Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Tumsa hunda hammataa alaa dura tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuu qaba

Posted: Hagayya/August 4, 2010 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (8)

Abdii Boruutiin*

Waayee tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) ilaalchisee, turban lamaan dabran keessatti, marii oo’aan akka godhamaa ture ni yaadatama. Barruulee qofaa otuu hin taane, gaafii fi deebiin illee namoota gara garaa wajjin akka godhamaa tures ni beekama. Waayee ijaarsa tumsa akkanaa kanarratti yaadni fi ilaalchi adda addaa mul’atan illee, ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, akka ilaalcha kiyyaatti, Wayyaanee faashistii kana buqqisanii achi darbuu dhaaf tumsi hunda hammataan barbaachisaa ta’a. Tumsi akkanaa ijaaramee, humni cimaan yoo uumame malee, Wayyaanee hamma funyaaniitti hidhate fi humna waraanaa cimaa qabu injifachuun waan hin danda’amnee dha.

Diina waliin qaban tokko kuffisuu fi injifachuu dhaaf warri diina tokko qaban waliin hojjechuu barbaaduu fi tumsa ijaaruun waan haarayaa miti; kanuma addunyaa kanarratti mul’atu fi beekamuu dha. Kan biraa hafee, biyyootuma diingadee fi teeknoolojii dhaan guddatani fi humna cimaa qaban illee yoo ilaalle, diina waliin qaban tokko dafanii injifachuu dhaaf jedhanii tumsa ijaaru. Yoo akka gaariitti ijaarame, tumsi yeroo fe’e, bakkee fe’ettuu barbaachisaa dha. Haa ta’u malee, warri tumsa tokko ijaaran, fe’ii ykn kaayyoo mataa mataa ofii waan qabaniif, tumsa ijaaramu kana keessatti, fe’ii fi kaayyoon kun hunda birattuu beekamuu, amanamuu, kabajamuu fi fudhatamuu illee qaba. Bu’urri waliigaltee kana ta’uu qaba; dura kanarratti yoo waliigalan booda, kaayyoo waliin qaban tokko galii dhaan ga’uuf karoora baafatu. Galii waliin qaban sana booda rakkoon biraa akka hin uumamne ykn akka rakkoo walitti hin uumne waliigaltee tokkorra ga’u jechuu dha.

Diina waliin qaban tokko injifachuu dhaaf, makmaaksi “diinni diina kiyyaa fira kiyya” jedhu tokko ni ka’a. Haa ta’u malee, waayeen akkanaa yeroo dhaaf hojjetu illee dhugaa yeroo hunda ta’u ykn mul’atu miti. Maaliif yoo jedhame, diinni diinuma malee fira ta’uu hin danda’u. Fakkeenyaaf, namoonni lama diina walii ti ykn kaayyoo walfaallessan qabu haa jennu. Isaan kun lamaan ammoo diina walii tokko qabu. Diinni waliin qaban kun cimaa waan ta’eef, isa kana waliin kuffisuuf jedhanii namoonni lamaan kun walgargaaruu ykn tumsa waliif ta’uu barbaadu. Kanaaf, diinni diina kiyyaa fira kiyya jedhamee yeroo dhaaf waliigalteen godhama malee, hamma rakkoon namoota lamaan sana jidduu jiru furmaata argatutti isaan diinuma walii ti. Yoo diina cimaa waliin qaban sana kuffisan booda deebi’anii walirratti duuluunis hin oolu jechuu dha.

Gara qabsoo bilisummaa Oromootti deebi’uu dhaaf, nuyis akkuma ormaa, diina cimaa Wayyaanee kuffisuu dhaaf, warra diina kanaan morman hunda wajjinuu tumsa ijaaruun barbaachisaa ta’a ykn ta’uun isaa hin oolu. Tumsa hunda hammataa ijaaruu dhaafis wanti sodaannu hin jiru; yoo ijaarame illee akka bu’aa tokko nuuf fiduu danda’u waan mamii qabu natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, ijaarsa tumsa akkanaarratti baay’ee of eeguu qabna. Otuu hin jalqabin akka hin diigamne; bu’aa nuuf fida otuu jennuu galii booddee QBO irratti rakkoo akka hin uumne, waan hundaa gadi fageenyaan xinxaaluu fi waliigaltee tokkoon tarkaanfiin kun sadarkaa sadarkaa dhaan akka godhamu, waliin mari’achuu fi waliin itti qophaa’uun murteessaa dha.

