Gadaa.com
Gadaa.com Comments off

Oromiyaa baldhoo qoqooduuf shira wayyaaneen itti turtee fi jirtu. Nutoo gochaa diinaa kana bifa kamiin hubachaa jirra?

Camadaa Hundee irraa*

Wayyaaneetti mataa dhukubbii guddaa kan itti ta’ee jiru keessaa, baayyina ummata Oromoo fi baldhina dachee oromiyaa ti. Wayyabummaan oromiyaa fi ummata Oromoo xiqqeessuuf jecha eega aangoo qabattee kaastee shira dhuma hin qabne oromiyaa keessatti dalagdee jirti. Haata’uuti garuu shirri TPLF kun akka isheen barbaadetti dhugoomufii tasa hin dandeenye. Qorqalbii oromiyaan baldhoodhaa fi ummati Oromoo biyyatti keessa wayyaba jedhu balleessuuf jecha heeraa fi seera ofii tumatte dahoo godhachuudhaan ummta Oromoo irratti daba dhiifama hin qabne irratti hojattee jirti. Shira wayyaaneen hojataa turtee fi ammas itti jirtu amma tokko kaasanii ilaaluun eddu gaarii dha.

Shirri wayyaaneen inni guddaa fi angafti ummata Oromoo hooggana dhabsiisuu dha. ummati Oromoo kabajamaa fi guddaan kun hooggana argannaan akka murna bicuuf ajajamaa fi saamamaa yeroo hunda hin jiraanne sirnaan beeku. Kanaaf jecha adda durummaan fedhaa fi hawwii ummata Oromoo kan hoogganu dhaaba siyaasaa beekamaa fi namoota qoroo ta’an ummata Oromoo dhabsiisuun toftaa TPLF isa duraati. Kana dhugoomsuuf yeroo dheeraaf itti dhama’aa kan turte kallacha ummata Oromoo kan ta’e ABO dhabamsiisuu ykn dadhabsiiuu kan jedhu tarsiimoo guddaa qabdi. ABO sammuu ummta Oromoo keessaa haquun akka laayyotti akka hin danda’amne sirnaan waanta beekaniif jecha dhaaba kana dadhabsiisuu kan jedhu toftaa gara garaatti dhimma bahan jiru.

Dhugaa dubbachuuf ABO ummata Oromoo biratti abdii fi mallattoo eenyummaa Oromoo ta’e tasa dhabamsiiuu ykn maqaa balleessuun karaa diinaatin akka hin danda’amne TPLF sirnaan hubattee jirti. Haata’uu garuu dhaaba kana diinni kan dadhabsiise irra kan ofii isaatiin of tolchetu dadhabbii guddaa itti ta’e. hoogganni ABO yeroo gara yerootti shiraa fi toftaa diinaa yaada keessa galchuun, rakkoo keessa isaa bilchinaan fala itti kennaa deemuu dadhabuun isaa, diinaaf karaa bane jira. hoogganni dursee waanta hunda xiinxalee fala yoo itti kennuu dadhabe, diinni dursee dhimma itti baha. Kan yeroo dheeraa argaa turree fi argaa jirrus kanuma. Kanaaf dadhabbina keessa dhaaba keenyaa (ABO) diina komachuu irra dadhabbina mataa keenyaa jennee of amansiisuu qabna.

