Gadaa.com
Gadaa.com Comments (10)

Baay’inni Ummata Oromoo 400,000 – 2,000,000 Hin Caalu Jedha Geetaachoo Raddaa

Malkaa Caffee Irraa*

Gabrummaa fi cunqursaa dabalatee rakkinaa fi gidiraa dhala namaa irra gahaa turee fi jiru hundaaf sababootaa fi maddeen gurguddoo tahan keessaa tokko ofittummaa dhala namaa kan daangaa hin qabnee dha. Osoo ofittummaa dhala namaa isa daangaa hin qabne kana dhabamsiisuun danda’amee, addunyaan dhala namaa hundumaaf iddoo jireenya jannataa fi qananii tahuu ni dandeessi. Waa’een kanaa hedduu bal’aa fi gadi fagoo, kan kitaabban hedduun irraa barreeffamuu danda’an waan taheef, isa hanganumatti dhaabee gara yaada ijoo barreeffama kiyyaatti dabruun filadha.

Ummatni keenya (Oromoon) humna Habashootaa kan gargaarsa Warra Adii (Warra Baar-gamaa) argateen mohatamee gabrummaa jalatti kufuun seenaa gaddisiisaa tahu illee, seenaan gaddisiisaan akkasii baasa addaa kan Oromoo qofa mudate miti. Ummatootni Addunyaa kanaa irra hedduun isaanii jaarraa hedduudhaaf alagaadhaan gabroomfamanii akka turan seenaan ragaa baha waan taheef. Haa tahu malee yeroo ammaa Impaayera Itoophiyaa irraa kan hafe addunyaa bakkoota kaan hundatti waa’een gabrummaa/colony seenaa tahee dabree jira. (waa’ee gabrummaa harka wayyaa jalaan ykn. Indirect Colonial System yoo dubbanne malee jechuu dha.) Impaayerummaan Itoophiyaas qabsoo diddaa gabrummaa ummatoota gabroomfaman (keessattuu Oromoo) irraa isa mudateen akka maleetti madaawee jal-bultii dhabamuu/awwaalamuu isaa irra gahee akka jiru dhugaa dirreetti mul’atuu dha.

Bilisummaa, Nagayaa fi Mirgoota Dimokiraasii Oromoo fi ummatoota Impaayera Itoophiyaa keessatti hidhamanii jiran hundumaa gonfachiisuuf guutummaatti dhabamsiifamuun sirna Impaayera Itoophiyaa fala tokkicha filmaata biraa hin qabnee dha. Waan taheef dhabamsiifamuun Impaayerummaa Itoophiyaa sabaa fi sab-lammoota achi keessa jiraataniif gammachuu guddaa fi abdii hegeree jireenya isaanii ti. Nam-tokkee fi murnoota dhukkuba ofittummaa dhala namaa kan daangaa hin qabne olitti jennu kanaan dhibamanii rakkataniif garuu, waa’een dhabamsiifamuu sirna Impaayerummaa kun hedduu rifaasisaa, yaaddessaa fi gaddisiisaa qofa osoo hin taane akka waan Jireenyi Addunyaa kanaa dhumachuuf deemuutti fakkaatee itti mul’ata. Waan taheef waa’ee qabsoo bilisummaa Sabootaa (keessattuu waa’ee QBO fi Oromummaa) arguu fi dhagahuun eebicha daran itti hadhaawa. Akeekni barreeffama gabaabduu tanaa nam-tokkeewwan akkasii keessaa tokkoo lama maqaa dhawuudhaan eenyummaa isaanii namuu hubatee sochii fi gochaa diigaa isaanii akka jala bu’ee hordofu akeekuu dha.

Namootni barreeffamoota dhimma QBO ilaalchisuun marsaalee interneetii adda addaa irratti mamaxxanfaman hordoftanii dubbistan akkuma quba qabdan, dhihoo kana namni maqaan isaa Dr. ‘Fiqiree’/Fiqiruu Tolossa jedhamu dhimma ODF wajjin wal qabsiisee Dr.Bayaan Asoobaatiif xalayaa tokko barreessuu isaa ni yaadattu. Barreeffama nama sanaa akkan dubbisee hubachuuf yaaletti qabiyyeen isii tan akkaataa itti of ajjeesan ODF gorsitu dha. “Akkan beekuttin of ajjeesa jette jaartiin haada miilatti dhawattee jalalii garbuutti of hiitee.” Isa jedhan tokko dhageessanii jirtuu laata? Baatiilee muraasa dura dhaabni maqaa ODF jedhuun ijaarame bu’uuressitoota isaa keessaa hangi xiqqoon tokko namootuma bu’uuressitoota ABO turan tahuu fi kaayyoo ABO duraan ittiin masakamaa turres dhiisnee/lagannee jirra jechuun isaanii yeroo dhagahame mooraan humnoota Habashaa kanneen Impaayerummaa Itoophiyaa tiksuuf carraaqanii gammachuudhaan guutame. Tarkaanfiin hoogganoota QBO duraanii keessaa gariin isaanii ODF dhaabuudhaan fudhatan kun hiikaan isaa haada mormatti dhawatanii of fannisuu/ajjeesuu dha jedhanii waan hubataniif gammadan. Maaltu itti aana? (maaliin gadi bahan?) jedhanii oggaa hordofan garuu, jarri maqaa dhaabaa haaraa baafachuu malee Qubee, Alaabaa, Oromiyaa, Jecha Itoophiyaan Impaayera jedhu……kkf. amma iyyuu gadi hin lakkisne jechuu hubatan. Yeroo kana isaan keessaa tokko (‘Fiqiree’/Fiqiruu Tolossa) aaree “Duuba of ajjeesuun yoom akkanatti taate? Kuni hoo mammaksuma jaartii isa “Akkan beekuttin of ajjeesa.” Jedhu sana fakkaattee.” Jedhee lafaa ka’e. “…..Waan akka Qubee, Alaabaa, Oromiyaa….fi kkf sun gaarii mitii sana sana of irraa dhiisaa, of ajjeesuun akkasitti dafee dhugooma waan taheef…” jedhee Dr.Bayaaniif (maqaa kiristinnaa Bayyanaa Suubaa jedhu waliin) barreessee ergeef.

