Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Beekan Gulummaa:- Kanaaree Guddisti Jabbii? [Walaloo]

Posted: Caamsaa/May 3, 2016 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

KANAAREE GUDDISTI JABBII?

Osuman arguun, beekuun
dhiise malee callisee.
Kun guddina koo ta’aaree
Mucha qofa harkisee.
~~~~
Alkan wal hin arginu
Guyyaas nu bobbaasu qophaa.
Yeroo Okolee guutuu Elman
Anattoo maaltu cophaa?
~~~~
Booree, booqilee jechaa
sossobaa helmitanii.
Mucha gogaatti gad-nadhiiftu
Xiqqoollee hin saalfattanii.
~~~~~
Osoo haati koo na hin nuffiin
Isin irraa na gaaditu.
Lakkii himadheeraa na dhiisaa
Gaafan guddadhe gaabbitu.
~~~
Wadaroon na hidhanii
Hodhuuf yemmuun wixxisu.
Hanga keessaa fixanitti
Dullaadhaan na Ittisu.
~~~~
Waan na guddiftan fakkaattanii
Miidhaa narratti dalagdu.
Jabbiin marga haa dheeddu jechuun
Aannan haadha koo na lagdu.
~~~
Shan itti deddeebi’anii
Akka Aaannan qabu Ilaalu.
Yoo waa keessatti haftellee
Isheeyyuu dhoqqee faalu.
~~~~
Kan har’aa qofa hin laaliinaa
Mee kan boruu xiinxalaatii.
Sangaatti jijjiirama bar
Maqaan ta’ee jiru waatii.
~~~~
Garuu jabbiin hundumtuu
Akkum kanaan guddataa?
Inuman arga, dhaga’as
Namnoo waa dudubbataa!
~~~
Mee waaqumaa jedhaatii
Kanaaree guddisti jabbii?
Ati hundasaa ni argita
Sitti dhiise yaa Rabbi!
~~~


~~~
~~~
Beekan Gulummaa Irranaa: BeekanGuluma.org

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.