Gadaa.com Comments (14)

Maaljechi “Walabummaa” fi “Bilisumma” Garaagaraa?

Ibsaa Guutama irraa* | Gubirmans.com | Gurraandhala 2013

Qooqoti lamaan “walabummaa fi bilisummaan”guutummaa biyyaa keessatt rimsama tokko ifsuuf dhimma itt bahama ture. Kan too’annoo, olhaantummaa yk dhiibbaa qaama biraa jala hin jirre akka fedha ofiitt jiraatu jechuuf tajaajilu. Gandi tokko isaan keessa tokkoti caalaa dhimma baha ta’a. “Sillichaan qalqalloo qalqalloon silichaa” isa jedhan sana hin darbu. Oromoon Maccaa tokko yoo “walabicha Walabuu” ofiin jedhu yk qabsaawaan tokko “dirre bilisoomte” jedhu akka qooqoti kun saala fi akaakuun utuu adda hin baasin hundaaf dhimma itt bahamu agarsiisa. Qooqoti balchummaa, birmadummaa, luba baasa, ofiin bulummaa, gaddhiisaa jedhanis kanuma ifsu. Garuu Ofiin bulummaan diddaa haala jiruf sarmu dhiisuu yoo ta’u, gadhiisaan hidhaa keessaa gad dhiifamuu agarsiisa. Akka dambooba dhabuutt kan laalan jiru. Luba bahunis koolummaa irraa walaboomu agarsiis. Qooqoti kun afaan English keessattis “independence, freedom, liberation” jedhamani hala hundaaf maljecha walfakiif dhimma itt bahama. Fakkeenyaaf “independence of Oromiyaa, freedom of Oromiyaa, liberation of Oromiyaa” jechuun waanuma tokko. Akka biraattis yoo dhihatan, waliindeemaa saanii keessatt qayyabatamu. Kan kaaneef “walabummaa fi bilisummaaf” waan ta’eef isaan haa caqasnu.

Kurnan lamaan darban keessa “walabummaan” biyyaa “bilisummaan” ummataaf kan jedhu golee ta’e keessaa darbatamnaan hedduun gaaffii malee baasaa baranee (fashionable) ta’innaa jedhanii dhimma itt bahuutt ka’an. Obsaan dhaabbannee dura kan nutti dhufe qorqoruun hafee tasummaan hurrisa darbu waliin didichuun barsiifata nuu ta’ee jira. Qooqoti dhiibbaa hala hawaasa keessaa, barreessotaa, malbulcheessota, malraagotaa kkf. dhawaatan akka danaan itt bahu fi maljecha jijjirrachuu fi haaraan umamu dandahu beekamaa dha. Beekaa gara dabarsuufis kan jijjiiran jiru. Haa ta’u malee rimsama haaraan yoo baheef fulduraaf m alee kan darbe irratt jijjiirama fiduu hin danda’ani, raga sobaa uumuu danda’uu. Kurnan lamaan dura barruulee fi jechooti turan qooqota lamaan waljijjiiruun waanuma tokkoof dhimma itt bahama jirate. “Biyyaa fi ummataaf” jechuun dhiheenya tolfame.

Kan kana hubachiisuun barbaachisaa ta’e ofumaa miti. Seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa furaa haaraa kanatt dhimma bahanii dabsuuf kan yaalan waan dhalataniifi. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) maqaa sochii malbulchaa diina ofirraa faccisuuf eegalameeti. Akeeki saa Rebublika Oromiyaa bilisa ofiin bultu demokratoftuu kan ummati see walabummaa fi walqixxummaan keessa jiraatu gad dhaabuuf. Daayi qabsaawota see bulcha halagaa jalaa baatee mootummaa ofii akka dhaabbatu gochuu dha. Sun erga ta’ee hariiroon ummatoota Afrikaa olla waliin qabaatan maal akka fakkaachuu dandahu himamee ture. Kanneen maaljecha haaratt dhimma bahuun bilisummaa malee walabummaan hin gaafatamne jechuu fedhan jiru. Sanaaf sagantaa dhaabichaa irra deebi’anii yoo ilaalan deebii ni argama.

