Gadaa.com Comments (12)

Dhimmi Oromoo kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?

Abdii Boruutiin*

Yeroo ammaa, uummatni Oromoo biyya keessattis ta’ee biyya alaa tokko tokko keessatti rakkoolee hamaadhaan xaxamee otuu jiruu; lammiileen Oromoo manoota hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa otuu jiranuu; uummatni keenya qayee issaarraa buqqayee rakkoolee adda addaatiif saaxilamaa otuu jiruu; bahaa fi kibba bahaa Oromiyaa keessatti Sumaaleen uummata keenyarratti duultee lafa isaarraa ari’aa otuu jirtuu; lafti keenya Wayyaaneedhaan gurguramtee dhumaa otuu jirtuu; naannolee (environment) keenya badiin irra gahaa otuu jiruu;walumaagalatti gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa otuu jirruu; dhimmoota gurguddoo dursa argachuu qaban kana dhiisnee ykn dagannee, waan xixiqqoorratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi humna keenya balleessuun bu’aan isaa eenyuuf ta’a jennee itti yaadnee jirraa? Rakkoolee jiranirratti rakkoolee biroo ofitti daballee sababa kanaan qabsoo bilisummaa keenyaa laaffisuuf yoo ta’e malee, waan dursa argachuu hin qabneef dursa kennuun Oromoof bu’aa hin fidu.

Mata duree kanaan barreeffama kana akkan dhiyeessu kan na taasisan dhimmoota adda addaatu jiru. Isaan kana keessaa tokko tokko tuttuquun yaala. Keessumaayuu ammoo akkan barruu kana qopheessu kan na kakaase waayee Oromummaa fi Islaamummaa ilaalchisee haasa’a dhiyoo kana Obboo Jawaar Mohammediin godhame fi sana boodas barreeffamoota adda addaa marsaalee intarneetaarratti mul’atanii dha. Namootni dhimma tokko karaalee adda addaatiin hubachuun; ilaalcha adda addaa irratti qabaachuun; hiika adda addaas kennuun waanuma jiru dha. Haa ta’u malee, namootni yaada ofii yoo dhiyeessan beekaniis ta’ee otuu hin beekin wanti isaan dhiyeessan kun dhimma guddaa Oromoorratti, keessumaayuu qabsoo bilisummaa keenyaarratti miidhaa fiduu danda’a. Isa kana hubachuu dhabuun keenya rakkoolee hin yaadamneef nu saaxiluu danda’a. Yaada keenya yoo ibsannu bilchinaa fi ofeeggannoo cimaadhaan itti yaadnee dhiyeessuu qabna jechuu kooti. Yoo akkana hin taane, diinnillee qaawwa argatetti fayyadamee, tokkummaa ilmaan Oromoo laaffisuuf carraa argachuu danda’a jechuu dha.

Haasa’a Obboo Jawaar godhe Oromoo TV irratti daawwadheen ture. Akkan ofii kiyyaa hubadhetti, akka naaf galetti, haasawni inni godhe hammeenya waan qabu natti hin fakkaatu. Ani Obboo Jawaar ittisuuf otuu hin taane, akka inni dubbatetti, ifattis ta’ee dhoksaadhaan; alattis ta’ee mana keessatti, sochii musiliimaa fi QBO ilaalchisee gama addaa addaaatiin waan jedhamu ibsuu yaalee; achumaanis Oromummaa fi Islaamummaan wal gargaaran malee wal dura hin dhaabbatan waan jedhe natti fakkaata. Dhugaa dha, waayeen qabsoo bilisummaa fi amantii yoo ka’u tilmaama gara garaa keessa akka nama galchu beekamaa dha. Otuu danda’ame, amantii fi siyaasaa addaan baasnee ilaaluun gaarii natti fakkaata. Haa ta’u malee, bakkee tokko tokkorratti dhimmootni kun lamaan walirratti rarra’uun isaanii hin oolu. Kan Obboo Jawaar ibsuu yaales waayeedhuma kana natti fakkaata. Waan inni dubbate sana hundaa tokko tokkoon asitti dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu batullee, akka inni jedhetti Oromummaa fi Islaamummaan waan addaan bayuu hin dandeenye; isaan kun lamaan takka waliin kufan takka waliin ka’an kan jedhu dha.

