Gadaa.com
Gadaa.com Comments off

Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!

Jiituu Lammii; Unbarsiitii Finfinnee

Waxabajjii 13/2013

Dur, yoon daa’ima ture, ijoolleen dhiiraa arfaasaa laga, lafa ciraa deemanii gogorrii ykn. sololaa adamsu.  Gogorrii  ykn.  sololaan kiyyoon qabanii galan “ ….alaa sagalee warraa ishee yoo dhageessee baduu yaaddi,  nihuuqqatti.”  Waan jedhamuuf   hanga guyyaan qalmaa gahutti xaafii hammaaranii gurra isheetti naqu – Akka isheen sagalee dhugaa, qooqa fira ishee hindhageenyee gurra duuchanii, raatessanii haaduuf qopheessuudha akeekni isaa. Kun yaaddannoo ijoollummaati. Ittigala dubbii kanaa arguuf waliin haa turru!

Bitoottessa, 2003 murna guddina sabboonummaa Oromootti garmalee hinaafu tokkotu harka lafa jalaatiin walitti dhaamee, hasaasee dhoksaatti wal waamee,  Finfinnee bakka  ‘galma lotorii biyyoolessaa’ jedhamu keessatti sadoof wal gahe. Sadoon murna kanaa sabboonnummaa Oromoo dura dhaabbachuuf humna dabalataa horachuu akeekkatta. Akumma kanaan, sabboonummaa Oromoo yunbarsiitiifi dhaabbilee barnootaa heddu keessatti dagaagaa dhufe dura dhaabachuu dhimma dursaa godhatee barattoota dhalootaan Habashaa ta’an [ilmaan Amaaraafi Tigree] dhoksaatti walitti qabachuu karoorfate. Guyyaan gahee, namoonni  dhoksaan waamaman qofa osoo hintaane warri hineegamnes wal gahee barii galmicha  guute.  Namoonni Prf. Masfin W/M fi Dr.Biraanuu Naggaa jedhaman mataa murna kanaa ta’uun fuulleetti yoo bahan, jaarmiyaaleen isaan oogganan [Ethiopian Human Rights Council -EHRCO, Ethiopian Economic Association – EEC] fi Profeesaroonni Olaantummaa Amaaraa leellisan harka lafa jalaan dubbii kana tumsu.  Asirratti wanti hubatamuu qabu guyyichi guyyaa akeeka Oromomiyaa keessatti, Oromoorratti duuluuf qaban jabeeffatan waan ta’eef barattoota Oromoo dabalatee warri kibbaa biyyattiirraa dhufan waamicha kanatti akka hirmaatan hinbarbaadamu.  Akka yaadan hintaane malee.

Pirof. Masfin W/M golgaa  ‘academic freedom’ jedhutti dahachuun haasawa  shira abbootiin isaanii uummatarratti hojjataa turan leellisu dhageessisuun   ijoollee isaanii gochaa  walfakkaatuuf  kakaasu dhageessisuu eegalan. Adeemsa keessa,  xiyyeeffannoon isaanii guddina Oromummaa  Oromiyaa keessatti jabaachaa dhufe gufachiisuun olaantummaa Habashootaa deebisuu ta’uu akkaataan haasawa isaanii saaxiluu jalqabe. Takka haasa’anii gidduutti akka eegan, miira eegan dhabnaan  waamichi isaanii akka yaadan waamicha dhoksaa ta’uu dhiisuu maman. Shakkii isaanii mirkaneeffachuuf jecha, “……namni Habashaa hintaane jiraa….?” Jechuun gaafatan. Galma guutuutu ittidheekkame. Jarri lamaanuu waan dubbatan wallaalanii ija keessa wal ilaalan. Duula dhoksaatti yaadaniin tasa afaan wal dhufuu  hubatan. Ijibbaata dubbii, “…namni Itoophiyaawwii hintaanee hoo….?” Jedhan. Qaanuma isaanii golgachuuf malee ergaan gaaffilee laamaaniiyyuu walirraa fagoo hinturre. Kanaaf akka eegan   nama  “Itoophiyummaaf”  eeboo mirmirsee geeraru,  alaabaa isaanii jalatti kufee du’aaf hirbuu seenu;  gowwaa akka harree ittife’atan…. argachuun rakkisaa ta’uu hubatan.  Amma, barri akkasii darbee, hunduun kan ofii beekeera.  Kiyyoon isaaniis deegamee – gogorrittiins miliqxeetti.  Qooqa warra ishee, sagalee dhugaa dhagahuu jalqabdeetti. Gurri ija xaafiin duuchaan; sammuun kijibaan raatessan, mormi dagachiisanii haaduun eeggatan….. bilisomeera. Akka dur nama  faaya isaa gatee moofaa ormaa aguuggatee ormaaf uggumu argachuun rakkisaa ta’uu qalbeeffatan.  Lamaanuu miira qaaniitiin ija keessa wal ilaalan. ‘Harreen gaafa baasuu dhaqxeetu, gurra dhabdee galte!’  jedhama. Haata’uutii jarri kun abdii kutatanii dubbicha qadaadanii biraa hafu jechuumiti. Hinta’us. Dubbicha  yeroo biraaf  bulfannee gara yaadaa lammaaffaatti ceena.

