Gadaa.com
Gadaa.com Comments (7)

Ulfummaa Kaayyoo Qabsoo Sabaa

Ibsaa Guutama irraa* | Gubirmans.com | Gurraandhala 2013

Raayyaa halagaa guddaan seenaa, aadaa, dudhaa fi afaaniin adda ta’e hidhannoo fi mala addaa qabu biyya Oromoo irra dhangla’ee qabachuun dhumisi irraan gahe waan galmeen jiru. Sanaan biyyaa fi qabeenyi saanii ni dhunfatame. Nammi dhuma irraa hafe kaan gabaa garbaatt gurgurame, kan tola akka raayyaa diinaa tajajilu tolfame. Erga cabuu saanii mirkaneeffatee duubas abbaa biyyumaa saanii haqee gabbarummaati jijjiire. Sadarkaa itt haanuuf karoorri diinni baafates akka olhantummaan saa bara dheeraaf hin uggamne, kan qabame mataa ol qabatee akka isa hin ilaalle tolchu ture. Eenyummaa ofii haqee aadaa, afaan, seenaa diinaa akka kan ofiitt fudhatu dirqisiisuu yaale. Battala amantee saanaaii fi caffee saanii miseensota rayyaa saa fi jala kaatuu bakka bakkaa funaane qubachiseee. Sana gochuun mandara naannaa irraa barsiifataan, hojiin, ilaalchaaan adda ta’e ijaare. Wanti ammayaa ta’e hundi achiin burqee dudhaa sabichaa baadiyyaa irratt hundaawe keessa holola diigaa fi dhibee facaasuutt ka’e. Oromiyaan “qinyi hagar” kooti jedhee labse. Hacuuccaa fi arrabsoon ummati bokoke jaatamoota keessa marii gaggeeffateen mootummaa walaba dhaabbachuun furmaata akka ta’e murteeffate. Biyya walaba keessa bilisummaa, walqixxummaa fi gammachuun jiraachuun kan barbaachisu hunda baasuun kaayyoo sabicha ta’e. Walabummaa fi birmadummaan mirga uummaa ilmoo namaati. Kanaaf ulfoo dha. Mirga kana mirkaneessuuf ABOn dhaabbate. Ergasii dammaqinni ol ka’eera. Haa ta’u malee diinni mirga fakkeessaa hiixataa isa dhugaa duubatt dhiibaa Oromoo lakoofsaan buceessaa, hiyyoomsaa, abbaa biyyummaa saa gaaffii jala galchaa, gadadoo kan durii caale, kan eenyummaa sabicha haquu danda’u irrati fe’aa jira. “Sirni Addunyaa Haaraan” rakkoo walfakaatu furuuf anjaa uume kanneen kaasaa saniif kutannoo fi dudhama qaban dhimma yoo itt bahan Oromiyaan qabsaawoti see afaan wal wallaaluun caalaa dhabaayyuu jirti.

Barumsi ammayyaan haala sabgidduun yeroo irratt dirqisiifames, sirni barumsaa halgaan baase waan ummatichi sagalee keessaa qaabu hin turre. Kan aadaa, afaan fi seena koloneeffato gidduu godhate ture. Kan barachuun hayyamameef itt qoosamaa, kurkurfamaa, arrabsamaa, gad ilaalamaa baratan. Hunda caalaa afaan ofiitt qana’anii maqaallee afaan halagaatt akka jijjiirratan taasifaman. Bulee bulee ummati waan kan saa ta’an hunda akka duubatti hafaa baricha keessa anja hin kennineefti fudhatee ittiin walqixu dhama’utt ka’e. Sirni bulchaaf yayyabame kanneen baratan naannaa itt dhalatanitt akka hin hafne kan tolchu ture. Hojii mootummaa naannaa fi carraan kan kennamu ijoollee nafxanyaa fi jalakaatuu amanamtuu qofaaf. Sun hardhas hin hafne; hojiin federalaa nama afaan Amaaraa beekuuf qofa kennama.Ijoolleen haaraa baratan qaama qofaan utuu hin ta’in nameenyaaman naannaa saanii buqqisee haaraatt dhandhoonu yaale. “Wal taanaa” utuu hin ta’in “nu taatuu” murteeffate. Hanga tokko milkaawun saa ni mullatta. Hardhallee kanneen lagaa saanii keessaa afaan Amaraa afaan Oromoo dursee bahuuf sardamu jiru. Kanuma jalaa rincicanii eenyumaa saanii utuu hin irraanfatin maalummaa saba saanii dhaloota itt haanutt dabarsuu kan danda’an turan. Jara sana kan raacitii sochii bilisumaa ta’an. Gaaffiin saanii gaaffin mirga ilmoo namaa waan ta’eef dagaagaa dhufe malee hin quummanne. T a’us miiddhaan eenyummaa saanii irra gahe waldhaansa guddaa barbaada.

Badiisi lubbuu, malbulchaa, diinagdee, hawaasomaa, naannaa fi eenyummaa ummata Oromoo irratt tolfamaa dhufe kun akka fixa ilmoo namaatt utuu hin ta’in akka yaaloott itt qoosamaa jira. Fixiisi ilmoo namaa, ummaticha balleessuuf akeekame kana dhaabuuf addunyaan homtuu godhamaa hin jiru. Hamma beekumsa saa fi dandeett saatt kan badiisa irraa hafe eegee hardhaan gahe qotee bulaa Oromooti. Ummatichkan humnaan irraa fudhatame nagaan deeffachuu yaalee badii caalaa itt fide. Kanaaf malee Oromoo caalaa kan nagaa fi araaraan waldhabdee furachuun aadaa ta’eef hin jiru. Bakka sun hin danda’amnett qawween duubatt dhiittatu gamsiisufis, yaadaanis, gochaanis kutannoon itt bobba’anii jiruu. Tuffii fi salphinaa kan gugguufee hafu cunnuura abaaramaa qofa.

