Gadaa.com Comments (5)
Gadaa.com

Labsa Guyyaa Gootota Oromoo – Adda Bilisummaa Oromoo

YAADANNOO GUYYAA GOOTOTA OROMOO

Ebla 15, 2013

Gadaa.com
Yaadannoon gootota qabsoo bilisummaa Oromoof osoo qabsawanii wareegamani kan barbaachiseef waan aadeeffatame qofaaf osoo hin taane guyyaa kana seenaa qabsoo dheeraa ummatni Oromoo of dandamachiisuuf geggeesaa jiru kabajaa fi boona guddaan kan itti yaadannu dha.

Guyyaa har’aan tana kaneen qalbii keenya keessatti yaadannu gootota ilmaan Oromoo yeroo biyyii keenya Oromiyaan harqoota kolonii jalattii kuftee eegalee lubbuu isaanii qaalii wareegan tau irra deebinee of yaadachiissuun dirqama.

Guyyaa yaadannoo goototaa Oromoo bakka argamnu marattii waligurmeessuun haa tau akka nam tokkeettii kaneen yaadannu fakkeenyaaf: dhuma jaarraa 19ffaa keessa yeroo koloneeffataan Habashaa gargaarsa baar-gamaatiin humneeffamee biyya keenya weerare ilmaan Oromoo kumaatamaan wareegaman, galmee seenaa keessatti kan argamu, bara 1928- 1948 keessa fincila Raayyaa, 1964 -1970 keessa fincila Baalee, ijaarsa Maccaa fi Tuulama keessattii, fi bara 1970ta irraa eegalee qabsoo bilisummaa ABOn fi sabboontota biraan geggeeffamaa turee fi jiru keessatti wareegaman mara.

Yeroo dhihoo as kanneen lafee fi dhiiga ilmaan Oromoo aarsaa godhanii impayera Itoophiyaa keessatti aangoo ittiin qooddachuuf tattaafatan heddummaachuun kan nama gaddisiisu. Haa ta’u malee hundinuu kan hubachuu qaban Oromoon impayera ijaaruu hin qabu. Qabsaawootni dhugaa impayera diiganii awwalchaa isaa irratti Oromiyaa walaba taate ijaaranii iggitii itti gochuu dha.

Ergamni keenya har’aan tana lubbuun jirru bu’a harcaatuuf jecha dhuga awwaaluu miti. Gaafatamni seenaan nu irraa eegu gucaa bilisummaa jaallaan keenya nu biraa kufan qabsiisan ol kaafnee qabsoo galamaan gahuuf waada keenya haaromsuu dha. Kanneen Oromoo gananii gara Itoophiyaa qaxaamuran martinuu ammaa illee irra deeb’ianii qalbi ofii akka qoran yaadachiifna. Wareegama bilisummaa Oromoof kafalame gurguratuun fafa jenna.

Akkasumas kanneen qabsoo bilisummaa geggeesina jedhan hundinuu guyyaa yaadannoo qofa kabajuu miti. Qabsoon maal akka gaafatu beekanii tokkuummaan qabsaawoota Oromoo akka dhugoomu hojiin argisissuun dirqama oolee buluu hin qabne. Keessaa ammoo dhaaba ABO deebisanii kaayyoo xaliilaa jalattii tokkoomsuu fi humneessuun kan yeroon itti kennamu miti. Ummatni Oromoo illee kan nu irraa eegan lallaafuu osoo hin taane of kenniinsaa fi qaroominaan qabsoo finiisuu dha.

Guyyaa goototaa kana diina biyya keenya bortaan qabatee lafee nu qorqaa jiru kan yaadachifnu yoo jiraate wareegama fedhe illee yoo gaafate qabsoon bilisummaa Oromoo kan duuba deebi’u akka hin taanee dha. Seenaan mootummaa koloneeffattuu Habashaa kan utubame seenaa fokkataa, mirga dhala namaa sarbu, ummata lafa irraa buqqisuu, aadaa rorroo fi cunqursa ummata irratti geggeessuu, aadaa ajjeechaa fi hidhaa, aadaa uummata lafa irraa daguuguu fi hidhaa qalbii waan ta’eef wareegama kamuu haa gafatatu malee of irraa buqqisuuf yoom illee qophii tanee argamna.