Sadarkaa sadarkaa dhaan yoon jedhu maal jechuu kooti? Waliigaltee tokkoon yoon jedhu hoo maal jechuu dha? Gaafilee kanaaf deebii otuu hin kennin dura waan tokko kaasuun barbaada. Akkuma yaadatamu fi beekamu, bara 2006 yeroo AFDn ijaarame, ULFO yeroo sanaa keessatti, otuu waliin hin mari’atin fi waliigalteen tokko hin godhamin ABO garee tokkoon qofaa, jaarmayoota Oromoo kan biraa tokko illee otuu hin dabalatin tumsi bilisummaa fi diimookraasii sun ijaarame. Bu’aa tokko ni fida jedhamee abdiin irraa eegamu illee, bu’aa tokko malee akkuma ijaarametti hafe. Sababa ijaarsa tumsa kanaatiin kan ka’e, siriidhaa mooraa QBO keessatti walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuun uumame; humna gara gara facaase; jaarmayoota jidduutti rakkooleen akka uumaman taasise. Tumsi kuni illee bu’aa malee laafee hafe. Kaayyoon inni ijaarameef badaa hin turre.

Egaa, gara gaafilee kanaa olitti ka’anitti deebi’uu dhaaf, kan dabre kana irraa barannee, muuxannoos irraa argannee, kan gara fuulduraatiif of qopheessuu qabna. Waan tokko godhuu dhaaf dura waliigaltee tokkorra ga’uun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Tumsi hunda hammataan tokko yoo ijaarame, nuufis bu’aa akka fidu ykn fiduu danda’u amanuu qabna; yoo itti amanne booda ammoo ciminaan waliin irratti hojjechuu qabna. Yoo itti amanne, bakkaan ga’uuf carraaquu malee, waliin mormuu fi gufuu walitti ta’uun uummata Oromootiif bu’aa hin fidu jechuu dha. Waliigaltee tokkorra ga’uu dhaaf ammoo waliin haasa’uu, waliin mari’achuu, amananii wal amansiisuu, furmaata waliin barbaaduu dha. Kanatti aanee wanti hunduu sadarkaa sadarkaa dhaan itti fufa.

Sadarkaa sadarkaa dhaan yoon jedhu ammoo dura mooraa QBO keessatti tokkummaa ykn tumsa qabsaa’ota fi jaarmayoota Oromoo ijaaruu fi sana booda tumsa alaa barbaaduu dha. Akka yaada kiyyaatti waayeen ijaarsa tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) sadarkaa afuriin otuu hojjetamee gaarii natti fakkaata.

• Sadarkaa tokkoffaa: yaaliin araaraa fi tokkummaa Adda Bilisummaa Oromoo kan adeemaa jiru xumuruu dhaan, garee sadeen deebisanii tokkoomsuu, ABO tokko godhuu dha.
• Sadarkaa lammaffaa: ABO tokko ta’e fi ULFO yoo danda’ame walittibaqsanii jaarmayaa bilisa baasaaTOKKO godhuu; yoo hin danda’amne ammoo tumsa jaarmayoota kana lamaanii (Tumsa Humnoota Bilisummaa Oromoo) ijaaruu
• Sadarkaa sadaffaa: tokkummaa humnoota bilisummaa Oromoo (ABO+ULFO=TOKKO) ykn tumsa jaarmayoota lamaanii (ABO+ULFO) fi humnoota bilisummaa saboota biroo wajjin (waliin) tumsa bilisummaa saboota cunqurfamaa ijaaruu
• Sadarkaa afraffaa: Tumsa hunda hammataa (All-Inclusive-Alliance) kan humnoota bilisummaa fi humnoota diimookraasii walittqabu ijaaruu dha.