Qaaman qabamani walkeessa haa yaa’an malee wayyabi yaadaan diina saaniin gamaa fi gamana jiraachuu amannu turan. Garuu isaan keessaa gamatt cehanii moora diinaa kan gabbisan jiru. Haa ta’u malee mirga ilmoo namaa fi ulfina biyya ofiif qabsoon godhamu kan gamana jiraniin finiinama dhufe. Gamana dhaabbatanii hundi yeroo walitt dubbatan miidhama ummata saanii irratt kan waliigalan fakkaata ture. Garuu walitt fakkeessan malee akka walii hin galle booddana hubatameera. Yaada dhokataa fi mamiin kaayyoo kofa keessa dhokfatan bulee harca’utt ka’e. Kana irraa kan ka’e gurguddoon Oromoo hardhas akka bara Oromiyaan qabamtee humnaa fi dandeettii saanii diina gumaachuun ni muldhata. Sanatt hin qaana’an hin gaabbanis. Isaan nyaataniif kan ummmatichi quufu, isaan saadamaniif kan inni kabajamu, isaan qanansiifamaniif kan isatt tolu fakkeesuu yaalu. Kaan kaan jiraachuu jennee diinaa gugguufne jedhu. Finciluuf yoo onnee hin qabane filmati jiru kanuma. Hin komataman. Garuu yakka inni raawwatu irratt qooda fudhachuun daangaa darbuu ta’a. Kan nama dhibu kan kanneen utuu hin rakkatin diina saba saanii jala kurkuraa ummata saanii buqqisee akka isaan dhaabu barbaaduun eegee jala raasaa oolani. Kun Oromoo hidhaatt guraarama, biyyaa ari’amaa, ajjeefama jiranii fi lafa saanii irraa buqqa’anii alabulaa tahanii kadhatummatt gad bu’an dabarsani du’aaf kennu addatt hin laalamu.

Jarri akkasii kanneen ummatichaaf mirga namoomaa gaafatan badhaasa saaniitt hinaafanii kan jeeqanitt fudhatu. Diina waliin duula hololaa fi ulee itt banu. Kaan qabsaawa fakkaatanii jaarmaa walaba ummati saanii qabu diiguf yoo hojjetan mullatu. Kan guyyaa tokko diina adda baasanii badii saa hin dubbane qabsawota busheessuuf arrabi qoonqoo keessaa lolloqa. Qabsoon isaan keessa hin jirre kottee akka dhaabdutt kan fudhatan jiru. Sun dhukkuba yaalamuu qabu. Qabsoon bilisummaa walabummaa biyyaa qofa utuu hin ta’in sammuu ofirrummaa fi kolonummaan faalame hunda bilisomsuus ni dabalata. Sabboonummaan walkeessati qayyabannoo uumuu, fedha ofii ukamsanii dhaaba saba ofii jabeessuu, jabina halagaa faarsuu irra dandeettii dadhabaa ofii akka itt olkaasaan heduu gaafata. Dirreen qabsoo baldhaa dha. Kan hojjetamuu eegus akkasumaa. Balleessaan yoo argame gamatt quba qabuu dura wanti of qeeqan yoo jiraate of qorunis miira gaarii beekaati. Kan qulqullumaan of qoru qoricha hin dhabu.

Akka qayyabannoo keenyaatt ummati Oromoo ummata walaba, biyya fi qarooma beekamaa kan qabu fi birmadummaan erga yeroon eegalee qabee kan jiratee. Kan itt duulan jara amma qabate dabalatee ofirraa faccisaa ulfina saa fi kan biyya saa boonsaatt tiffataa ture. Tasa seenaan utuu hin fedhin bulcha halagaa jalatt kufe. Sun erga ta’ees fedhaa bilisa ta’een haala keessatt kufe fudhatee hin beeku. Kanaaf halagaan fedhaa saa malee akka barbaadett biyya saa, qabeenya saa fi mirga saa irratt abboomuu morme ka’e. Seeraan haata’u uumaan wanti akka halagaan bulchuun hayyamu hin jiru. Kanneen mootummaan Habashaa biyya saa irraa kolonota addati hin laalle jedhan akka lafti saanii itt bulfamu ilaalun ni gaha. Bara Nugusootaa ifatt “ye gaallaa mareeti” jedhama ture. Abbaa fedhanii kennu. Lafti Habashaa “ye rist mareeti” jedhama kan lammiiti nama biraaf kennamuu hin danda’u. Hardhas kan buqqa’aa jiru ummata koloneeffame. Lafti saa biyya keessaa fi garba gamatti gurguramaa jira. Dhiigaa fi dafqa ofiin harkaa baafatan malee abbaa biyyumaa kan deebisee kennuuf hin jiru. Kun yoo hubatame kaayyoo sabaa fiixaan basuun salphata.