Obboo Jawaar waayee kana ibsuuf akka ragaatti seenaa dhiyeessee ture. Yaaliin inni godhe walumaagalatti akka namootni yaadanii fi/ykn diinni olola oofutti otuu hin taane dhugaan jiru sochiin musliimaa qabsoo bilisummaa Oromoo ni gargaara kan jedhu dha. Akkuma mata dureen haasawa sanaa ibsuttis, “Mormii Muslimoota Itoophiyaatifi Qabsoo Oromoo: Walfaalleessan Moo waliiff tumsan?” kan jedhu yoo ta’u, asirratti wanti hubatamuu qabu waayee tumsaa ti malee waayee dursa argachuu Islaamummaa ykn Oromoummaa natti hin fakkaatu. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti garuu, yaadni sabummaa dura amantiitu dhufa ykn amantiitu dursa jedhu dogoggora dha. Amantii fi eenyummaa walbira qaqbnee yoo ilaalle, eenyummaatu dursa. Oromummaan ammoo eenyummaa Oromoo ti kanaaf waa hundaa dursuu qaba. Amantii kamiiyyuu haa ta’u: Islaamas ta’ee kiristaana ykn waaqeffannaan Oromummaa (eenyummaa) booda dhufu. Amantiin kan dhuunfaa ti; Oromummaan kan waloo ti. Amantii qabnu ykn hordofnu yoo barbaadne yeroo feene jijjiiruu dandeenya. Eeenyummaa keenya garuu, jaalannus jibbinus, jijjiiruu hin dandeenyu.

Kan biraa, carraa kanaan wantin jechuu barbaadu, warri “sabummaa dura amantiitu dursa” jedhan, kun dogoggora guddaa akka ta’e hubachuu qabu. Sabni tokko yoo hin jiraatne, amantiin isaa jiraachuu hin danda’u. Sabni ykn uummatni tokko bilisummaa yoo hin qabaanne, amantiin isaaas bilisummaa qabaachuu hin danda’u. Bilisummaan sabaa bilisummaa amantii isaa mirkaneessa jechuu dha. Islaamummaa, kiristaanummaa fi waaqeffannaan hundi isaaniituu qaama (subset) Oromoo ti; Oromoon ykn Oromummaan garuu hunda kanaa hammataa (set) dha. Kan hundaa hammatu kun ammoo hunda dura dhufa; dursa argachuus qaba. Asirratti mormiin yoo jiraatellee, kun dhugaarraa fagaachuu ta’a. Akkuma Obboo Jawaar ibsuu yaale, otuu Oromoon dursee jiraachuu baatee, otuu Oromummaan dursuu baatee, kan isa booda dhufe Islaamummaan hin jiraatu jechuu dha. Karaa biraatiin yoo hubatamus, akkuma Jawaar jedhe, Islaamummaatu Oromummaatti dhufee, akka keessummaattillee ilaalamaa ture malee Oromummaan booda hin dhufne jechuu dha. Raabaa Dooriitu Islaamummaa ittise yoo jedhus, Oromummaan dursee jiraachuu fi humna cimaa qabaachaa akka ture agarsiisa.

Egaa, waayee sochii musilimaa fi QBO ilaalchisee waan Obboo Jawaar dubbate xumuruuf, sochiin musilimaa QBOtiif tumsa ta’uu danda’a jedheen yaada. Sochiin kun lamaan waan waldura dhaabbatan natti hin fakkaatu jechuu kooti. Sochiin musiliimaa yoo milkiidhaan xumurame, xinnaatullee QBOtiif karaa gaarii saaquu danda’a. QBOn galii hawwamu yoo gaye garuu, mirgi amantii kamiiyyuu akka kabajamu mamiin ykn shakkiin waan jiru natti hin fakkaatu. Olola karaalee adda addaatiin godhamu dhiisnee, waayee kana akkanatti hubachuun nagaa fi tasgabbii mooraa keenyaatiif murteessaa dha. Asirratti wanti ciminaan hubatamuu qabu, hammuma nuti waayee amantii fi QBO walittifidnee dubbannu; kanas ajandaa godhannu, diinaaf karaa baasuu ykn qaawwa uumuu akka dandeenyua dha. Har’a diinni fi alagaan, karaan isaan tokkummaa ilmaan Oromoo ittiin laaffisan hedduu waan ta’eef, kanarraa ofeeguun baay’ee murteessaa dha. Dubbii afaanii ykn harkaa walfuunee, micciirree hiika hin taane kennuun, rakkoolee jiranirratti rakkoo biraa dabaluun, qabsoo keenyas gara fulduraatti oofuu hin danda’u.

