Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

OLF Statement on the Passing Away of Jaarraa Abbaa Gadaa

Posted: Bitootessa/March 4, 2013 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)

The following is a statement from the Oromo Liberation Front (OLF). Click Here to Read the Amharic Version

JARRAA ABBAA GADAA WILL BE REMEMBERED WITH REVERENCE
(OLF statement on the passing away of Jaarraa Abbaa-Gadaa)

Gadaa.com

It is with enormous sorrow and grief that all Oromo nationals and friends in Oromia and beyond to hear that one of the great leaders of Oromo liberation struggle has passed away, after long time illness, while conducting resistance from exile.

Jaarraa Abbaa-Gadaa’s history is an integral part of the initiation of the Oromia-wide armed struggle for liberation. His arduous journey to launch armed struggle started from eastern Oromia, passing through the armed uprising in the southeast, Somalia, the Middle East, back to Somalia for five years incarceration in Somali prisons and back to eastern Oromia to realize the dream, which demonstrates a distinctive determination. His continued defiance of any pressure or temptation from governments and entities throughout the region and beyond, and his steadfast resolve in the principle he stood for to the last minute is something that all Oromo nationalists have to take as a reference.

He was also a good communicator leader as witnessed during the discussion to resolve the differences between the then Islamic Front for the Liberation of Oromia (IFLO) and now Front for Independent Oromia (FIDO), that he led, and the Oromo Liberation Front (OLF). He immensely contributed to the constructive resolution of existing differences in 2000, which proved conclusive. This was followed by the formation of United Liberation Forces of Oromia (ULFO), a coalition of all Oromo organizations at the time.

We in the OLF wish to express our deepest sorrow and convey our sincere condolences to the family, members of FIDO and the Oromo people and friends at large and renew our commitment to carry the struggle through for the cause to which he committed all his life. We call upon all Oromo nationalists not to be disheartened by the passing away of the great leader Jaarraa Abbaa-Gadaa but to follow him in their commitment, loyalty and honesty in working for our people’s legitimate cause and carry forward the struggle to liberation.

Victory to the Oromo People!

Oromo Liberation Front

March 4, 2013

———————————–

JAARRAA ABBAA GADAA KABAJAA GUDDAADHAAN YAADATAMA
(Du’aan Boqochuu Jaarraa Abbaa Gadaa ilaalchisee ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Hoggana qabsoo bilisummaa Oromoo hangafoota keessaa tokko kan tahe Jaarraa Abbaa Gadaa yeroo dheeraaf dhukkubsatee waldhaanamaa turee addunyaa kana irraa duáan boqochuun sabboontotaa fi firoottan Oromoo Oromiyaa keessaa fi ala jiran mara biratti gadda guddaa waliin dhagahame.

Seenaan Jaarraa Abbaa Gadaa eegalamuu qabsoo hidhannoo Oromiyaa baláa keessatti qooda murteessaa qabaachuun beekama. Qabsoo hidhannoo Baha Oromiyaa keessatti eegaluuf jecha fincila hidhannoo Kibba Baha Oromiyaa waliin tahee, sana biras dabruun hanga Soomaaliyaa fi Baha Giddu Galeessaatti gargaarsa qabsoo argamsiisuuf jecha sochii qabsoo obsa fixachiisaa geggeesse. Sana boodas Soomaaliyaatti deebi’ee waggoota shaniif manneen hidhaa Soomaalii keessatti hiraarfame. Hidhaa irraas gaafa bahu hawwii qabsoo bilisummaa Oromoo itti fufsiisuuf qabu dhugoomsuuf jecha hidhatee Baha Oromiyaatti deebi’uudhaan cichaa fi murannoo akkaan jabaa qabaachuu isaa mirkaneesse. Dhiibbaa fi hammeenya mootummootaa fi humnoota biroo godinaa kana keessatti isa irratti aggaammatamu hunda jabinaan qolachuuf, akkasumas, kaayyoo hanga daqiiqaa maayyiitti dhaabbateef galmaan gahuuf murannoon bara jireenya isaa guutuu agarsiise sabboontota Oromoo maraan kan yaadatamaa jiraatuu fi akka fakkeenyaatti kan fudhatamu.

Kana malees, dhaaba isaa kan duraan Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromiyaa (IFLO) jedhamaa turee amma Adda Walabummaa Oromiyaa (FIDO) jedhamu fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduutti mariin araaraa wayta geggeeffametti hoggana ilaa-fi-ilaameetti amanu tahuu isaa agarsiise. Bara 2000 keessa wayta garaagarummaa gurmuulee siyaasaa Oromoo gidduu jiru furuuf hojjetametti qooda jaaraa gumaachuu isaatiin yaadatama. Kunis jaaramuu agoobara Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa (ULFO) mirkaneessuuf gumaache.

Nuti akka Adda Bilisummaa Oromootti boqochuu hoggana hangafaa kanaatiin gadda gadi fagoo nutti dhagahame maatii isaaf, miseensota dhaaba FIDO fi ummata Oromoo biyya keessaa fi alaaf, akkasumas, firoota Oromoo maraaf wayta ibsinu, kaayyoo bilisummaa Oromiyaa Jaarraan hanga jireenya isaa maayyiitti qabsaayeef galiin gahuuf irbuu keenya haaromfachuu waliini. Sabboontonni Oromoo marti du’aan boqochuu hogganticha hangafa Jaarraa Abbaa Gadaatiin akka qalbii hin cabnee fi kaayyoo haqaa ummata keenyaa kan inni jireenya isaa guutuu wareegama kafaleef galiin gahuuf murannoo keessan akka jabeeffattan dhaamna.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Qabsaayaan ni kufa; qabsoon itti fufa!

Adda Bilisummaa Oromoo!
Bitootessa 4, 2013

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

One Response to THE COMMENT SECTION

  1. Walabummaa

    Mar 6, 13 at 9:33 pm

    Jarra Abba Gadaa will be remembered forever. For 50 years, he told the Oromo people to man up and stand up for their national rights. For 50 years, the Lencho group refused to fight and refused to stop working with the enemy.

    Today 40 million people are led by a clown in Asmara who is told about the death of a national icon by a lousy journalist. If Dawud does not have an advisor who gives him the “3AM CALL” before a journalist does, he must resign now.