Gadaa.com Comments (3)

Rakkina Si’anaa Jala Dhaabbachuuf Kan Darbe Keessa Deddeebi’anii Ilaaluu

Ibsaa Guutama irraa* | Bitootessa 2012

Yeroon geeddaramuun meeshaharkaa jiruu fi mala gurmeessaa jijjiiruu barbaachisa; jechuun tooftaa fi tarsimoo jijjiiruu jechuu dha. Mootummooti Habashaa dadhabina jara isaan duraa sirreessuun akkaata itt hojjetan fooyyefataa dhufan. Gabra gamaa meeshaa technolojii haaraa saamicha fi gad qabaa tahu guddifachuutt kanneen misoomaa tolaa caalaa shaffisoo dha. Kanneen isaan duraa irra gara laafoo fakkaachuuf jiijjirama gamaa yero gabaaduuf tolchaniyyuu akeeka empayeraa hariiroo isaanii fi kolonoota saanii gidduu jiru hin jijjiirre. Sochooti bilisummaa yeroo fi mala koloneeffataa jijjiiramaa jiruun wal hin gitne. Waranicharra haanuun barbaadamnaan yeroo fi qophiin firrisanii argamuuf jijjiirammi akka barbaachisu beekamuu qabaa. Garuu jijjiirammi akkasii kaayyoo saaniin wal finciluu hin qabu; sun of ajjeesuu ta’a. Kaayyoon rakkina waan hin qabneef jijjiiruu hin barbaachisu; akka tokko tokko itt of ilaalantu rakoo keessa jira. Kan joonjessaa kolonummaa keessaa hin baaneef annisaa qabsichaa mirgoota eenyummaa ofii badde deeffachuu kan tahe qayyabachuun cimuu dandaha. Maljechissun ulfatuyyuu, akka salphaatt, kaayyoon dudhamaa akeekaa kan sabi abjuu tokkummaa, bilisummaa, nagaa fi jireenya gammachuu barabaraaf qabu calaqqisu, kan ilmaan Oromo hundi garaa keessaa qaban jechuu ni dandeenya; kanaaf kaayyoo jijjiirun eenyummaa jijjiiruu jechuu ta’aa.

Erga bulchi Habashaa abbaa hirrummaa Oromiyaa demokratoftuutt habaqalamee waggoota dhibbaa ol tahe jira. Isaan hubama hangana hin jedhamne guddaatu lubbuu, qabeenyaa, nannaa fi sammuu namaarra gahe. Hubammi kun yeroo tokko tokkoon mootummootaa dhufan meeshaa caalaa wayyooman, ifaa fi dhossaa tahan fiduun hammaataa dhufe. Qophiin qabsoo ofirraa faccisuu geeddarama godhaman sanaan wal hin gitne. Mootummoti qabeenya biyyaatti dhimma waan bahaniif akkaataa itt hojjetan jijjirama yeroo dhufuun wal gitchisiisuuf anjaa wayyaa qabu. Garuu yeroo haalli malbulchaa bilchaatu of eeggannoo caalaa fi sonooman fuggisiisuun ni dandahama. Keessaayyuu yeroo seenaa addunyaa keessatt haalli gara hundaan bilisummaa namaaf mijjaawaa tahe akka si’anaa jiru kana qabsoo bilisummaa bobeessuu irra waa’ee galtuu fi gantuu keessaa dubbachuutt yeroon qisaasamuu hin qabu.

Akeeki qabsoo bilisummaa biyya qofa osoo hin tahin sammuu gabroomfatames ni dabalata. Sun gara qabsoo isa rakkisaa akka tahe mirkanii dha. Nammi tokko tokko waan ayyamquwatooti “Stockholm’s syndrome”jedhan, haala gaga’amaan kan miidhe mararfatu fi tumsuuf irra mullata. Kana hubachuun nambiyyoota raatessaa kana jalatt kufan qayyabachuuf nama gargaara. Tokko tokko garri itt deebisan hin jiru taha garuu yoo xinnaate hangi tokko karaa dogoggoraa fi salphinaa irra akka hin buune oolchuun ni dandahama taha. Gufuu hangana hin jedhamne mudatun illee sochiin bilisummaa Oromoo hamma yoonaa jija guguddaa galmeessee.