Yooma akki qooqoti dhimma itt bahame mamsiisaa dha jedhama ta’e hardha maaltu taliilessuu dhowwa laata? Waan darbe wal haaluun yk micciiranii dhiheessuun ni danda’ama. Garuu Oromiyaan bulcha diinaa jalaa baatee mootummaa walaba akka dhaabbatu fedha sabichaa taanaan eenyuu akka hin qabsoofneef kan dhowwuu hin jiru. Seenaa qabsoo walkaa jaarraa ummatichi halagaa jalaa bahee bilisummaan jiraachuuf gaggeeffate haquun yaalamaa jira taanaan qooqotatt fura jijjiiruun utuu hin ta’in ilaalcha amma qabaniin gadi bahuu dha. Seenaa kaayyoo jaalbiyyooti itt cichaa jiran jajallisuun rakkisaa akka ta’e yaa’a qabsoo keessatt argameera. Kan irratt xiyyeeffatame sanaan ABO diiguu taanaan eenyummaa ofii saaxilu malee milkiin hin ba’ani. Kan fedhe walabummaan biyyaaf, bilisummaa ummataaf dhimma itt bahun ni buhaarsaan taanaan mirga saati. Kan kana keessatt anja hin agare akkuma dudhaan dhimma itt bahamaa dhufeett itt fufuun mirga abbaati. Yoomiyyuu waan barbaadnu caalaa nuu ifsuu danda’a gara jennutt dhimma baana. Kan barreessu yk dubbatu akka barbaadett yoo dhimma itt bahu kan dubbisu yk dhaggeeffatu akka waliindeemaa saatt furachuu danda’a.

Maaljechi qooqota kantaree hin hafu. Haala waliin guddataa fi badaa deemuus ni danda’a. Haala tasa as bahe tokko akka namaa golguuf qooqa jirutt yk haaraa uumanii dhimma itt bahuun waan ilmaan namaa godhaa dhufani. Jechi walabummaan biyyaaf, bilisummaan ummataaf jedhu garuu rimsama haaraa golguuf utuu hin ta’in ilaalcha malbulchaa addaa irratt hundaaweetu. Kan uumaniif yeroo sana dhimma baaseera ta’a. Bulee garuu qaxxisa maltuuf dhaabata ta’aa jira. Jechi malalalchiissaan bilisummaa fi malee walabummaaf dhaabbanne hinbeeknu jedhu sun fudhatame se’ameetu. Ittansee akkuma “ashannafa’ fi achanafan” dhaabota Habashaa lamaaf maqii ta’e wal haleelchisaa bahe kunis akka hin taane eeggachuu dha. Akka qooqotaatt dudhaan Amaarri kaabaa” achanafa, kan kibbaa ashanafaatt” dhimma bahu turani. Qabsaawota gidduutt walabummaa fi bilisummaan maqii ta’uf deemu, garuu ummataaf adda addummaa hin qaban, kan malteen feetus kanuma. Jara dhimma fi ulfina sabaa dhaabbatanin walfakaatanii itt dhihaachuufi. Akeeki keenya tokkuma jechuuf deemu.

Afaan keenya baldhaa dhaa barbaadnu caalaa ballifnee feenu maljecha qooqotaa akka amma dhihaatett dhiphisne dhimma itt bahuu ni dandeenya. Walitt dabaluu fi gargar cabsuunis qooqota haaraa uumnee ittiin caalaa of ifsuu kan nu dhowwu hin jiru. Garuu gana kaayyoo sabaa mijjeessuuf malteen tolfamu fudhatama hin qabu.“Bilisummaa fi walabummaa”abba tokkooti akka biraatt dhimma itt haabahan malee ummati abbaa itt ta’e kan beeku haalaa fi waan tokkichaa ifsu saniiti. Ayyaana akaakileen kan dubbannu sanaani. Gabaabaatt “balchummaa, bilisummaa, birmadummaa fi walabummaa” jechuun, kan too’annoo, olhaantummaa yk dhiibbaa qaama biraa jala hin jirre akka fedha ofiitt jiraatu rimsama jedhu ifsuuf walqixxee dhimma itt bahama. Tokko tokko akka ganda gandaatt caalaa dhimma itt bahamuu danda’a. Sun wanuma tokko jechuuf malee namaa, lafaa, qoolloo qilleensaa fi binoo waan jedhu hin qabu. Qooqa kamiinuu hanga wal hubannoon jirutt, waliigalteen akka haalaatt dhimma itt bahuf mijjeessuu kan nu dhorgu hin jiru. Kan jibbamu ummata afanfajeessuuf dhimma itt bahuu dha. Barreessitoota, kiloloota, qorattoota fi walaleessitoti keenya sanaaf hedduu gumachaa jiru, egereefis abdii guddaa irraa qabna. Afaan keenya caalaatt nagaa, araaraa fi misoomaaf garaa qulqulluu fi gamnoomaan haa guddifanu.