Daandii hantuutni baaste irra bofti mana namatti seena.” moo maal? Akka jedhamu (Mammaaksa kana dagadheeraa yoon dogoggore warri beektan na qajeelchaa) xalayaan Dr. Fiqiruu kan akkaataa of ajjeechaa ODF gorsu kun, hundeeffamuu ODF sababsatee Dr.Bayaaniin riqicha godhatee haa dhufu malee, kan inni ajjeesuuf irratti xiyyeeffatu Oromummaa fi QBO tahuun isaa sab-boontota Oromoo jalaa waan dhokachuu danda’u waan hin taaneef sab-boontota ilmaan Oromoo bakka adda addaa jiran irraa dheekkamsaan qolatame. Yaadota bifa kanaan sab-boontota Oromoo irraa darbataman keessaa tokko kan namni maqaa isaa Y.Jamaal (B.B) jedhamu Amaarinyaadhaan barreessee dha. Xalayaan Y.Jamaal (B.B) kun ammoo namoota Habashaa kan Dr.Fiqiruu Tolossa waliin ejjennoo fi ilaalchaan wal fakkaatan hedduu aarsitee jibbaa fi hammeenya garaadhaa nuuf qaban akka bulgaafataniif gumaachite. Kanneen akkanatti jibbaa fi hammeenya garaadhaa nuuf (Oromoof) qaban bulgaafatan keessaa tokko nama Geetaachoo Raddaa jedhamu dha.

Barreeffama Geetaachoo Raddaa kan barreeffama kiyya kanaaf ka’umsa tahe guutuu isaa xumura barreeffama kiyyaa kana jalatti kaa’ee waanin jiruuf dubbisuu dandeessu. Sana dura garuu, yaadaa/ilaalchaa fi ejjennoo namni kun QBO fi walumaagala dhimma Oromummaa irratti qabu kan barreeffama isaa kana keessaan ifatti mul’atu ilaalchisee waan natti dhagahamu xiqqoo jechuun fedha.

Namni kun (Geetaachoo Raddaa) akka barreeffama isaa armaan gadii kanaa fi kanneen biroo inni amma duras yeroo adda addaatti barreessu irraa hubatamutti waa’een sab-boonummaa Oromummaa fi QBO nama kamuu caalaa isa waan yaaddessee fi hirriba dhorke fakkaata. Dhugaa kana caalaatti hubachuuf barreeffama isaa armaan gadii kana qofa osoo hin taane waan namni kun yeroo adda addaatti barreessaa turee fi jiru warri quba hin qabne hanga isiniif danda’ame barbaaddanii (‘search’ gootanii) akka dubbistan gadi jabeesseen isin gaafadha.

Leellistootni sirna Impaayerummaa Itoophiyaa hedduun Oromummaa fi QBO irraa yaaddoo fi sodaan qaban maali? Gaaffii jettuuf namootni hedduun “Ejjennoo ABO isa Walabummaa Oromiyaa ykn. ‘Oromian Independence’ gaafatu sana qofa waan jibbaniifi.” Jedhu. Waan namtichi kunii fi fakkaattotni isaa hangi tokko yeroo adda addaatti barreessan irraa akka hubatamutti garuu, wanti jarri mormuu fi dura dhaabbatu guutummaadhuma jireenya Sabummaa Oromoo (Oromummaa) dha malee ilaalcha siyaasaa (ideology) waliin hidhata hin qabu. Fakkeenyaaf Dhaabotni Siyaasaa Oromoo biyya keessatti Heera Wayyaanee jalatti gurmaawanii sosso’an kanneen akka OFDM fi ONC (yeroo ammaa OFC tahanii jiru) gaaffii walabummaa/’independence’ Oromiyaa kaasanii hin beekan. Jibbiinsi hadhaawaan namni Geetaachoo Raddaa jedhamu kunii fi fakkaattonni isaa jara sanaafis qaban garuu kan ABOf qaban irraa homa takka adda addummaa hin qabu. Osoo mormiin jiru ilaalcha siyaasaa irratti hundaawa tahee silaa Dhaabotni siyaasaa Oromoo kan Kaayyoo fi Galii siyaasaa gara garaa qaban hundi bifa tokkichaan akkamitti mormamu?

