Gadaa.com Comments (3)

Afaan Oromoo, Eessarraa Garamitti?

Hundasaa Waaqwayyaa irraa

Saba tokko saba biraa irraa kan adda baasan keessaa tokko afaanii fi aadaa isaati. Afaan meeshaa sabni tokko aadaa, duudhaa, safuu fi seeda isaa ittiin ibsatu, mallattoo eenyummaa isaati. Afaan yoo ittiin hin baramnee fi hin hojjetamne suuta suuta laafee gara du’aa fi dhabamuutti deemuu danda’a jedhu warri dhimma afaanii irratti qoratanii fi hojjetan.

Afaan Oromoo afaan uummata miliyoonota hedduun dubbatamu ta’ee osoo jiruu hacuuccaa fi cunqursaa waggoota danuu oliif humna koloneeffatootaan irra gaheen, akka ittiin hin baratamnee fi hin hojjetamne godhamee akka baduu fi Afaan Amaaraan akka liqimfamu gochuuf warra yaalamaa ture keessaa isa tokkodha. Haata’u malee qabsoo ummati Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo kan biroo waloon godhanii fi injifannoo bara 1991 argameen Afaan Oromoo, Oromiyaa keessatti afaan barumsaa fi hojii akka ta’uuf carraa ykn hiree argate.

Haala kanaan bara 1991 yeroo ABOn handhuura Oromiyaa Finfinnee seene irraa kaasee Qubee Afaan Oromoo barachuu fi barsiisuun duula guddaatu godhame. Kitaabonni barumsaa kumaa fi kitilaan maxxanfamee manneetii barumsaaf raabsaman. Barruulee fi gaaxexoonni hedduun bahuu jalqaban. Barruulee yeroo sana dhalatanii fi maxxanfamuun ummata bira gahaa turan keessaa, kanneen akka Qabee, Innikka, Madda Walaabuu, Gadaa, Ichima fi Biiftuun kan yaadataman yoo ta’u, gaazexoota yeroo sana turan keessaa ammoo kan akka Bakkalcha Oromiyaa, Madda Walaabuu, Urjii, Coqorsa, Seyfe Nebelbaal, Risaa fi Irreecha kan jedhaman ni yaadatamu.

Kaasetoonnii fi kitaaboti bahaa turanis hedduu turan. Fiilmiin Afaan Oromoon soneeffamanii fi ummata Oromoo biratti seenaa guddaan yaadataman, kan akka Dukkanaan Duuba, Fuula dhokatee fi Jilbeebbii kan jedhaman yoo ta’u boodarra kan bahan Qaanqee, Hadhaa, Qoraattii Gadameessaa, Eelaa fi kan kana fakkaatanii fi maqaa isaanii kan hin yaadanne hanga baroota dhiheenyaatti hedduutu burqan. Keessattuu Fiilmiin Dukkanaan Duuba jedhamu, kan Obbo Dhaabaa Wayyeessaan qophaa’ee, dararaa fi hacuuccaa ummata keenya irra gahaa ture kan ibsu yoo tahu, seenaan isaa kan hin dagatamne hojii guddaa ture. Haa ta’u malee barruulee, fiilmii fi gaazexoonni kun akka jalqabanitti itti fufanii guddachuu fi babl’achuu hin dandeenye. Hidhaa fi dararama mootummaan wayyaanee namoota waan kana hojjetan irraan gaheen qopheessitoonni gaazexoota kanaa hojii isaanii itti fufuu dadhaban. Artisoonni hedduun kan yeroo sana burqanii fi mul’atan, gariin ni ajjeefaman, hedduun ammoo biyyaa bahan. Kanneen booda kana mumul’anii fi ummata biratti jaalatama argataa dhufan, akka eegamanitti guddachuu hin dandeenye. Barruulee fi gaazexooti biyya keessatti bahaa turan guutummaatti gabaa irraa kan dhabaman yoo ta’u, biyya alaatti Barruuleen Burqaa jedhamtu kan Obbo Daraaraa Maatiin qophaawaa turte hanga tokko deemtee har’a isheenuu gabaarra hin jirtu. Yeroo ammaa dimshaashumatti barruuleen ykn gaazexaan walabaa kan Afaan Oromoon dhimma Oromoo fi Oromiyaa irraa dubbatu, biyya keessattis ta’e, biyya alaatti kan barreeffamaa fi maxxanfamaa jiru hin mul’atu ykn hin jiru.