Mootummooti Itiyoophiyaa akka guyyaan empayerittii gabaabbataa dhufe seenaa irra hin hubanne. Gocha saanii fokkisaa darbef gaabbuun bulgu hamaa jaarraa tokko fi walakkaa dura uuman diiguu ni dandahu turani. Dargii fi Wayyaaneen sana laaluu dadhabanii. Kakuu fi yaadi warraaqaan qabna jedhan hanga aangoo jabeeffatanitt. Empayeroti dhiphuu biyya haadhaa jiruu, ofirrummaa fi bolola mootota saanii keessaa maddu. Haalli sammuu lachanuu, akki itt ayyaamiin saanii uumamee fi barsiifata dudhaa dafqa namaan jiraachuu gita mootuu Habashaa yoomuu hin lakkisuuni. Isaan haa tahanii kan isaan bakka bu’uuf aggaammatan empayeratt cichanii waan dandahan hundaan tursuun abbaltii saaniiti. Motummoota fi Golootaa yaroo kana, yaadumti demookraasii, rommituu, naga hin qabnee fi birrattuu isaan godha.

ABOn bara 1991 sagantaan saa osoo hin geeddarin mootummaa cehumsaa dhaabuuf ABUT waliin hidhata uumee ture. Tibbi Cehumsaa tibba qoramsaa, eegeereen empayerichaaa irrat hundawu ture. Akka Chaartarri labsett Oromiyaan silaa Caffee adeemsa fuldura jiru masagu dhaabbata. ABUT waliigaltee diigee cehumsicha salleesse. Qooda fudhannaa kolonii kan silaa sirna empayeraatiin nagaa dhaamu haalee itt fufiinsa saa filate. Ergasiis ABOn akkaa utuu mirga walabummaf qabu gad hin dhiisin garagarummaa nagaan fixachuuf yaalaa ture. Dubbiin kanneen hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu beekanii waliin tahe. Kun fuldurattis itt fufuun hin hafu.

Abdiin nagaan sirna kolonii diiguu mata jabina gurguddoo Habashaan xobbeett cabe. Habashootii abbaa hirrumaa seena saanii irra gargar bahuu akka hin dandeenye ABUTn mirkanaawe. Kanneen maqaa mirga ilmoo nama fi qajeeltuun qabsaawaa dhufan caalaa murnii daaya wayyaa qabuu jiraachuun hin se’amu ture. Garuu se’a dogoggoraati. Isaan qooqa, “bofa daraaraa damboobeen da’atan turani”. Bolollii fi gowwoomsaan qaccee malbulchaa hundaa keesssa jiru. Ammallee bifa adda addaan Oromoon xuruuraa saaniitt hawwamaan jiru.

Hamma yoonaa ABOn dhaaba malbulchaa of irratt hirkataa Oromoon homishate keessaa isa kalacha. Arraba baasuu fu qubaa raasuun sana hin jijjiiru. Sagantaan malbulchaa saa akeeka Gadaa birmadummaa, walqixxumaa fi bilisummaa irratt hundaawe. Mootota durii keessaa bara qabatan kana mirga hidhannoon irra fudhatan gara laafummaan ni deebsna kan jedhan hijirani. Gurgurdoon koloneeffataa booddan dhufanis koloneeffamaa waliin waliigaltee uumuuf kan dhoofsisaaf aggaman hin turre. Karaan nagaa baasuu didnaan, ABOn tattaaffii ofii fi ooffalcha ummata Oromoo daangaa hin qabnen alaabaa bilisummaa karoorsuun addanyaa akka hubatu tolche. Akeeki ABO Wayyaanee fonqolchuu miti. Oromiyaa walaboomsuu dha. Angoo heera saa 39, kan mormitu Habashaa hundi dhagahuma isaan dhiigi danfu, caalaa eeggata. Kanneen sammuun gabroome cunqurfamoon walii tumsanii ofiif falmachuu irra isaan jala kurkuru.

Gurguddoon murna kufee akaakileen saanii dhiiga saanii lolaasuu fi lafee saani caccabsuun empayritii akka tursaniif yoo gadoodan argamu. Garuu abbaa biyyaa, lafarraa haxaawuu, jeequu, buqqisuu fi gabroomsuuf dhiiga dhangalaasaanii fi hamaa tolchan hin kaasani. Coba dhiigaa yoo yaadatan galaana saa ni irraanfatu. Seenaan irraanfatamuu hin dandahu, garuu yoo garri hundi qalbii horachuun wal qayyabannoon boqonnaa haaraa waliin barreessuu fedhan balleessaaf aagii tufuun nama hin dhibu. Karaa Itiyoophiyaatiin dhalooti haaraan balleessaa darbe keessaa harka hin qabne waan dur kolonoota irra gahe yoo faarsan dhagahamu. Nagaan waliin jiraachuu, tasgabii fi bilisummaa naannaa duubatt kan qabu sanaa. Sanaafi kan sabboonoti jara akkasiin haala duree malee walii tumsuun bilisummaa cunqurfamootaaf qoomaa ta’a kan jedhan.