Itoophiyaan Impaayera (Mana hidhaa Sabootaa ti). Saboota achi keessatti gabroomfamanii/hidhamanii jiran keessaa tokko Oromoo dha. Kanaaf nuti (Oromoon) akka Sabaatti sirna Impaayerummaa kana jalaa of walaboomsinee mirga Sabummaa keenyaa guutuu gonfachuu feena jedhee Oromoon of ijaaree falmachuun yoo cubbuu dha jedhamee mormame,

Lakkii Itoophiyaan Impaayera mitii, Nuti hundi walumaanuu Itoophiyaanota, Garuu akkuma lammiiwwan Itoophiyaa hundaa nuti Oromoonis tokkummaa Itoophiyummaa jalatti sabummaa keenyaan of gurmeessinee mirga polotikaa keenyaaf falmachuu feena jedhanii Oromummaadhaan ijaaramuunis yoo sanumaan qixa cubbuutti fudhatamee mormame,

Nam-tokkees tahe murni filmaata armaan olii lachuu Oromoof hin quudhineef Oromoon maal akka tahu barbaada??? Nam-tokkeewwan ejjennoo akkasii qaban, kan Oromoodhaan “Nu waliin jiraattees nuun qixa mirga polotikaa gaafachuu hin dandeessu, Nu irraa bilisoomuus hin dandeessu…” jechaa jiran keessaa tokko nama kana (Geetaachoo Raddaa) ti. Kun yaadaa fi ilaalcha maal irraa maddu? Wallaalummaa?, Of-tuulummaa?, Ofittummaa?, Maraattummaa?? Wanti namni kunii fi fakkaattotni isaa qaanii tokko malee ifatti dubbachaa jiran “Oromoon Oromummaadhaan ijaaramuu hin qabu.” ejjennoo jedhuu dha. Polotikaas tahe dhimma kamiifuu Oromoon eenyummaa Sabummaa ofii irratti hundaawee gurmaawuun jarreen akkanaa biratti akka cubbuu ol’aanaatti fudhatamaa jira. Garuu maaliifi ? Oromoon akka sabaatti ijaaramee aangoo polotikaa sadarkaa sabummaa isaatti isaaf malu yoo gonfate kuni rakkina maalii fida jettanii dura dhaabbattu? Jedhamanii yoo gaafataman deebisaan amansiisaan isaan kennuu danda’an jiraa? Dhukkuba ofittummaa dhala namaa daangaa hin qabne jennuun dhibamanii “Ana Malee!” jechuu irraa yoo tahe malee sababaan amansiisaan isaan ejjennoo isaanii kanaaf dhiheessuu danda’n gonkuma hin jiru.

Qabsoon nuti gaggeessaa jirru (QBO) hundeen isaa bilisummaa ummata keenyaa (Oromoo) haa tahu malee gaafa galma isaa gahu itti bahi (result) xumura isaatii ummatoota ollaa Oromoo jiraatan hundumaaf bilisummaa, nagayaa fi dimokiraasii argamsiisuu keessatti qooda ol’aanaa qabaata jedhamee amanama. Hawwiin keenyas ofii keenyaa fi ummatoota ollaa keenyaa qofa osoo hin taane dhalli namaa hundumtuu bilisummaa fi nagaya keessa akka jiraatuu dha. Ummatoota hegeree gaarii akkasii hawwinuuf keessaa tokko ummata Amaaraa ti. Gitni bittuu Habashaa kan jalqaba sirna Impaayerummaa Itoophiyaa gadi dhaabe gita bittuu ummata Amaaraa kana keessaa bahe yoo tahe illee, Qabsoon Bilisummaa Oromoo fi ABOn, Bilisummaa fi nagaya, akkasumas, jireenya sabummaa Oromoof gufuu fi yaaddoo kan tahe sirna Impaayerummaa Itoophiyaa dhabamsiisuu irratti qiyyaafachuu malee, takkaa ummata Amaaraas tahe ummata kamiinuu jimlaatti diinomsatee ykn. akka ummata koloneeffataatti ilaalee fi ramadee hin beeku.

Namni kun (Geetaachoo Raddaa) garuu ABO fi QBO qofa osoo hin taane walumaa gala Oromoonii fi Oromummaan akka waan diina ummata Amaaraa tahaniitti dhiheessuuf yaala. Ofii isaa ammoo akka waan Ummata Amaaraaf waardiyyaa dhaabbateetti of dhiheessuu yaala. Har’a ummatni Amaaraa fi Oromoon ummatoota ollaa walii fi wal keessas qubatanii jiraachaa jiranii dha. Hariiroon ummatoota kana lamaanii inni dabre tolaa fi hamaan isaas seenaa dha. Isa tolaa isaatti dhimma bahanii isa hamaa godaannisa isaa dhinsuudhaan ummatootni kun bilisummaa, nagayaa, kabajaa, jaalalaa fi wal-qixxummaadhaan yoo tole/danda’ame waliin yookaan ollummaa gaariidhaan akka jiraatan taasisuun seenaa dhalootni har’a jiru dalaguu qabu dha. Nam-tokkees tahe jaarmayaan ykn. murni kamuu ummata isa tokkoof waan dhimmamu of fakkeessaa kan ummata isa kaanii garuu mirga qofa osoo hin taane jireenya isaa iyyuu kan haalu yoo tahe namni, jaarmayaan ykn. murni sun diina/farra ummatoota lamaanii qofa osoo hin taane bilisummaa ummatootaa fi nagaya naannawa kanaa hundaaf inni farra/gufuu dha.