Afaan Oromoo bara 1991 hanga naannoo bara 2000 ykn 2005tti guddataa fi dagaagaa ture amma gara duubaatti waan deemaa jiru fakkaata. Gaazexoota Afaan Amaaraan biyya keessatti heddumminaan maxxanfamaa fi bahaa jiran keessaa kan Afaan Oromoon bahu tokkollee dhabuun, waan guddaa nama yaaddessuu fi egeree guddina Afaan Oromoo kan gaaffii keessa galchu ta’ee mul’ata. Mootummaan wayyaanee toftaa adda addaan Afaan Oromoo irra dhiibbaa ifaa fi ifa hin taane geessisuun dadhabsiisaa fi dhabamsiisaa jira. VOAn Afaan Oromoon yeroo oduu dabarsuu eegale, gabaastota Afaan Oromoon biyya keessaa oduu dabarsaa turan, kanneen akka Obbo Fayyisaa Yaadasaa, Obbo Zalaalam Gammachuu, Aadde Nohamiin Biqilaa fi kan isaan fakkaatan hojii gabaasummaa dhorkamanii, yeroo ammaa warra Afaan Amaaraa dubbatan qofaatu mirga argatee gabaasaa fi oduu dabarsaa jira.

Waajira aadaa fi isportii Oromiyaa jedhamu jalatti wiirtuu qorannoo Afaan Oromoo qoratee barruulee fi kitaabota baasaa turan har’a oduun isaanii hin jiru. TV fi Radiyoon Afaan Oromoo ofi danda’ee haa dhaabbatu jedhanii Finfinnee irraa gara Adaamaatti erga godaanee booda, TV- Oromiyaa kan jedhamu sun waggoota jalqabaaf sagantaa fi qophii nama hawwatu hanga tokko kan afaanii fi aadaa Oromoo guddisuuf hojjechuuf carraaqe, har’a yeroo qilleensa isaa gara caalu, Waaltaa Information kan jedhamu dhaabbata odeeffannoo Wayyaanee kan ta’ee fi Kookaa Kollaa Superstar kan jedhamu, Kampaanii Sheek Alamuddiiniif kan dalagu irraa fudhachuun Afaan Amaaraan sagantaa bashannanaa fi oduu gara garaa dabarsaa jiru. Maqaaf TV-Oromiyaa jedhamee haa waamamu malee, akka amma argaa jirrutti kan warra Afaan Amaaraa dubbatuun dhaalamee jira.

Ijoolleen Oromoo kanneen kaasetaa fi CD Afaan Oromoon baasaa turanii fi abdii guddina egeree artii Oromoo kan ta’an, har’a sagalee isaanii dhagahaa hin jirru. Kanneen fiilmii fi diraamaa gara garaa qopheessanii fi hojjetan, bakka itti shaakalanii fi hojii isaanii mul’isan dhabanii boohaa fi iyyaa jiran. Kana mara yeroo xiinxallu, daraaraan Afaan Oromoo irratti mul’ataa ture firii horee dagaaguu irra coolagee goggoguurra akka jiru hubanna. Kun maaliif ta’a jennee yoo gaafannee fi qoranne deebiin isaa ifaadha. Diinni kaleessa afaan keenya, afaan hojii fi barumsaa akka hin taane dhiibbaa guddaa gochaa ture har’allee hin ciifneef. Afaanichi yoo guddatee babal’ate, afaan isaanii liqimsee gabaa keessaa akka isaan baasu waan beekaniif toftaa fi mala adda addaan, suuta suuta rukutuun dadhabsiisanii ajjeesuuf halkanii guyyaa irratti hojjetaa akka turanii fi har’as akka itti jiran hubachuun nama hin dhibu. Warri maqaaf Oromiyaa bulchanii fi Afaan Oromoon hojjechaa jiran dimma kana akkamiin akka ilaalanii fi hubatan Waaqni haa beeku. Dubbii cimaan kan afaan isaan hidhee fi harkaa miila isaan takaale akka jiru isaanis hin wallaalle. Garuu dubbachuu fi falmuuf onnee isaa dhaban fakkaata.