Ummata Afrikaan walii galani rakkiina jireenyaa waliin furu yaaluun anja qabachuu kan haalu hin jiru. Garuu mirgaa fi fedhi ofii kabajamuu mirkaneeffachuun durfannoo qaba. Sun bakka dhaabbatanii dhoofsisanii fi nageenya gaafata. Waliigalteen kan uumamu birmadoota gidduutt malee gooftaa fi lolee yk gooftaa fi garbicha ta’anii utuu jiranii miti. Garbicha jechuun nama birmaduu hin taane, boojuu ajaja nama biran bulu kan seeraan mirga dhahatu hin qabne jechuu dha. Garbummaan sanyii miti hariiroo nammi dabaan uume. Kanaaf dhoofsisa nagaa haa ta’u michooma yero ummachuuf dura hariiroon sun jijjiiramutu irra jira. Barri saa bara abbaan taankii gurbaa ulee qofa qabate macalaqsee jannumaaf dhaadatu. Kanaaf kan yeroon kenneef irraa gara laafumaan hin eegamu, kan kaaniif dabaa, isaaf tolaa dha. Safuu hin beeku.

Kan hacuuccaa jala jiru bishaan keessa dhabbatee dheebotaa, ofii beela’ee halagaa laataa jiraachuu qofa osoo hin ta’in qilleensa fudhachuu dhorgatamee golee keessatt ukaanfamee jiraachuun itt fufa. Sun hiree ummata halagaan qabame hundaati. Waliin dhaabbatanii diduutu baasaa. Oromiyaan qabeenya gudda qabdi. Sanatt dhimma bahuuf wareegama barbaachisu baasuu irra hirpha alaa gaafachuun qaanii tahu qaba ture. Walabummaan ofii ummata ofii fi qabeenya ofii irratt hirkachuun malee halagaatt hirkatanii hin argamu. Gargaarsi halagaa haada itt hidhamtu qabdi. Haadi sun maal of duubatt akka guduunfatte hundi hin beekin malee bakka baalchaan fedhutt nama qawisuun see waan hin oolle. Dhiyaanni tolaa hin jiru jedha mitii faranjiin? Maddi biraa gargaarsa Oromoo badiii hundi irratt wal caccabsu. Innnis doolara tokkoon sochi to’achu fedha. Qabsaawoti waa’ee of irratt hirkachuu keessa deddeebi’anii ilaaluu qabu.

Furmaati jiru lama. Tokko dhama’uu taha malee, akka halagaan hammeenya saa garaa laafee yaarsu kadhachuu dha. Inni kaan karaa danda’an hunda roorroo diduu dha; ajajaa diinaatt rincicuu dha. Inni tokkoffaan ulfina ofii wareeganii seexaa madaaween jirachuu fida. Garbichi gooftaa miilla dhungachuun, dhiitama, gurgrama fi tuffatamuu irraa oolchuun dhagahamee hin beeku. Badhaasi argamus miir goofticha guyyuu irratt hundaawaa. Inni lammattaa lubbuu ofii gaafata. Maqaan barabaraan jiraachuu, onnee guutuun du’a yoomu hin oolle ija keessa ilaalaa itt deemuu jechuu dha. Kanneen isa tokkoffaa filatan gosa lama. Hangi tokko “nammi waan jette haa jettuu, na garaan nattii haajettu” kan jedhanii. Irra dibuu jara hin rakkanne. Kaan filannoo saaniif maalifaa adda addaa tarreessuu yaaluu. Tooftaa abjuun tolfatan qabu. Kana goonu malee addunyaan nu hin deggeru faa jedhu. Akeeki lachanuu tokko,fedha ofiffoo bahachuuf bilisummaa ummata qabsiisuu dha. Jara kana kan hardha of qusannoo malee waa’ee “kaayyoo ganama” maa xixxu kan jedhan. Haalli si’ana, dur irraa adda godhu, hundu Oromoo ta’uu himachuu dha. Garri tokko of baruu jalqabu sanaaf roorroon itt hamaataa akka deemu amana. Garri birammoo walqixxummaa afarsuu irra akka bulchooti jedhanitt yoo bulan rakkinni hin hammaatutt amanuu. Ilaalcha lamaan kanatu diddaa yk sarmatt geessa.

Malaan haa lixxuu kadhaan haa maxantuu ashkarummaan horii fe’iisaa nama gooti. Dhama iseen qabdu keessaa xuuxanii hanga tirtirii see waliin baasanii darbanitt faarsaa dhaanichan walmake dhandhamataa jiraachuu taati. Gurguddoon Oromoo akka Goobana Daaccee, Qusee Diinagdee, Garasuu Dukki, Balayi Zallaqaa kkf maaltu irra gahee? Dhuma irratt tajaajila saaniif “galati keessan hin badiin” utuu hin ta’n “galata dhabaa” jedhamanii haqaman. Kanneen si’anaawoo maaliin adda taana jjedhanii itt galuuf gamuu? Yaada bucuu afarsaa wayyabumaa ummata Oromoo dhahachuu fedhu. Ummata saanii keessattis halagaa birattis isaan murna bucuu ta’uu hin hedani. Inni kaan ofiin dhaabbannee mirga ofiif filmaata qabnu hundaan falmanna yoo jedhu, jarri hafan hanga diinni dimokrasii fudhatutt eeguu qabna jedhu.