Jireenya Oromummaa haaluu fi xiqqeessuuf ‘formula’n Geetaachoo Raddaa itti gargaarame hedduu nama kofalchiisa. QBO hangam akka isa yaaddessee fi gara maraachuutti isa oofaa jirus namatti agarsiisa. Akka cuunfaa ‘Formula’ isaatti Oromoon kan lakkoofsi isaa akkana baay’ateef ummatoota biroo lolaa fi haala adda addaan ofitti dabalee Oromeessee Afaanii fi aadaa isaa barsiiseeti. Dhiirti Oromoo tokkichi niitii hedduu (kan lakkoofsa hin qabne) fuudhuudhaan, ilmaan hedduu (dhibbafaa) garayyuu walitti haree guddifachuudhaani. Haalli kun yeroo dheerina keessa warra dhiiga Oromoo qulqulluu qaban xiqqeessaa deema. Kanaaf har’aan tana ummata Oromoo jedhamee Afaan Oromoo haasawu keessaa osoo lakkaawamee Oromoon qulqulluun 1-5% irraa gadi taha.

Lakkoofsa keenya kan Geetaachoon nuuf tilmaame kana baay’ina lakkoofsa Oromoo kan yeroo ammaa 40,000,000 ol taha jedhamuun oggaa herregnu 400,000 – 2,000,000 jechuu dha. Hangumti kun jiraachuu keenya amanee nuuf quudhuu isaatiifuu haa galatoomu akka hin jenneef ammoo afaanuma kana jedheen itti fufee akkas jedha: “…I would be surprised if there is any Ethiopian oromo who claims 100 % pure oromo ethnicity,….” Hiikaan isaa: “Yeroo ammaan tanaa Itoophiyaa keessaa namumti tokko kan ani Oromoo qulqulluu dha ofiin jedhu yoo argame hedduun raajeffadha.” Kkkkk. Amma namni akkanatti haasawu kun maraatuu moo fayyaa dha jettu?

Saayinsii hawaasummaa dhala namaa, argaa-dhageeytii fi seenaadhaan akka hanga ammaa beekamutti ummatni tokko ummata isa irra guddaa taheen liqimsamee achi keessa dhabamuun ni jira. Akka Geetaachoo Raddaa amma nutti himutti ammoo Ummatni guddaan tokko ummata isa irra xiqqaa liqimsee kanuma ofii liqimse kana keessa badee dhabamuunis ni jirti.

Kan nama raaju, namni tokko yaada maraattummaa akkanaa barreessee maxxansuu isaa miti. Maraataan tokko dhagaa fi eeboo gabaa walakkaatti darbachaa fi manneen guggubaa yoo deeme nama hin ajaa’ibu. Garuu akkana gochuu irratti yoo deggertoota/tifozo qabaate dhimmichi dhimma biraa (kan maraattummaa caalaa hamaa) taha. Yeroo yaadni jallaan eenyuufuu hin tolle akkanaa mooraa Habashootaa keessaa dhagahamu, isaanuma keessaa ka’ee “Lakkii kun nuufis tahe eenyuufuu hin toluu dhaaphu!” jedhee kan sagalee isaa dhageessisu arguu dhabuun hedduu nu yaachisuu qaba. Nama kana qofa ammoo osoo hin taane namootni akka Prof. Geetaachoo Haile, Prof. Mesfin Weldamariam, Dr.Birhaanuu Naggaa, Andaargaachoo Tsigee….fi wkf. Hedduun yaadumaa fi ejjennoo fakkaataa kanaa akka qaban yeroo adda addaatti kitaabban, media fi wal-tajjiilee adda addaa irratti argaa fi dhagahaa jirra. Kan namoota maqaa dhawaman kanaas tahe kanneen ammaaf maqaa isaanii hin dhawin hundaa irratti ragaa dhiheessuun yoo feesise gara fuul-duraatti hunda tokko tokkoon dhiheessuun ni danda’ama.

Oromoon sabummaa isaatiin ijaaramee mirga polotikaa hanga har’aatti sarbame falmachuun isaa maaliif jarreen akkanaa biratti akka cubbuutti fudhatamee mormama? gaaffii jettu irraa ka’uudhaan gaaffiilee bu’uraa jajjaboo nuti of gaafannee deebisaas itti kennuu danda’uu qabnutu jiran. Isaanis:

1) Dhuguma QBO fi Oromummaan akka jarri kun ibsanitti waan hammeenyaan deemanii fi ummatoota Oromoo hin tahiniif yaadessoo ykn. sodaachisoo dhaa? Dhugumattuu waan jibbamnuuf fi waan sodaatamnuuf ykn. waan ummatootni biraa nu irraa yaadda’aniif qabnaa?