Seenaan Oromoo seenaa gootummaa ti. Seenaa kabajamaa gootowwan kufan nu dhaalchisan akka hin daganne irbuu keenyaa ni haaromsina. Qabsoo bilisummaa ittifufuudhaan mirgoota hanga ammaa dhiigaa fi lafeen argamsiifne ni ittifna, daangaa Oromiyaa dhiigan ni kabajchiifna, Oromiyaa bilisoomte dagaagsinee kabajaa ummata keenyaaf malu ni gonfachiifna. Qabsoo keenyaan kaartaa fi seenaa adunyaa haarayaa kan biyti walba taate Oromiyaa jedhamtu keessatti beekamtu akka dhugoomtu ni mirkaneessina.

Haraan tana guyyaa goototaa yeroo yaadannu amma illee kutannaa fi kaayyoo jaallan keenya itti wareegaman osoo hin sharafin qabannee qabsaawaa jirra. Kaayyoon ilmaan Oromoo itti wareegamanis Oromiyaa walaba taate deebifnee argamsisuuf malee Itoophiyaa dimokraatessuuf hin turre, miti ille. Qabsaawootni Oromoo fi ummatni Oromoo martinuu qabsoo haqaa Oromoon mirga guutuu itti qabu haguuguuf kaneen wixifanna maayyiitti jiran akka jiran dagachuu hin qaban. Gochaan warra nyaaphaa fi uggumanni kun qroomaan dura dhaabbatamuu qaba. Dura dhaabbatuu qofa osoo hin taanee kaayyoo galmaan gahuuf tattaaffii keenyaa dachaa ol haa kaafnu.

Bilisummaan dhiigaan malee hin argamu. Addii Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessaa ammas qabsoo ummata Oromoo qindeessuuf dirqama ofitti fudhatee fi irbuu seene kabajuudhaan hanga maayyiitti wareegama barbaachisu kafaluudhaan dirqama kan galmaan gahuuf ni qabsaawa.

Guyyaa yaadannoo kana sababfachuudhaan ummatni Oromoo martinuu qabsoo kana cina akka dhaabattan kabajaa lammuummatiin waamicha isiniif goona.

Qabsaawootni ABO bakka adda addaatti argamtan martinuu ABO deebifnee dhinsuuf sochii jalqabnee jirru fiixa baasuuf kka of qusannoo malee carraaqnu cimsinee isin yaadachiifna.

Mooraa qabsoo bilisummaa keessatti kan argamtan martinuu tokkuummaan dhugaa humna tau hubatuun marii tokkuummaa eegalamee jiru milkiin akka xumurannuu hawwiin keenya guutuu akka ta’e ABOn irra deebi’ee addeessa. Kanuma dhugoomsuuf yaaliin itti jirrus abdachiisaa fi ijaqabeessa tahuu ummata keenya kan nu eegaa jiruuf mirkaneessina.

Guyyaan gootota Oromoo bara baraan ni jiraata!
Oromiyaan ni bilisomti!
Injifannoo ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

5 Comments

  1. Adde Siinbone said,

    April 16, 2013 @ 8:29 pm

    Moraa qabsoo ABO debisanii cimsanii ijaaruuf ummata oromootiif waaamichi godhame kun heddu heddu kan nama gammachisu dha. Kan ABO cina dhabbatee ummata oromoof qabsaa’uu hinfeenee “Shexana” duwwaa dha. Ani karaa koo abdii kutadheen ture. Amma garuu abdiin koo daraaree jira. Kan ta’uu qabu kana. Kana gochuuf immo toftaa ittiin adeemtan hareeffachuun barbaachisaa dha.
    Yaadan qabus isiiniif hirun barbaada. Kunis:-