Ifsii fi akki gurguddoon saba koloneeffataa itt dhihaatan daguu fi gowwoomsaan kan keessa guute. Beekaa haala sobaa fudhatanii akka dhaaba yk ummata guutuun tahett dhiheessuun akka itt garagarummaa jiru furuu itt barbaadan agarsiisa. Oromoon naamusa baqatanii akka birtaa’oo yk ajajaa waranaatt halagaatt galan turani. Jarri sun galtuu yk gantuu jedhamu. Dinni jara karaa irra ceesifaman kana seenaa abbaa hirrummaa saa dheeraa keessatt akka sabaatt qooda kan fudhatan godhee dhiheessuufi hoofkalcha seeraa haa tahu kan safuu hin qabu.

Duubbeen seenaa kun jiraatuyyuu murnooti saba keessaa qabsoo walabummaa harka kennachiisuu barbaadan jiru. Garuu Oromiyaan maxxannee Habashaa miti saba ofirratt hirkate walabummaaf qabsaawuu. Kanaaf kan hirkatanii jiraachuu barbaadan akka buphaa ajeessaatt gad dabamu. Sabboonoti isaan achi gatanii kaayyoo sabaa waliin dhiichuu itt fufuu qabu. Yoo jara oolchuuf hin taane ta’iisi akkasii waan qabsoo bilisummaa bucuree tokkollee itt dabrsuu miti.

Si’ana ayyaanlaallatooti, basaasoti fi goomattuun tattaaffii dandahan hundaan sochicha dhabamsiisuu yk naafessuu fi xurree irra mucuceessuuf fulduratt didichaa jiruu. Kaan qabsoon “duubatt hafuu” saatiif kan dhimmaman fakkeessanii fakmishoo fashale fudhatanii dhihatu. Isaan haddhaa saanii qabsoo sabaa keessa facaasanii qabsoon jiraachuu saayyuu mamii jala galchuu wuxirfatu. Qabsoon bilisummaa gufuu hedduu qaba. ABOn kurnan afur qofa jiraate; ANCn kaayyoo saa gahuuf kurnan sadeet caalaa akka itt fixe yaadachuu dhabu. Qubaa saanii jaalbiyyoota abba tokkee hardhallee karaa walmaraa sana hunda keessa darbaniyyuu haamileen isaanii ol tahanii mullatanitt qabu. Akka waan dur caasaan bu’uuraa sochichaa dhiigaa fi dafqa dabaankufootaan hin diriirree, hin ijaaramnee fi hin maragamne lafaa kaasanii akka haaraatt ijaarra jedhu. Warraaqsisuun waan tokko diiganii haaraa ijaaruun waan biraati.

ABOn ammallee dhaaba lalisaa jiru. Hoogganoota abidaan qoraman kan kutannoo fi dudhammi saanii hin ciicatamne qaba. An mudaa hinqabnee dha ofiin jedhee hin beeku. Mudaa fi rakkinoota irra haanuun dandahaman jiru. Birmatanii akka fulduratt arreedu gargaaruu irra tokko tokko diinaa waliin yoo tattaaffii saanii garaa madde haddheessan dhagahamu. Kun homaa sochii bilisummaa Oromoof hin ida’u. Diinni kan isaan duukaa bu’u karoora fokkuu saatiif akka isaan hamaa tahan waan beekuuf. Beekaa yk akka tasaa isaan ari’uutt diina waliin dhaabbachuun dhaaba sabaa salphisa osoo hin tahin isaan hammam salphoo akka tahan agarsiisa. Wacabbarii waa’ee dadhabbii ABO dubbii fi barreeffaman gidduu kana agarru kaayyoo sabaa doomsuuf ergama keettoo tuqii malee waan biraa miti. Kanneen gargar ba’isa dhiheenyaa keessatt qooda fudhatan yoo jara “qeerransa erbaalaa (waraqata)” kanaan walitt ilaalaman bu’aan argamsiisan balleessaa caalee waan argamuuf galateeffamuu qabu. Dhibdee keessaa, keessattu ABO hallagaa kan ture mullisaniiru. Kanneen walabummaatt amananiif amma walitt deebi’uun ni salphata.

Gaaffiin malbulcha egeree Oromiyaa maree sabaaf hasofsiis tahuu ni dandaha. Sunis kan walabummaa deggeranii fi kan tokkummaa jedhan yk ejjennoon beraa yoo jiraate gidduuti taha. Sun jechuun waan 60oota keessa du’e kaasuu jechuu dha. Dubbiin akka ayyaanlaallotii fi gantooti waan jaallewwaan saanii du’anii fi jiran waliin tolchan halan hin turre. Hobbaa maricha dhuma irratt kan murteessu ummata hanga taheett nageenya qabeessa taha. Garuu yabboo sabaa irra kan qaari’u taanaan, moo’ummaa ummatichaa haaluu fi galfata saa nyaachuu taha.