Yoo waliigalteen jiraatee sadarkaa sadarkaa dhaan akkanatti hojjetame, tokkoffaa walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuun dhaabbatee, humna qaban hundaa qindeessanii diinarratti duuluuf haala tolcha. Lammaffaa, tokkummaa fi tumsi sadarkaa ofii eegee ijaaramaa deemu, akkasuma humna guddisaa fi cimsaa deema. Sadarkaalee kana keessatti waan hundatu xinxaalamaa, laafinni fi ciminni hubatamaa, muuxannoon irraa argatamaa, tokko kan biraatiif hundee gaarii uumee, hidda cimsaa deema. Rakkoon tokko illee kan uumamu yoo ta’e, dafee diigamuu hin danda’u. Karaa biraatiin ammoo abdii uummataa waan guddisuuf akkasuma illee hamilee isaanii waan cimsuuf, onnee dhaan qabsoo bilisummaa duuba akka hiriiran taasisa.

Walumaagalatti yoo ilaalame, tumsa hunda hammataa tokko ijaaruu dhaaf, wanti nu sodaachisu hin jiru; garuu dura sirriitti itti qophaawuun barbaachisaa dha. Keessumaayuu warra nu wajjin kaayyoo walfakkaataa qaban, humnoota bilisummaa saboota cunqurfamaa waliin tumsa ijaaruun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, murteessaa dhas. Yoo sadarkaa sadaffaarra geenyee, humni bilisummaa saboota cunqurfamaa cimaan uumamee, warri booda sadarkaa afraffaarratti tumsa hunda hammataatti dabalaman (humnoonni diimookraasii Habashaa?) kaayyoo humnoota bilisummaarratti rakkoo fiduu dhaaf ykn garagalchuu dhaaf yoo yaada qabaatan illee, ciminni humnoota bilisummaa waan isaan sodaachisuuf akka ofiif barbaadan ta’u ykn godhuu hin danda’an jedheen amana.

Yoo hunduu sadarkaa ofii eeganii, milkii dhaan hin xumuramne fi humnoonni bilisummaa laafan, Habashoonni tumsa hunda hammataatti dabalaman, yoo kan ciman ta’an, galii booddee kaayyoo humnoota bilisummaa, keessumaayuu kaayyoo Oromoorratti rakkoo uumuu danda’u. Yaaddoo kana kan na kaasise haala tolfame tokko keessatti, Habashoonni yoo isaanitti tole, dafanii tooftaa jijjiiruu dhaaf muuxannoo bara dheeraa waan qabaniif; waayee akkanaas dafanii waan hojiirra oolchaniif, kan dabre irraa baratamee, gara fuulduraatiif akka sirriitti itti yaadamu fi qophii gaariin akka godhamuufi. Kanaaf, durumaanuu ijaarsa tumsa hunda hammataa irratti baay’ee of eeguu qabna jedhe. Sodaa biraa qabaadhee ti miti. Tumsi akkanaa yoo ijaarame akka bu’aa nuu fiduu danda’us nan yaada. Bu’aa kan fidu garuu yoo karaa qulqulleessaa deemne fi sadarkaalee kanaa olitti ka’an milkii dhaan xumurree dha. Kanaaf ammoo waliigalteen mooraa QBO keessatti godhamu bu’ura waan hundaa ti; hunda caalaa murteessaa dhas.

