Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa Marsaa (website) banate
Kaayyoon Gumii Waaqeffannaa, Seenaa, Aadaa, Amantii fi Duudhaa Oromoo walitti qindeessuu, gurmeessuu fi haala ifaa fi qulqulluu ta’een dhaloota dhufuuf dabarsuudha.
Hanga ammaatti Amantii fi Aadaan Oromoo bifa adda addaan babarreefamaa ture malee bifa qindaaween walitti qabamee firaa fi alagaan akka baratamuu fi beekamu hin godhamne. Kanaaf marsaan marsaan kun dhimma kanarratti xiyyeeffachuun waan hojjetuuf guddina amantii fi aadaa Oromoof bu’aa cimaa qaba jedhamee amanama.
Waan ta’eef kanneen dhimmi na ilaala jedhu marti beekumsaa fi oguma qabuun yaadaa fi gumaacha marsaan kun barbaadduun akka utubdan kabajaan gaafanna.
GWA
Marabbaan kan Waaqaa ti!
17 Comments


Mestewat said,
December 15, 2010 @ 4:27 pm
Absolutely, this is a long long overdue social and cultural revival that will heal and seal both the spiritual and the physical human conditions meant to function in unity within the diversities of the great Gada democracy and the Guddifacca social, etc. principles.
Hopefully, these great cultural people who worked hard and came to the point of opening a home page for the great Waqqefanna are also able to update and modernize the various practical ritual activities so that all conditions are up to the top standards of modern hygiene, cleanliness, functionality, etc. This is a little bit childish but I say so because I saw and read as to how Hindu religious festivals and rituals often take place on hill sides where stomping and mud slides cause great harm to the gathering mass while people also supposedly thinking and believing that they are washing, bathing and baptizing themselves in holy waters in order to cleanse themselves from sins and evil spirits actually wash in dirty and toxic chemically and other wise infected river. Oromos are better able to LOVE others if they are able to love themselves and their history first and foremost.
“History is a guide to navigation in perilous times. History is who we are and why we are the way we are.” ~David C. McCullough
(Report this comment as inappropriate.)
Hookkoo Daaniyaa said,
December 15, 2010 @ 8:28 pm
Waaqeffannaa deebisanii daagoreessuuf marsaan kun gahee olaanaa akka bahun abdadha. Dhugaa dubbiif, yoo ta’e gaafan marsaa kana argu hedduu hedduun boohe; gootota oromoo dhugaa kana mul’isuuf jecha lubbuu isaanii qaqqaalii wareeganin mil’adhe! Malaa qaba otuu yeroo tokkoof ka’anii waan kana arganii jedheen abbales. Kana bira darbeee illee aadaa fi amantii Oromoo tiksuuf jecha manguddoota keenya jiraa awwaalaman, kanneen akka amantii Waaqeffannaa gatanii amantii biraa fudhatan yeroo itti duulamaa turetti, didanii jiraa awwaalaman, kanneen bishaan danfaan mataan irraa aadame, kanneen galmi isaaanii jalaa guabate maran yaadadhe. Kun hundi aarsaa dhaloota garbummaa didanii akka milkaa’e shakkiin hin jiru.
kanneen waan kana dhugoomsuu fi milkoomsuuf illee of kennanii hojajtanis Waaqni haa eebbisu!!
Dhugaan Waaqaa mo’ataa dha!
Hookkoo Daaniyaa
(Report this comment as inappropriate.)
Abayyi Baabboo said,
December 15, 2010 @ 10:07 pm
Nagaan oromummaa isin warreen yeroo, beekumsa, humnaa fi dinagdee keessan jiruu boonsaa akkanaa badinsa irraa hanbiftanii deebistanii jiraachisuuf waan halle itti wareegdanii sarara WAAQEFFANNAA jedhu kana ija addunyaatti as baasuu fi lubbuun jiraachisuu keessaniif hedduu galatooma.