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

* Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

——————–

Source: Gubirmans.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

14 Comments

  1. miftahu belema:

    February 8, 2013 @ 11:54 pm

    Many thanx. for this breif explanation!!!

  2. Burqaa Birbiri:

    February 9, 2013 @ 1:05 am

    Obbo Ibsa galataa guda qabdu, irra deebi’an galatoomma je’a. Bilisummaaf Walabummaa isa jedhuf walti dhufeenyi issaf yaada issa akka tokko ta’eef ifsu keessanf galatooma. hunda irra kan caalu,”Afaan keenya caalaatt, nagaa, araaraafi misoomafi garaa qulqulluu fi gamnooman ha gudfanu”, in jeedhu meeshaa hundfi ta’uu. Garu danddii tokko qoofan ummaatii tokko bilisummuu danda’a? kan jeedhu tuquu nifeenee. Dhiiba hinjiru mee itti yaada.

    Burqaa Birbiri

  3. Jibaat:

    February 9, 2013 @ 3:53 am

    Obbo Ibsaa yaada keessan maraaf hedduu galatoomaa, keessattuu dhimma oromoo mara irratti yeroo bay’ee barreefamaan waa hedduu akka marti keenya irra deebinee yaadnu nutaasisu irratti haalaan hojjachuuf barnoota hedduu akka irraa argannuuf kaka’umsa dansaa nuuf kennaa turtanis ammas nuuf kennaa jirtu. Dhaamsa armaan olii keessaas waa hedduu ifattti xuquuf yaaltaniittu kuni ammoo yaadota gara biraa illee akka haalaan irra deebinee hubannoo keenya fooyyeeffannuf gabbisa sammuu nuuf kenna. ammas irra deebi’ee gara kiyyaan galatoomaan jedha.

    barreeffama keessan keessatti ammoo hirdhina qubeen argaa jira, kuni maaliif ta’uu danda’e laata? Akka seerluga qubee keenyaatti yoon madaale barreeffama keessan keessatti jechoonni hedduun isaa waan karaa isaanii irra maqan natti fakkaatu, Akka fakkeenyaatti yoon isiniif kaase jechi ” yookaan” jedhu kan ittiin bakka bu’u ” ykn” dha malee “YK” qofaa miti. Akkasumas jechi tokko jecha afaan Oromoo keessatti dubbifamaa gosa tokkoo lamaan dhumuu hindanda’amu sababbiin isaas hiikkaa nuuf hinlaatu. akka fakkeenyaatti yoon isiniif kaawe… jechoota keessan armaan olii keessaa waantan baasuuf yaale kana ilaalaa….”Afaan keenya baldhaa dhaa barbaadnu caalaa ballifnee feenu maljecha qooqotaa akka amma dhihaatett dhiphisne dhimma itt bahuu ni dandeenya. Walitt dabaluu fi gargar…”
    Egaa namni kamuu hin dogoggoru jechuu koo miti, namni kamuu ni dogoggora, dogoggora jiru irraas nibarata. Hundaafuu tasa yoon anis dogoggoreera ta’e na’oofkalchaa.

