FinfinneTribune.com is Gadaa.com

PART-2: Qaalluu Kuusaa Strikes Back – Response to Aite Getachew Redda aka the Nutcase Neftegna

Posted: Waxabajjii/June 26, 2013 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (5)

Part-1 can be read here.

Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com

Gadaa.com
Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

5 Responses in THE COMMENT SECTION

  1. Huurisoo.G

    Jun 27, 13 at 12:09 am

    Obbo Qaaluu, Uulfadhu Dabtara Rada fi kan isa fakkatanif Afaan isaanitin Barnoota garii keenuu keetif !!!…..

  2. Obsa Injifata

    Jun 27, 13 at 10:51 am

    Qallu thank you so much for falsifying the hasty conclusions of Aite getachew Reda. The evidences he presented to conclude that Oromos have wider differences is laughable. The Oromo people was using decentralized system of governance even before the invasion of Ormomia by Abysinia. Different Oromo clans were being led by local Geda governors. The Oromo people have no strong central mass media even today. These had negative impact on centralizing the Oromo language. Every body knows that Amharic was serving as the only national language for many years. This is one of the main reasons for Amharic to be more or less similar across all Amhara areas than Oromiffa is in Oromia.

  3. Obsa Injifata

    Jun 27, 13 at 10:55 am

    Amharas were controlling central government which helped them to standardize and centralize their culture and language. The Oromo people has not got such opportunity even today. Controlling central power is key to standardize once language.

  4. Lamuu Magarsaa

    Jun 27, 13 at 7:59 pm

    27. 06. 13

    Obboleessa kiyya obboo Qaalluu Kuusaa,

    Waraqaa
    kee kutaalee lamaanuu dubbiseen jira. Hedduun itti-gammade. WAAQNI
    gurraachi garaa garbaa, leemmoon garaa taliilaa waan hundaanuu si haa
    gammachiisu! “Obboo”* Geetaachaw Raddaa kanaa fi kanneen akka
    isaatiif deebii kennuun sonaan nama qaneffachiisa. Obboleesso, nama
    daran gadibu’eef, maal jedhaniitu deebisuufi? Ati garuu, otoo akka isaa
    gadi hin bu’in, olbaatee Gaara Baatuu faa kortee sirriitti deebifteefii
    jirta. Namni kun qaamaan bardhibbee 21-ffaa keessa yoo jiraatu, qalbii
    fi sammuudhaan bardhibbee 14-ffaa keessatti kan argamu. Kanaaf: seenaa,
    aadaa, afaan, mirgaa fi haqa uummata Oromoo irratti yaada jajallaa fi
    duubbatti-hafaa qabaachuu dandaye. Kana callaa otoo hin taane, yaada
    wallaalaa fi raatuun tokko dhiyeessuu nutti dadarbate. Yaada kana nama “ani nan qaroome”, “ani biyya qaroome Ameerikaa keessan jira” ofiin jedhu dhiisitii, qeesiin Bichanaa yookaan Saalaa-Dingaay isaanii jiraatullee kan yeroo ammaa kana dhiyeessuu miti.

    Aadaa,
    duudhaa fi afaan Oromoo akka buburree fi tujuba-qabeessa tahe ati
    ibsiteefii jirta. Namtichi kun afaan loqoddaa of-keessaa hin qabne,
    biyyalafaa kana irra akka hin jirre gunkumaa hin beeku. Ammoo, Afaan
    Oromoo loqoddaalee addaddaa qabaatullee akka Oromoon hunduu walii-galuu
    dandayu kanneen Faranoonni isaa barreessanillee waa hin ilaalle. Oromoon
    waaltina afaanii isa ati ibsite otoo hin qabaatin: Inni Raayyaa-Asibuu
    fi Maanya Hindii biraa dhufe, inni Baabilee fi daangaa Sudaan irraa
    dhufe walii-gala. Hamma Manjee fi Gondoreen walii-galu san Oromoonis
    eessayyuu haa dhufuu walumaaf-gala. Kun dhugaa ijaa babbaasaa lafa jiru.
    Inni waayee loqoddaalee Afaan Xaaliyaanii faa, Afaan Jarmanii faa
    keessatti argamu otoo kan beeku tahee, kana hundaa hin dhama’uuyyu.
    Ilaamee, Jarmannoonni naannoo Muunikii fi naannoo Hamburgii yookaan
    Barliin jiran yoo loqoddaalee ofii qofaan walitti haasawan matumaa walii
    hin galani. Afaan Jarmanii isa waalteffameen waliif galu. Egaa kun
    Biyya Jarmanii isa karaa saayinsii fi teeknolojiitiin samii tuqe
    keessatti. Lafa Biyya Jarmanii xiqqoo san keessatti.