Karaa biraatiin ammoo, “…kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?” kan na jechisiise ammas barreeffamoota marsaalee intarneetaa irratti mul’atan tokko tokko dha. Kunis waayee maqaa Impaayara Itoophiyaa ti. Har’a nuti kan hubachuu qabnu, kan dursas argachuu qabu, qabsoo jalaqabame kana galii hawwamutti geessuuf; Wayyaanee nama-nyaataa kana barbadeessanii uummata Oromoo gabrummaa hamaa keessaa baasuu; Impaayarittii tanas sirna ishii wajjin hundeedhaan diiguurratti xiyyeeffachuu dha malee, waayee maqaatii miti. Maqaa ilaalchisee, Oromiyaa xinnoo ykn dhiphoos jennu, Oromiyaa guddoo ykn bal’oos jennu; akka dubbatamutti ykn barreessamutti maqaa Itoophiyaa tana jijjiirree Oromiyaa haa goonu jennus, kun amma barbaachisaa miti. Dura rakkoon jiru furmaata argachuu qaba. Rakkoo hatattamaatiifuu furmaatni otuu hin argamin achi fagaannee waan hin taane yaaduun ykn dubbachuun uummata afaanfaajjessuu natti fakkaata. Asirratti makmaaksa Habashaa tokkon yaadadha. Innis Afaan Amaaraatiin “Yammi labbas yeellaat, makkanaanab amaaraati” kan jedhu dha. Hiikni isaas Afaan keenyaan “Waan uffattuu hin qabduu, kan ittin ofmartu hawwiti” kan jedhu natti fakkaata.

Egaa, akkuman keeyyata duraa barreeffama kanaa keessatti tuttuqee dabre, rakkoolee hamaa fi gaafii bilbiltuu yeroo otuu qabnuu waan boru ta’uu danda’u ykn hin dandeenye har’a kaasnee afaanfaajjii uumuun ammaaf bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu. Mee dhugaa haa dubbannu, waayee kana yoo kaasnu, Habashootumtuu nutti kofluu danda’u jennee yaadnee jirraa? Maqaa isaan har’a halkanii fi guyyaa kaasanii faarsaa jiran maqaa “Itoophiyaa” tana Oromiyaatti jijjiira jechuun dhiibboo hin ta’uu? Har’a Oromiyyaan dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin ijaaramate tunuu cicciramte dhiphachaa otuu jirtuu; tanaa bilisoomsuu dadhabnee; kan achi nurraa fagoo jiru yaaduun tapha natti fakkaata. Kun haala keessa jirru akka hubannuf malee, warra yaada akkanaa qaban xiqqeessuu fi tuffachuufii miti. Beekumsa fi dandeettii isaaniis gaafii keessa galchuu kiyyas miti. Wantin jechuu babaade, haala keessa jirru dagachuu hin qabnu; kan dursutu dursa jechuu kooti. Har’a wanti dursa argachuu qabu, akkamitti tokkummaa keenya cimsinee; humna Oromoo jabeessina kan jedhu dha. Yoo humna jabaa, cimaa fi abdachiisaa qabaanne qofa waan barbaadnu argachu dandeenya. Yoo kun hin jiraatne garuu, wanti hunduu abjuu ta’ee hafa.

