Gadaa.com Comments (9)

Uummatni wal shakku fi wal hin amanne wajjin (waliin) deemee galii tokko ga’uu hin danda’u

Abdii Boruutiin*

Haala qabsoon bilisummaa Oromoo (QBO) har’a keessa jiru fi waan hawaasota Oromoo keessatti mumul’atan tokko tokko yoon hubadhu, gaafiilee adda addaatu sammuu kiyya keessatti uumamu. Gaafiilee kana keessaa tokko tokko asitti dhiyeessuu dhaaf: 1) Uummatni Oromoo dhuguma gaafii tokko irratti walii galuu? Gaafiin uummata Oromoo dhuguma gaafii bilisummaa fi abbaabiyyummaa ti jedhanii hunduu kanatti amanuu? 2) Yoo kanatti amananii fi asirratti walii galan, bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhaban sana akkamitti argachuu dandeenya jedhanii of gaafatuu? 3) Hunduu bilisummaa barbaaduu? 4) Bilisummaan barbaadan kuni hoo akkamitti dhufa jedhanii yaaduu? 5) QBO kana keessatti maaltu gahee guddaa taphata ykn qooda guddaa gumaacha jedhanii gaafii kaasuu?…. fi kan kana fakkaatanii dha..

Kaayyoo fi qabiyyeen barruu kiyyaa mirgi ykn gaafiin uummata Oromoo maal akka ta’e; uummanni Oromoo maal akka barbaadu; maal akka godhuu qabu fi QBOtiif maaltu barbaachisaa akka ta’e, uummata keenyaf barumsa (barnoota) kennuufii miti. Waayee kana isaan caalaa beekee isaanitti himuus miti. Haa ta’u malee, waanan hubadhe tokko tokko ibsuu dhaaf jedhee gaafiilee kana asitti kaase. Oromoon akka uummataattis ta’ee akka saba tokkootti erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatitti bar-dhibbee tokkoo ol gabrummaa jala/keessa akka jiru kan seenaan ragaa ta’u waan ta’eef, kun waan waliin nama mormisiisuu miti. Seenaa fi dhugaan kun yoo hubatame ammoo, uummatni Oromoo bilisummaa akka barbaadu ykn gaafiin isaa gaafii bilisummaa akka ta’e ifa ta’a jechuu dha.

Haa ta’u malee, asirratti gaafiin Oromoo gaafii bilisummaa ykn/fi abbaabiyyummaa otuu hin taane, gaafii diimookraasii ti; kanaaf yoo impaayarri Itoophiyaa diimookraatessamuu danda’e, mirgi uummata Oromoos eegamuu danda’a jedhanii warri yaada akkanaa qabani fi gaafii bilisummaatiin morman jiraachuu malu ykn danda’u yookaanis hin dhabamne. Yoon akkana jedhu ammoo diina ykn alagaa dha jechuu otuu hin taane, Oromoo ta’aniituu kan yaada akkanaa qaban hin dhabamne jechuu kiyya. Alagaa fi diinni, gaafiin Oromoo gaafii bilisummaa ti jedhanii akka hin amanne fi hin fudhanne waan nama mamsiisuu miti. Haa ta’u malee, warri gaafii bilisummaatti amananii fi warri gaafii diimookraasiitti amanan wanti waliin qaban jiraa? Gaafii kanaaf deebii gabaabaa kennuu dhaaf, akka ilaalcha kiyyaatitti jechuu kooti, eeyyen wanti waliin qaban jira jedheen yaada. Kunis diina amma nu bitaa jiru Wayyaanee faashistii kana ofirraa kuffisuu dha.

QBO kana keessatti waa lama hubachuu qabna: Inni tokko har’as akkuma dur gabrummaa jala/keessa jiraachuu keenya yoo ta’u, inni lammataa ammoo galii keenya kan barbaadnu dha. Galiin hawwamu ykn barbaadamu kun, bilisummaas haa ta’u, diimookraasiis dhugaas haa ta’u, wanta argachuuf itti deemnu dha. Gabrummaa har’a keessa jirru kana keessaa baanee gara galii sanatti deemuu qabna jechuu dha; nutu itti deema malee inni nutti hin dhufu. Dhugaa kanarratti hunduu waan walii galan natti fakkaata. Haa ta’u malee, deemsa kanarratti kan rakkoo uuman galii bira ga’uu barbaadan sana fi daandii ykn karaa ittiin deemanii galii hawwame ykn barbaadame sana bira ga’anii dha. Isaan kanatu waliigaltee irratti mormii fi rakkoo uumu. Wal shakkuun kan dhalatu fi wal amanuun kan dadhabamus asirratti jechuu dha.