Dadhabinaa fi kufaatii yeroo ammaa afaan keenyarra gahaa jiruuf kan komatamu alagaa qofaa?
Akka hubannaa fi ilaalcha kootti irra guddaa kan komatamuu qabu numa abbaa dhimmaa Oromoodha malee orma qofaa miti. Maaliif jedhamuu ni mala. Kana kanin jedheef muuxannoon bara 1991 irraa qabee hanga har’aatti argee fi hubadhen qaba. Yeroo Qubeen Afaan Oromoo barsiifamuu eegale namni marti alagaallee dabalatee barachuuf halkanii guyyaa tattaafataa ture. Isaan keessaa gariin afaanii fi eenyummaa isaanii ittiin guddisuu fi hojjechuuf yeroo ta’u, kaan ammoo ittiin hojii argachuuf ture.

Barruulee fi gaazexoota maxxanfaman, kitaabotaa fi kaasetoota Afaan Oromoon bahan namoota hagamtu bitaa ture? warri kitaabota maxxansanii fi wallistoonni keenya sirba baasan maaliif kasaaran yoo jenne hidhaa fi doorsisa diinaa qofaan hin turre. Oromootu barruulee fi gaazexaa hin bitu, hin dubbisu, kaaseta Afaan Oromoo hin dhaggeeffatu, kan bituu fi dhaggeeffatu muraasa. Irra hedduun namoota keenyaa isuma duri baratan sana dubbisuu fi caqasuu aadeffatan. Kana sababa malee hin jenne. Bara barruulee Madda Walaabuu jedhamtu Afaan Oromoon maxxansuu eegalle, heddummina namoota keenyaa ilaalcha keessa galchuun, maxxansaa duraa, 10,000 baafne. Walakkaan hin gurguramne. Maxxansaa lammataa 5000 goone. Ammas ni hafe. Isa booda hanga gaafa cufamuutti 3000tti gad xiqqeessine. Inniyyuu hanga tokko qofaatu gurgurama ture. Madda Walaabuu qofaa miti. Barruuleen duraan maqaa isaanii tuttuqe, Qabee, Gadaa, Ichima, Biiftuu fi warri kana fakkaatan sababuma kanaaf itti fufuu dadhaban. Kaasetooti sirbaa Afaan Oromoon bahan yoo guddate 2000 fi 3000 oli kan gurgurate hin jiru. Baasii fi kasaaraa malee bu’aan irraa argamee hojii itti aanuuf maallaqa argachuu hin dandeenye.

Kana mara Wayyaaneetu dhorke jettuu? yeroo ammaa kitaabni Afaan Oromoon maxxanfamu yoo guddate heddummina lakkoofsaan 2000 caalu hin maxxanfamu. 2000 oli maxxansiisee kan gurgure yoo jiraate isa akkam carroomedha ykn kitaaba akka malee barbaadamu jechuun ni danda’ama. Ummati Oromoo lakkoofsaan miliyoona 40 hanga 50tti hedamu ykn lakkaayamu kitaaba ykn barruulee 2000 hin caalle bituu yoo dadhabu maaltu jedhama? Akka heddummina nama keenyaatti silaa kitaabota, barruuleewwan, kaasetootaa fi CD-wwan gara garaa miliyoonotaan maxxanfamee bahuun gurguramuun irra hin turree? hiyyuma moo dhibaayina keenyatu kana fide? yeroo ammaa guutummaatti barruulee fi gaazexaan Afaan Oromoon biyya keessaa fi biyya alaatti maxxanfamee bahu ennaa dhabnu qaanii fi salphina mitii? duri alagaa komanna. har’a hoo eenyuun haa komannu? Deebisaa Oromoofan dhiisa. Rakkina maxxansaa kitaabotaa fi barruulee Afaan Oromoo irra jiru hanga tokko furuu fi gargaaruuf yaalii godhameen, ” Waldaa Maxxansaa Oromiyaa” kan jedhamu, Waldaan tokko biyya USA, Atlantaatti ijaaramee kitaabota Afaan Oromoo maxxansiisuu eegalee ture. Har’a isaan hojii kanatti jiruu? maaltu isaan dadhabsiise laata?