2) Lakkii nuti waan jibbamnuuf hin qabnuu, namoota alagaa olola nu irratti oofan kanneentu hammeenyaa fi ofittummaa mataa ofii irraa ka’uudhaan nu jibbee olola nu irratti oofaa? Yoo akkasii namoota alagaa kan haqa keenya (haqa qabsoo ummata keenyaa) nuuf hubatee nu bira goruudhaan warra yaada maraattummaa akkanaatiin olola dharaa nu irratti oofu kana of irraa faccisuu irratti nuuf tumsu hangam qabna? Habashootuma keessaas taanaan namootni yaadaa fi ejjennoo haqa irratti hundaawe madaalawaa (rational) qabaachuudhaan haqa qabsoo bilisummaa ummata keenyaa irratti nuuf quudhan maaliif mul’achuu dadhaban?

3) Nu warra bilisummaa Oromoof qabsoofnutu haqa QBO alagaa fagoo fi dhihoo hunda biratti hanga malu beeksifachuu irratti (hojii diplomacy) homaa hin hojjetinii? Oromummaa ittisuu irratti malee Oromummaan orma biratti akka karaa qajeelaa taheen fi bal’inaan hubatamuuf Oromummaa beeksisuu/dhaadhessuu (Advertise gochuu) dadhabnee? Dhalli Oromoo hundi bakka jiru hundatti gaaffii isa kana jabeessee of gaafachuudhaan deebisaa isaa irratti hojjechuu qaba. Waa’ee keenya, waa’ee ummata keenyaa fi waa’ee haqa QBO bakka geenye hundatti nama hundatti beeksisuudhaan hubannoo qajeelaa, deggersa, mararfannoo fi jaalala akka nuuf horatan gochuun hojii qabsoo hedduu barbaachisaa dha.

4) Lakkii kanneen asii olii hundi sababa mitii, hariiroo humnoota Habashaa (Itoophiyummaa) fi humnoota QBO gidduu ilaalchisee haalli deemaa turee fi jiru kun waanuma tahuu male ykn. aaduma/normal dha.

Akeekni ani barreeffama kana dhiheessuuf, gaaffiilee armaan olii of gaafannee, deebisaa isaaniis bilchinaa fi bayyanootaan itti barbaadnee, diinaa fi fira, gufuulee fi haallan mijjatoo jiran hunda sirriitti addaan baafachaa, waan gochuu qabu yeroo isaatti gochaa tarkaanfachuun  barbaachisaa akka tahe akeekuufi. Kanatti dabalee, hammeenya hammeenyumaan, arraba arrabumaan, jibbas jibbumaan deebisuu hin qabnu kan jedhu ejjennoo kiyya gadi jabeessee ibsachuun fedha. Sun aadaa keenya miti. Guddinaa fi qaroominas miti. Milkaawina QBO shaffisiisuuttis hin gumaachu. Nuti dhukkuba ofittummaa dhala namaa isa daangaa hin qabne kan madda rakkinoota addunyaa isa guddaa tahe irraa jabeessinee of eeguu qabna. Aadaa wal dhageeytii fi wal kabajuu, hoodaa fi safuu dhala namummaa fi aadaa dimokiraatawaa sirna Gadaa keenya durii deebisnee dagaagfachuuf yaaluu qabna. Yoo akkas goone goone akeeka eebbifamaa QBO dafnee galmaan gahuu dandeenya. Gaafa sanatti milkoofne ammoo, of bira dabarree, warri dhukkuba ofittummaa dhala namaa daangaa hin qabneen dhibamanii rakkatan illee dhibee kana irraa akka fayyaniif qooda ol’aanaa nu irraa eegamu gumaachuudhaan isaan wal’aanuu dandeenya.

Xumura:

Akka hubannaa kiyyaatti, yeroon ammaa yeroo sab-boonummaan Oromummaa fi QBO bifa gara garaatiin humna dambalii callisaa fi dhokataa taheen suuta suuta humnaa fi shira diinota isaa liqimsee irra aanaa jiruu dha. Dambaliin galaana QBO ariitii akkamiitiin akka isaan irra gara galaa jiru nu caalaa diinota keenyatu dafee arga. Rakkinoota xixiqqaa mooraan QBO keessa ofiitti qabus nu caalaa isaan warra ala irraa as ilaalutu hubata yoo jenne soba hin tahu. Kanaaf:

a) Jeekkaraa fi waywaatni isaanii QBO sadarkaa duubatti deebisuun hin danda’mne irra gahuu fi Oromoon jal-bultii Bilisummaa isaa dhaqqabuu arguu irraahi.

b) Dhugaa dirreetti mul’atu amananii osoo itti hadhaawuu liqimsuudhaan gochaa shiraa fi diinummaa irraa abdii kutachuu didanii hanga maayyiitti wixxifachuun ammoo rakkinoota xixiqqoo mooraa QBO keessatti mul’attutti dhimma baanee hanga dandeenyu gufachiisuu qabna jedhanii murteeffachuu irraa tahuu danda’a.