Mee asirratti gaafii tokkon kaasa: Wal shakkuun ykn wal amanuu dadhabuun maalirraa dhufa ykn maalirraa madda? Namootni sababa adda addaatiin wal shakku ykn amantii walirraa dhabu ykn wal amanuu dadhabu. Fakkeenyaaf:

Tokkoffaa, yoo wal hin beekne, waan tokko waliin hojjechuu dhaaf wal sodaatu. Eenyu eenyu akka ta’e sirriitti waan hin beekneef ykn wal hin beekneef, fedhiin ykn kaayyoon waliin qaban tokko dhuguma kan walii ta’uu fi galiin isaas tokko ta’uu irratti mamiin jiraachuu danda’a. Mamiin yoo jiraate ammoo wal shakkuu fi wal amanuu dhabuun akka uumamu godha.

Lammaffaa, yoo namootni kanaan dura balleessa ykn dogoggora hojjetanii ykn dalaganii jiraatan, namoota akkanaa wajjin wal amananii waliin hojjechuu mamii keessa galcha. Asittis wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun akka uumaman taasisa jechuu dha.

Sadaffaa, dandeettii, beekumsa, muuxannoo fi kutannoon namootaa baay’ee murteessaa dha. Namoota waan kana hundaa hin qabne yookaanis hir’ina kanaa qaban wajjin (waliin) hojjetanii waan barbaadan tokko waliin argachuun gaafii keessa waan galuuf, asirrattis wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun ni uumamu.

Afraffaa, waayee ykn dhimma tokkoof garaa qulqullinaan yaaduu fi hojjechuu dha. Fedhii mataa ofii fi dhimma dhuunfaa dura dhimma walii tokkoof kan dursi kennamu yoo ta’e, wanti waliin barbaadan sun dafee argamuu danda’a. Namootni yoo waliin hojjetan, fedhii kana beekuun waan rakkisaa ta’uuf, asirrattis mamiin ykn shakkiin akka dhalatu godha. Yoo kuni dhalate ammoo, akka namootni wal hin amanne taasisa.

Egaa, akka fakkeenyaatitti kaasuu dhaaf malee, sababootni wal shakkuu ykn/fi wal amanuu dadhabuu uuman kan asitti kennaman kana qofaa miti. Gara QBOtti deebi’uu dhaaf, uumatni Oromoo hundi isaanii illee yoo ta’uu baatan harki caalaan bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhaban deebisanii argachuu akka barbaadanin amana. Waan waliin barbaadan kana argachuu dhaaf wanti waliigaltee isaan dhoowwu fi akka wal shakkan; akka amantii walirraa dhaban kan godhu maaliree?? Sababootni kanaa olitti akka fakkeenyaatitti dhiyaatan kun QBO keessattis mul’achuu danda’uu? Deebii gaafiilee kanaa uummata Oromootiif akkasumas dubbistoota barruu kanaatiif dhiisee; garuu wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun eessanuu akka nu hin geenye waan tokko tokko jechuun barbaada.

Kanas barbaadnu, sanas barbaadnu, wanti nama hin mamsiifne fi dhugaan jiru, uummatni Oromoo har’a gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa akka jiru fi kana keessaa/jalaa’is dafee ba’uu akka qabu dha. Yoo kuni hin taane, uummata keenya irrattis ta’ee, biyya keenya Oromiyaa irratti badii guddaan hamma kana hin jedhamne fi daangaa hin qabne akka godhamu hubachuun barbaachisaa qofaa otuu hin taane, dirqama illee akka ta’e beekuu qabna. Kanaaf, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, karaa fedheen haa ta’u; tooftaa fi tarsiimoo fedheenis haa ta’u; gabrummaa hamaa kana keessaa ba’uu dhaaf, akkamitti Wayyaanee faashistii kana akka ofirraa buqqisuu dandeenyu yaaduu fi kanarrattis hojjechuun barbaachisaa ta’a.

Karaan dafee gabrummaa fi faashistummaa kana keessaa nu baasu yoo argame ammoo, kanarratti waliigalanii; wal gargaaranii; tumsa waliif ta’anii; humna jabeessanii; diina nama-nyaataa kana irratti qabsoo cimsuu dha malee, wal dura dhaabbachuu fi waliin mormaatuma yeroo fixuun umurii bittaa Wayyaanee dheeressa malee, uummata Oromootiif bu’aa takka illee hin qabu. Humni, beekumsi, dandeettii fi qabeenyi hundi qabsoo bilisummaa kanarra ooluu qabu malee, waliin mormanii waa hunda gara gara facaasuun qabsoo kana akka qancarse fi uummata keenya illee akka miidhe kanuma arginee dabarre fi argaas jirru waan ta’eef, kan dabre irraa barachuu qabna. Kan dabre irraa barachuu fi muuxannoo gaarii irraa argachuun ammoo, wanti gara fuulduratti hojjetamu akka fooyya’u godha.

