuudha jabaadhu. Yaadadhaa kaa, martinuu haasawaa kaa, bilisummaa keenyaaf mala wal gaafadhaa kaa, Nohoo Gobanaa
warri comment bareessitan kunis galatoomi akka isin Oromoof dhukubsataa jirtan barruu keessantu ibsaa
(Report this comment as inappropriate.)
Abdurrahmaan Waliyyii said,
January 30, 2012 @ 7:23 am
Abdi boruu nuti ilmaan Oromoo barreeffama kee xiinxallaan hubatan hundi galanni kee bilisummaa haa ta,u jenna! Kanatti aansuun miidhama baqattoota Oromoo yaman irraa maaliif barreeffama fuula tokkoo sirraa dhabne?maaliif yoo jette sabboontota heddutu mirga baqattoota ilmaan oromoo addunyaa irratti beeksisuuf miidhaan du,aa fi hir,ina qaamaa heddurra waan gaheef.dhaamsa ykn yaada maal qabdaaf?
(Report this comment as inappropriate.)
Wal-Ta'ii said,
January 31, 2012 @ 4:16 pm
Abdii Boruu, nuuf jiradhuu, beekumsii sii kessa haaturuu. waantii atii barresitee halaa yerootin wal qabatee akkasumaas waan namaa hedduf hin galiin addan baaftee. yeroo bayye xaalayaani namotnii heddu barressan side qabatuu atii garuu gubba kastee hangaa dhumaatti waan naama gamachisuuf fi namaa gaddisuu ibsitee. ufii afoo demnee kanee akka ofii dubaa debi’aa jirru nuuf ibsitee. akka itti ufii dubaa hin demneef ammo gorsaa ciimaa hoogantootaf dabarsitee. Waan gaayaa keeti hojjataa jirtaa, garuu baayee sii hafaa, hangaa tokkumma kenna argitee, kayoon kenna bakka gayutti nuu biraa hin hafiin. baaye galatoomi
(Report this comment as inappropriate.)
Abdii Boruu said,
February 1, 2012 @ 5:06 am
Duraan dursee, yaada jajjabeessaa fi ijaaraa dhiyeessuu keessaniif hundi keessanuu galatoomaa, fayyaa ta’aa.
Abdurrahmaan Waliyyii,
Galatoomi, galanni ilmaan Oromoo hunda keenyaatuu bilisummaa haa ta’u. Dhugaa dha, miidhamni ilmaan Oromoo biyya Yaman jirani irra gahe fi gahaas jiru hunda keenyaa akka gaddisiise fi boqonnaa sammuu nuu dhoowwe (dhoorke) waan dhara ta’uu miti. Tokkummaa qabsaa’ota Oromootiif iyyuu fi yaamicha godhuunis, sababni inni guddaan humna mooraa keenyaa cimsinee; irree tokkoon diina nama-nyaataa kanarratti duullee bilisummaa keenya argachuuf; uummata keenya kan biyya keessa fi biyya alaatti (akka uummata Oromoo biyya Yaman) rakkoolee hamaa keessa jiran, dararama kana keessaa akka baafnufi.
Karaa biraatiin ammoo, dhimma uummata keenyaa, kan biyya Yaman jiran, ilaalchisee barruu adda ta’e dhiyeessuu baadhus; rakkoolee uummata keenyaa kanaaf furmaata barbaaduuf akka nam-tokkeettis ta’ee gamtaa dhaan tattaaffii godhee jira. Fakkeenyaaf biyya ani keessa jirutti mootummaattis ta’ee jaarmayoota gara garaatti iyyannoo dabarsuu fi gaafachuu dhaan, hamma danda’ame tattaaffiin godhamee jira.
Dhaamsi ani gabaabumatti uummata keenyaaf qabu, jabaadhaa karaa danda’ame hundaan isin bira dhaabbanna; biiftuun Bilisummaa, Oromoofis bahuun ishii hin oolu; guyyaan uummanni keenya rakkoolee hamaa fi dararama kana keessaa bahanis ni dhufa; hammasitti jabaadhaa; Waaqayyo/Rabbi isin haa gargaaru; obsa fi jabina isiniif haa kennu, kan jedhu ta’a.
(Report this comment as inappropriate.)
VOO Radio said,
February 1, 2012 @ 1:11 pm
If you want to listen to Abdii Boruu’s article by Obbo Said Ali on VOO-MPS, click the following link:
http://helix.kfai.org/ramgen/replay/VoiceOfOromiyaa/VoiceOfOromiyaa(2012-01-29).rm
Enjoy it.
(Report this comment as inappropriate.)
Abdurrahmaan said,
February 3, 2012 @ 7:51 am
Abdii baayee galatoomi! Anis kan kana siin jeedheef namni barruu adda addaa barreessu hedduudha garuu hanguma barreeffama kee hubadheetti waan halkaniif guyyaallee ilmaan Oromootiif waan dabes qajeelchitee,kan dhokate ifa baaftee sammuun itti yaaddee akka ilmaan oromoo walitti qurcaman ykn suphaman yaadduuf kana jechuu danda,e akka baqattoota oromoo yaman dhiisi walii gala oromootiif akka yaaddu barreeffamni keetuu ifa baasa. Ammas galatoomi hirmaannaa barreeffama keetiitiif of qopheesseera. Abdurrahmaan. IUOT!
(Report this comment as inappropriate.)