Jiruun kun jiruu uummata Oromoo maraa ti. Sararri kun Madda calaqqee eenyummaa, dhawataa fi hog-dammaqinsi uummatni oromoo dur horatee qabu deebi`ee kan keessatti guddatu, elaa fi elaameen, saalaa fi fokkuun, safuu fi laguun, cubbuu fi toobaan uummatni Oromoo eeggachaa ture deebi`ee kan keessatti dagaagu Waaqayyoo nuuf haa godhu!.
Hedduu galatooma!
(Report this comment as inappropriate.)
Jiruu said,
December 15, 2010 @ 11:36 pm
Wow!
Waan eegaa, iyyaafachaa, mil’achaa turretu as bahe.
Dhugumaan dafee keessa gugulufee yoo laalu, mata duree fi qabxiilee onneen too iyyaafachaa turten argadhe. Hamman galgala taa’ee dubbisuttan muddame. Akkaatan isin gama mararraa aadaa walitti fiduu yaaltan nama gammachiisa.
Waaqeffannaan amantii Oromoo qofaa osoo hintaane amantii saba Kush hundaa akkasumas amantii Afrikaa hundaati. Kunis eenyummaa fi Oromummaadha jechuudha malee kan garee amantii tokkoo qofaa miti.
Isinuu akkaatan irratti xiyyeeffattan aadaa fi seenaa Oromoo irratti ta’uun nama boonsa.
Ulfaadhaa, waan qalbii keessanii isiniif haaguutu!
Jiruu
(Report this comment as inappropriate.)
Taasisaa said,
December 16, 2010 @ 12:35 am
Yaa Waaq galata kee!!!!
Ani waanan hawwaa fi dharra’aa turen argadhe, kan hawwanii fi dharra’an argachuu kan caalu hin jiru waan ta’eef, hunda dura kan galateeffatamuu qabu Waaqa waan ta’eef, Waaqaaf galatan galcha. Itti aansuun warri waan hedduu itti wareegdanii (Qabeenya, beekumsa, yeroo, ..) waan bareedaa fi seena qabeessa kana hojjattanii ija addunyaan geessan ulfaadhaa, hedduu galatoom.
Dhugaa dha, kan itti cichee hojjate ni milkaa’a, bakka akeekkate ni gaha. Isin asiin geessaniittu, kana booda Galma kana bareechuun, waan hindhate itti guutuun, kan jallate qajeelchuun kan ummata Oromoo maraati. keessattu hayyoota oromoo kallattiin ilaala. Waaqeffannan akka Habashoonni hawwanii fi daba hin jirre irratti hojjataniif silaa har’a maqaan isaayyuu hinjiruuyyu. Garuu dhugaa Waaqaa balleessuun hin dandenye. Kana booda Waaqeffannaa aguuguus ta’ee gaadii’uun hin danda’amu. Warri Waaqeffannaa gaadii irraa hiiktanii aguuggiin irraa kaaftanii ija addunyaan geessan irra deebi’een galatoomaa jedha.
Eyyee Waaqeffataa ta’uun Of ta’uu dha!!!
Warra Maaram Jijoo
(Report this comment as inappropriate.)
Malkaa Milkii said,
December 16, 2010 @ 2:10 am
Hayye, Hayye, Hayye
yaa waaqaa kanaan nugessee galani kee hin badin! kana argu kootti baayyen gammadee dhugaadhummatti waantti Oromoo gaadi’amme ture sutumma sutaan ifatti bahaa jira wara Gummi Waaqeeffaanaa Aduunyaa galani keesan dachadhaa Ulfaadhaa ijii keesan haagaa haa argu!! waan isiin gotan kun waan bayye hojachudhaf kan karaa saquu waan ta’ee ilmman oromoo kan dudhaa ganamaa oromoon qabduuf quqqamtan waan dandesanin cina dhabachun ammantaa fi aadaa kenyaa haa dagaagfanu
Marabaan kan waaqaa
Malkaa Milkii
(Report this comment as inappropriate.)