Egaa walumaagalatti, maaltu godhamuu qaba? Ijaarsa tumsa hunda hammataa kanaaf akkamitti of qopheessuu ykn itti qophaa’uu qabna? Qophii jabaan hunda dura, mooraa QBO keessatti nagaa fi araara buusuu dha; olola walirratti oofuu, walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuu dhaabuu dha; walitti dhufuu fi waliin haasa’uu, waliin mari’achuu dha; amananii wal amansiisuu dha. Erga hunduu uummata Oromootiif dhaabbanna jedhani, xinnaatu illee waan uummata keenyaaf gaarii ta’u tokkorratti waliigaltee uumuu; waan humna keenya cimsurratti waliin hojjechuu; waliin mormuu dhaabuu; tarkaanfii lama duubatti deemuurra tarkaanfii tokko fuulduratti waliin deemuu wayya. Akkan meediaalee tokko tokko irraa dhagayetti, konfaransiin hoggantoota Oromoo hunda qabataan tokko godhamuuf akka yaadamee dha. Konfaransii akkanaa kana keessatti carraa gaariin argamee, wanti hunduu bal’inaan mari’atamee bu’aa tokko akka fidu abdiin qaba.

Galatoomaa.

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

8 Responses in THE COMMENT SECTION

  1. Argii Amani

    Aug 4, 10 at 10:39 am

    Obbo Abdii,
    waan gaarii barreesite, galatoomi. Tumsa akkasii keessatti, Oromoon waan miidhamuuf hin jiru, bu’aa yoo argate malee.

  2. qero

    Aug 5, 10 at 1:44 am

    Hi Obbo Abdii,

    thank you so much for this nice article!!

    Lessons learned from formation of AFD,

    Posetive.. I don’t see any posetive lesson from that alliance. rather it weakens “Finchila Dida Garbuma” movement.

    Negative. as it is mentioned in your articel as follows:-

    1. “Sababa ijaarsa tumsa kanaatiin kan ka’e, siriidhaa mooraa QBO keessatti walirratti duuluu fi wal dadhabsiisuun uumame; humna gara gara facaase; jaarmayoota jidduutti rakkooleen akka uumaman taasise. Tumsi kuni illee bu’aa malee laafee hafe”

    2. Not from the article , it created confusion on oromo people that is the oromo people used to see them as his opperasor due to that he gets in to confusion.

    3. Not from article, the movement of Finchila dida Garbuma calmed down by this movement, diversion of the focus. etc.

    Experieence we have :-we made so many times alliance with this people from the time of Gobena to 1991 to AFD, all the time we failed.

    “diinni diina kiyyaa fira kiyya”
    Do you think the level ot the enemity of the habeshas in between them is more than the enemity they have to oromo?This people say “Ethiopia kemetigenetel yefelegew yigeza jedhu” akkam nu jalatu jete amanta tigrean cala.

    kana irra kane ka’ee numutii off irratii yoo jabanee wayan jedha.

    galatooma!!!

    qero

  3. Jima

    Aug 5, 10 at 1:53 pm

    Hi Obbo Abdii,

    Galatoomii!!. Waa tokkon si gaafadha. Website bilisumma.com irratti wanti maxanfamaa ture akka gareen ABO araara irra hinjirre agarsisaa. kessattu, garee ABO_shanee fi garee ABO-QC. Waanta barreefamaa ture dubachuun hin barbaachisu. kanaaf, araaraa xumuruu kan jette jarri kun walitti dubachaa jiraachu isaan rakkisadha beekun. Tokko ta’u jechuun, qondaalli tokko qondaalla tokkof angoo gadhiisa jechaadha. kun immo, natti hin fakaatu. warri qabsoo gaggeessa jiran martiinu, hayye duree kan hin feene hin jiru. hayya duree nama tokkottu ta’a, lamaa miti sadis miti, ykn isaa olis miti.

    Kanaaf, maal ta’u qaba, anaan akkuma jiraniti tumsa umuu wayyan jedha. Osoo toko ta’aani gaaridha. Tokko ta’uun yeroo hamma nyaatu, akkuma jiranitti, akkaata qabso jabaachaa adeemu irratti hojachuu wayya. Angoo kee gadhiisin rakkisaa ta”u danda’a. Garu, akkuma jiraniti, maqaa wal ballessu, wal jibbu dhisani, tumsaa kanaan dura ture, ULFO kaleessaa sana jalatti bulani qabsoo gageesu yaada. Kana malee, tokko ta’uun adeemsaan ta’a jedheen yaada.