Ilaalchi gara garaa kan fedhe haa jiraatu; galiin qabsoo kanaa akka fedhetti haa yaadamu; sagantaaleen jaarmayoota Oromoos waan fedhe haa jedhu; tooftaa fi tarsiimoon yaadamus waan fedhe haa ta’u; kuni hunduu akkuma jiranitti taa’anii; garuu dhugaan ifa ta’ee jiru fi kan mamii ykn shakkii hin qabne, uummatni Oromoo bilisummaa fi biyyi isaa Oromiyaan waan humnaan irraa fudhatamaniif; erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hamma har’aatitti qabsoo bilisummaa hadhaawaa godhaa kan jiru; bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabe sana deebisee argachuufi. Dhugaan kun firaafis ta’ee diina Oromootiif ifa ta’uu qaba. Kana jechuun ammoo kaayyoon qabsoo bilisummaa uummata keenyaa inni guddaan, gabaabumatti, bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa argachuu dha. Kaayyoon QBO inni guddaan erga kana ta’e ammoo, wanti asi fi achi nama jechisiisu hin jiru; kanaaf qabsaa’anii kan barbaadan sana argachuu dha.

Gaafii guddaan ka’uu qabu garuu, kaayyoon kun akkamitti galii hawwame sana ga’uu danda’a? kan jedhu dha. Deebiin gaafii kanaas salphaa miti; otuu salphaa ta’e, qaata bilisummaa barbaadnu argannee turre. Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, otuu kaayyoon QBO hundaafuu ifa ta’ee; kanarrattis waliigalamee, waliin mormuun, wal shakkuun, wal amanuu dadhabuun hin uumamu jedheen amana. Yoo wal shakkuu fi amantii walirraa dhabuun hin jiraanne fi waliigalteen jiraatee, tokkummaan humna cimaa uumu ofiif dhufuu danda’a. Uummatni tokkummaa qabu ammoo, humna cimaa uumuu waan danda’uuf, humni kunis waan barbaadan sana akka argatan taasisa. Qbsoo bilisummaa uummata ykn saba tokkoo keessatti dhiisii, jireenya dhuunfaa keessatti illee wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun rakkoo dhaaf hundee uuma. “Namni lafatti wal shakku ykn wal sodaatu muka tokko waliin hin koru yookaanis laga tokko waliin hin ce’u” jedhaa mitiiree Oromoon yoo makmaaku!

Waayee kana illee kaasuu hin barbaadne, garuu mee waan tokkon jechuun barbaada. Akkuma hawaasa keessatti dubbatamu fi dhaga’amus, QBO kana keessatti ilaalchi namootaa waan gara lamatti qoodame fakkaata. Ilaalcha Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa walaboomsuu (democratisation and decolonisation) kan jedhanii dha. Akka yaadaatitti, wanti namoonni ilaalcha adda addaa kana qaban kun waliin qaban maali yoo jedhame, Wayyaanee kuffisuu dha. Yoo Wayyaaneen kufte malee, ilaalchi lamaanuu hojiirra ooluu hin danda’an jechuu dha. Yoo dhugaan kuni amanamee hundaanuu fudhatame ammoo, maaliif dura diina walii kana kuffisuu dhaaf waliin hin hojjenne? Maaliif wal hin gargaarre? Maaliif diina dhiisanii waliin mormuu dhaan qabeenya, beekumsa dandeettii fi humna walii balleessu ykn dadhabsiisu? Asirratti gaafiilee baay’eetu ka’uu danda’u.

Otuu humni cimaa fi waraanni bilisummaa abdachiisaan jiraatee; injifannoo irratti injifannoo biraa fiduu dhaan Finfinnee seenee Wayyaanee achii buqqisee darbu jiraatee, Oromiyaan akka walaboomtu mamiin ykn shakkiin waan hin jirreef, yaadni kaayyoo adda addaa illee yoo jiraate, humni kaayyoo QBO galii booddee irraa hanbisu hin jiraatu. Humni cimaan ykn waraanni bilisummaa cimaa fi abdachiisaan yeroo ammaa waan hin jirreef, namootni yaada gadii buusanii, ol baasuu dhaan, ilaalcha gara garaa akka qabaatan godha jedheen yaada. Karaa adda addaa yaaduun kaayyoo QBO ganuu waan ta’u natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, qabsoo kana galii dhaan ga’uuf, eenyu dhuguma garaa qulqulluu dhaan akka yaadu fi kanaafis ciminaan hojjetu addaan baasanii beekuun baay’ee rakkisaa dha. Kana beekuu dadhabuun ammoo akka shakkiin uumamu godha jechuu dha.

Yaada impaayarittii diimookraatessuu jedhu keessatti wanti lama waan mul’atan fakkaatu. Gabaabumatti, tokko impaayaritti diimookraatessanii kana keessatti mirgi uummatoota hundaatuu akka eegamu fi kabajamu godhuu yoo ta’u, kuni ammoo baay’atee yoo baay’ate Afaan Ingiliziitiin “oromian autonomy” ykn “true killil federation” kan jedhaman akka mirkaana’u godha jechuu dha. Inni lammataa, yoo Wayyaaneen kufte booda haalli tolfamee, kana keessatti mirgi hiree murteeffannaa uummatootaa akka mirkaana’u taasisuu dha. Akka namootni tokko tokko jedhanitti kun qabsoon walabummaa Oromiyaa illee akka itti fufu haala tolchuu danda’a jedhanii yaadu. Warra kaayyoo isaanii walabummaa Oromiyaa galii booddee godhanii yaadan biratti kan shakkii uumus isuma kanaa olitti ibsame kana ta’uu danda’a jedheen yaada.