Xexebootaa fi qooqoti akka “murtee sabummaa ofii ofiin muteeffachuu”, “referendum” (oofkalcha ormaa) utuu hin beekin yk beekaa yoo waliin dhahaman mullatu. ABOn bilisummaa Oromoof qabsaawaa haturu malee kan hiree saa dhuma irratt murteessu ummata Oromooti. Mirga saa halle haammataa “Mirga sabootaa hiree sabummaa saanii ofiin murteeffachuu”tti dhimma bahee referendum sabaa gaggeeffatee itt gala saa murteeffata. Mirgichi meeshaa gara akeeka ofiitt geessuu nama gargaaru. Dhuma osoo hin tahin akkaataa dhuma itt gahani. Kanaaf akeeki qabsichaa waan mirga hiree murteeffannaa achi jiru walabummaa yk kan biraa ta’uu dandaha. Ummati mirga saatt dhimma bahuuf bilisa tahuu qabaf malee ABUT mirgicha erga hundaa baree bubbuleera. Fakeenya yaa’a hiree murteeffannaa sabaa Ertira, Sudan, Kosovo, Tiimoor Bahaa, Kuubeek kkf fi Skotland irras caalaa barachuuf jirra.

ABOn walabummaaf kakaasuu hin dhaabu; rooba haa tahu aduu gola walabummaa tahee hafa. Qollifatootaa fi lamshesotaan garagarummaan saa kana. Qabattee kana waldaya qabsoo keenyaa kanatt kaasuun nurra hin turre. Garuu kan karaa irra nu maqsan bakka hin taanett waan hin taane kaasanii bu’uura keessa deebisaa saaniif ragaa argachuu dhama’uu. Yaa’i olitt jedhame yoo hordofame walabummaa haa tahuu tokkeessaan dhuma empayerittii taha. Dhaabi demokrasii kan bilisummaa jaarmaa, of ifsuu fi hunda caalaa seeraan bulmaata gad dhaabu hobbaatii saa tahuu dandaha. Sana taanaan qabsoon hidhannoo bakka hin qabaatu. Kun abjuu dansaa!

Sabboonoti dhugaa waan iyya dabarsitooti dursanii labsan mirkaneefataniiru. Amma naannaa kaayyooti gurmaawuun, jaarmaa saanii jabeeffachuun, tooftaa fi tarsimoo saanii keessa deebi’anii ilaaluu fi salphina saanii osoo hin tahin diina dhugaa irratt xiyyeeffachuu qabu. Walabummaan saanii olloota saanii kan hin daganne tahu sagantaa saaniin ifaa gochuu dha.

Akka waan barbaadan beekan afaan lamummaa fi daddaaqina malee mirkaneessuun addunyaa amansiisuu qabu. Wanti isaan dhiheeffatan namooti biraa maal jaallatu yk maal dhagahuu barbaaduu utuu hin tahin waan amanani sagantteeffatan tahuu qaba. Ejjennoon atoma sabaa, nagaa naannaa fi tasgabii fi hariiroo sabgidduu yk tartiiba addunyaa si’anaa taliila gochuu dha. Oromiyaan akeeka mullataa demokrasii Gadaa kan “ilaa fi ilaamee, nagaa fi araaraa” utubun masakamti. Qabsichi olloota Oromiyaaf carraa haaraa kan banuu malee kan yaaddessu akka hin taane hundu baruu qabu. Jaarmaa fi tokkummaa cimfachuu fi hunda caalaa qabsaawotaa fi deggertoota dhaabicha irraa amantii horachuu kan dursu hin jiru. Dhaabi miseensa fi deggertoota rakoo keessa jiraniif dhaqqabuu hin dandeenye ala hunda dhama’aa dha.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

* Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

- Source: Gubirmans.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

3 Comments

  1. abbaa gammachiis:

    March 19, 2012 @ 6:52 am

    yeroo dheeraaf barruu keessan dubbiseera nama boonsa haala fuulduraa herregee namatti hima nama kakaasa,baayyee nama gammachiisa jabaadhaa

  2. Sikkoo Abdaallaa:

    March 19, 2012 @ 11:45 am

    Heddu gltm obbo kenyaa kan hin beynee akkaa baraatu kan beekkus akkaa yaadatuu gochun wan gaarriidha jabaadhaa baarruu keysaan hordofaa jirraa itti fuffaan abdi kenyaa

  3. Yadataa:

    March 20, 2012 @ 10:16 pm

    Obbo Ibsaa, Uuman ardii fi samii isin haa eebbisu! nuf jiraadga, uumuri dheertu, haagatti raaga kanarraa.