Bulchooti empayera Ityoophiyaa kan si’ana abalu jedhamanii hin waamamne onneen dhiitawee eenyutu nutt xiixa jedhaa jiru. Fakkeenyaaf gaaffi moslimman dhiheeffatan waggaa irra darbuyyuu deebiin hanga yoonaa argame ajeechaa, hidhaa fi guraarama qofa. Birdhuu anga’oota lixaa sababfatanii hundaan “gooltuu” jechuun balaaleffata kanneen mirga ilmoo namaaf dhaabbatanii ofirraa faccisaa jiru. Halagaa diriira dhofsisaatt fiduun ijaarsa cimaa barbaada. Ijaarsa cimaa kan qabu waan inni jedhuuf akka hin sermine waan beekuf ofitt hin butu. Barattooti Oromoollee bor natt hammatinu jedhee sababa ofii uumeen ajjeesaa, hidhaa, barumsa saaniirraa ari’a akka jiru ni agarra. Kanneen ofirrumaa diina naalchine waliin hojjechuu dandeenya jedhan jaarma isatt tolu qabataniitu. Kan egeree sabichaa domsaa jiruuf tumsa dhaqu jechuu dha.Hanga nammi gamana jiru cehee hin tumsiniifitt gara barbaadanitt Oromoo oofuun hafee jala xiixuu hin danda’an turan. Kanneen cehuuf gaman yoo ofiif dhaabbatan kan du’a dheessan, gamaa halagaan lubbu bira kan kennuuf itt fakkaata. Lubbuttiin kanuma saaniiti garuu bu’aa halagaaf seenaa keessaatt of ajeessuuf deemtii. Waan hin oolleef maqaa fokkuu qaccee ofii irra keessee dabarti.

Abbooliin Oromoo jechoota akka “baraa fi murxuxxee gugguufanii jala darbu”; “akka baranitt utuu hin ta’in akka baraati bulu” jedhan guduunfanii shakaluu yaalanii turan. Mootota nama nyaatoo shantu ilkaan caalaa qarameen irratt wal jijjiiran malee barri jijjiramuun mirgaa fi qabeenya saanii sarbame hin deebifneef. Sanatu fincilatt geesseen. Hardhas jechoota fashalan sana irra deebi’uu haa yaallu kan jedhan jiru. Barri hagam gegeeddaramu roorrisaan sossobbiin akka nama irraa hin dachaane muuxannoo jaarraa oliin raggaasifameera. Mirga ofii kabachiifachuun dirqama abbaati malee barrii kan hayyamus kan dhowwatus miti.

Barrii tolaa fi hamaa qaba. Ijoollumatt “Bara Nyaataa” kan jedhamu akka ture dhagaha guddanne. Bineensota daggalaa beelaan haata’u quufaan qeeyee namatt duulanii namaa fi beellada nyaachuu eegalani. Nammi bakka bakkaa walii birmatee dhumiisa irraa wal oolche jedhama. Isaa asis, ammma ganna torbatama ni ta’a, hawaannis akka tasaa dhufee biqiltuu hunda raame. Barasis walii birmatanii dhumisa irraa lammii oolchani. Barichi “Bara Hawaannisaa” jedhama. Hardhas Oromoon Bara Nyaataa fi Hawaannisaa sana kan fakkaatu keessa jira. Oromoon baratan, dureeyyii fi dandeettii kan qaban Nyaataa jala gugatanii qarmii fudhaannatu taanaan sanyiinis eenyummaanis sabichi baduuf deema. Adeemsa baaquleessaan (globalization) Oromoon salphaatt miidhamuu danda’a. Baquleessan waliigalatt gabaa fi mirga gaddhiisee jira. Oromoott garuu gabaa gaddhiisee mirga hidhaatt hambise. Jijjiirama dhufett dhimma bahuuf sun gaddhiifamuun dirqii dha. Bilisummaa fi walqixummaan dhaabbatee dorgommee saba addnyaa keessatt qooda fudhachuu yoos dandaha. Biyyaa fi qabeenya Oromoo irratt diina waliin sadanii kan saaman yakka mirga ilmoo namaa irratt tolfame ta’uu beekuu qabu.

Galtuun durii eenymmaa ofii gattee garaa ququlqulluu Itiyoophummaan tajaajilaa baate. Erga mootichi Haaya Sillaaseen kufee as garuu galtuulee harki hedduun Itiyoophiyummaa ol kaasanii haa faarsan malee Oromummaa saanii ni himatu. Maqaa saba saaniin kan of ijaaranis jiru, garuu hangi tokko “Garbicha Itiyoophiyaa!” jedhani dhaadataa jiru. Harka jalaan haa ta’u suduudan kan of ijaarsisees halagaa dha, kan dhaadachiisanis isaanuma. Akeeki halagootaa kan walabummaan of ijaare irratt hamajaajii ijaaruu ture. Hanga tokkos milkaaweera. Firummaa, bitamtummaa fi gowwummaan, walabummaan kan of ijaare maqaa haddheessuun, keessa seenanii jeequun dadhabsiisaa jiru. Sun hanga dammaqiisi keessaa dagaagutt malee barabaree hin ta’u. Walabummaan haa ta’u hirkatanii mirgi of ijaaruu kan beekame wareegama gootota WBO ABOn hiriirseen ta’uun hin haalamu. Namooti ABO gaggeessan mudaa hin qaban hin jedhamu. Mudaa sana qofa irratt xiyyeefatame waan inni dhaabbateef dagatamu hin qabu. Kaayyoon bilisummaaa, masakaa sabaa kan eenyummaa fi fedhii saa itt calaqifamu, kanaaf ulfoo dha. Mudaa hooggansii fi miseensi qaban Kora hiriyaatu sirreessaa. Kan qabaniin tiratu malee hin ergifatani. Balleessaa saaniitt qub qabna. Dhiibbaa sirreessaa ta’e hunda irra keenya, karaa dandeettiin saanii itt ol ka’u gorsina, beekumsaa fi qabeenyaan birmannaaf malee namummaa saanii salphsun farra.