Yaadni fi ilaalchi gara garaa kun mul’achuun diinaaf (Wayyaanee dhaaf) haala gaarii uuma. QBO cimsanii galii hawwameen akka hin geenye; yookaanis isa kana dhiisanii yaada fi ilaalcha gara garaa kana irratti akka waliin mormani fi waldadhabsiisan godhuuf Wayyaaneen carraa kanatti fayyadamtee, qabsoo kana dadhabsiisuu dhaaf halkani fi guyyaa hojjechaa jirti. Qabsoo kana keessatti wal shakkuu fi amantii walirraa dhabuun ykn wal amanuu dadhabuun Wayyaanee dhaaf lotorii guddaa dha. Uummatni wal shakku fi wal hin amanne waliin deemee galii tokko ga’uu akka hin dandeenye Wayyaaneen sirriitti beekti; addaan hirtee walirratti duulchisuuf tooftaa kanatti dhimma baati. Namoota ishii dhaaf hojjetanis mooraa QBO kana keessa galchitee akka qabsoon kun laafu gooti jechuu dha.

Kanaaf, dhugaa dubbachuu dhaaf, yeroo ammaa QBO kana keessa eenyu garaa qulqulluu dhaan uummata Oromootiif akka yaadu fi hojjetu; eenyu qabsaa’aa dhugaa akka ta’e; eenyu dhimma dhuunfaa dura dhimma uummata keenyaatiif dursa akka kennu; eenyu eenyu amanuu akka danda’u; addaan baasanii beekuun baay’ee rakkisaa ta’aa jira jedheen yaada. Haala akkanaa kanatu wal shakkii uuma; wal shakkuun yoo jiraate, wal amanuunis hin danda’amu. Uummatni wal shakku fi wal hin amanne ammoo, wajjin hojjetee ykn waliin deemee galii tokko ga’uu hin danda’u.

Galatoomaa.

* Abdii Boruu: aboruu@gmail.com


COMMENTS

RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Apply common-sense respect and courtesy. Feel free to express your thoughts within the limits of civility.
2. Personal attacks, offensive language and unsubstantiated allegations are not allowed.
3. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
4. Comments are naturally short. Long comments may be removed; for long comments, feel free to submit them as articles to be posted on their own.
5. Gadaa.com reserves the right to remove comments that do not follow the rules stated here.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.

How to Use the New Comment Section
1. One can sign in using social networking services (if using this, click on "Sign In With your preferred social networking service")
2. One can also comment as "Guest" (no log-in required; for this, click on "Pick A Name" AND check the "I'd rather post as guest" button.)
(ONLY NAME and EMAIL are required; no password needed if commenting as Guest.)
3. To SUBMIT comments for moderation, click on the "Arrow" sign.

Disclaimer: Opinions expressed in comments do not reflected the views of Gadaa.com unless explicitly stated otherwise by Gadaa.com; Gadaa.com IS NOT accountable for any thought and content of comments.


Gadaa.com

9 Comments

  1. Jaallataa Lammi:

    November 14, 2010 @ 11:55 am

    Hooggantotni qabsoo waldhabani ummata waldhabsisan/walshakkisisan malee rakkoon kan ummataa miti