Dhumarratti, wantin dubbistoota barreeffama kanaa beeksisuu barbaadu, haasawa Obboo Jawaar godhe keessatti qabxiileen qalbii kiyya harkisan tokko tokko waan jiraniif, isaan kana bali’inaan asitti dhiyeessuun ammoo waan barreeffama kana dheeressuuf, yeroo biraa itti deebi’uun barbaada. Keessumaayuu, wanti bakka adda addaatti jedhamu, “…amma yeroon tan islaamaa ti, tan musilimaa ti; waan Oromoo jettu tana ofirraa dhiisuu qabnaa…. qabsoon sabaa kuftee jirtii; ABOn kuftee jirtii…” kan jedhamu baay’ee diigaa fi yaaddessaa waan ta’eef, dhimma kana itti deebi’ee, kanarratti yaada koo ibsuun fedha. Hammasitti garuu dubbistoota barruu kiyyaattif gaafii cimaa tokko dhiyeessuun barbaada. Innis, “Qabsoon saba Oromoo dhuguma kuftee? ABOnis dhuguma kufee? kan jedhu dha. Gaafiin kun asitti salphaa haa fakkaatu malee, akka haala keenya gamaaggamnu kan nu taasisuu dha. Oromoon gaafii kana ofis walis gaafachuu qaba?

Galatoomaa!

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

12 Comments

  1. Yaadi said,

    June 17, 2013 @ 4:27 am

    Ob Abdii,
    sirri jette! Garuu rakkodhuma amma jiru kana akka hin hiikkanne kan nu godhe keessaa tokko maqaa Xoophiya sana ta’uu hubatteetta? Oromo maqaa kanaan deeman, kan akka ODF faa, diina juchuu wayya moo, maqaa waloo irratti walii galuu wayya? Mee itti yaadi pls!

  2. tokkumman humna said,

    June 17, 2013 @ 6:33 am

    otoo wanta akkana barresurra of qusannee gariidha maalif yoo jatte islaamumma dura oromummaa dursa yadni jedhu fudhatama hin qabu kanafu, yero barrefama tokko barressu barbade wanta tokkumma digu danda,u kan yaada nama falleessu barreessuurra of qusachun garidha.

  3. Obsaa said,

    June 17, 2013 @ 10:12 am

    Galatoomi Abdi Bor. Akkuma dur barruun kee kun ergaa jajjabaa qabdi. Haasaa’aan Juwaar godhe hammeenya hinqabu. Haata’u malee qaamni waltajjii sana qopheesse mataduree kana ajandaa godhee dhiheessuu hinqabu ture. Oromoon armaan booda amantiidhaan walqoodee walhinyaatu;walhinlolu;dhiiga waliihindhangalaasu. Barootni akkasii darbaniiru. Tokkummaan Oromotaa akka jirutti ta’ee akkuma akka amantii keenyatti tokkummaa-bicuu (subunity) ijaarrachuunis dansa. Fakkeenyaaf amantiidhaan muslimonni Oromoo jaarmiyaa adda addaa ijaarrachuun isaanii qabsoo Oromoo cimsa. Oromoon piritostantii ta’anis hanga sadarkaa addunyaatti Global Oromo Evangelical Churches jaarmiyaa jedhamu qabu. Oromonni Ortodoksii ta’anis utuu jara irraa adda baa’anii Sinodosii mataa isaanii dhaabbatanii misha. Haata’u garuu “sub-unity”-n adda addaa kun dhimma Oromoo irratti ammoo waltajjii waliinii qabaachuuf haala mijeffachuu danda’u. Tokkummaa Oromoo jabeessuuf dura “locally” akkuma wal fafakkanutti jaarmiyaalee dhaabbachuun hamaa hinqabu. Waanti guddaan haala itti jaarmiyaa sana gaggeessinuufi fayyadamnu dha. Haa ijaaramnu!!!!!!!!!!!