Beekoti Oromoo hangi tokko waldaa qorumsa Oromiyaa dhimma baasuu gaggeessuf ijaaranii jiru. Maqaa Oromoon, Oromoon sadarkaa sabgidduutt wanti akkasii ijaaramuun kan jalqabati. Galata guddaa qabu. Miseensota saanii keessa kan sochii bilisummaaf miseensa yk mararfataa ta’ee hin beekne jira hin fakkaatu. Ijaarsi saanii wagga waggaan qormaatota dhahata adda addaa iratt ni dhiheessa. Garuu addati Oromoon jeequmsa malbulchaa keessa seeneef kaasaa fi furmaata kan ta’u fi taatoti dhimma itt bahu dandahan dhiheessan hin fakatuu. Beekoti biyya bira malaa fi meeshaa qabsoof barbaachisan irratt quwatanii hojiirra oolchuuf kallacha ta’uun beekamu. Si’aawoo dhas. Maqaaf garuu beekota mirkabeekii (sayinsi) uumaa fi hawaasomaa, ingineroota, cireessota kkf addunyaan walgitan qabna. Garuu gara Oromo millatanii kan hin laalleetu caala. Kaan akka dabballoota dhaabota malbulchaa isaan godha. Kanaaf akka qabeenya waloott abdachuun ni rakkisa. Dhaaboti Oromoo jabinaa fi dadhabina aka qaban kan hin baratinuu ni arga; garuu “Hin ta’a jennaan harree qallee hin ta’u jennaan harree gatne, qoricha jennaan barbaadnee dhabne” kan abbooliin jedhan sana dursee heda. Beekaa irraa sana caalaatu eegama. Kun beekota keenya komachuuf miti, beekaanis waldhaalanis walqabatee mugaa akka jiru agarsiisuufi. Isa daljeesi taa’aa walitt quba qabdu sana ta’uutu nati muldhata. Jaarmaa yk waldaa Oromoo kamtu kamirra wayyaa? Daaraan daalattii nana jettee daakuutt kofalte jedhani. Hundi of ilaalaa hijirani haa dammaqani!

Utuu haalli halle sirratee qabsaawoti Oromoo jabina saanii akka caalaa cimfatan, dadhabina saanii shaffisaan akka irra haanan hundu duuluu qaba. Kara kanaa oganeessoti (artistoti) Oromoo ifaajjee boonsaa gadhaa jiru. Lubbuu fi jirenya qananiis itt wareeganiiru. Kan darbeef dinqisifata fuldurattis weedduun, walaloon, goodaan akka ummata saanii kakasuu irraa hin deebine jajjabeessuu qabna. Qormaati beekota kana irratt karaa agarsiisuu danda’a. Yoos hundaaf falli mirkanbeekii ta’e argama. Kana fudhannu malee dukkana keessa deemuu ta’a. Dhibeen saba keenyaa fi jaarmaa saa xiinxalamee qoricha fayyisu dhiheessuu malee dhukubfataa dhiisanii dhuukubaa waldhaanuu akka hin taane eeggachuu dha.

Sun ta’uu baatus rakkinichi yeroo fudhata malee yeelalsiisus ofiinuu of fura. Fedha bu’uuraa namoomaa irraa waan ka’eef geengoon bilisummaa kan dhaaabuu danda’uu hin jiru. Kanaaf kan sabichi jeequmsa malbuchaa irra gahee keessaa na baasinnuu jedhee kanneen waa hubatanii fi bolola addaa ol ta’an abdatu. Oromummaan yaadaanmalamee roga jireenya Oromoo hundaaf bifa tokkoon gaggeeffamaa hin jiru. Garuu jalqabaa kaasee sochii biisummaa sabaaf urjii dhahaa ta’ee jira. Dhaaba biraa irratt ida’uuf oso hin ta’in, ilaalcha sabaa akka tokomsuuf qorachuu fi irratt mari’achiisanii yaadanmal haalaan walfudhate misomsuuf ifaajja’uun qooda beekotaa ta’uu danda’a. Oromoon ofiin bulummaa Oromoott hin amanne Oromoo ta’uu dhahatan, Oromoon Oromiyaa ala jiraatan wanti waloon safeeffatan yoo hundan beekame Oromummaa jabeessa.

Wal mormiin anga’oota addunyaa fiixee saa yero ga’e ture cunqurfamooti dhagahamuuf filmaata qabu turani. Amma yeroo fedhi bu’uuraa korporeeshinoota addunyaa wal keessa lixe kana keessaa, qarummaa ofii qofatu innaa hamtuu kana keessa huluuqsisa. Rakkinni kun kan harka kennachuun yk gargar faffaca’anii hamajaajii didhuun jalaa bahamu miti. Hammam of jaallatan, hammam beekaa ta’an, hammam walitt aaran, hammam tuttuqan xiiqii qabsiisaman, giroo saba ofiif dursa kennanii walfaana hiriiruun mallattoo sabboonummaati. Jagnummaa dhas. Sabboonummaan onnnee Oromummaan guute malee barumsa yk leenjisa addaa hin gaafatu. ABOn kallacha sochii bilisummaa Oromiyaati. Akeeki saa Oromiyaa bulcha halagaa jalaa baatee ofiin bultu gad dhaabuu dha. Kunis mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun dhugooma. Gaafas hundi gara barbadetti ummaticha kakaasuu danda’a. Garuu ABOn walabummaa Oromiyaaf kan dhaabbate waan ta’eef qabsoon saa ooffalch’ormaan (referanddum) hiree murteeffannaan hin dhaabbatu, sadarka itt haanu keessaas qodaa guddaa qabata. Sana as gufannaan ABOn ABO ummati gaggabuuff sana hin ta’u. Yoo ergamsaa fi sardama biraa hin qabaanne hangasitt hundi waliin joga’uu danda’u.