    Kanaaf, kayyoon keenya, yoo danda’aame ULFO-har’aa fi ABO tokko gochuudha. ABOn tokkoomu rakkisaa taanan, akkuma jiranitti tumsa yoo umman rakkoon jiru maal jette yaada?. Anaaf, ABO tokkomsuuf wagoota ammas fudhachuur irra, akkuma jiranitti/ tumsaan WBO akka jabaatu har’a jalqabu filadha.

    Nammotni tokko tokko dogongora irra jiru, waanuma dhaaba/garee ABO tokko hin baleesina jedhani yaadaniif tokkommaa ABO jibu. Akka isaanitti, tokkummaa ABO jechuun tokkumma garreewan walitti fiduudha. Gareen jibban immo “recognition” kennudha jedhaani waaan yaadanif, ummatni tokko ta’aa yemmu jedhu, akka tokko ta’aan gahee ofii taphachuu irra, jechoota addaan nama fageessu dubatu. Kun, gareen ABO kamiyyu hin miidhu. Kan midhamu, qabsoo oromootti. Akka qabsoon dubatti harkifatuu gochuudha. Dhaaaboota fi/ykn gareewwan ABO duuba hawaasatu guddaatu jira. Tumsa bilisumma jabaatee jechuun, yaadni fi hawwiin hawaasa oromoo milka’aae jechaadha.

    Kanaaf, hundinu gahee isaa hojachuu qaba. Kanaa ala faallaa adeemuun, qabsoo sabichaa jabeesuu osoo hinta’iin diina gargaarudha. Ummatni kan barbaadu, dhabaa tumsa jabeesuf tataafatudha.

  4. Argii Amani

    Aug 5, 10 at 4:39 pm

    Qero,
    why do you think negative? 1st comes Unity of Oromo liberators, 2nd is Coalition with liberators of other oppressed nations and 3rdly we can have an Alliance with Habesha democrats, who do distance themselves from the colnial/domination view of their forefathers! If we are confident and strong enough, there is nothing we fear to lose!

  5. Abdii Boruu

    Aug 7, 10 at 5:37 am

    Yaada keessaniif hundi keessanuu galatoomaa.

    Qero,

    Makmaaksa “diinni diina kiyyaa fira kiyya” jedhu ilaalchisee gaafii naaf dhiyeessiteef:
    Sadarkaan ykn ciminni diinummaa Habashoonni wal jidduutti qaban diinummaa isaan Oromoo dhaaf qaban ni caala jedhee hin yaadu; diinummaa isaan nuuf qabantu kan waliif qaban caala jechuu kooti. Nu jaalatu jedhees hin amanu; Wayyaanees ta’ee warri sirna dulloomaa dur deebisuu barbaadan hundi isaaniitu qabeenya fi biyyaa keenya dureettii, Oromiyaa jaalatu malee nuuf waan jaalala qaban natti hin fakkaatu. Abbaabiyyummaa fi qabeenya Oromiyaarratti wallolu malee isaantu fira walii ti. Yoo isaan fira ta’an ammoo nu diina isaanii ti; kanarratti mamiin hin jiru. Otuu danda’ame fi waliigalani, isaanuu tumsa waliif ta’anii nurratti duulu; nu balleessuu ykn QBO dhabamsiisuu barbaadu.

    Ijaarsa tumsa hunda hammataa tokko irratti, wanti sirriitti hubachuu qabnu, yoo humnoonni diimookraasii Habashootaa tumsa akkanaa nu waliin ijaaruu barbaadan, eenyutu caalaatti bu’aa argata? Nuyi moo isaani? Rakkoon booda dhufuu malu maal ta’a? Yoo isaan wajjin hojjennu rakkoo maaltu nurra ga’uu danda’a? Kanaaf ammoo akkamitti of qopheessuu qabna? jennee dura gadi fageenyaan xinxaaluu, ittiyaaduu fi waliin itti qophaawuu qabna jechuu kooti malee, yoo bu’aa nuuf fida jennee itti amanne wanti tumsa akkanaa ijaaruu nu sodaachisu hin jiru. Sadarkaa sadarkaa dhaan kan hojjechuu qabnu ammoo, humna keenya, humna bilisummaa cimsuu fi waan booda dhufuu danda’uuf illee hundee gaarii ijaaruufi; haala nu tolchinutti fayyadamanii, meeshaa nu godhatanii, booddeerra akka rakkoo nutti hin uumne of eeguu qabna jechuu dha.