Dubbiin ABOn akkamitti haala diinaaf mijatu keessa isaatti dhalche kan jedhu ammaaf turfachuun, gochaan TPLF Oromoo hooggana dhabsiisuuf dhama’aa turteef garuu gumaacha kennee jira. TPLF jaalatus jibbitus sammuu Oromoo keessa ABO haquu tasa hin dandeenye. Garuu dadhabbina mataa keenyaa fi yeroon rakkoo qabsoo keessatti numudate fala itti kennaa deemuu dhabuun keenya diinaaf karaa saaqee jira. kanaaf wayyaaneen dadhabbina keenyatti dhimma bahuudhaan toftaa Oromoo hooggana dhabsiisuu jedhu amma tokko itti gargaaramtee jirti. TPLF soda guddaa kan irraa qabu ABO waan ta’eef akka rakkoo keessa isaan xaxamee yeroo dheeraa turu gochuu keessatti qooda guddaa qabdi. Garuu rakkoo ABO keessatti yeroo dheeraaf tureef maddi isaa tasa wayyaanee miti. Maddi isaa rakkoolee dhaaba mudatan bilchinaa fi beekumsaan dursanii hubachuun fala itti kennuu dadhabuu keenya ta’a. kanaaf ammoo qooda guddaa kan qaban hoogganoota ABO kan turanii fi kan ammas itti jiran ta’a. sanas ta’ee kanas hawwii fi toftaa diinni keenya barbaaduuf gumaacha guddaa taasifnee jirra. Ammas taanaan kan irraa baratamuu qabuu fi bilchinaan keessa dhaaba keenyaa ilaallee, xiinxallee, haala siyaasa addunyaa fi naannoo barree, kan kaleessaa fi kan egeree sirnaan qorannee, dadhabinnaa fi jabina keessa dhaaba keenyaa irra dibaa tokko malee adda baafannee, ilaa fi ilaameedhaan rakkoo harkaaa nuqabdutti fala ni soqna yoo ta’e, ammas haalli mijataa dha. yaadaan diina keenya caallee argamuu qabna. Waanta diinni keenya yaadu dursinee beekuun barbaachisaa dha. kana ni raawwanna taanaan shiraa fi toftaa TPLF Oromoo hooggana dhabsiisuuf dhamaatu yeroo gabaabaa keessatti irra aanna.

TPLF Oromoo hooggana dhabsiisuuf kan ABO irratti xiyyeefatte akkuma jirutti ta’ee, dhaabbilee siyaasaa ABOn ala jiranis xiyyeefannnaadhuma wal fakkaatee kenniteefii jirti. Dhaabbilee maqaa Oromootiin socho’an hunda isaanii hooggana cimaa dhabsiisuu keessatti duula guddaa irratti raawwattee jirti. Kan maalaqaan keessaa bitachuu dandeesse sirnaan dhimma itti baatee jirti. Kan maalaqaa fi fayidaa gara garaan hin gowwoomne ammoo maqaa shororkeessaa jedhuun mana dhidhaatti naqxee jirti. Kaan dhoksaan ajjeestee jirti. Kuun akka baqatee biyyaa bahu taasistee jirti. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo kamuu keessatti hoogganni qaroo fi eenyummaa saba isaa hubatu akka hin biqille of eeggannoon irratti hojattee jirti. Waggoota 22n darban kana hojiin guddaa TPLF Oromoo hooggana dhabsiisuu dha.

Toftaan TPLF Oromoo hooggana dhabsiiuu jedhu kun, dhaabbilee maqaa siyaasaan socho’an duwwaa otoo hin taane, dhaabbilee hawaasaa Oromoo (civic society) gara garaa keessattis kanuma raawwachaa turte. Waldaa barsiisota, barattootaa, daldaaltotaa, hafooshaa, beektotaa Oromoo fi caasaalee dhimma Oromootti dhiheenya qaban hunda keessatti hoogganni cimaan akka hin maddine roga hundaan itti hojachaa as geesse. Dhaabilee hawaasaa Oromoo kan biyya keessa jiran duwwaa otoo hin taane, kan biyya ambaa keessatti ijaaraman illee bifuma kanaan hooggana muldhata qabu dhabsiisuu keessatti gahee guddaa taphachaa jirti.

Ammas TPLF Oromoo hooggana dhabsiisuuf dhaabbilee siyaasaa fi hawaasaa Oromoo gara garaa keessatti duwwaa otoo hin taane, kan ofiif ijaarrattee fi akka projeetii mataa isheetti kan dhimma itti bahaa jirtu OPDOs imaamatuma kanaan masakaa jirti. OPDO keessatti dhalataan Oromoo dhimma Oromoof quuqama qabu akka hin biqille dursitee keessatti hojattee jirti. Akkuma ta’an ta’anii namootiin dhaaba OPDO kana keessatti biqilan yoo jiraatan yeroodhaan bakkaa kaasu. Ilmaan Oromoo quuqama sabaa qaban battalumatti bakkaa ka’u. OPDO keessatti tasgabbiin akka hin argamneef hoogganni dhaabbataa akka hin jiraanne godhu. Yoo attam baayyate OPDO keessatti namni tokko waggaa shan (5) walitti aansee bakka hooganaa tokkoo tura. Sana booda maqaa gara garaan akka bakka gadi dhiisu taasifama.