Addi Bilisummaa Oromoo dhaabota Oromoon ummate keessaa guddinaan, beekamuu fi akaakuun kanneen inni ummate keessaa hunda dursa. Aaarsaa qeeyeen Oromoo hundi godhe irratt waan ijaarameef yoomiyyuu hin jigu. Bu’aa ba’ii, kufaa ka’i eenyuufuu kan oolu miti. Jaarmaan kunis dhugaa kanaa alatt ilaaamuu hin qabu. Qoodi sabboonotaa yoo inni kuffisu harka rukutuu qofa utuu hin ta’in yeroo inni kufus jala lixanii ol kaasuun tirachiisuu fi jajjabeessuu dabalata. Janni marfame hanga mala ittiin caffate ba’u argatutti ni ripha. Jannooti ABOs ni riphan malee hi dune, guyyaan caffatanii itt bahan fagoo hin ta’u. Rakkinni amma jiru hirqinfuu hin caalu. Sadarkaa fayyisuun hin danda’amnett hubamee kan itt fakkatu jiru ta’a. Sun dhugaa taanaan dogoggora. Oromoon sammuun hubame jiru ta’a; isaanu sadarkaa hin fayyine gahan jennee abdii kutachuu hin qabnu. Kan bilisummaaf socha’amaa jiru sana faatt qoricha soquufi.

ABOn ayyaanaa, kan walabummaaf dhaabbatan hundaaf mallattoo dha. Kanaaf yeroof bitintirulee madaallii saa hin jaldhatu. Dinni kaayyoo saatiif baleessuu barbaada, vidyoo laallibbata rifachisa jedhu itt baaseera, bombii dhoosee isatu godhe jedhera, gooltuu dha jedhe hololla hin ofin hin qabu. Waan miidhes qaba. Ofumaa ari’ee, baqatummaan akka hin fudhatamnellee ifaja’aa jira. Oromoon ibda inni qabsiisutt cidii guuran ballessaa diinaa hunda ni mararfatu jechuu dha. Dhaaba walabummmaa Oromiyaaf fedha gaarii kuuse, qeeyeen Oromo hundi lubbuu fi qabeenya hagana hin jedhamne itt baase hamaa yaaduufiin eenyutt haa tolu jedhameetu? Jagnooti sabaa kan dabe sirreessani, kan hanqate guutanii dhaaba saani angafa oolfatu malee kosiitt gatuuf hin gamani. ABOn kan warra sanaa kan warra kanaa jedhee booqaa itt baasee busheessuu kan yaalu kan diinatt galee fi juujuu qofaa. Qondaaloti ABO maaf tuqamu, maaf qeeqamu hin jedhamu. Garuu tuqaa fi qeeqi sun kan daba sirreessuu, cabaa dhinsu ta’u qaba malee kan ABO balleessuuf aggammate taanaan callisee kan hin laalle hedduu dha. Muka tokko buqqisanii balleessuun ni danda’ama. Yaada altoko faca’e garuu balleessuun hin danda’amu. ABOn tokko yoo bade ABO kukummatu baka bu’aa. Ilmoo namaaf bilisummaan kan midhaan nyaatan, bishaan dhuganii fi afuura fudhatanii gaditt ilaalamu miti. Kanaaf kaayyoo bilisummaa Oromoo ofumaa dhama’uu yoo hin tane balleessuun gonka hin danda’amu.

Oromoon si’ana murnaa fi abba tokkeen adeeemsa malbulcha keenyaa irratt haa mari’annu jedhaa jiru. Waa mari’atanii murteeffachuun aadaa Oromooti. Erga qabamanii akka itt kiyyoo keessaa itt bahan mari’ataama dhufan. Waggaa shantama dura mariin garaa qulqulluun eegale ABO dhalche. Isaan ummatichi ija banachuutt ka’e. Hardhas ABOn galfata itt kenname bakkaan ga’uuf keessa deebi’ee of qoruu qaba. Gadaan bar saddeet sadeettiin of haaromsa. Sochiin ABO biyya walaba keessatt waan hin taaneef aka sanatt of gaggeessuun yoo hin danda’amnellee itt akeekuun irraa eegama. Sanaaf akki humni haaraan itt dhaqu mijjaawuu qaba. Dardari jalaa ka’u yoo hin jiranne dhaabichi dhaaba gadamoojjii ta’uuf deema. Akka aadaa fi dudhaa Oromott qabsoo gaggeessuuf biyyarraa bobba’amuun barbaachisaa dha. Ummati ala jiru akka biyya keessa jiruutt malee akka namoota biyyaa hacucca jala jirani, agabu bulanii booree bahachuf fedhaan of kennuun isa dhiba. Idaa (Biili) fi soora duubaatu itt muldhata. Kanaaf qooda fudhannaan saa kan walakka yerooti, guutuu ta’u haala jireenyatu hin hayyamu.

ABOn meeshaa malbulchaa Oromoo guddicha. Mariin sabboonotaan bakka bakkati tolfamu kan meeshaa sana caalaatt qaruu fi sochii walabummaa gabbisu malee kan qoccolloott sabicha geessu ta’uu hin qabu. Kanaaf mariin kamuu tuqalee jaba hanga yoonaa misoomfanne kan laaffisu utuu hin ta’in kan hanqina gaangalataa dhufan gutee sabicha boonsu yoo ta’e hundu ishoo jedha.Marii jechuun kan qaammi walgahe bu’ura saa to’atu, dhahata irratt dubbatamu kan fedhe hundi gumaachu fi kan dura ta’aa saa ofii filatu jechuu malee yabboo gareen tokko yaada murtawe itt jeekkaru ta’uu hin qabu; ulaaga kana guutnaan yaadi hundi dhimma itt bahu dandahu burquu mala.