Argii Amani said,
December 16, 2010 @ 5:05 am
Thanks to Waaqa, here we move forward! Very impressive website! Thanks to those Oromo, who helped this to be a reality. Waaqeffannaa is the CORE of the Cush culture, which lost its importance due to the Abyssinization of different cush nations including the Oromo in the last 3000 years. This time span, which the Abyssinians (confused Cush) narrate as the history of Ethiopia (Abyssinia) is actually the time in which the Cush nations have to slowly give up their norms and values in order to accept the values of the Semitic peoples of the middle east. Now it is the time of renaissance and revival for this lost Cush culture. Reviving and modernizing Waaqeeffannaa must be part and parcel of this move. This monotheistic religion of the Cush in particular and that of Africa in general needs to be developed futher. This website surely will contribute a lot to this purpose. I just want to suggest to the editors of the website to include “NEWS/Articles as well as Opinion/Analysis” part so that we can post the hitherto articles and analysis concerning this faith system or so that we can contribute new articles and analysis.
Waaq hunda keessan haa eebbisu! Galatooma, jabaadha!!
(Report this comment as inappropriate.)
Alamuu Tolasaa said,
December 16, 2010 @ 2:00 pm
Waaqa uumaa kanaan nu gahe galatni haa gahu jechuunin yaada koo eegala.
Ilmaan Oromoo alkanii-guyyaa aadaa, amantii fi duudhaa Oromoo bara dheeraaf dhokatee ture ifatti baasuu keessaniif,galata guddaa qabdu.
“Sabni aadaa hin qabne garba” Hayyuu Oromoo ABBAA LIBAN DABBASAA GUYYOO.Kanaaf sabni Oromoo bal’aan kun aadaa,afaanii fi seenaan isaa dhokatee ture kunoo galatni kan kana ifa baasuuf wareegamanii haa ta’u malee,har’a ifa bahaa jira.
Egaan wareegama qaaliin kan bakka awwaalamee bahaa jiru kana guddisuu fi gabbisuun tokko-tokko keenya irraa kan eegamuudha
jedheen amana.
Waaqni haqaa nu haa gargaaru!
(Report this comment as inappropriate.)
Naatolii said,
December 16, 2010 @ 7:56 pm
This is awesome and a long time dreamed of mine just this to happen.
For a long time I was very discontented deep down in my soul, how strangers come to our midst teach us about one God.
All along, our ancestors have been known since time immemorial to pray to one God. In fact, in Cush history, one can find or read the Quran and the Bible copied the idea of one God from Cush mythology or theology of one God.
It is only fitting to sing all along with Sam Cooke. Here is my treat to my Oromo brothers and sisters. I am going out to celebrate.
Here is the link to Sam Cooke YouTube video and the lyrics I have been singing all along for a long time.
http://www.youtube.com/watch?v=gbO2_077ixs&feature=fvw
I was born by the river
In a little tent, and o
just like that river
I’ve been running ever since
It’s been a long long time coming, but I know
A change is gonna come, oh yes it will
It’s been too hard living
but I’m afraid to die
’cause I don’t know what’s up there
beyond the sky,
It’s been a long time coming, but I know
A change is gonna come, oh yes it will
(I go to the movie and I go downtown
Somebody keep tellin me
don’t hang around)
It’s been a long time coming, but I know
A change is gonna come, oh yes it will
Then I go to my brother
and I say brother help me please
But he wind up knocking me
back down on my knees
There have been times that I thought
I couldn’t last for long
But now I think I’m able to carry on
It’s been a long time, but I know
A change is gonna come, oh yes it will
(Report this comment as inappropriate.)
Abdii said,
December 16, 2010 @ 11:06 pm
Aboo hedduu namatti tola. Ani illee amma dhihoo tana “Research Paper” waanuma amantaa oromoo irratti waanan hojjechaa tureef dubbisuu keessa waa’ee ummata keenyaa waan guguddo bareera. Amantaan kun hedduu miidhagaa dha. Oromoon osoo wal gurmeessuu dandeennee waa’een amantii keenyaa kun qofti addunyaa irratti dhageettii guddaa nu argachiifti. Egaa waanuma dansa nuuf himtanii ammoo wal haajabeesinu. Hedduu galatoomaa.
(Report this comment as inappropriate.)