Yaadaa fi ilaalcha, akkasumas, ejjennoo siyaasaa hammeenyaan guutame akkanaa (kan bilisummaa, nagayaa fi hariiroo ummatootaa irratti miidhaa fi balaa guddaa hordofsiisu) namootni tarkaanfachiisan eenyufaa akka tahan sirriitti jala buunee beekuunii fi adeemsaa fi gochaa hammeenyaa isaanii fashalsuun, rakkinoonnii fi kufaatiin siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee hanga ammaatti Ummatoota Impaayera Itoophiyaa keessa jiraatan irrattii fi naannoo isaaniitti dhaqqabe akka gara fuula duraattis daran hammaatee itti hin fufnee fi bilisummaan ummatootaa, nageenyi waaraan, sirni bulchiinsa haqaa (dimokiraasiin dhugaa) fi guddinni waloo naannawa kanatti akka mirkanaawu taasisuuf qooda ol’aanaa qabaata.

Hubachiisa: Mata-duree barreeffama kiyyaatiif waa’ee lakkoofsaa sana haa filadhu malee xiyyeeffannoon kiyya waa’ee lakkoofsaa sana osoo hin taane waa’ee ejjennoo fi ilaalcha dhimma lakkoofsa keenya ibsuu kanaan duuba jiruu (Akka ofii feenetti ijaaramnee eenyummaa fi jireenya sabummaa keenyaa tikfachuuf mirga akkuma Saba kamiittuu qabnu akkuma mulqamnetti akka hafnuuf ijibbaata taasifamu irratti) akka tahe qabiyyee barreeffama kiyyaa guutuu irraa hubattanii jirtu jedheen abdadha. Nagaatti!

——————————————

Barreeffamni Geetaachoo Raddaa kan asii gaditti halluu diimaadhaan dhihaate kana:

  1. “GETACHEW REDA

May 29, 2013 – 7:36 pm

From Getachew Reda (Editor Ethiopian Semay)

In defense of my good friend Dr. Fikre Tolossa:

The Writer Ya Jemal is a good sample of self deluded fellow. We do not take this fellow as an Arab, but as an Ethiopian, because his name is Arabic name. There is no such thing as pure Oromo ethnicity/tribe. Readers, please do not worry if the writer calls us Abyssinians when the Ethiopians are called by United Nation and the world as Ethiopians. I am sure Abyssinia is or Gala is not an insult (no one yet came to argue with this with me with evidence. Gala and Oromo are both their classic names. Even OLF used the word ‘Gala’ on its writings after OLF established- I have argued several times, such is the creation of the OLF elites and the Meison/Derg elites who are Oromo to hypnotize their sick mind) . But, if someone calls this fellow or the Oromo people as “Gala’, they complained. I ask, why complaining? Who gave the OLF the right to call Ethiopians as Abyssinians when the OLF elites and their cults do not want to be called by their ancient name “the Gala people”, while they are calling with no restriction Ethiopians as Abyssinians!? Do you see my argument? If they call you as you do not want to be called, call them with the name they do not want to be called! As simple as that!
Now let me bring you to the argument. I support my friend and a good Ethiopian patriot Dr. Fikre Tolossa on his recent article. A Good Ethiopian and a good Pan Africanist! But, the OLF fellow who has no substance to argue against Dr.Fikre is an elementary in his analysis. Not only ignorant, but also suffering with a self denial. For example, you might know who the the Solomon Islands are; these islanders are originally from Africa immigrated there during the ancient world. Theses people are very dark-skinned. But many of them have blond hair, something that has puzzled scientists for years. We can’t deny they are not black, because they have blond hair. At the same time we can’t deny OLF is not African, because it speaks African language with Latin alphabet or Oromo with a different skin pigments (BeTam Tikur, Tikur, Key, Yekey Dama…) Let this deluded writer call himself ‘Kush’, that is even more finer, if at all the OLF believe in Bible/ since bible belongs to the Ethiopians (but why then any OLF cult doesn’t believe he/she is an Ethiopian citizen, so why going to the bible to prove now their Kushetic origin, if OLF give the bible to the Christians not to the pagan OLF, who OLF believe Oromo people’s religion do not believe in the bible- why running to the bible to see if there is Oromo words in the bible- PLEASE DO NOT LAUGH!). The issue is who are the Kush? Is the meaning of kush black? We can argue this. Who can argue with me Kush means “black”. Who and what does Negede kam in the Ethiopian language means?

Some four years back I read an argument by the name Habte, who said, I will be surprised if any Oromo at this century believe he/she is pure Oromo.Here is what he wrote;- There is nothing called Oromo tribe/ethnicity but of different indigenous tribes speaking oromo language. Its like Americans speaking English however in terms of ethnicity/ancestor people with English ancestors are less than 10%, while Germans having the largest ancestors (20%), followed by Irish (15%) and Africans (12%). Almost all Americans speak only English but they all don’t have English ancestor !!