    Aadaan
    Oromoo buburree duwwaa otoo hin taane, hedduu, hedduu gabbataa dha.
    Garagarummaa lafaa (baddaa, baddadaree fi gammoojjii) sanitu aadaa
    buburree, gabbataa fi boonsisaa akka sabni Oromoo qabaatu isa taasise.
    Fakkeenyaaf: sirboota Oromoo kanneen Oromiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa
    Kibbaa qofa otoo hin taane, haa jennu kanumti godina Wallaggaayyuu
    baay’ee dha. Kan Oromiyaa Waltajjii, Arsii yookaan Harargee faas
    akkanuma. Maal “obboo” G. Raddaa akkuma isaanii akka “iskistaa”
    callaa ragannu fedha moo? Akkuma isaanii akka baaqqee (naxalaa) duwwaa
    uffannu barbaadaa? Ee, warri uffata ofii keessaa halluuwwan addaddaa hin
    qabne, asiin baatus adii, achiin baatus adii “qofa” warri
    uffatu kun fakkeenyaaf mee, Harargee yookaan Baale-Arsii haa deemu.
    Ameerikaa Laatinii faa, Sarbiyaa, Romaaniyaa, bulgaariyaa, Hungaariyaa
    faa, Afrikaa Lixaa faa, Biyya Hindii faa mee haa dhaqu! Yoosuu aadaa
    uffannaa Oromoo miidhagaa, bareedaa fi tujuba-qabeessa kana argaa!

    Obboo
    Qaalluu Kuusaa, ergan hammana waa jedhee mee yaada tokko callaan as
    irratti siif dhiyeessa. Afaan Amaaraa keessatti jechoota Afaan Oromoo
    tokko tokko kenniteeti jirta. Kun mishaa dha. Garuu, jechoonni kun otoo
    akkuma Oromoon barreessutti qubeen barreeffameeyyi gaarii dha. Akkanuma
    waraqaa Afaan Ingiliziitiin dhiyeessinu keessattis jechoota Oromoo
    qubeen kennuun bayeessa. Kunillee aadaa fi seera barreessitoota
    saayinsii gamataati (“social science”). Barreeffata kee isa kutaa lammaffaa kana keessatti kanneen kaafte: “waankee, dirritoo, ragada, shaggooyyee, leexoo, gugsii, guchii, dhangalaasaa, taftaffii, sussukkii (suksukkii)” faa jechuu kooti.

    * Jecha Oromoo isa “obboo” jedhamu kana “Atoo”
    G. Raddaa kanaaf oolchuun danuu natti ulfaate. Kabaja jechi Oromoo kun
    qabu ati sirriitti beekta. Kanaafan jecha keenya kana cuccobduu
    keessatti galchuun dhimma ittiin baye-kaa.

    Lamuu Magarsaa

  5. Lamuu Magarsaa

    Jun 28, 13 at 2:49 pm

    28. 06. 13

    Obboo Qaalluu Kuusaa fi warra kaan,

    Barreeffata kanaa gaditti agartan kana kaleessan gara mandhee keenya raajeffatamaa, “Gadaa.Com”-tti ergee ture. Garuu, isaan erge sana keessaa wanna xiqqashoo takkatu dabruu dandaye. Inni kaan irraa citeetoo hafe. Maali “obboo” G. Raddaa fi sheexanoota isaanitu na jalaa ciccire moo? Mee waan hundaafuu isan kaleessa erge sana armaan gaditti ilaalaa!