Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

BEEKSISA – Waldaan Macca fi Tuulamaa Waggaa 50fa Isaa – Biyya UK

Posted: Ebla/April 14, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Waldaan Macca fi Tuulamaa waggaa 50fa isaa biyya USA tti kabajuuf qophii irra jira. Hawaasni Oromo UKs milkii qophii kanaaf akka isaan bira dhaabatu koreen dhimma kanaaf hundaayee gaafateera. Kanuma sababeeffachuun Hawaasni Oromoo UK (OCUK) waltajjii marii beektotni seenaa irratti dubbatan fi sirni gargaarsi qophii waggaa 50fa USA tti qophaayu kun itti godhamu malu irratti mariiyatamu qopheesseera.

Galgala bashannanaaf yaroon qabameera. Nnyaata fi dhugaatiin lallafaan ni jiraata.

Oromootni haajaan Oromoo isin ilaallatu marti dhuftanii seenaa fi egeree Oromo irratti akka mariiyattan, Waldaa Maccaa fi Tuulamaa deebi’ee gad-dhaabbataa jirus cimsuuf waan gumaachuu qabdan gochuuf waan gochuu maltan akka gootan koreen Hawaasa Oromo UK isin affeera.

Guyyaa: 10 May (Caamsaa) 2014
Sa’aa: 14:00- 21:00.
Bakka: 245 St John Street, London, EC1V 4NB
(Baabura dhiyeenyatti argamu – Angel tube Station (Northern Line), Lakkofsa Otoobusii – 153.)

Koree Hojii Raawwachiiftuu Hawaasa Oromo UK

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com