For some of you who got the opportunity to travel across several provinces of Ethiopia, you can easily observe that there is a vast difference in terms of color, physical appearance, culture, wedding ceremonies, dialect, accent, tradition, music and dance across all zones of Oromia. This is totally against my experience across the zones of Amhara and Tigray state. In fact When it comes to Amharas and Tigrays, although they are classified as separate ethnicitys, I found them to be more similar than a Shoa Oromo compared with borana and Guji Oromo or Hararghe with Wellega Oromo. Interms of collor Shoa Oromos are much more light skinned than Borana. The Boranas looks more to the dark skined Hamer & Konso. This is also against the somali ethnic group, inhabiting across the 4 countries of horn of Africa, with area of 3 times more than Oromia. All the Somalis are the same in all terms, however this does not work for the Oromos

Except language similarities the Oromos leaving in the old 9 provinces are so much different in all other terms. Does the wollo Oromo’s color, physical appearance, culture, wedding ceremonies, dialect, accent, tradition, music and dance has similarity with showa or Borana Oromo? How about Arussi with neighboring Hararghe? How about Guji Oromo with neighboring Borana Oromo? How about the Muslim Jimma Oromos with Muslim Bale Oromos?? How about Wellega Oromo with Hararghe Oromo??? How about Orma of Kenya with Showa Oromo???? Between these groups there is nothing similarity except language and this was because of interaction and mixing with the indigenous people of this provinces that used to leave 500 years ago

Some important factors for the Oromos to outnumber the indigenous peoples and assimilate them throughout the past 500 years were:

1) All Oromo men from their childhood were trained to be highly skilled warriors. As a result they were able to subjugate, dominate and assimilate all their neighboring tribes

2) Concubines: oromos used to marry as many women as they can, most wives being stolen/abducted from neighboring tribes

3) Gudi fecha: until recently the oromos are known to steal children, captive from war and raise them as their own. As a sign of prosperity on average one Oromo man is expected to have 50-100 children, majority being stolen from neighboring tribes. Taking this into account it can be said that the oromo population was growing by 100% per 1 generation, while indigenous tribes were growing by may be negative since their children and women were stolen. So this means for every 100 person there are 10 pure oromo persons, the rest 90 being either stolen or children of the concubines from the indigenous tribes. When this system continuous from generation to generation the share of the pure Oromos will decline to below 1-5%

So taking into account all those facts I would be surprised if there is any Ethiopian oromo who claims 100 % pure oromo ethnicity, its like a black American saying I am pure English man because I speak pure English!!!”

—————————————

“Only Free Men/‘People’ Can Negotiate, Prisoners Cannot Inter Into Contract.”  Nelson Mandela

Malkaa Caffee

malkaacaffee@gmail.com

Waxabajjii 06, 2013

 


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

10 Comments

  1. Getachewun Maraatudha:

    June 9, 2013 @ 8:11 am

    Readers please do not, I repeat, do not waste your prescious time in responding to Getachew Reda’s gibberish article. Ignore him from now on. What he wants is to gain some publicity by putting out an unsubstantiated article. It is poorly written in broken English, and follows no logic at all. An eighth grader can write a much better English composition than Getachew’s article. Where did he learn his English? He is a typical product of Woyane’s school system. Getachew, get your facts right before you start writing. Second, go back to school and learn English. Have you got your GED yet? You have so much hate for Oromo people that you have gone to the point of insulting and disrespecting them. This will never help bring cooperation and understanding among the different nationalities in Ethiopia. On the contrary, it pushes them apart and creates animosity among them. If this is your goal (to dismember Ethiopia), you are on your way to success. Your article which projects hatred against the Oromo people assures them that they are not wanted to be part of Ethiopia and encourages them to secede from Ethiopia.

  2. Obsaa:

    June 9, 2013 @ 9:26 am

    Baay’inni Oromoota qabsoo keessatti hirmaannaa godhaa jiranii lakkoofsa namichi jedhu kana bira hintaru. Warra hafaniin akka oromootti isaan ilaaluu hinfeene,namichi.

  3. the Oromian bateleur:

    June 9, 2013 @ 4:14 pm

    This amorphous, boorish and uncanny notion which is adultrating our identity, culture and history is the Meneliks sloughing ghost from the grave.

    First, this guy is not in defence of Fikire, but he is directly in campaign on Oromos by turning everything up side down. He is trying to make himself an anthropologist, but his analysis is skin deep, amateure and lacking an adequate evidence. It is usual that when the so called ” Mo’a Anbesa ” belchs halitosis, the whole atmosphere will be spoiled. This is not some thing new. The Neftegnas who are cut up from their mother land Abyssinia and settled in the southern part of Ethiopia are in a great identity crisis. They can neither identfy themselves with the people among whom they settled, nor with their people in Abyssinia. They identfy themselves as Ethiopians, but there is no an ethnic which is called Ethiopia. Ethiopia is a country which is the container of many different nations and nationalities. I don’t believe if their idea of cloning the human being or ethnic which is called Ethiopian in laboratory will succed.

    Mr. Getachew is one of these group who is narrating his fabricated fallacy about Oromo by poiting many things as follow:

    1. On ” Galla “, Oromos have never called themselves as ” Galla ” rather than as Oromo. This derogative name is used only by Amharas and some writers. The Amharas have many derogatory names for their subjugated peoples, such as ” Galla “, ” Shankloch “, “Taltal “, etc.

    2. On ” Oromos impurity “, there are 40 million pure Oromos, from which I am one. The handful bustard breeding of Neftegnas themselves are impure in identity and that is why they want to soil others with pure identities.

    3. On ” Bible ” and ” Pagan ” , bible is not the private property of Neftegnas or anybody. It is given to the whole world. And most, if not all of the earth population are pagans, since the meaning of word pagan is from Latin which means ” Country side ” .