Kan biraa OPDO keessatti namootiin sababaan yaadanii fi waa hubatan akka bakka argatan hin eeyyamamu. Yeroo hunda namoota Oromoo biratti kabajaa fi hulfina hin qabne, akka bakka olaanaa argatan godhama. Sababni isaa namootiin ummata biratti fudhatama hin qabnee fi eenyummaa isaaniitiif dantaa hin qabne (identity crisis) ummata irraa qoollifachuun TPLFf amanamoo ta’u. ajajaa fi fedhii TPLFf malee, Oromoof quuqama hin qaban. Kun ta’uun isaa TPLFf ilaalcha warraaqsaa ti. Ilaalchi warraaqsaa OPDO keessatti akka dagaagu barbaadamuu fi dagaagsaa jiran, ilaalcha Oromoo jibbisiisee TPLF jaalachiisuu ti. Ilaalcha Oromoo saamsisee TPLF duroomsuu ti. Ilaalcha gadaantummaa ti. Kanaaf TPLF namoota akkanaaf bakka guddaa qabdi. OPDO keessatti haalli yeroo ammaa jirus kanuma. Kun ta’uun isaa ammoo Oromoo hooggana dhabsiisuuf imaamata TPLF duruma harkaa qabduu dha.

TPLF Oromoon akka hooggana qaroo hin qabaanne kan taasiftuuf wayyabummaan Oromoo akka Oromoon of irratti hin beekneef. Akkuma amma argaa jirru, parlamaa TPLF keessatti sagaleen 180n kan Oromoo ta’ee otoo jiruu, sagalee TPLF kan 32 ta’e akka barbaadetti waanta barbaade Oromoo irratti murteessa. Sirna kamuu keessatti muldhatee hin beeku. Sagaleen 180n yeroo sagalee 32n ajajamu ammam namoota of walaaloo fi saba keessaa bahan dagatan namatti muldhisa. Parlamaa TPLF keessatti kan amma OPDO sagalee qabu hin jiru. Garuu kan akka OPDO sirna TPLF keessatti waanta tokko illee murteessuu hin dandeenye OPDO dha. OPDOn ammuma saba Hararii, Beenshangul fi somalee illee dhimma naannoo isaa irratti waa murteessuu hin danda’u. Harariin mooraa dallaa tokko keessa jirtu, yeroo oromiyaa irraa gandoota kornootan lakka’aman irraa fudhatan, yeroo Somaleen oromiyaa irraa humnaan ganda fudhattu, yeroo Beenshagul Oromoo irraa ganda duwwaa otoo hin taane, aanaa irraa guuratuu fi ajjeesu, OPDOn afuura raafuu baafachuu hin dandeessu. Kun hundi akka ta’uti kan tolche TPLF. Kanaaf TPLF Oromoo hooggana dhabsiisuuf halkanii fi guyyaa hojachaa turte amma tokko itti milka’aa jirti.

Kana hunda TPLF kan raawwatuuf aangoo siyaasaa, dinagdee fi tikaa ummati Oromoo na barbaachisa jedhee akka hin yaannee fi hin gaafanneef. Aangoo murteessoo kana irraa Oromoo moggeessuun TPLFf hojii guddaa dha. bittaa sirna bicuu itti fufsiisuuf TPLFf haalli kun murteessaa dha. kanaaf Oromoo hooggana dhabsiisuun bara bittaa TPLF kan dheeressuu dha.

