Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Habalee Citte: Abbaa Hujii Boonsaa

Posted: Bitootessa/March 4, 2013 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (4)

Binta Dirree/Makiyaa Abdullaahii irraa*

Bu’ureesaa qabsoo sabboonaa Oromoo
Hawwaa bilisumma yaa jaalataa qomoo
Abbaa qabsoo Oromoo bu’ura ganamaa
Jaarraa Abbaa gadaa yaa ulfaataa namaa

Rorro saba keetii fudhachuu dadhabdee
Bittaa fi gabruma cunqursaa dhaas diddee
Sadoo fi qananii irraan tarkaanfattee
Bilisummaaf jettee qabsoof manaa baatee

Xurreen ati dhiigaan kalee nuuf taraartee
Sabboonummaan atin nu kessatti abuurtee
Bu’rri bareedee daandiin isaa toltee
Abdukarim keenya silaa xiqqo turtee

Waan ati jaqabde maayyii issa gartee
Silaa waagaariidhaa umrii nuu dheerattee
Garaan nu rora’e ijji imimmanii
Hedduu dha gaddinee si dhabuu keenyaanii

Kumaatama Oromoo qabsoof hiriirsitee
Meeqa dammaysitee meeqa jeynomsitee
Qabsoo Oromotiif hedduu dha kakaastee
dargaggoo shamarran qabsoodhaaf bobbaastee

Jaarraa Abbaa Gadaa guddaa galatni kee
Hin irraafatamtuu wanni ati hojjattee
Abbaa seenaa boonsaa abbaa hujii toltuu
Yaa sabboonaa Oromoo hin irraanfatamtuu

Waan ati jaqabde maayyii issa gartee
Silaa waagaariidhaa umrii nuu dheerattee
Garaan nu rora’e ijji imimmanii
Hedduu dha gaddinee si dhabuu keenyaanii

Duutii karaa keenya namuu du’a hin ooluu
Silaa kan akka keetii kun waa du’aan hin maluu
Garuu akeeka kee bakkumani geenya
Hanga bilisoomnu yoom cal jennee teenyaa

Maatii kee rabbummaan sabrii haa keenuufi
Sabboonoota maraaf Oromoo hundaafi
Arraa nama guddaa nu harkaa miliqee
Fuula sabboonootaa imimmaniin dhiqee

* Binta Dirree/Makiyaa Abdullaahii: bontu1saba@hotmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

4 Responses in THE COMMENT SECTION

  1. Sagalee Bosonaa

    Mar 5, 13 at 9:48 am

    Galatoomi Binti Dirree Haadhqabsaawotaa Atiis Sabrii Rabbi siif Hakanuu Hayyee Numaahuu Nubayyanachiiftee Hedduu Rifannee Jiraa Nujajjabeeysite Fayyaa dahii Galanni Bilisummaa Hatahuu Jazaankee Jannataa

  2. mohamed houssein sani goal kepper

    Mar 6, 13 at 6:20 pm

    Qabsooytu oromo obbolrytii mohamed xiqqa oromon si jaalatti ya saboontu sabaa walaloon ati barreysitu lafe nama seenti llmaan oromo maraaf dhaamsa qabdi jiraadhu nuuf lalisi umrii nuuf dheeradhu warra sibira jiru oromo mara dhaamsa na itti dhaamadhu gabrumma jibbine nuti biyya baane bilisummaf hafalmannu bakka jirru kaane

    walaloolee j/makkiya ati walisotaaf barreysite kenniteef ALI birra /leencoo ilmote akkasumais elemof hedu nama kakaasti
    nuuf itti jabadhun sii jaa rabiin nu hundaahu nu ha jajjebeysu sarifi imaanat nuuf hakennu
    abbaan keenya gota gootoota sooreysa Jaaraa abba gadaa dhabu keenyaaf heddun gadde
    rabbiin jannat keysatti rahmataafi araarames keneefi ha nuuf qananeysu atis rabiin si ha jajajabesu nagayatti naaf jiraadhu

    Sani Houssein 5/03/2013

  3. mohamed houssein

    Mar 7, 13 at 3:32 pm

    jaale makkiya akkam nagaya bayyeen si jaladha akka sabboontu oromtis obboliyummati galatomi waan ati nuuf bareysiturr walalowan keetif galni ke bilisummadha

  4. orrrshatoday@gmail.com

    Mar 7, 13 at 5:54 pm

    Jaraa Abaa Gadaa has a long history of Oromo National struggle in Oromia, fighting for the freedom of Oromia, Founded Oromo Student Union, organized modern Oromo freedom Fighters and played a great role in Oromo National movement. He also played unforgettable role to integrate Oromo Liberation forces. He was the father of all freedom fighters and Oromo nationalists. He boycotted the Great Somalia dream.He is the great Oromo fighter and leader of all time. He showed armed struggle is the only way to get Oromo Independence and made a powerful impact on Oromo political approach in Oromia.