    4. On ” Oromos are not similar “, really Oromos are not the eggs that look the same and very difficult to diffirenciate. Are the Neftegnas, Gojames and Gondares the same like the eggs ? I don’t believe it. It is the same case for all peoples who speak the same language and have diversities.

    5. On ” Training young Oromos “, in Gadaa-System, it is usual that the youngs ( Dabballe and Gammee Gurguddaa ) must be trained in every field of activities to prepare themselve for the next higher position. They are not trained to kill as Getachew has said. It was the Amharas who were traind to kill, loot, raid, headhuntings,matilation and stealing for slavery.

    6.On ” Marriage ” , it is true that the Oromos are traditionally polygamy and from which they get as many children. Getachews text is contradicting itself. Why Oromos steal children when they have their own many children ?

    7. On ” Guddifachaa ” , fostering is the Oromos traditions way of helping the orphans. Oromos forter orphans, friends children, poor families children, or from neighboring tribes who sought refuge in Oromo families, but not stolen as Getachew has said. The Amharas are contrary to the Oromos, they have killed, decapitated victims, sold subjugated people into slavery. The victims are Oromos, Agaws, Gafat, Kemants, Weyitos, Sidamas, Walaitas, Kafichos, Somalis, Benishanguls, Adares etc. The Amharas know nothing about fostering. That is why today thousands of their children are roaming around in every town in Ethioia as waifs. I think Getachew is making mistake by making unlucrative business by using the wrong jargon or logo.

  4. JIRUU:

    June 9, 2013 @ 5:29 pm

    Mr Getachew arada wrote :”Gala and Oromo are both their classic names. “The Oromo nation naver accepted to be called by this name, no matter which kind of meaning it has.He (Oromo)new how your ppl used this word for a century. you want to call me now “my cauntry”man oromo?.funny:INSULTING MAY DISTROY A SOLL IF YOU HEAR IT ONCE;IF YOU HEAR IT FOR THE SECOND TIME;IT SHOWS RATHER HOW THE WRITER DULL HE IS.By theway my respected writer by the name of YAJAMAL is maybe a muslim Oromo.So Mr Getachew,dont try to send him to arabia.you know,by doing so, first you will get a problem from milions of davids.maybe the majority of them are not oromos at all.what can you do with them then?

  5. JIRUU:

    June 9, 2013 @ 5:38 pm

    Mr Getachew,by theway all of your likes proud to be called as Abisinians.If not, i m the frist to help you by telling for a milions of none abisinians

  6. Fuliyyee:

    June 9, 2013 @ 6:53 pm

    “Habasha abbatun yet awuko gorf yamexaw ziko ” jechuun waruma akkana ti. kan mataa isaani hin beekan kan nama biraa falaasamu.

    Jibbinsa fi tuffi Ummata Oromofqaban hagam takka gad lafee isaanikeessa akka seenee jiru ilma ‘Radda’ ragaa guddaa dha . Kuni ammoo ilaalcha habasha beeka fi wallala kan gudda fi xiqqa isaniiti malee kan nama tokkee miti.

    ODF please read Getachew’s letter over and over again.

  7. tufa:

    June 9, 2013 @ 8:05 pm

    Baga akkasi isiniin jedhani!

    Akka ishee ilaalanii niitii ishee irraa fudhatu jedhani! Fuliyyee, ODF kadhachuu dhiisiitii, ati maali hojjette?

  8. Alebachewu:

    June 9, 2013 @ 9:21 pm

    Dear Getachewu
    When I read your text, I felt like I was in a cafe talking to ordinary
    Abyssinian who has no evidence about what he is talking about.
    But just hear says only.
    What Jamal wrote was not about who is 100% Oromo.
    It was about the right of oromos.
    Don’t be childish after all these studies and life experience
    abroad.
    Be realistic, you and co can’t stop Oromo from learning & aspiring
    Freedom.
    Do something fair in your life.
    JUST ACCEPT, OROMO ARE NOT MAKING A U TURN.

  9. Ayyaanaa:

    June 12, 2013 @ 3:50 am

    Getachew Redda is a confused and wanabe politician. He is being a spoiler by assuming to deffend the good Dr. Fikre. The doctor staked his position clearly and infact accorded the needed respect to all people. This Getachew( just see his name) as his name suggests wants to be that by confusing the issue. The Oromos never called themselves Gala. For Getachew’s benefit I would like to tell him how this word “Gala” is defined in an Amharic dictionary that I saw in the 1960’s. It says “Gala” means “uncivilised, savage, without religion, etc” and this is how the remnants these habeshas ( bastards of kush and Arabs….sorry for the lingo) wants us to be seen and remain. But time is different and the children of Barentumaa and Borana with all other branches have made gained back their identities and now building their society according to their ethos. This is a frieghtening to likes of Getachew Redda.
    I see no point engaging this pseudo-amhara but supporter of wayane and elevate him to level where he does not deserve.

  10. siree:

    October 9, 2013 @ 6:04 am

    why are we always on a diffensive side, when habshas talk about us we know they hate us , they undermine us becouse, we speak their language, listen to their song , etc. these are heartless people, they like our land they hate us. oromoo hirriibaa kha’aa, rabbiif ja’aa wal jaaladhaa, yookhaan, wanni yartuun nama miiti !!!!