    Kan kanarraa hafe, akkuma Argii Amani jedhe, yoo sadarkaa sadarkaa dhaan hojjenne, wanti nama sodaachisu waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf, waan badaa (negative) qofaas yaaduun nurra hin jiru. Waan tokko obsaan eeguunis barbaachisaa dha. Kan dabre irraa muuxannoo argachuun garuu murteessaa dha.

    Jima,

    Araara xumuruu kanan jedhe, jara kana walitti araarsuu dhaaf yaaliin akka godhamaa jiru hundi keenyaa akkuma dhageenye fi abdii dhaan eegaa jirru ibsuu dhaaf malee maalirra akka jiran wanti ani beeku hin jiru.; akkuma atuu jette, kana beekuunis rakkisaa dha. Waayee tokko ta’uu fi aangoo ilaalchisee, gaafii kaafteef deebii argachuun amma salphaa hin ta’u; waayee kana mee yeroo biraan itti deebi’uu yaala.

    Tokkummaa ykn tumsa mooraa QBO ilaalchisee, akkuman barruu kiyya keessatti ibsuu yaale, yoo danda’ame walittibaqinsaan tokkummaa ijaaruu (TOKKO godhuu), yoo kan hin danda’amne ta’e tumsa humnoota bilisummaa Oromoo ijaaruu dha. Karaa fe’eenuu haa ta’u, garuu tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO keessatti ijaaramuun dirqama. Yoo kun hin milkoofne, humna cimaa horachuun waan hin danda’amnee dha; tumsa alaa barbaaduunis bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu; waayeen kun sirriitti hubatamuu qaba. Ammas irran deebi’a, qabsoon bilisummaa Oromoo akka cimu yoo barbaadame, hunda dura yoo danda’ame TOKKUMMAAN ykn TUMSI MOORAA QBO KEESSATTI IJAARAMUU QABA. Kun dirqama QBO ti.

    Argii Amani,

    Yaada keetiif galatoomi. Yoo nuyi jabaannee, humna keenya cimsinee wali illee abdachuu dandeenye, wanti nu sodaachisu hin jiru. Furmaanni duraa garuu waliin haasa’uu, waliin mari’achuu, amananii wal amansiisuu fi waliigaluu danda’uu dha.