    Akka Abdi Boruu jedhutti ummatni walshakku fi walhinamanne walin deemee galii tokko gahuu hin danda’u.Yaadichi sirri yoo ta’eyyuu rakkon kan jiru ummata bira miti. Ummatni kan kuttannodhan qabsa’ee isa qabsoofsisu dhabee jennan waan hojjetu dhabee oduu jette jettetti deebi’e. Ummata yeroo jennumoo ummata ballaa Oromoo utuu hin ta’in isa biyya ambatti baqatee jiru dha.
    ‘Namni waan hojjetu dhabe dhangalaasee funaana’ jedha mamaksi Oromoo. Rakkoon jiru hooggantootni qabsoo walin haasa’u, waldhaggeefachuu, ilaa fi ilamee dhabuu, seera baafatanin buluu dadhabuu, naamusa dhabuu, abbaan barbadee gaafa jallate qabsa’aa gafa kaan dhise ta’ee qeequu fi kkfnin xaxamanii ta’anii ummata burjaajesan malee ummatni rakko qaba natti hin fakkatu.
    Akkuma jette yaadni garagaraa ni jira jirachus mala.kun nama diina taasisee addaan hin facasu.Yoo ta’e irratti mari’atanii wal amansisuu yoo dadhabamee ammoo hanga diina ta’ee qabsoo mirgaa Oromoon deemsisu irratti hin duulinitti karaa karaa deemun ni danda’ama.Siyaasni haaluma ganama jalqabameen deemuu hin danda’u. Haalaa wajjin kan fooyya’uu danda’udha. Fooyya’uu qofaa miti jijjiramuuiyyuu ni danda’a. Hooggantooni qabsoo kamiyyuu kana yoo hin beekne qabsa’ota ta’uu hin danda’an.Qabsoo ademsisamu keessatti haala keessa ofi ,haala ollaa ofii fi haala adunyaan keessa jiran xiinxalanii ilaaluu baanan qabsa’aa jedhamuun nama dhiba. Yoo haala ilaalani bu’aa isaa fi midhaa isaa garagara baasani ilaaluun hin jirre gara itti adeemantu nama dhiba.Gara walaluu jecha dha.Mamaksa tokkotu jira akkas jedha: namichatu dubartii horii baayee qabdu tokkotti galee utuu jiru gaftokko hattuun halakan horii yafatee badde. Namichis ganama ka’ee yaa karra koo yaa karra koo jedhe iyyuu eegale, yeroo kana dubartitin karra malii asi qabda jetten . Innis yaa karra nitii koo yaa karra nitii koo jedhe yerooiyyu natti galte malee na fuute maal nitii koo jetta jette . Yeroo kana namichi yaa gara dhaba koo yaa gara dhaba koo jedhe iyyee jedhama.Kana hunda waanan kaasef amma qabsoo Oromoo akkamini fi karaa kam deemsisna kan jedhu irratti hooggantotni wal sodatani ofis gara itti deeman Ummatas gara itti qajeelchan dhaban. Sila qabsoo ni hooggana erga jedhanii hoogganuu dha malee walsodatanii hawwii ummatichaa karatti hambisuu hin ture.Ummataf ni ta’a jedhnii hanga amananittis ummatas kayyoo ganamafi galagala jedhanii sodachuu hin qaban
    Ammaan booda akka natti fakkatutti jarri dadhabaniru. Waggaa hedduu mana isaanii fi jireenya isaan itti dhabaniru. Bu’aa guddas buusaniru. Sanaf galata guddaa qabu .seenaa Oromoo keessattis iddoo guddaa qabu.
    Kanafuu beektotni Oromoo jirra jedhan garee addaa addaa tumsani duukaa walirratti duuluu dhisanii akkuma beektota ummatota adunyaa kanaa walitti dhufanii akka abboti fi akkakayyota isaanii ilaa fi ilameedhan, waldhaga’ani, waldhgeefatani dubbin haa bultu jedhani yeroo hammatu bulfatani daandii qabsoon Oromoo haala adunyaan amma keessa jirtuun xiinxalani akka of ijaaranii ummatas ijaaranif hundumti keenya waamicha lammummaa haa dhiyesnuf. Yoo kana gochuu hin dandenye beekumsi keessanis kan gaanii keessaa ta’ee malee kan ummata isaatif bu’aa buusuu miti jechuni qabna.
    galatoma

  2. Mirga saabako:

    November 14, 2010 @ 1:59 pm

    Abdii boruu yaada kan kee akkuma yeroo kani gaaridha gaaru an kanan jechuu fedhuu, Ummatni qabsaa`otni oroomo qabsaa`afi jiraan kun Ummaata akkamitti? jechuun koo jarraan lakkawame jiraa bar ergaa garbumaa jaalati kufne, kanaf waal shaakku, waal amaante dhaabunifi yaada fallaa qabaachun mallatto garbumma kenyaa akka tahees yaada kessa galchutu nura jiraa! utuu waal shaakkunif yaadi waalif hin gaale nu giddu hin jiraanne,sila……………….. ture. garuu sabni kun utuu waal shaakkin jiruu maal gochuu dandaaha isaa jedhuu irraati utuu tahee nati tolaa! kun ilaalcha nama qenxeeti. Akka kiyaati waal shaakun waali wajjin deemu nama hin dhorkuu!

  3. Jima:

    November 14, 2010 @ 6:18 pm

    Hi Abdii,

    Akkuma kaan jedhanitti, bifa lamaan yoo ilaallee gaaridha. Ummata Oromoo dijju yoo ta’e, ummata kan jedhu irra jarmiyoota keenya osoo jenne gaaridha. Shakkin kan jiru, ummata keenya dijju osoo hin ta’iin, hoganootuma keenyatu wal amantaa hin qaban. Ummata saba biro waliin yoo ta’emmo, ummata wal shakku kan jedhu hin hojata. Waanta saba biraa waliin haasofnu taanan, ummata jedhamee yoo barrefame rakko hin qabu jechuufin. Barru kun, kan xiyyeefate, qabsoo keenya waan jabeessuf, yaada hawaasa keenya keessa jiru waan calaqisuuf/ yaada ummatni dubbataa jiruu waan ta’eef, shakki ummataa kan jedhu shakki hoganoota jaarmiyoota keenyaattin osoo jijiiramee ykn akanatti yoo ilaalle gaaridha.