Borbor Barii said said,
December 17, 2010 @ 1:35 pm
Nagaan waaqa tokkichaa hunda keessan haaga’u attam jirtu ani waaqa hunda keenya uume galannusaa hinbadiin malee fayyaa kooti.Nmoonni yeroo keessan beekumsa keessanf qabeenya keessan itti wareegdanii qabeenya Oromoof ilmaan nama hundaa hantaye duudhaa amantee ganamaa fuula addunyaatti baaftanii sarara kana nuubantaniif waaqni tokkichi baga isin milkeessen jedha.waaqayyo dhugaa isin haagonfu.
Han dhalate nammaa guddatee han facaafatan margee ilaaluu caalaa wanti nam gammachiisu hin jiru .kanaafuu gammachuu gammachuu caalu gonfanneerra .harka walqabannee walitti dirmannee gita namaa dhaabbannee gita namaa dubbannee yeroon itti of bushinu fagoo hin fakkaatu jabaadhaa haa jabaannu.
(Report this comment as inappropriate.)
Bultum Waquma said,
December 18, 2010 @ 1:54 am
KANA DUBBIIN!!!!!!!!!!!!!
Ya Waaqayyoo galata kee!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!
(Report this comment as inappropriate.)
Borbor Barii said,
December 18, 2010 @ 6:00 pm
Beekaa dubbachuu didee
laalee agartuun didee
calale booruun gannaa
dhugaan deebite ammaa
hindhiisu hin callisu
hangan xuuxee gabrummaa hundeesaatii buqqisu
hangan aadaa sabakoo bakkasaatti deebisu
(Report this comment as inappropriate.)
Gammadaa said,
December 19, 2010 @ 12:24 am
Yaa warra qopheesitoota marsaa kana, galata guddaa qabdu. Kuni waan eegamaa tureef baay’ee nama gammachiisudha.
Sabni Oromoo eddee kolonneeffattuu Habashaatiin qabamee bar dhibbaa oliif afaan, aadaa fi amantiisaa dhowwatamee waan tureef gara caalu aadaaf amantiisaa gatee han halagaa fidhatee akka jiru beekamaadha. Ega suuta suuta kana bade deebisuu fi keessumaayyu dhalata haaraan akka afaan, aadaa fi amantii isaa baree itti deebi’u, gara duraattis Oromoon Saba karaa hundumaa han mataasaa qabu fi ittiin boonu akka taasisu nan amana.
Akka itti milkooftanis nan isiniif hawwa.
Bilisummaan uummata Oromoof!!!
Hinjifannoon Aaadaa fi Amantii Oromoof!!!
(Report this comment as inappropriate.)
Hangaatuu B. said,
December 19, 2010 @ 8:11 am
Haa dursu nagaan waqa uumaa ganamaa ilmaan oromoo!!!!
Haqin (dhugaan)afaan yoo qaban Funyaanii dubbata!!!!!!! jedhe walisaan oromoo tokko.
Dhugaa fii haarri karaa ba’u hin dhabu jedha oromoo!!!!!
Egaa ilimaa oromoo,hayyoota oromoo dhugaa dhokatte hawaalamte ifatti baasuuf waan hunda irratti wareegaa turtanii
sadarkaa kanaan geessan ,bakka waaqin dhugaa uume isn milkkeesse!!!!galatoomaa!!! jabaadhaa dadhabbiin keessaan lafatti
hin bannee!!!
asumaan waan xiqqoo tana isin affeera!!!
Yaa oromoo saba koo gurraacha Afrikootaa!!!
Ati eenyuu iyyuu gaadii miti kana ammam of ubattaa?
Waaqa tokkoo bulaa turte eeggattee seera uumaa !!
Hirdhina tokko hin qabduu jabeeffadhu oromummaa!!!!
Nagaa waaqaa keessa naaf turaa!!!!!!
(Report this comment as inappropriate.)
Gammachuu said,
December 19, 2010 @ 9:36 am
Yes Naatolli.
A change is gonna come despite the numerous false starts we made. It will never be in vain for human effort in blood and bones is paid for. This is just a little contibution in that unavoidable direction. I appreiate your contribution.