Kitaabaa fi Fiilmii Afaan Oromoon qopheessuun kan beekame Obbo Dhaabaa Wayyeessaa yeroo sanatti hojii hogarruun Urjii Oromoo ture jechuun ni danda’a. Afaan Oromoo fi eenyummaa Oromoo, daran guddisuu fi mul’isuuf kan danuu faarfamee fi abdatame har’a maalitti jira? akka abdatamee fi eegametti, akka hin hojjenne kan dhorke ykn gufachiise maalidha jenna? Isa qofaa miti, kitaabota ” Yetedebeqe ye Oromoo ye giftaarik fi Oromiyaan befereqaa” kan jedhamanii fi gaazexaa Urjii irratti mata adda addaa irratti barreessuun Oromoo biratti kan jaalatamee fi habashoota biratti kan beekame, Mootii Biyyaa (Obbo Gammachuu Malkaa) erga biyyaa bahee booda achi buuteen isaa hin dhagayamne, waraabessi isa nyaates hanga ammaa hin yuufne. Ija hamtuu wayiitu isa laale ta’aa laata? akkasumas, ijoolleen hedduun booda kana mul’atan kanneen akka qopheessaa fiilmii Eelaa jedhamanfaa eessa gahan? waan hundaan mul’achuu malee guddachuun yoo hin jiraanne, rakkooleen kun maalirraa maddan? furmaanni isaa hoo maalidha? mee waan kana qalbiin ciisaa xiinxalaa furmaata isaa itti yaadaan jedha.

Kan alagaan hojjetu biyya keessas ta’ee biyya alaatti yeroo dhalatu, guddatuu fi dagaagu argina. Kan daboo isaaniif ta’u ammoo numa mitii? Keenyaaf daboo akka walii hin baane, akka wal hin tumsinee fi wal hin gargaarre kan nu dhorke, dhibeen maqaa fi dawaa hin qabne kun maali laata? Fala kanaaf, Hooda aadaan qabnu dhaqna, moo marii hayyuu barbaadna?

Biyya alaa kanatti ammoo maxxansaaleen Oromoo akka hin guddannee fi hin babal’anne kan godhe, ilaalcha siyaasaa fi gartummaa dha jechuun ni danda’ama. Yeroo kitaabni, barruulee fi CD tokko bahu, qabiyyee fi dhaamsa isaa osoo hin taane, eenyu akka barreessee fi hidhata siyaasaa namni suni qabu qorachuu fi iyyaafachuu dursu. Silaa kan ilaalamuu male, waan sun guddina afaanii fi eenyummaa keenyaaf gumaachaa fi bu’aa maxxansaan sun qabutu hubatamuun irra ture. Jaarmoliin siyaasaa fi dhaabboliin amantii keenyaas waan kana irratti waan yaadaa jiranii fi hojjetan hin dhageenye hin argines.

Marsaaleen (website) Oromoo hedduun afaan alagaan barreeffamaa jiran. Beektoti Oromoo kanneen barnoota ammayyaan qarooman Afaan Oromoof alagaa ta’aa waan jiran fakkaata. Kanneen Afaan Oromoon barreessanii yaada ofii ibsatan qubaan lakkaa’amu. Oromoonni biyya alaa jiraatan, kanneen ijoollee isaanii Afaan Oromoo barsiisan akkasuma muraasa. Walumaa galatti sabboonummaan Oromoo yeroo ammaa quucaraa akka jiru hubachuun nama hin dhibu.