    1. Dhalootni haaraan humna cimaa waan ta’eef, akkasuma bor qabsoo isin harkaa fudhee fulduratti adeemu waan ta’eef akka fincilanii fi dagaa darbatan ajajja itti kennu duwwaa osoo hintaane, naanoo hoggansaati dhaloota haraa “dargagoota” hirmaachisuu, yaada isaanii namusaan dhageefatanii iraa fudhachuu fi mariyachiisuun gaafii kan hinqabne dha. Shakii tokko malee dargatotnii Oromiyaa kessa jiraatan yoo isin dadhabdan ille karaa isin itti agarsiistan irra demudhaan Oromiyaa bilisomsuuf dandeettii fi humna akka qaban abdii guttuu issaan irrati waanan qabuuf jechan kana jedha.

    2. Hayyota, Mangudoota, Beektota fi Saba Oromoo waliin marii gochuun adeemsa kessan kessat eddo ha qabaatu. Rakkoo isin mudatu ummata keessani waliin mariyatanii hikuuf of qopheesaa. Furmaatni saba bira jira.

    3. Kaayyoo keessan bakkaan ga’uuf yaroo hinkeeninaa. Waan gidduuti dhalatu hinbeekaniiti.

    4. Yoo dadhabdaan karaa irra buusaatii dhalootati dabarsaa. Bor dhalootni akka itti isin hingaafatneef.

    5. Arsaa isiin kafaltaniif kabajaa kana hinjedhamneen qaba.

    Galatni keessan bilisummaa haata’uu.

  2. hawwinee barii said,

    April 17, 2013 @ 11:00 am

    It is an inspiring and embolden statement. I have taken the massage of this statement in full and promise to translate into action. Thanks OLF!

  3. hawwinee barii said,

    April 17, 2013 @ 11:16 am

    Leencoo Lataa should not waste people’s time. If you really believed in the sacrifices of our gallants, why did you run away from the field leaving behind the army you organized to fight and supposed to command to victory ? Your tears about our martyrs is just a crocodile tears and meant to get political benefit from this day. Leencoo is in a total credibility deficit he can never close for the rest of his life because he has been a master of double speaking and crisscrossing. No oromo in his right mind and thinking can believe a word of your speech. You have already committed political suicide and the deficit of honesty you are in can never be erased from the mind of the current generation and the generation to come. The political program of you organization is the program that is aimed at making the sacrifices of my elder brother meaning less. My brother martyred not to keep Oromo under Ethiopian unity but to unshackle them from century old Ethiopian colonial yoke and cannibalism to bring total independence for Oromia. Leencoo, for Gods sake, please, do not insult the intelligence of Oromo people.

  4. mohammed abdu said,

    May 6, 2013 @ 9:58 pm

    Bilisummaa Eenyuu hin Jibuu haga sabnii oromoo bilisoomee oromiyaa kessatii mirga abbaa biyuummaa isaa kabachisuu tii Qabsoon ittii fuufa Qabsoo bilisummaa oromoo galmaan gahuu dhaaf ammoo tokkummaan barbaachisaa dha kanafuu hayyoonnii oromoo fi Hooggantoonnii QBO Ittii gaafatama Seenaa Jaallan wareegamanii fi Ummata oromoo Lubbuun Jiruu Jalaa bararuu dhaaf Atatamaan OTOO yeroo ittii hin fudhannee waliitii dhufanii Ilaa fii Ilaameen Rakoo qabaan waliin hiikkachuu qaban wal malee maal qabna yaa oromoo

  5. Chalchisa Soboksa said,

    May 9, 2013 @ 5:26 am

    Eyyeen warreen akkana hojii boonsaa hojjatan dhiifnaan kunoo Habashaan asii hattuu fi gantuu faarsiti mitii. Nutimmoo gootota kanneen siidaa bara baraa onnee keenya keessatti ijaaruufii qabna.