  4. dadala said,

    June 17, 2013 @ 1:14 pm

    Obbo Abdi,

    Akkam oolte bulte, wal barii gaari haa nuuf ta’u jedha

    kanatti aaansee yaanni ati ibsuuf yaali gudda gootee gammachiisa dha. Dhaamsa obbo Johar dubbatte ajanda isaas beeku dhabus yani kenname bay’ee gammachiisa fii quubsa jedheetan itti amana. Anis midil ist biyya arabaa keessan jiraadha, bakka jiraata jiru kanatti namootin keenna warrii oromo muslimtoota heedduun ni jiran. Ilaalchi isaan oromummaaf qaban ba’ee dogoggora ta’a jedhee itti amana. Innis nuti amantii islamummaa nuuf wayyaa yoo jedhan nama dhagayutti ba’ee hin aanju, sammuu nama ceeqa. Ani Muslima, waaan islaamni jedhu atis yoo muslima taate beeku ni mala. Namichii haqaa ofiitirraati du’ee shahiida ykn janata gala jedhamee ibsamee jira. Kanaafu namichi bilisummaa isaati fii biyyaa isaatif hin dhukkubsannee nama niitii jaalaa fudhatanii hin marartoofnee hin gargarumma hin qabu. Loon mar’atus ni hinaafa nama dhiisi.

    Akka hobannoo fii ilalcha kiyyaatitti amantiif eenyummaan yoomiyyu addaan bahuu hin dandawan. Ammas wal dursisu hin dandeennu. Lamaanittu yeroo takkattii ykn yeroo gargaratti rakkoon itti argamu taate lamaanu walirraa hafuu hin dandawan, isaan qaama tokko jedheetan itti amana.

    Fakkeennaf: – Dubartii hijaaaba irraa yoo mulqan, dhiraaf dubartis yoo amantii isaani akka hin hordofannee fknf salaatarraa yoo ari’aman fi hidhaman, ammas akkasumaati warra kiristannota akka mana churchi daqanii tajaajila amantii isanii akka hin goone dhooggaaman bilisni dhabame jechudha. Gocha akkaana kana lamirratti geggeessu jechuun eenyummaa isaa irraa mulqamee jira jechu.

    Yanni obboo Johar jedhee akka ilalcha kiyyaatitti gaya dha, kan qaama oromo ijaaru fii jajjaabeessu. Fuula websaayita “ayyaantu” irraattti ololaa namooti heddu argee dubbisee mooralin koo bay’ee bay’ee na cabee jira. Kumiin obboo Johar irraattti jedhamee kumi qofaa miti innis olola adawwichaati male yaada ilma oromoo kennuu miti. Aduwwoota keennaaf carraa fi balbala balaafi diiggga ummata oromo banuufii hin qabnu.

    Obboo Johar yoo kumachuu feetan kan waayee islamumma inni dubbatee miti, innis kan komachuu qabdan siyaas isatirratti ifnana dhabuun (jechuun walabumaa moo democratic federal of Ethiopia geeddarruun isaa) qulqullinna dhabuun gaaari guudda.

    Wali galatti Obbo Johar ilma barata sammuun isaa irra caala guddaata kan deemu waan ta’ee hayyu keenna jennee itti gammaduu qabna.

    Oromiyaan ni bilisoomti

    Dadala

  5. Moibon said,

    June 17, 2013 @ 1:25 pm

    @said barreeffamni kun dogoggora tokkollee hinqabu.garuudogoggora hikkannaa barreeffama kanaati malee.innis amaan kan dhuunfaadha malee kan sabaa miti.oromummaan garuu dhimma waloo saba oromoodha.fkn amaantiin musilimaa oromummaa waliin leellifama yoo taate amaarri ykn sabni biraa musiliimni hin jiru moo maal jechuudha.kaanaaf dhimma waloo oromoon irratti duuluu qabnu garbummaa tahuu qaba.galatoomaa!

  6. Biyyako said,

    June 17, 2013 @ 2:01 pm

    Tokkumman humna
    Akkam. Abdii boruu kan jedhe sirridha , namni erga dhalatee booda amanttii kanfudhatu, oromummaatu durssa haadhoo, kun kamirrati kan tokkumma diigu?
    Biyyako

  7. Biyyako said,

    June 17, 2013 @ 2:25 pm

    Obbo Tokkumma
    Namni enyumaa saa dursee ti kan dhalatu, achin booda amanti saa filata ykn. Fudhata, kaafuu ob. Abdii B. sirridha jedhe. ESA kamtu dha kan tokkumma diigu?
    Biyyako.