  4. Gaachana:

    November 14, 2010 @ 9:52 pm

    Abdii yaada bareedaa lafa keette .Garuu akkuma sabboontotni kaan jedhan mata duree fi yaadichi kee wal hin arganne… Ummatni wal shakku yoo jettu Oromoo fi Oromoo dha moo sabaa fi sabaaf lammoota birootiin wal bira qabuu barbaaddee ti. Yoo akkas ta’e yaada kee wajjiin deemuu ni danda;a garuu yoo ummatuma Oromoo jiddutti dubbataa jiraatte dogoggora guddaadha jedheen shakkii tokko malee amana. Maaliif jennaan QBO danqaa guddaa kan ta’e sabicha osoo hin taane Jaarmayootaa fi Hoogganoota dhaabbilee siyaasaa ti. isaantu ufii wal diige malee ummata Oromoo ti. Isaantu wal facaase malee ummata keennaa miti. Isaantu wajjiin hojjachuu dadhabe malee Maanuddoota , Dargaggoota, ykn ammoo barattoota Oromootii miti.

    Kanaafuu guutumatti barreefamni kee isaan irratti kan xiyyeefate haa ta’uu. Kana jechuun kiyya ummanni Oromoo akka barbaachisutti qabsoo kana irraa qooda fudhate jechuu kiyyaa miti. Irrinoota heddutu jira. Haa ta’uu malee akka sabni QB isaa jalatti hamilee guutuun hiriiree qooda fudhatu kan godhu Jaarmiya cimaa fi hooggana isaa ti. Irra guddaan hamma ammaatti akka rakkootti argaa turre Jaarmiya cimaa fi hooggana dandeettii sana qabu dhabuu dha. Inni kun qajeeluu qaba jennee abda’anna. kana ta’uu baannaan ummanni keenna (Keessattuu dhaloonni haarayaan) adeemsa qabsoo kanaa saffisuu fi rakkoo saba keenna irratti fe’amee jiru kana hambisuuf yeroon itti tarkaanffii mataa isaanii fudhatanis gayee jira natti fakkaata.

    Walumaa galatti kanneen QBO adda durummaan ni geggeesina jettanii saba kana bakka bu’uutanii jirtan yeroon dogoggora dabre irraa barattanii warraaqsa sabaa bifa haarawaan lafaa kaaftan dhaamsa kiyya. Ija irraa na hambisaa.

  5. abdii:

    November 15, 2010 @ 8:46 am

    nagaan isiin hata’uu…yaalammii koo! egaa uttuu akka garaa ta’ee
    sila maaltu alagaa jala bulaa?
    garaan saree nu goottee mallee,umna dhabnee mitti,,,innii gudaan kan wal nama gaafaa chisu garuu nutti ama maali irraa jiraa dha,,,yaada keessaniif galatooma garaa tokummaati kottaan waamicha kootti nagaati

  6. Abdii Boruu:

    November 15, 2010 @ 9:43 am

    Yaa ilmaan Oromoo,

    Hunda dura yaada dhiyeessitaniif hundi keessanuu galatoomaa.

    Yaaddni isin asitti dhiyeessitan jajjabeessaas ta’u; qeeqaas ta’u; dogoggora yaadaa qajeelchuufis ta’u; gorsaas ta’u; dhaamsa biraas ta’u; hundaa kabajaa fi walqixxummaa dhaan simachuun barbaada.

    Haa ta’u malee, asirratti waan tokko tokko ibsuu ykn ifa godhuun yaala. Yaadolee asitti dhiyaatan kana yoon hubadhu fi walitti akeekees ilaalu, mata dureen barruu kiyyaa waan mormii uume fakkaata. Yaada, qabiyyee fi kaayyoo isaa caalaa mata duree isaa irratti waan xiyyeeffatame natti fakkaatu jechuu kooti. Kan mormii kana fides jecha “ uummatni” jedhuu dha.

    Jechi kun karaa adda addaatiin ilaalamuu ni danda’a. “Hoggantootni wal shakkani fi wal hin amanne….” yoo jennes, isaan kunis uummatuma Oromoo tii bar; yookaanis qaama’uma uummata Oromoo ti. Miseensota fi deeggartoota jaarmayoota Oromoo adda addaas yoo jennu, isaan kunis hunduu uummata Oromoo ti yookaanis miseensa uummata ykn saba kanaa ti. Uummata biyya aanbaa yoo jennus, kunis qaama’uma uummata bal’aa Oromoo ti. Egaa, jechi “uummata” jedhu kun hunda qabataa ykn Afaan Ingiliziitiin akka “upper term” jedhamu ta’ee ilaalame malee, akkuman kanaa olitti ibse, kan inni walitti qabu kun hunduu akka uummataatti yoo dubbatame, dogoggora waan ta’u natti hin fakkaatu.

    Dhugaa dha, akkuma jedhame, kan rakkoo uuman; namootni ykn uummatni akka wal shakkani fi wal hin amanne kan taasisan, wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuu fi waliigaltee dhabuu hoggantoota qabsoo kanaa ti. Otuu isaan fakkeenya gaarii ta’ani, hawaasa keessatti rakkooleen gara garaa hin uumaman turan. Wal shakkuu fi wal amanuu dadhabuun kun bakkee fedhee’iys haa dhufu, garuu erga uummata keessatti rakkoon akkanaa mul’ate, akka uumatni wal amananii waliin hin hojjenne ykn waliin hin deemne godha. Uummatni wal shakku ammoo, kaayyoo tokkoof waliin deemee galii barbaade tokkos waliin bira ga’uun rakkisaa ta’a. Dhugaa waliigalaa kanatu mata duree barruu kanaatiin akkan yaada waliigalaa dhiyeessu na godhe.