OSAn, gurmuu ykn waldaa hayyoota Oromoo jedhamee kan beekamu, dhimma Oromoo fuula maraan kan qoratu, guddina afaanii fi aadaa Oromoo irratti waan hedduu qoratee ummataaf dhiheessa jedhamee kan eegamu, hanga ammaa waan isaan hojjetani ifa baasan ykn gumaachi isaan gama kanaan dhiheessan hin mul’atu. Waggaa waggaan walgahiin isaan godhanii fi ibsi isaan baasan afaan warra adii (faranjiin) malee Afaan Oromoon kan isaan barreessanii ummata keenyaan gahan hin argine. Yoo isaan Afaan Oromoon hin barreessinee fi haala afaanii fi hogbarruun Oromoo irra jiru qoratanii ummataaf yaada hin akeekne, eenyurraa maal eegna?

ONAnis akkasuma guddina afaanii fi aadaa Oromoo irratti hojjechuuf waggaa kudhan dura akka marsaa marii Oromootti dhaabbate miseensaa fi deeggarsa hedduu horatee ture. Haa ta’u malee yeroo ammaa akeekaa fi kaayyoo dura lallabate dagachuun irra hedduun afaan alagaan barreessuu caalayyuu, bakka ololaa fi oduu ta’ee hafe. Waan jalqabnu marti duubatti malee fuulduratti yeroo deemu argaa hin jirru. Kun maaliif laata? Beekumsa moo murannootu nu hanqate? moo waan dubbannuu fi hojjennu walsimsiisuu dadhabne?

Haa ta’u malee yeroo ammaa Oromoon internet Radio fi TV bananii guddina Afaan Oromoof hojjetaa jiran asi babahaa jiran. Isaan kun galateeffamuu fi jajjabeeffamuu qaban. Yoo nuti isaan hin daggarree fi gumaacha nurraa barbaadamu hin gooneef carraan isaaniis akkuma warra kaanii ta’uun waan hin oolle. Kana malees yeroo ammaa dhaloonni Qubee biyya keessaa Afaan Oromoon kitaabota Afaan Oromoo hanga tokko babaasaa jiru. Isaan kunis jajjabeeffamuu fi gumaachi gama hundaan isaaniif godhamuu qaba. Yoo kana hin goone carraan isaanii akkuma warra kanaan duraa mul’atanii dhabaman ta’uu ni mala.

Walumaa galatti, Oromoon Oromummaan itti dhagahamu haala Afaani fi ogbarruun Oromoo keessa turee fi jiru, egereen isaa maal ta’uuf akka deemu qorachuu fi itti yaaduu qaban. Keessattuu hayyoonni keenya waan kana irratti halkanii hojjechuu qaban. Hayyoota eeguu qofa osoo hin taane marti keenya itti yaaduu fi waan nurraa eegamu dirqama Oromummaa bahuu qabna. Kanas kan goonu, kitaabota, kaasetootaa fi walumaa galatti maxxansaalee afaan keenyaan bahan bituu fi dubbisuu, dubbifnee yaada itti kennuu fi qaama dhimmi isaa ilaalu jajjabeesuudha. Yoo kana hin goone bakka kaleessa turretti deebi’uun fagoo hin jiru. Kana jechuun ammoo waraana tokko malee diina keenyatti harka kennine ykn ofiin ofi salphifne yoon jedhe dogoggore hin se’u.

“Dubartiin boosattii ofi gatteetu, dhirsa kootu na gate,” jetti jedhan.

Kana ammoo Waaqayyo nu haa baraanu!


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

3 Comments

  1. keebek said,

    July 8, 2013 @ 5:07 pm

    Obbo Hundasaa Waaqwayyaa waan yeroo dheeraf sammuu koo keessaa nannna’aa ture kaafte akka gaaritti ibsuu keetif galata argadhu! Waan kana akka laayyotti ilaaluu hin qabnu akkan hubadhutti. Afaan keenya qabaanya keenya isa guddaadha. Kaleessaa goototni keenya gatii lubbuu itti kanfalanii du’a irraa baraaraniiru, hara’a ammoo nuti du’atti geessaa jira. Raadiyoon karaa websayitii hojjatan waan kana itti dhimmanii namoota maqaan isaani asitti tuqaman kan akka Obbo Dhaaba Wayyeessa fi Gammachu Malkaa waan kana irratti ilaalcha isaani gaafatani uumata keenyaaf dhiyessuu qabu. Keessattu waan kana irratti Obbo Dhaaban waa nuun jechuudha qabu. Yeroo dhuyoo fiilmi dheera Dukkana Dorroba jedhamu hojjata jiru jechuu dhagaheen akka oromoo tokkootti baayeen hawwiin eega ture, ammas eegaa jira. Maalirraan gahan laata, nuuf haa gaafataman! Afaan oromoo garammitti deema jira…mariin hawaasa qophaa’ee irratti mari’atamuu qaba!