Kanneen qabsoo Oromoo hogganna jedhanii fi sochii haaraa eegalla jedhanis biyyatii ala jiru. Akka akeekaatt ala teenyee biyyati qabsoo oofuu dandeenya kan jedhanis jiru. Kaan hogganni ummata gidduutt argamee qabsoo qindeessuu qaba jedhanuu yeroo hin murteessine. Bara fashistiin Italiyaan Itiyoophiyaa qabate Hayila Sillaaseen alatt baqate. Si’a addunyaan garee lamatt hiramee wal garreffataa jiru garri Britin jirtu Haayilaa deggere. Itiyoophiyaaa keessatt jaalbiyyooti garee gareen bakka bakkati ijaramanii fashitii nagaan bulchuu dhowwatan. Sana gidduutt Hayila Silaaseen wagga shan duuba humna alaan deggeramee erga isaan fashistii laaffisanii, loltuu alaa qabatee biyyatt loo’ee galuun sossobaa fi dorsisaan jaalbiyyoota (patriots) of jalatt galchee anatu isinii moo’a jedhe.

Biyya itt dhalatee alatt of ijaaree halagaan utubamee kan deebi’ee moo’e isa. Fakmishoo (modela) kana fudhatanii alatt ijaaramanii deebi’uun mala filamaa akka tahe kan oofan jiru. Hayilan akka mooti duriitt fedha dansa kuufate qaba, Jaalbiyyootis garaa guutuu akka inni hin deebine hin mormine. Baqattoota keessaa tokko ture malee nambiyyumaa saas hin jijjiirre. Jaalbiyyoota Oromiyaa qabsaawaa hunda walqixxummatt ilaalu malee biyya saanii diinaaf ramacii godhan hoggana hin beekne keessumsiisuuf akeeki hin hayyamu. Haalli Hayila anjaa kenne hundi hin jiru. Barrichi bara internet. Haalli addunyaa keessa jiru kan yartuun alatt of ijaartee wayyaba irratt dhaqxee of tultu miti. Kan achumatti ijaaramee jireenya ummatichaa jiraatee qabsaawutu barbaachisa. Sun haala Iraaqii fi Afgaanistan keesssa tureraa hubatamuu ni dandaha. Kan alatt qopheeffaman hedduun ni fashalani. Fakmishoon deebii jara Yahudiis kanaan walitt hin dhufu, isaan eenyu, eenyutu gargaree qorachuu dha.

Ummati Oromiyaa qabeenya, amantee fi ilaalcha saaf harka diinaatt guraarama jira. Sabboonota irraa kan eegamu kan qaban jabeeffatani kan hanqate guuttatanii ummatichichaaf dhaqabuu malee yaadanmal hin yaalamne irratt qoccolloo heddumeessuu miti. Ajjeechaa fi hidhaan, badiisi heddummaataa deeme malee hin foyyofne. Samichii fi hacuuccan waggooti afurtam duran turan ammas caalaa hammaatanii jiru. Diinni sanuma irra diddibee akka haaraatt of dhiheessaa jira. Garuu ummati jijjiirama hundeef malee kakkabeebsaaf qabsaawaa hin jiru. ADBU (PDO) haa ta’u qondaalamuun abba tokoota kibbaa, uumaa empayerichaa jijjira jedhee kan gowwomu jira hin fakkaatu. Luugammi empayera hardhallee abbaa hirroota harkaa hin buune. Kan bu’u akkasitt miti. Oromoon akka diinaatt tooftaa yeroon gaafatu jijijiiruuf haala mijjatu hin arganne. Hamajaajiin akka yeroo hin arganne lola itt banuu qofa utuu hin ta’inis jeequmsi keessaa itt fufaama deeme. Maaliifu dura walabummaan dhaabbatee abba barbachise waliin dhoofsisuuf jequmsa keessaa bahu qaba. Hanga sochiin bilisummaa ABO fi kanneen kaayyoo ganamaa hordofaniin gaggeeffamu jirutt mirga Oromoon walabummaaf qabu kan dabarsee kennu dandahu hin jiraatu.