    Balleessi guddaan kan hoggantoota qabsoo kanaa ta’u illee, jecha “uumatni” jedhu dhiisee “hoggantootni”…. jedhee mata duree barruu kanaa otuun akkanatti dhiyeesse, kuni dhugaa waliigalaa kana haphisa ykn dhiphisa. Mee fakkeenyaaf wal shakkuu fi wal amanuu dhabuun miseensota fi deeggartoota jidduu jira haa jennu; sababni kanaas waan fedhe haa ta’u; otuu wal shakkuun jiruu waliin hojjetanii, dhugaa dhaan waliin qabsaa’anii jaarmayaa kana cimsuu danda’uu? Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, waayeen akkanaa yoo uumame, jaarmayichi akka laafu godha; jabaatee kaayyoo tokko galii dhaan akka hin geenye gufuu itti ta’a jedheen yaada. Hogganni cimaan, haalli akkanaa akka hin uumamne godhuu danda’u illee, sababa fedheenis ta’u rakkoon akkanaa miseensota jidduutti yoo uumame, wal shakkuu kanaaf hogganaan kophaatti itti gaafatama waan qabu natti hin fakkaatu.

    Fakkeenya biraa kennuu dhaaf, hogganaan tokko balleessa guddaa hojjetee ykn dalagee dabre haa jennu; amma garuu kan dabre sana irraa baratee, gara fuulduraatti waan gaarii hojjechuu dhaaf murteeffatee kanaafis yoo of qopheesse; uummatni dur isa jaalachaa fi deeggaraa ture garuu yoo shakkii irratti uumee; amanuu dadhabee deeggaruus yoo dhiise, gara lachuufuu bu’aan hin argamu. Ilma namaa ta’ee addunyaa kanarratti kan balleessa hin hojjenne waan hin jirreef, kan balleessa dalagee dabre sanaafi illee carraa tokko kennuun waanuma jiru dha. Yoo balleessuma dabre sana irratti cichanii shakkii’umaan kan turan ta’e, waliin hojjechuun ykn waliin deemuun rakkisaa waan ta’uuf, galii tokkos akka waliin hin geenye gufuu ta’a. Hunduu galii barbaadame sanarraa turuu yookaanis hafuu danda’u jechuu dha.

    Akkuman kanaa olitti ibsuu yaale, wanti wal shakkii uumu rakkoolee hoggantoonni uuman irraayis haa dhufu; sababni kanaa illee waanuma fedhes haa ta’u; garuu yoo hawaasa keessatti yookaanis qabsoo kana keessatti uummata jidduutti shakkii fi wal amanuu dhabuun uumame, kan gaaga’amu uummatuma kana fi qabsoo bilisummaa isaa waan ta’uuf, haalli akkanaa akka hin uumamne; yoo uumamee jiraate illee, wal dandeettii dhaan obsaan akka furmaatni argamu hubachiisuuf jedhee; akka walii galaatitti dhiyeessuun barbaade. Uummata bal’aa Oromoo keessumaayuu kan biyya abbaa keenyaa keessa jirani; kan qawwee diinaatiin ukkaamamnii jiran; rakkoolee kana keessaa ba’uu dhaafis qabsoo hadhaawaa godhaa jiran; jidduu isaaniitti wal shakkii fi wal amanuu dhabuun jira jechuu kiyyaa miti. Jechi ani “uummata” jedhee walumaa galatti itti fayyadame kun akka dubbiin hin haphanneef malee uummata bal’aa Oromootti xiyyeeffachuu miti. Kun akka hundaafuu ifa ta’un barbaada.

    Galatoomaa.

  7. Gumabas Lammi:

    November 15, 2010 @ 10:13 am

    Obbo Abdiif,

    Barreeffamni beektoni oromoo barreessuu qaban hojii diinaa ykn gabroomfata jalala bu’anii hordofani saxiluu fi ummata oromoo jalaa kan dhokataa ta’e yoo jiraate xinxalanii ibsuufiidha kan ta’uu qabu. Haata’u malee Uumatni keenya qotee bulaan keenya illee utuu hin afin gidiraan jaaraa tokkoo fi kurneen akka gariitti barsiisee jira, kanaaf nuti warra PhD biyya faranjiitii guurranne caalaa dubiin galteefii jirtti.

    Uummatni keenya Kan gochuu qabnu rakkini keenya kan saba xiqoon bitamuuuf nu saaxile maali irra akka madde gaaddisa ta’ee walii isaa wajin mari’achuu qaba,kanaaf yoo dandeetii fi dirqama fudhachuuf fedhii qabaanne hawwasi bakka ijaaramee jirutti argamnee mari’achuu ,bakka ijaaramee hin jirretti ijaaruudha.kanaaf warri gola oromoo diinaaf xiinxaltan biraas xinxala keesani gola diinaa irratti godha.Keenya numa beenna kanaafan gaddisa teenyee haamari’annu jedhe.