  2. Gada Milki said,

    July 9, 2013 @ 11:59 am

    Obboo Hundasaa , Dhimmaa oromoota mari’achisu kan irratii bareesitee nu dhiyeesuu keetiifi galata gudda qabdaa. Akka atii jetetti boodatii arkifaamu gudinaa hogbaruu fi filmii affaan oromo sababoota adda addaa haa jiraatan malee ini guddaan dadhabina ummata keenya akka tahee wal hin mormisiisuu je’en yadaa. Haatahu malee sababoota ummata keenyaa dadhabsisan akka layotii wan ilaalamuu dandahan mitii kan je’dhu yadan qabaa. sababoota kana ilaalcha gadii fagoon ykn qorannodhan xinxalamuu qabuu. kanaf waldoota qorannolee kan akka OSA fi ka biro qoranno irratii gageesanii furmaata wajiin ummataf dhiyeesuu dandayuu je’en yadaa.
    Dhimma oromoo bayee mari’achisuu dandayuu nu dhiyeesu keetiif heddu galatoomi.

  3. The Oromian bateleur said,

    July 13, 2013 @ 1:34 am

    Obbo Hundasaa

    Hedduu galatoomi yaada kana uummata itti gadi baasuu keetiif. Afaanni jereenya saba tokkoof murteessaa dha. Oromoonis cunqursaa waggaa dhiba caalu dandamatee, baduu irraa hafee har’a ga’uun isaa waan afaan isaa dhukatee baadiyaa keessa itti hojjechaa tureef. Har’a immoo Afaan Oromoo guddatee sadarkaa kana irra ga’uun isaa hedduu nama gammachiisa. Guddini kunis immoo kan dhufuu danda’ee soora wareega lubbuu gootota Oromootiin. Waaqayyoo lubbuu isaaniif qabbana haa kennuu !

    Haa ta’u malee, Afaan Oromoo afaan sooressa rakkina tokko malee dafee guddatee dagaagu ta’ee osoo jiruu, amma illee hanga guddachuu danda’u tokko guddachuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, seerlugi/hiramadubbii ( Grammar ) Afaan Oromoo seera qabatee hin jiru. Oromooti akkuma fedhii mata mataa isaaniit barreesu. Naannoo Oromiyaa adda addaa keessa loqoda adda addaa tu jira. Kun rakkoo hin fiidu yeroo dheeraa keessa walfudhachaa dhufa. Dhalooti ammaa hedduu walitti dhi’aachaa waan jiraniif ni sirreesu.

    Barreefama hedduu keessati wanti naf hin gallee tokko akka kanaa gadiiti:

    Mirroo (prepositions) maxxannee ( Affix ) ta’u moo hin ta’an ?
    Fky. Isa itti kenni jedhama moo, isatti kenni jedhama ?
    Muka irra jira jedhama moo, mukarra jira jedhama ?
    Hin beeku jedhama moo, hinbeeku jedhama ?
    Wal beekna jedham moo, walbeekna jedhama ?
    Oromiyaa irraan dhufe jedhama moo, Oromiyaarraan dhufe jedham ?

    Namooti akka addaa addaa itti barreessu, garuu ani kan na itti fakkaatu mirroon (prepositions) akka maxxannee (Affix) osoo hin taanee mataa isaanii danda’anii warra dhaabbatanii dha jedheen amana. Warrii kun fakkeenya yartuu dha. Kan kana fafakaatan hedduu tu jira.

    Afaan Oromoo keessa hiccitii seerluga/hiramadubbii gadi fagoo tu jira. Gadi fageenya kana keessa lixinee haa ilaallu mee.