Kan olitt fecca’amee dhihate kaayyoo sochii bilisummaa ganama qabsaawoti irratt waliigalan wal yaadachiisuuf. Oromoon gannoota afurtama dura kan qabsoo eegale ashkarummatt hafuuf osoo hin ta’in nakkarummaa saa labsachuuf. Abba tokkooti, hariiroon isa humnan qabate waliin jiru, akka hin jijjiiramne fedhan jiru ta’a. Fedha wayyabaa dura hanga hin dhaabbannett mirga saaniiti. Diinni ABO balleessuuf kutateera. Oromoon akka Oromiyaan dhaaba walaba bilisummaa saaf dhaabbatu hin jiranne fedhan diinaan addatt ilaaluun rakksuu danda’a. Yaada ofii qabachuun yaada obbolaa utuu hin midhin ta’uu qaba. Sabboonota dargaggummaa saanii bosona Oromiyaa keessatt qabsoon dabarsan, kan du’anis jiranis ulfina guddaa qabu. Gootota keenya hamajaajiin xureessuuf rafee hin bulle. Walabummaa ummata ofii jedhani waggaa afurtama utu hin ta’in guyyaa tokkollee kanneen rasaasa foolii fuudhan ni dinqisiifanna. Yeroo hedduun keenya bakka ofirra hin laalle jirannu isaan haddhaa qabsoo dhandhamataa turani. Lubbuu ofii kan caalu hin jiru. Garuu kaayyoon qabsoo saba saanii sana caalaa ulfoo ta’uu saa aarsaa ta’uun mirkaneessan. Jannummaa saanii walaloo fi faaruun kaafnee dhaloota haaraa ittiin didhchiisuutu nurraa eegama malee maqaa cabsinee gootota dhahannu of dhabsiisuun miti. Yoo hin qabnellee ni uummatu. Goototi lubbuun jiran keessaan laalummaa dhabanii dimimmisa keessa dhaabbachuun booqaa adda addaaf karaa mijjeessuu irra utuu ulaagaa ummati ka’erraa gad hin buune boonsoo sabaa ta’anii hafu. Oromiyaan akka walaboomtuuf umati sees akka bilisan biyya ofii ijaarratu yoomuu mamii hin qabannu. Injifannooo kutataatu fida.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

* Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan kees.

—————–

Source: Gubirmans.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

7 Comments

  1. obsaa:

    February 6, 2013 @ 1:40 pm

    Obbo Ibsaa Guutamaa, hayyuu kabajamaa Oromoo, ulfaadhaa. Qabsoo bilisummaa utuu walirra hinkutiin gaggeessaa waan jirtaniif isin namoota akka modeelaatti ilaalamuu qaban keessaa tokko. Akkuma barreeffama keessan armaan olii keessatti tuqtan birmadummaa fi walabummaan mirga uumamaa ilmoo namaa ti. Ummanni tokko mirga kana eegsifachuuf qabsaa’uu qaba malee hayyama eenyuu iyyuu gaafachuu hinqabu. Kallattiin qabsoo Oromoo mirga kana mirkaneeffachuu dha. Gaaffiin oromoo gaaffii tayitaa utuu hintaane gaaffii abbaa biyyummaati. Gaaffiin Amaaraa immoo gaaffii taayitaa ti. Kanaaf kaayyoon qabsoo keenyaa walhinfakkaatu. Oromoonni akkuma dur habashoota wajjin hiriiruu fi isaan jala kaachuu barbaadan dogoggora keessa utuu hinlixiiin dura garaagarummaa qabsoo Oromoo fi qabsoo jaraa adda baafachuu qabu.

  2. araboo hordofaa:

    February 7, 2013 @ 12:49 pm

    J/Ibsaa guutamaa .
    Galatoomi galanni kee bilisummaa oromiyaa siif haata’u jechaa gara fuulduraattis jabaadhu nujajjabessi barruu kekana irraa waan hedduu barnoota heddun argadhe akka kootti lammi oromoo hundi barnoota guddaa irraa argatu jedhen yaadaa

  3. Hunde:

    February 7, 2013 @ 1:29 pm

    Galataa guda qabdu Obbo Ibsa. Yeroo tokko tokkoo baarruu keessan nan laala. Wa’ee barra Xaliyyaan na yaadachisuu keessanf galatooma je’a. Garu Fitwaraar Karkarssaa Guteef Dajazamachii Odda Jotee Geerra irrati Ras Imiru Haile Silasie yaa guu Boji’an biyyaa issan irratti dhabatan loolan injiffannoo mirkaneesan male computarra jalla ta’an mitti Gutamma Birbir akkasumma. Ammoo kan issin gafachuu barbadee kara tokkoo qoofa bilisummaa ummata tokko dhufa? Nammoota biyyaa Oromiyyaa keessaa jiraatanif olashee kan jiran immamataa akkam qabdu?

    Nagaan.

  4. Salphina:

    February 8, 2013 @ 5:36 pm

    Jaarsi Akkas kunoo.Galatooma Obbo Ibsaa.Ulfaadhaa raagaa bulaa!

  5. Lammii Baatii:

    February 10, 2013 @ 10:02 am

    Hayyuun Oromoo yeroosaatti kunoo akkas Seenaa barsiisa Magguddummaan Lubbuu dheerina eebba Waaqaati obbo Ibsaa Guutamaa akkuma kaleessaa Oromoo qaraa jiru ulfinaaf jaalala guddaa isinii qaba ummanni Oromoo !!jabaadha.

  6. Motii biyyaa:

    February 10, 2013 @ 3:59 pm

    Haayyuuni oromoo akka obbo ibsaa jirtani umriini keessani yaadheeratu.yeero eggatanii afaani nufaajjeessufi namootini oromoo irratti ka’aani heeddudhaa yaat’uu malee obbo ibsaani deebii ga’aa ta’ee nuffi laattanii jirtuu.namootini oromoo burjaajeessu fii waliini dhahuu barbaaddani heeddutu jiraa kanaafi waahunda hubatanii laalunigaarii dha. Obbo ibsaa nuffi jiraadhu.

  7. Motii biyyaa:

    February 10, 2013 @ 4:17 pm

    Obbo ibsaa galata guddaa qabduu.namootini oromoo irratti ka’aani bifa adda aaddaatini nutti dhufani yaata’uu malee haayyuuni oromooni qabduu keessaa isiniini tokko gatii taatanii deebii gaarii nuffi deebisaajirtu.kanaafi diina oromoo kani keessaafi kani alaa yeero ittieggannudha.obbo ibsaa siwajjini jirraa nuujabaadhu umrii rabbi siifi yaalaatu.