    IUOF

  8. Jima:

    November 15, 2010 @ 10:14 pm

    Hi Abdii,

    Garaagarumma ilaalcha kan fide akkataa ummata “define” gooneedha. Kanaaf, rakko hin qabu. Waanta guddaaan “content” barreefamedha. Jaalanuus jibinus, ummatas hoganootas yaa ta”u, shakkin wal irraa qabaannan kaayyoon hin milkaa’u akkuma ati jette.

    Waan hundumma dura, tumsaa keenyattu dursa. Addan hirmanee qabsoo ykn wal dhaansoo saboota biraa wajjiin gonnan numatu kufa. Tumsa jibbanis, wal shakanis, tumsi kan hin oolledha. Turu hin midhamna, alagaan nutti jabachaa adeemtti. Enna nutti asi wal dhaannu, wal dura dhaabannu, wal dhageefachuu jibbinu, dantaa ofii ariinu, algaan guyaa guyyaan nutti jabaachaa akka jirtu argaa jirra. Amma ta’e obsaan wal eegu garidha, sanaa achi, kan tumsa amanu waliin adeemu qaba. Humni sasaabamu qaba. Kan har’a waliin hojachuu jiibe, bilisummaa keenya osoo hin ta’iin maqaa qabsoon danta isaa gaaggessudha.

    Jaalanuus jibbinus, yeroo gabaaba keesatti tumsi yoo dhaabatu baate, loltuu kan jirtu akka nu harkaa facaatu beeka. Wal eegutti loltuu hamileen ishee cabee nu harkkaa amma bittinooftuttu turu hin qabu jechaa kooti. Kaayyon tokkummaa, kan bira hin dhufu. Isuma kaawwame sana walii galanii akkata achi geenyu mari’atani adeemudha. Ummatni Eritera, kutaa oromoyaa tokko jenne dubachuu dandeenya. Garu, dandeetti fi gara kuteenya qindeesani, har’a as gahan. Jabinni jiraannan, waan hin taane hin jiru.

  9. qero:

    November 15, 2010 @ 10:39 pm

    Hi,

    Obbo Abdii Galaatomii baru ketiif!!

    1. Walshakunii fii Walamanun yeroo amma kana enyutu gidu hinjiru, biyoon gudatan ilee wan wal shakanif oddu yeroo takkan ugaa dhaa jedhanii hin fudhatan, oduun tokko xinxalamee xinxalaame tii kane fudhatamu. issanu wan bayeen irratii guramee. Kara kenyatii yoo dhufenee warii habashas bayee waleshaku, nyataa illee hatii mana issanii gafa dhiyesituf ” ney qimeshii anchii yale qameshiiwun man libelaa new” jedhanii qamasisu, egaa amma akkasitii wale shakuu. Garu wal shaku kana kessatii akkataa jirachu dana’aan toftaa bafataanii jiratu, wana shakan irratii gafachudhaf dubatii hin jedhanii, dhugaa issaa basudhaf dubatii hin jedhanii.Otto dhumaa wale shakanu.

    2. Oromo biratii akkan ilalutii shaku kane jedhamu hin jiru, kessatu hireyaa tanan fi. wan jehdamu dhuga dha jedhetii fudhataa, yeroo amma kana dhadhbinaa kanatu nutii taphachaa jiraa. Hireyaa tanan wan hundinu gade bayee, namichii hireyaa ta’ee sunis amanamee, hireyaan hiriyumaa biraa ga’un duraa siritii illalamu qaba,malifii hireyaa ta;ee nama hubun addaa kenyaa motii, garu yeroo ama hireyaa ta’aaniit kane nama barebadhessan ware habeshas warii kunis.

    3. Oromon gafaa wara dinatii galu saba issa dhisetii dinaa issatii maxana kanaf meshaa garii ta’aa dinaf, wara habesha yoo fudhane issan enyu calaa ummataa issanitiff, dinaa kessatiis yoo ta’ee umaataa issanitiif yeroo hundumaa olantumaa ummataa issanititu duraa. kanaf, NUSS UMAATAA KENYATII HA MAXAANU ESSUMATU HA JIRANU ABBA FEDEE WALLIN HA HOJAAN UMAATAA KENYAA DURA HA ANNISNU.GAFA KUFAAN UMATUMAA OFFITUT NAMAA BIRAA JIRAA.

    4. Namootaa dhugaa qabesoof kan hojaataanifii kana adan basun nama dhibaa kane jettef nama hojaa irratii lalu dha, jijiramaa fidu issaa lalu dha yoo kana hin gone namiin sun wan birratii jechu dha.

    Kanaf umaan oromo shaku baru qaba oduu tokkon dhugaa jedhee fudhachu dhissuu qaba. Sana kessatis akkataa kana kessatii jirachu dandhu kara poletica Oromon yoo ilaalee Kara pletica, umaan oromo tokumaa dhan jiracha funduratiis.