    galatoomaa

  4. Fuliyyee:

    February 9, 2013 @ 6:28 am

    Obbo Ibsaa Gutamaa,
    KAn maqaa fi abbaan wal simatu akka ke hin garre. Maqaan kes ibsaa dha hayyummaan kes nuuf ibsaa dha,jaalalli fi hadooddiin ati saba keef qabduus Guutamaa dha.

    waaqayyo lubbu ke nnuf dheeresse guutama hawwi saba ke si haa garsiisu.
    Walabumma fi bilisumma jecha jedhuun yeroo hedduu waliin dhahaa akka turame hin hirraanfane.akkamitti gargar ta’ uu danda’a of jechaan ture. Ati garuu itti yaaddee debbi itti keennu keef gammaduu kon siif hima.
    Galatoomi ammallee.

  5. Truth:

    February 9, 2013 @ 12:10 pm

    Namni yaroo jalqabaaf jechoota “walabummaa” fi “bilisummaa” jedhaman miidiyaa gubbaatti ba’ee garaagara ta’uu nutti hime Leencoo Lataa ti. Kunis kan ta’e raadiyoo marii jedhamu irratti. Namichi kun har’a waa’ee garaagarummaa jechoota kanaa irratti maaliif xiyyeeffatuu fedhe jennee yoo ilaallu deebiin isaa salphaa dha. Ta’e jedhee dubbii ittiin Oromota gidduutti garaagarummaa babal’isu barbaaduusaa agarsiisa. Guddoo salphoo jechuun jaarsa akka Leencoo Lataa ti.

  6. Gundo Boore:

    February 9, 2013 @ 1:26 pm

    Dura Obbo Ibsa Guutama yaada keessaniif bayye galatooma.
    Itti aansudhan wa’entokkumma fo garagarumma jechoota Walabumma fi Bilisumma kun kan bayye nama hundayyu aja’ibe dha. Wa’e Obbo Leenco fi garee isa waliin hiriiranii irratti har’a qaroominni qabson u’ummti oromo irra jiru gamnumma fi jechoota jajalisun qofan waan jala miliqame darbamu jedhini yaadun gowwumadha. Hra’a rakkoon u’ummata keenya cunqursa bifa kami jalaa ba’e dhimma isa fi biyya isa irratti abba ta’udha Har’a nuti bilisumma haa jennu, walabumma haa jennu dinni keenya jechoota kana keesssa kamuu kan ilillen nurra simatan hin-qaban, Nuti ammo dhimma u’ummata keenya irraatti furmaata yoo argaanne saboota cunqorfamo akka keenya ille gargaaru dandeenya malee hiikaa adda-adda baasfne tokkumma fi qabso u’ummaticha laafifne faydan argamu hin-jiraatu.
    Dhuma irratti, maalo yaa Obbo Leenco, yeero waan hojjennu yoo dhiiga ilmaan oromo dhagala’e irra daara haraa adeemna ta’e seena jalaa hin-baanu. hammamu haa dheeratu seenan ni baati. Seenan u’ummata keenya isin haa goorsu!!!

  7. Dooyyoo:

    February 9, 2013 @ 11:24 pm

    Hunda dura,J.Ibsaa, ulfaadhaa !
    Dhihoo kana dubbiin kun anas yaadchifnaanin hiikaa jechoota Afaan Inglizii kanneen armaa gadii dictionary keessa ilaale.
    Liberation
    Independence
    Freedom
    Emancipation
    Sovereignty
    Tokko hiikaa isa kaanii taheen arge-hiikan biraas itti haa dabalamu malee.Keenyattis walabummaa.bilisummaa,birmadummaa fi balchummaa hiikuma waliitti beekna malee takkaa “Yaa Waaq,birmadummaa naaf kenni malee bilsummaa duwwaa naaf hin kennin”jennee hawwinee ykn kadhannee hin beeknu.Hanga yeroo dhihootti tokko jennaan kaan jechuu keenya ture.Ammas akkuma beeknu sanatti itti fufuu dha.”Rifeensa baqassuu”isa jedhamu dhiisuu dha.Waanuma achi nu hin hiiqsine irratti “falaafsomuu” haa dhiifnu.Dubbiin bakki jirtu hiikaa jechootaa irratti yeroo balleessuu utuu hin tahin qabsoo gochuu dha.Walaboomnaan bilisoomne;bilisoomnaan walaboomne.