Yeroo ammaa kana TPLF gara sadarkaa lamataatti ceetee jirti. Wayyabummaa Oromoo karaa humna namaan dadhabsiisuu fi oromomaan dagatee jira jedhanii waanta yaadaniif amma gara dachee oromiyaa qoqoduutti cehanii jiru. Oromiyaan dachee baldhoodha ilaalchi jedhu adeemsa keessa akka dadhabuuf amma yoonaa kan itti hojachaa turan, yeroo ammaa gara gulantaa guddaatti ceesisanii jiru. Yeroo ammaa oromiyaa handhuura dhabamsiisuu fi oromiyaa bakka lamatti qooduuf hojii guddaa raawwachaa jiru. Oromiyaa eerga finfinnee maleeyyee taasisanii booda amma garuu, oromiyaa bahaa fi lixatti kutuuf karoora baafatanii sochii duraa jalqabanii jiru. Yeroo gabaabaa keessatti oromiyaa giddu galeessaa balleessuuf hojii guddaa fi karoora bara dheeraa baafatanii itti jiru.

Giddu galeessi qaama oromiyaa miti kan jedhu sammuu namaa keessatti uumuuf jecha shira ammeenyaan guutame dalagaa jiru. Akka karoora bara dheeraa TPLF dhoksaan qopheessee jirutti, giddu galeessa oromiyaa keessatti saba gara garaa irraa dhufee fi dhalataa naannoo isaanii qubachiisuuf karoora fixatanii jiru. Finfinnee irraa amma kilo meetira 100ti naannoo federaalaa jala akka galuu fi adeemsa keessa qubataan dhaloota naannoo kan ta’e, Oromoon akka buqa’u taasisuuf karoorfatanii jiru. Akka karoora isaaniitti waggaa 50 dhufu naannoon Amaaraa karaa Manzee jiru Adaamaa qabatee akka Finfinneetti dhaabbatu, naannoon kibbaa ammoo waliso qabatee akka finfinneetti dhaabbatu karoorfatanii jiru. Haaluma kanaan Oromoon giddu galeessaa dhaloota tokko booda ni bada jedhanii yaadanii jiru. Karoorri waggaa 5 dura oromiyaa irraa kutanii godina addaa naannoo finfinnee jedhaa turan yeroo ammaa kana guutummaatti gara federaalaatti akka galuu fi finfinnee irraa amma KM 100 magaalonni jiran maqaa guddinaa fi invesimeentii jedhuun akka adeemsa keessa fedaraala jalatti bulan karooraan itti deemaa jiru. Magaalaa Jimmaa, Adaamaa, baatuu fi Mojoon akka federaala jala galan ammumaa kaasanii irratti hojachaa jiru.

Kana hunda TPLF kan raawwachaa jiru, Oromoo hooggana dhabsiisuun kan itti milkahee dha. ummata Oromoo fi oromiyaa dadhabsiisuu keessatti sirnooti nafxanyaa fi TPLF tumsa tokkoon hojachaa jiru. Kanaaf Oromoon haalli keessa jirru eddu suukaneessaa dha. dubbiin dubbii boruuf jedhan miti. Haalli harkaa nuqabu, haalaan jajabduu dha. atakaaroo fi siyaasa booddessaa keessaa baanee egeree keenyaaf kan ta’u yaaduun murteessaa dha. kan boru hojannu boruuf bulfannee kan ardhaa irratti xiyyeeffachuu qabna. Abjuu fi miiraan dhiibamnee wal dhiibuu keessaa baahuu qabna. Haalli amma keessa jirru yeroo Bilisummaa, Walabummaa, Birmadummaa, dimokraasummaa, itiyoophummaa jennee atakaroo wal qabnu natti hin fakkaatu. Yeroon isaa yeroo akka sabaatti dhabamuuf deemnu waan ta’eef dhimma oromummaa irratti waliin hojachuu, tumsa waliif ta’uu, kan kaleessaa irraa barannee kan boruuf waliin hojachuu, ilaa fi ilaameen wal dhagahuu qabnuu dha. mooraa qabsoo Oromoo tasgabbeessuuf hoogganni jiru bilchinaan yaaduu gaafata. Siyaasa “karaa cabeen haa yaasa” jedhu keessaa bahuun yeroon isaa amma natti fakkaata. Atakaaroon siyaasaa, mooraa qabsoo Oromoo keessaa qabbanaahuu qaba. haalli keessa jirru murnaaf, naannoof, gosaaf, ………… yeroo itti yaadnee maqaa qabsootiin kakannu natti hin fakkaatu. Hundee eenyummaa keenyaatti dadhabbina keenya irraa kan madde haala suukanneessaatu as deemaa jira.