Gammachuu
(Report this comment as inappropriate.)
Borbor Barii said,
December 21, 2010 @ 2:09 pm
Attam jirtu ilmaan waaqayyoo Horteen HOROO
Galata marssaa kana nuudirirsitaniif himee fixuu dadhabeen hana qabu keessaa walaloo kana isn eebbise .
galata hojii keessaniif Waaqni hundaa olii isin haa eebbisu han dubbattan dhugaa han horattan bu’aa isin haata’u.
Gadaakoo
Gadaakoo aadaakoo
Gadaakoo amantiikoo
ibsituu gammachuu falmmattuu rakkookoo
jedheetu dubbata
waan maraa yaadata
jaarsi abbaa gadaakoo
bareechaan aadaakoo
qaroomaaf beekumsa hangafa ilmoo namaa
dagaagsituu aadaa kabajjuu mirgoomaa
maaliif sidhokksani eessa turte haga ammaa
jedhee sigaafata
dhufaatiikee eeggata
Gadayoo Galgaloo gaafa gadaa ijaare
otoo lubbuun jiruu otoo hin dabarre
maal maalfaa sitti hime dubbii maal nuu dhaamee?
jedhee sigaafata ammaa amma dabalee
hin yaadiin maal yaadda
yoo qabsoofte argatta
han bades deeffatta
mirgakeen jiraatta.
Barcumakee fudhu
irra gad teeffadhu
jedhee sitti hin himne
sin jajjabeesine
Barcumakee fudhu
irra gadteeffadhu
aadaa keen dubbadhu
Dabballeef gaammeekee waliin guddifadhu
Yaa’akee bobbaasi
waan maraa agarsiisi
amanteef aadaakee walumaan barsiisi
seerakees dhugoomsi.
mirga tookkoo dabsiin
dhiiraaf dubartiillee waljal caashisiin
siiqqee haadha weecee
bareechituu ateetee
takkaa hindagatiin
toorarraa hin jallatiin
hundumaa kabajii gitaan jiraachisi
akkas jedhii himi waan maraa dabarsi
laguufii safuusaa amantees barsiisi
Daandiin haaqajeelu laguusaa eeggadha
dhugaa waaqaa lafaa eega wal bushadha
Qaalluufii ayyaantuun irreessa baadha dha
Eker dubbiftuudhaan han du’e gaafadha.
jedhee nuu galaafne Gadayoo Galgaloo
attamiin daganna yaa lammiiko maaloo
dubbateera inni tokko bira hintarre
unutu hin hubanne unutu hin agarre
tokko bira hinttarre waamaraa hin jarjarre
Baddaaf gammoojjiisaa bonaaf arfaasaasaa
hunda keessa jooree
waan maraa ijaare
maqaa mukaa lafaa hudumasaa baree
han qummaadaa jiruf han hudhaan daraare
hojjetee agarsiisee
dubbatee barsiisee
Barcumasaa guutee seerasaan murteesse.
Akkas jedhee hime olfuudhee sagalee
tokko otoo hin qusatiin ammas daddabalee
uummanni Oromoo walduukaa hiriiraa
Yaa’aaf yuuba gadan ka’aa wal ijaara
Gadaan haa guddatu
Hayyuun haaadubbatu
hangafaa quxisuun ulfina haa argatu
kanaafan lallabaa dhagaa hundumtu.
jedheetu dubbata
lammiisaa gorfatta
Hayyuun abbaa gadaa
jaarsi abbaa areedaa
Odaa jala taa’ee
hunda lafa kaayee
akkas jedhee hima
dafaa waliif dhimmaa
ilmaan haadhalatu
seeraan haaguddatu
jedheetu dubbata
ammaa amma wawwaata
gorsakoo fudha dhu
laguukeess eeggadhu
lammiikee jaalladhu
Ittiin biyya bushi bokkuukee fudha dhu.
jedhan warrii durii warri dhugaan bulanii dhugaan darban
Nagaan jiraadha
(Report this comment as inappropriate.)