Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

“Roodmaappichi aangoo Naannolee heeraan kennameef kan faalleessuudha” – Dr. Firdisaa Jabeessaa (via Bariisaa)

Posted: Hagayya/August 27, 2019 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

“Roodmaappichi aangoo Naannolee heeraan kennameef kan faalleessuudha” – Dr. Firdisaa Jabeessaa (via Bariisaa)

“Barnoota sadarkaa tokkooffaa kan murteeffatu naannolee waan ta’eef wanti nama yaaddessu hinjiru” – Doktra Tolaa Bariisoo

Finfinnee: Ministeerri Barnootaa, Roobii darbe wixinee caasaa barnootaa haaraa iftoomsuunsaa ni yaadatama. Caasaan haaraa kunis 6-2-4 jedhuun kan fooyya’e yoo ta’u, kunis waggaan ja’a sadarkaa tokkoffaa marsaa tokkoffaa, waggaan lama sadarkaa tokkoffaa marsaa lammaffaaffi waggaan afur ammoo kan sadarkaa lammaffaa ta’uudha ministeerichi kan mul’ise.

Bu’uura caaseffama haaraa kanaan barattoonni yemmuu kutaa 6fa xumuran qormaata naannoo, kutaa saddeettaffaatti ammoo qormaata biyyaalessaa qoramu. Qormaanni biyyaalessaa kutaa 10fa kanaan dura kennamaa ture ni hafa. Qormaanni kutaa 12fa ammoo qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanaa ta’a.

Kana malees, barattoonni sadarkaa tokkoffaatti afaan dhalootaasaaniitti dabalee afaan biyyoolessaa tokko akkasumas, kutaa sadaffaarraa eegaleemmoo afaanota biyyattii baay’inaan dubbataman keessaa tokko ni baratu jedha.

READ MORE (Bariisaa)

Credits/Tags:

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.