    Galatoomaa

  6. qero

    Aug 7, 10 at 9:29 pm

    Hi Obbo Abdii,
    Debii ketiin bayee bayeen gamade!!! Bayee galatoomii! Nama akkasii off kessaa qabaachun kenyaa bayee garii dha. Yoo nu walliin hin hassofinee walliin yadaa jiru irraatii xinxaala garii you godhu bane wallii gallun rakkissaa dha. Kanaf xinxaalun, walmormu(challenge) godhun nu kessatii barebachissadhas, adaa nu kessatii gudhachu qabu dhas jedheen amana.Yoo xinxalii jabatee abbolliin kenyaa” ha bultun dubiin jedhu” san jechan dubii san irraa bulee irraa dedebiinee ha xinxallu jechu issanitii malee ha dhisinu jechu issanitii mitii.Ijoo dubiitii debi’u dhaf,anii akka Argii Amani nis jedhee wan badaa(negative) yadudhaf otoo hin tanee, tumessa kana yeroo bayee irratii bareefama turemee, kanaf bareffamee kana irraitii hunda’ee , wane garii sabiin kenyaa aregatee tumessa habesha waalliin ta’ee irraa jedhee yoon yadhu wane garii tokko illee wanan dubissee kesaayes muxanoo kiyaa kessayes aregu hin dandenyee,kanaf wan garii tumessa issanii(habasha) walliin gone irraa oromon aregatee kan jedhu yoo jiratee asii irratii ha baressu. Anii Lakk 1fi 2 irratii rakkina hin qabu, 3faa irratii garu issan amanee fudhachu hin danda’u, maliif namumaa issaniitis bekka, bekkunis barebachisaadha issanii hireyaa fakkatanii otto homa hin bekesisni nama barebadhesu danda’u issanii amanamuman issanii offii issanitiif enyu calaa, kane kenyaa adda kana OPDO irratii aregu dandenyaa otoo OPDOn ummataa ishetiif amanamoo tatee sillaa ammaa ta’ee godhu dandessii turetii kane kenyaa akkasii mitii, nui hireyumaa bayee kabajena hireyaa tanan wan namiin nu midhu nutii hin fakkatu,hireyaa dhaf ni lola, ni moremina, wan barebachisaa ta’ee hunduma ni gona. Dhugan jiru garu hireyaan sun garu hireya motii.egaa bu’urumartii wan akkasii dha, kana akkamitii waltii fidemu dana’aam jedhamee yadhamaa. Yommii umaataa kenyaa amala issannii kana baresisifnetii wan akkasii kessa galu kan dandeenyu. Issanii kane issanii yadannii tumesaa aregachu kan barebadaan biyaa gurgudaa America faa dhaa, nu immoo issaniin yadeena, sana bodaa meshaa nuf kenu nu hin warana issan tayetta qabatu,malif nus akkumaa issanii demine motumotaa adda adda akka tumessa nuf ta’aan hin gafanee?Yeroo san walkabajun dufetii, yeroo san walgitun ykn qixetii wal illaalun danda’maa, yoo akkas hin tanee dubiin amma ilee “Jele”issanii ta’udhaa male wan bu’aa qabu natii hin fakkatu. Issanii kan waloolaan qabenyaa kenyaa irratii nu imoo qabenyaa kenyaa aregachuf,kane issanii waloolan tayeetaa irratii kane kenyaa akka nama jirachudhaf egaa qabesoonumetu kayoon addaa kanaf akkamitii akka walliin hojaanu na dhibaa, nama walliin hojaachun garii dha garu “common ground” jirachuun barebachissaa natii fakkataa. Umman kenyaa illee halan wan kan siriitii beeku qaba,kana irra kane ka’ee umman ii nu tokko jedhe tu yadaa ni amana jara kana san bodaa wan biraa ta ‘u danda’aa, kun akka hin tanef male tu nu amanisisa?”what is our exit strategy?”kan irratii qopofinee?umman qopha”ee? gafii akka sii off gafacha jiraa, kanaf mamiin na kessaa hin banee.

    Galaatoma!

  7. Gammadaa

    Aug 7, 10 at 10:38 pm

    Listen to Oromo Community Radio Washington DC, too and enjoy.

    http://www.oneoromo.org/radio/080710.mp3

  8. Jima

    Aug 8, 10 at 1:36 am

    Hi Abdii Boruu,

    Galatoomii deebii keeniteef. Akkuma jeette tumsa barbaachisaadha. Tumsaa yemmu ummamu waan ta’u qabu kan kaleessa irra waanti barachuu qabnu irratti yaadun barbachisaadha. Olee bulee qabsoo sabichaa karaa gadhiisee jiru deebi’uun isaa hin oolu. Akka tumsi hin jiraatne hojachuun sabichi akka hin bilisoomne guufu ta’u irraa addaan hin ba’u. Gaaffi sabichaa deebisuu barbaachisaadha. Dhaaba akka tumsi ummaamu kan tataafatus osoo ummatni beekee gaaridha.

    Yaada walii dabarsuun hubanno waliif laatun, waan beekan walitti himuun barbaachisaada. Ilmi namaa sammuun isaa waa xiqqoo beeka. Irra caalaa nama ykn kaan irraa barata. Shakiin hin jiru, olee bulee tumsi oromoo hin umama. Waa’ee tumsa saboota biraa dura kanuma keenya hojaneeti. Jabaadhu!!