Mootummaan wayyaanee  Oromoo qalee, qalchiisee,  gariin maatii guutuu mana waliin gubuun akka fiilmitti waraabee gola keessaa qabaachuu namuu beeka. Yeroo yaaddoon wayii ittidhagahamu  fiilmii kana gola keessaa fuudhee daaraa irraa urgufee gara TV isaattiin figuunis waanuma barame. Dubbii nama raajjeffachiisus hinta’uu.  Akeekni isaas dhokataa miti.  Odeessa dhimma kana waliin  godina Oromiyaa tokkorraa na qaqqabetu dubbii kana akkan kaasu na taasise.  Maqaa godinichaa ammaaf na hingaafatiinaa – dubbichi garuu akkana. Tilmaamaan baatii  sadi dura natti fakkaata. Akkuma barame fiilmicha  suuqaa baasanii  ittidabalanii, ittis daddabalchiisanii, boochiftuu garii barbaadanii gara TV isaaniittiin fiigan.  Halkan tokko booyanii boochisuuf yaalan.  Bubbultii keessa dubbichi akka eegan ta’uu didee harkatti qabbanoofnaan waan namni dhoksaatti jedhu dhokatanii funaanuu jalqaban. Jarri oduuf ergamanis  suuqa suuqa seenanii waan namni fuulleetti (si’a kana namni aarii guddina fuullumatti dubbachuu jalqabeera.) jedhu  ‘dhokatanii’  funaananii  warra isaan ergeen  geenyaan jarri rifaasuu  adoodan jedhama. “Abbaan keenya bade…!”  jechaa guca  yaada ittiin walitti qabatan qopheessanii gara namoota harka isaanii jiranitti bobba’an. Gucichi gabaabumatti  fiilmii sanarraa maal akka hubatan kan gaafatu ture.  Deebiin isaan eeganis beekamaadha. Gucichi guutamee gaafa dhufu isa isaan dhokatanii dhaggeefataniin garaagarummaa wayiituu hinqabu. Harki 75  “….Nuffineeraa….! Hanga yoomiitti nu sobdu…!, Ofumaa nama qaltanii, ofumaa waraabdanii ofuma boossu….” Wanti hinjedhamiin hinturre. ‘Harreen gaafa baasuu dhaqxeetu, gurra dhabdee galte!’ isa jedhantu kana. Jarri qaanii isaanii walittis namattis hindubbanne. Achuma bobaa jala dhokfatan.  Gogorrittiin kiyyoo kutatteetti.  Qooqa warra ishee, sagalee dhugaa erga dhagahuu jalqabdee barri fagate. Warri kiyyo xaxan harka lamaan mataa haa qabatan! Warri  kiyyoo diigee simbirrittii bilisa baasaa jiru  na waliin  - “Harmee, haadha  gootota hedduu;  Ammas diinni kee  haa gaddu!”  haa jedhaa.

Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, amma gara waliigala dubbii kiyyaattan deebi’a. dhokataa Oromoo fi diina Oromoo gidduutti deemaa jirutu yaada armaan olii na yaadachiise. Diinni akka dhugaa dhageenyu  ykn.  dhugaa dubbannu hinfedhu. Yoo dhugaa dhageenye – dhugaa barra. Yoo dhugaa barre: diinummaa isaanii qalbeeffannee ofirraa fageessina. Kiyyoo isaanii akeekkanna. Diignee bilisa baana.  Gaafas, “Kuni nuuf hinta’u!” jechuutu dhufa. Karaa isaan gamaa gamanattii nu qooduuf diriirfatantu cufama. Seenaatu jijjiirama. kuni isaaniif hanga du’aa ulfaata. Kanaaf bifa geeddaratanii, arraba jijjiirratanii halkanii guyyaa nurratti hojjatu. Akkuma gogorritti gurra duuchanii kiyyoo isaanii keessa nu tursuu hawwu. Ammuma yeroo barruu kana dubbiftanitti wanti ta’aa jiru hedduudha. Oromoon qe’ee isaarraa buqqa’a. Biyya Oromiyaa jedhamtu balleessuuf lafa Oromoo kukkutanii  ollaatiif qoqqoodu. Magaalaa Oromiyaa keessaa Oromoon baqatee ormi akka dhuunfatu hojii bal’aatti jiru. (waan Finfinnef naannawaa isheetti hojjatamaa jiru qalbeeffadhaa!) Maqaa ‘qusannaa maatii’ jedhuun akka ilmoon hindhalanne, inni dhalatemmoo  dhukkuba HIV/AIDSn dhumee – sanyiin saba kana akka badu harka lafa jalaatiin hojjatamaa jira. Oromoon barnoota ammaayyaa akka hinarganne bulchinsa  barnootaa dabbaallee siyaasaatti kennuun barataafi barsiisaa goolu. Isa shira kana hubatee mormu adamsanii ajjeesuu, hidhuu, biyyaa hari’uu, qaqqobbii diinagdeetiin humna dhoowwuu; hariiroo hawaasaa keessaa moggaatti baasanii abdii kutachiisu. Warra faayidaaf bulu mooraa qabisoo Oromoo keessaa barbaaduun maallaqa guddaa dhangalaasanii qabsoo dura dhaabu….. duula hanga hinqabnetu geggeeffamaa jira.

Gama biraatiin, Oromoon kiyyoo bifa kamiiyyuu akeekkatee kallattii isaaf tolurratti erga fuulleffatee bubbuleera. Qaama faallaa akeeka isaa dhaabatu kamuu ofuulduraa darbachuuf  bilchina gahaa horateera. Kuni qofti gahaa miti. Humna saba kanaa qindeessanii dammaqinsa jiru cimsanii manii diinaarratti qiyyaafachuutu murteessaadha. Kunimmoo atooma barbaada. Wal dhagahuu, fedhii sabaa dhugoomsuuf walii moo’amuu gaafata. Warra kiyyoo seenee baha dhabes  hanga danda’ame gurri isaanii  sagalee firaa akka  dhagahu waan ormi ittinaqe keessaa urgufanii karaatti deebisuun ulaa diinaa cufachuuf tola. Warri dhugaa kana otoo beekanii faallaa  akeeka sabaa  hiriiruu filatan: bobbaa isaaniitu fuggisoodhaa – galgala hintolan.  Ofiis niqaana’uu – diroon isaaniis dhufaa darbaa seenaa keessatti yeella’a.  Kana ta’uurra -qalbiitti deebi’anii dhugaa wajjin araaramuun  ulfina. Yoo akkanatti dubbatamu qoosaa fakkaata. Harkaan of yakkuu abbaatu of oolcha. Yookaniif ‘Hameessi Okolee dide Okkotee hindidu’   jedhumitii! Haadha  gootota hedduu;  Ammas diinni kee  haa gaddu! Xumureera.


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

Comments are closed.