Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Gaddaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Ilaalchisee – Xalayaa Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO

Posted: Bitootessa/March 5, 2013 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (2)

Oromiyaan mallatoo gotota bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa hangafa dhabde.

Soso’a qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti yeroo irraa yerooti jagnnooni, gootootni fi hayyootni dhimma saba isaanii kan waloof jecha gahee isaanii jireenya lubbuu isaanii baasan seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hedhuu dha. Seenaa saba Oromoo keessatti sabboontoota bilisummaa saba Oromoof labooba ta’anii ifanii lubbuu isaaniitiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoof tarree duraa irra uf dhaaban seenaa saba Oromoo fi kan isaanii adda baasuun hin danda’amu.

Gootota, jagnnootaa fi hayyoota akkanaa kana keessaa Jaal Jaarraa Abbaa gadaa saraara duraa irratti gootaa fi jagnna qabsaawuun uf mulidhiise.Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa qabsoo bilisummaa Oromoo hidhannoon falmuuf haalaan hamaa keessa darbuun Jaal dhukaasa qawwee banuun lola riphee lolaa baranee maqaa Adda Bilisummaa Oromootin hoggana qabsoo jalqabe. Mootummaan Habashaa humna qawweetiin malee biyya Oromiyaa salphaati akka gadii hin lakkiifne eega hubatee booda biyya oolaatti gadii bahuun barnoota riphee loltummaa ammayya barachuun Jaallan isa waliin hidhannoof uf qopheeysan waliin qaxaamura biyya Somaaliyaa keessaan biyya Oromiyaati osoo deemu mootummaa Somaaliyaatiin qabame hidhaa bara dheeraa booda lamada qawwee kaasuun lolee lolchiisuun jaganna fakkii hin qabne ta’uu isaa goota qabsoon mirkanneeyse. Jagnnummaa hiri’aa hin qabne kanaanis, Jaalala, kabajaa fi ulfina qabsaawoota biratti argachu bira darbee mallattoo qabsoo farra gabrummaa ta’eeti ilaalama.

Nuti, qaamni hogganna waloo, miseensootni fi deegarttootni Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO hardhaan tana du’a Jaal Jaarraa Abbaa Gadaaa yammuu dhageenyu gadda gaddaa oliitu nuti dhagahame. Gadda, gaddaa olii ta’uun isaas, Jaal Jaaraa Abbaa Gadaa uummataa fi biyya Oromiyaa kan umurii isaa guutuu falmeef ammallee mootummaa gabroomfataa Habashaa jala osoo jiranii addunyaa kana irraa galu isaati. Galii malattoon qabsoo keenyaa Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa osoo bakkaan gahuuf qabsaawanii dukkubsatanii biraa du’an kana bakkaan gahuuf kakuu kana dura seenne irra deebiine haaroomsuun tarsimoo kana bakkaan gahuuf ni qabsoofnna.

Maayyiirratti, Warra isaa, aantoota isaa fi ilmaan Oromoo maraaf obsa (sabrii) godhaa jechaa, goota gototaa olii fi mallattoo qabsoo keenyaatifis, (Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa) rabbiin haa araaramuuf jenna.

“Qabsaawwaan kufus, qabsoon itti fufa”

IUOf

Gurmuu Qabsaawootaa fi Miseensoota ABO

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

2 Responses in THE COMMENT SECTION

  1. Ittifufaa bilisumman

    Mar 5, 13 at 9:07 am

    Oromoo Hundumti Keessanuu Warri Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa dhabuudhaan Yuuraraajirtan Obsaan Isiniif Hawwaa. Qabsaawaa Kufamalee Qabsoon itti fufaa.Jarraan abbaa Gadaa Qama ( Lubbuu ) Isaanii Dhabne Malee Seenaan Isaanii Zalaalam ( Abadanitti )Jiraataa .SHEIK ABDULKARIM IBRAHIM HAMID ( Jaarraa Abbaa Gadaa ) Yoomiiyyuu Hin irraan fatamu Haga Oromiyaafii Oromiyaanonni Jiranitti. Jaarraa Abbaa Gadaa Waan Hedduu Hagana Hinjedhamne Ummata Keenyaaf Hojjatee A B O Nuuf Bu,Ureessee W.B.O Waraana Bilisummaa Oromootiin Gootummaa Oromoo Mirkaneessee Daadee Nafxanyaa Tan ummata Keenya QuqumsaaTurtee Ilkaan Shukkuume Habashaa Garaa Mrachiise Oromoofii Oromiyaa Irraa. JAARRAA ABBAA GADAA Amantii Islaama Tan tuffatamtee Ethiopia Keessatti Ummata keenyaan Wiliin Ukkaamamte Akka Amantiin Teenya Nuuf Kabajamtuuf Karaa bareedaa Fuuladuraaf Dhabeela ( Asaasa ) Lafa Nuufkaayee Seenaa Badiinqabnee Baayyee Nuf hojjate Jaarraa Abbaa Gadaa Galanni isaa Jaannataa Qabsoo Inni Jalqabe Bakkaan Geennaa Galatoomaa Oromiyaan Nibilisoomti

  2. Abdi Bilisummaa

    Mar 13, 13 at 3:16 pm

    I felt great saddness when heared news on VOA,the passingaway of great Oromo leader,father of OLF& the then IFLO leader.May Allah/Oromo waqa put his soul with peace in jannah/heaven.heroes like him will live in the heart of Oromo people & unforgotable for ever. he left thisworld leaving 1000’s,millions of his footfollowers behind him.so,shall achieve his motto!!!!!!!!!