  8. the Oromian bateleur said,

    June 17, 2013 @ 4:00 pm

    HUNDI KEESSAN AJAAYIBA NA ITTI TAA’ATAAN. NAMI SURRIIN ISAA YAADU TOKKO AKKAM GODHEE OROMUMMAA FI AMANTII ( DIINII ) TOKKO GODHA ? OROMUMMAAN GUYYAA RABBIIN OROMOO UUMEE KA’ EE OROMOOTA WAJJIN JIRA. AMANTIIN ( DIINIIN ) IMMOO TAN KIRSITANAS TA’ EE, KAN ISLAMAA EGA NU ITTI DHUFANII AMATA KUMA LAMA HIN CAALU. SANA DURAS OROMOONNI RABBI ITTI AMANA/ABBADAA TURAN. KANAAFUU, OROMUMMAAN AMANTII / DIINII KAMIINYUU NI DURSA. NAMI OROMUMMAA ISAA HAALE, DALLAA RABBII HIN SEENU, MAALIF YOO JEDHANII, NAMII IFI HAALE RABBI ITTI HIN AMANU YKN HIN ABBADU JECHUU DHA. FAKKEENYAAF, AMANTOOTA GURGUDDAA BIYYA LAFAA YOO FUDHANNEE, KIRSTAANA FI ISLAMA. AMANTIIN KIRSTAANAA KAN DHUFEE KARAA WARRA YEHUDAATI, ISLAMI KAN DHUFEE KARAA WARRA ARABAATI. HAA TA’U MALEE WARRI YEHUDA FI ARABAA ENYUMMAA ISAANII DURA ABADAN AMANTII BUUSANII HIN BEEKAN. OROMOONNI MAALIF KAN IFI WALLALANII ENYUMMAA ISAANI DARBANII AMANTIF DURSA KENNAN ? OSOO OROMUMMAAN HIN JIRAANNEE AMANTICHI AKKAMITI NUTTI DHUFA ? AMANTIIN MUCAA NAMAAF BARBAACHISAA DHA, GARUU IMMOO, ENYUMMAA IFII HAALANII MIT. TAN ENYUMMAA ISAA HAALU IFI JAALLATAA WANTA TA’EEF JANNATA HIN SEENU. AMANTIIN OROMUMMAA DURSINAAN OROMIYAA WANTI JEDHAMITU NI BADDI.

  9. Obsaa said,

    June 17, 2013 @ 9:05 pm

    Yaa Jarana:

    Waan beekuu qabdan fedhiin namaa dangaa hinqabu. Namni Oromummaa isaas amantiisaas jaalachuu dandaa’a. Kana dhiisii isa kana fudhadhu waanti jedhamu hinjiru. Ta’uu ka qabu haala itti inni tokko isa tokko hintuqiin walcinaa adeemsinu beekuu qabna. Oromoon hunduu amantii barbaade hordofuun mirga isaa ti;gaafa bilisa baanes kun waan heera biyyatti keessa taa’uu qabu. Haata’u malee amantii akka meeshaatti fayyadamanii Oromummaa keenya waraanuu warra adeeman ofirraa deebisuuf tooftaa qabaachuu qabna. Tooftaan tokko amantii keenya yoo adeemsisnu jaarmiyaan amantii nuti itti tajaajilamnu Oromoodhaan Oromoof kan dhaabbate ta’uu qaba. Warra Habashaa waliin masgiida ykn waldaa Kiristaana tokko fayyadamuu jechuun Oromummaa qofa utuu hintaane amantii keenyaaf illee gaarii miti. Jarri waa’ee Waaqa irra waa’ee Toopiyummaa leellisu. Bataskaana London keessatti waan walqodhan beektu minii? Gabaabaatti Oromoon Habashaa irraa adda ba’ee Maskiidaa fi Bataskaana ykn Waldaa yoo ijaarrate jarri Oromummaa keenya balleessuuf carraa hin’argattu.