  8. Gammachuu:

    February 10, 2013 @ 4:46 am

    Walabummaa fi Bilisummaa jechoonni jedhaman hiikaan isaanii tokkos ta’e garaagarummaa hoo qabaate waan Nama yaaddeessu miti. Afaan addunyaan dhimma itti bahaa jirtuun- Sovereignity Fi Freedom kan jedhu garaagarummaa qabu. Gaaffiin jiru Oromoon SOVEREIGN state barbaada moo DEMOCRATIC state barbaada kan jedhu ta’uu qaba.

    Kan biraa Obbo Ibsaa Guutamaas ta’ee namoonni gara maaliif waan Obbo Leencoo Lataa dubbatu irratti REACT gootuu? Maaliif kanaan dura garaa garummaa Walabummaa fi Bilisummaa nuuf hin ibsin turtan?

    Xaba jechoota waliif hiikuurraa haa guddannu.

  9. Mortar:

    February 10, 2013 @ 8:57 am

    “1. Maaliif waan Obbo Leencoo Lataa dubbatu irratti REACT gootuu? 2. Maaliif kanaan dura garaa garummaa Walabummaa fi Bilisummaa nuuf hin ibsin turtan?”

    jettee armaan olitti ka gaafatte waan ajaa’ibaa ti. Gaaffii keef deebii kan natti fakkaatu

    1. Nama dhuunfaas ta’e gurmuun kamiyyu ABO maqaa xureessee ummata biratti fudhatama isaa dadhabsiisuuf yoo olola oofu usnee/callisnee/ bira darbuu qabna jechuu kee ti moo? Kun ta’uu hinqabu. Yaroo barbaachisaa ta’etti deebii kennuudhaan dhaaba keenya maqaballeessii irraa eeguu qabna. We have to say spade is spade.

    2. maaliif kanaan dura garaagarummaa bilisummaa fi walabummaa nuuf hinhimne jettee gaaffiin ati dhiyyeesites nama kofalchiisa. gargaarummaa qabu ka jedhe obbo Ibsaa miti. Leencoo Lataa ti. Leencoo Lataas kana ka jedhe dur miti amma. Kanaaf gaaffii kana kan ati dhiyyeessuu qabdu Leencoo lataaf malee Ibsaa Guutamaaf miti. Obbo Ibsaan jechoonni kun har’as duris tokko nuun jechaa jiru. Yoo har’a adeemsa keessa garaagarummaa godhatanis ittifayyadama duraanii haquu hindandaa’an nuun jedhu. Kun sirrii dha. Jijjiramni har’aa egereef malee kan darbe duubatti deed’ee hinjijjiru.

  10. Baarii:

    February 10, 2013 @ 2:30 pm

    Mr Truth is not similar to truth. You are very far from that name, because we can oppose the vision, is not a person. We have to respect our elders as well as our elite guys. This our Oromo culture which we inherited from our forth fathers. Our culture is the most valuable wisdom we have had in human society.

    Thank you.

  11. Bachoo:

    February 10, 2013 @ 5:29 pm

    Obbo ibsaa gutamaa galanni kee bilisummaa yaata’uu.nujabaadhu siwajjini jirraa.

  12. Truth:

    February 11, 2013 @ 7:45 am

    @Barii

    What the hell are you talking about? I never said we have to disrespect any one. You are reading your mind not what is written.

  13. lamessa:

    February 14, 2013 @ 11:05 am

    yannii kee bareeda barruun tee yaroo hedduu hir’ina qubeetii fi rakkiina jechoota qabdi kana foyyeessuuf yaali mee obbo ibsaa guutamaa

  14. abeetoo:

    February 20, 2013 @ 10:33 pm

    Obbo Ibsaa barri Obbo Leenco dhufe mana hidhaa wayyaaneti si fudhee bahe suni yoom turee.??
    Please gaaffi kana nu deebis maaloo?? Guyya sana abbaa koo qabanii hanga ammaatti essa Akka jiru hinbeeknu.

    Wado