Haala fuundura keenya jiru ija banannee ilaaluun dirqamaa fi imaanaa hunda keenyarra jiru. Seenaa darbe walitti kaasaa isaan wal qoccoluun haala amma irra jirru kanaaf fala miti. Haala amma irra jirruuf fala kan ta’u, haala kaleessa keessa turre (jabinaanis ta’ee dadhabbinaan) bilchinaan xiinxallee haala amma numudateef bifa fala ta’uun kaahuu qabna. Yoo kana hin goone diinni keenya nucaala fagoo deemee jira. diinni keenya nurratti humna baayyifachaa jira. yeroo diinni nurratti humna isaa baayyisaa jiru kana keessatti mooraan qabsoo Oromoo ammoo, haala diinni dhalchaa jiru caaluu qaba. roga hundaan tokkummaa fi eenyummaa saba keenyaa jabeeffachaa deemuun hunda dursuu qaba.

Ololaaf jecha dhugaa harkaa nuqabdu walitti himuu irra wal dhokasaa, wal mooksaa, fakkeessaa, inijannoo lafarra hin jirre waliif labsaa, waan hin jirre dubbachaa, amilee hin jirreen wal sosobaa deemuun waanta tokko illee bu’aa hin qabu. hadhahus haqa lafa jiru walitti himuu fi wal barsiifachaa deemuun bilchina. Yoo dhugaa walitti himne malee dhugaa hargachuu tasa hin dandeenyu. Dhibeen keenya waanta biraa ta’ee otoo jiruu fayyaalessa fakkaannee deemuun ammam akka numiidhee jiru kan darbe irraa barachuun beekumsa.

Akka amma argaa jirrutti, nama lamas ta’anii sadiis ykn dhibbaa fi kumas ta’anii dhaaba siyaasaa dhaabbachuun, olala walirratti oofuun, marsaa intarneetaa dhuma hin qabne banachuun, raadiyoo maqaa gara garaa qabu garuu kan rakkoo qabsoo Oromoof fala tokko illee hin akeekne baayyifachuun, maqaa gara garaatiin qabsoo Oromoo moggaafachuu……. Kkf yeroo ammaa kennaa teknologii ta’ee jira. Kun baayyachuun ammeenya miti. Garuu fafa kan ta’ee jiru hundi isaaniituu haqa lafarra jiru wal akeekuu irra, haqa aguuguu irratti xiyyeefachuu isaanii ti. Haala kana keessaa bahuun murteessaa dha. haalli kun uumamuun isaa humna mooraa qabsoo keenyaa akka malee dadhabsiisee jira. diinaaf ammoo madda jireenyaa ta’ee jira. fafi kana caalu hin jiru. Diinni keenya akka dhaadannooti kan qabatee jiruu fi nutis gargaaraa jirru “Oromoon tasa tokko ta’uu hin danda’u, akka salphaatti walirraa fageessuun ni danda’ama” jecha jedhu dhugoomsaa jirra. Kun haqa lafa jiruu dha. tarii namootiin ykn gareen tokko tokko haqa lafa jiru kana fudhachuuf ni rakkatu ta’a. ykn rakkoo kana kan dhalche “ebelu, garee akkanaati, duri jennee turre, otoo ebelu jiraachuu baatee, ……” jedhanii quba namatti qabuu malu. Garuu abbaan rakkoo kanaa hunda keenya. Ani qulqulluudha kan jedhu tarii rakkoolee dhalataniif madda guddaa ta’ee argamuu mala. Kanaaf rakkoon kun kan hunda keenyaa eega ta’ee falli mana hunda keenyaa jira. falli isaa ammoo haqa lafa jiru kana of amansiisuu dha. rakkoon jiraachuu fi qaama rakkoo kanaa ta’uu keenya hundi keenya of amansiisuu dandeenyaan, falli mana keenya hundaa waanta burquuf yeroo gabaabaa keessatti qabsoo keenya furgaasuu dandeenya. Fala rakkoo nama dhuunfaa ykn garee biraa irraa kana eegnu ykn abbaa rakkoo nama dhuunfaa ykn garee tokko goonee kan hubannu yoo ta’e, ammas dammaqaa hin jirru.