  10. Moortaar said,

    June 18, 2013 @ 6:35 am

    Qabsoon bilisummaa ummata Oromoo haala inni wayita ammaa kana adeemaa jiru yoo laalle yaaddessaa dha. Dhaabni siyaasaa jabaa jedhamu, abdatamu isa kami? Oromoon hunduu kufaatii kanaaf nama biraatti quba qabuu dhiisee ani maal gochaan jira jedhee of haagaafatu. Dhugumaan hojii hojjechaa jirraa? Dhaaba siyaasaa tokko jalatti walittiqabamuu yoodadhabne dhimmoota tokko nutaasisan irratti waliin hojjechuu hindandeenyu?

    Mee akka fakkeenyaatti dhimma miidiyaa jabaa dhaabuu haafudhannu. Kun dantaa dhaaba siyaasaa tokkoof utuu hintaane dantaa ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo ka biroof akka hojjetu goone dhaabuu dandeenya. Dhimma akkasii irratti Oromoon amantiinis ta’e lagaan walqooduu hindanda’u. Kana ka jibbu yoo jiraate gabroonfataa qofa. Kanaaf dhimmoota Oromoo tokkoomsan addaan baafnee tarreessinee isaanirratti waliin hojjechuu irratti haaxiyyeeffannu. Talavizhiinii Habshootaa ESAT ka jedhamu ilaala.Dhaabota siyaasaa Habashaa hunda wajjin hojjeta. Umurii gabaabaa kana keessatti hammam akka guddatee ilaala. Woyyaanotaaf mataa dhukkubbii guddaa ta’ee jira. Oromonni tokko tokko kanaaf sabaiin dhiheessan Habashoonni maallaqa waan qabaniif ka jedhu. Kun dhugaa ta’uu mala. Dhimmi guddaan garuu kana miti. Haala itti isaan dhiheessan kalaqa adda addaa of keessaa qaba. Sagantaa isaanii mara mee ilaalaa. Utuu nama hinnuffisiisiin guyyaa guutuu dhagaahamuu danda’u. Radiyoo fi Tv’n Oromotaa Oduu/news/ ,interview fi sirba malee sagantaa ka biraa hinqaban. ESAT Toopiyaa keessatti dhaggeeffatamaa jira. Radiyoo fi TV’n Oromonni Owurooppaa fi Amaarikaa irraa dabarsan Oromoota biyya keessaa biratti hammam beekamu?
    Miidiyaaleen Oromoo hojii hojjechaa hinjiran jechuu kiyya miti. Ammas baay’eetu nu hafa.

  11. Siiyyoo said,

    June 18, 2013 @ 9:26 am

    Nama dhugaa dubbateen dhugaa jette jennee irraafudhuutu nurraa jira. Waan gaarii oromoon jette anaaf yaanni kee fudhatamaa dha. Galatoomi dhimma fakkaataa kan biraairrattis akka Oromo jajjabeessitun abadadha.

  12. Nagara Gedefa said,

    June 18, 2013 @ 7:19 pm

    Maaloo yaa Ilmaan Oromiyaa maalif jaarra kana hundaa keessaatti gatii Ilmaan Ormaan/halagaadhaan baasne isa hanga har’aa eelaa fi madaa hin fayyine ta’ee nu rakkisaa jiru akka nama irraanfateetti callisnee dhiisnee dhimma tokkummaa Oromoo dadhabsiisuu dubbachuuf ija jabaannaa??? Ilmaan Oromoo dhiigni isaanii dhangala’ees, mana hidhaattii dararamaa kan jiraniis, biyya keessa taa’aanii nama itti himatan dhabanii kan boohanis yaadatamuu qabu. As irratti ergaan koo inni guddaan qabsoon Oromoo amantii kam iyyuu hin fakkatu, jaalallooleen Ilmaan Oromoo wareegamanii fi wareegaama jiraanis Musiliimaaf yookan Kiristaanaaf yookan immoo amantii biraadhaaf miti Oromummaadhaaf malee walkeessaa kan maktan seenaan sin gaafata. Bakka jiruutti hundinuu gaggeessaa sirri eenyuummaasa garaagaruummaa taa’umsaa lafaa fi amantiin dhufu irra darbee dirqama lammuummaa bahuu maaloo haa taanuu yaa Ijoollee Oromiyaan deessee!!! ILMAAN OROMOO HUNDAA NAN JAALLADHA…OROMIYAAN BIYYA KEENYA!