Dhuma irratti shira diinaa irra aanuu fi egeree saba keenyaa karaa sorooroo irra buusuuf falli nuti qabnu haqa lafa jiru ija banannee ilaaluu dha. haqa lafa jiru hubachuu dandeenyaan fala argachuuf salphaa dha. jabina qabnu akkuma jirutti ta’ee xiyyeeffannaan keenya dadhabbina yeroo ammaa harkaa nuqabu sirnaan hubachuu qabna. Uumama namaa ta’ee akka salphaatti dadhabina qaban fudhachuun nama rakkisa. Kun dhimma nama dhuunfaa miti. Dhimma sabaa ti. Dhimmi sabaa dhimma dhuunfaa oli. Akka sabaatti rakkoo keenya ilaaluun guddina siyaasaa ti. Dhimmi dhuunfaa fi garee dhimma sabaa keessatti olaantummaa ni qabaata taanaan, yoom iyyuu rakkoo keenya hiikkachuu hin dandeenyu. Sababni isaa dhimmi sabaa dursa argachuu irra dhimma nama dhuunfaa fi gareetu dursa argata. Dhimma dhuunfaa fi garee ammoo tokko kan biraa mo’achuun dhugoomsuuf tattafatama. Kun qabsoo Oromoof kufaatii yoo dhalchaa deeme malee tasa fala hin ta’u. kanaaf dhimma garee fi dhuunfaa keessaa baanee dhimma sabaa aanfachuun baayyee murteessaa dha. ummata Oromoo birattis kabajaa fi ulfina kan argannu yoo dhimma garee fi dhuunfaa keessaa baanee dhimma sabaa anfannee dha. dhimma sabaa kan hunda keenyaa yoo taasifanne, hundi keenya injifataa dha. kan injifatamu ilaalcha diinaa fi diina duwwaa dha. dhimma dhuunfaa fi garee yoo anfannee, maqaa qabsoon kakachaa deemna yoo ta’e, hundi keenya injifatamoo dha. kana gareenis ta’ee dhuunfaan beekuu qabna.

Haala amma mooraa qabsoo Oromoo keessatti uumamee jiru kana yeroo gabaabaa keessatti gara injifannoo fi ciminaatti geeddaruuf falli nuti qabnu ilaa fi ilaameedhaan fuundura walitti dubbachuuf wal danda’uu dha. wal danda’uun bifa sadaiin raawwachuu ni dandeenya jedheen yaada. Tokkoffaan ilaalchaa fi galii siyaasaa tokko dhaabbileen, garee fi namni dhuunfaan qabu alduree tokko malee bifa ifa ta’een walitti baquu dha. inni lamataa ammoo ilaalcha siyaasaa gara garaa qabaatanii galii tokkoof dhaabbileen, garee fi namni dhuunfaan socho’aa jiru adda waloo (front) uummachuu dha. inni sadaffaan galii siyaasaa tokko qabaachuu baatanis diina waloo irratti ijjannoo fi murtee tokko qaamotiin qabaatan, tumsa waloo uummachuu dha. kana gochuun yeroo dheeraa fi alduree gara garaan wal takaalee diinaaf yeroo kennuun barbaachisaa miti. Ammuma yeroo fudhachaa deemu diinaaf humna ta’ee nuuf ammo qaama dadhabbinaa uumaa deema. Kana gochuuf murannoo fi bilchina akkasuma beekumsa siyaasaa nu gaafata. Yoo diina ta’e malee Oromoon haala kana mormuu fi maaliif gootan jedhu tasa hin jiru. Dhaamsii fi fedhiin Oromoo yeroo hunda tokkummaa dha. tokkummaa diina keenya nurraa haphisu. Tokkummaa mooraa qabsoo Oromoo daandii injifannoo qabsiisu ta’uu qaba.

* Camadaa Hundee: camadaa@gmail.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

Comments are closed.