Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Mootummaan Gidduu Seenee Gatii Cabsuun Sirrii Miti

Posted: Amajjii/January 22, 2011 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (3)

Qopheessaa Jaallannee Gammadaa | Washington, DC

Mootummaan Itiyoophiyaa gatii gurgurtaa biyyatti keessaa hanga tokko gad cabsuu isaa beeksisee jira.

Sirni gabaa Itiyoophiyaa keessaa Walaba jedhamee eega labsamee yeroo dheeraa ta’eer kan jedhan hayyuun dinagdee Obbo Bulchaa Dammaqsaa, mootummaan giddu seenee gatii ture gad cabsuun dogoggora jedhan.

Rakkoo guddaan gabaa Itiyoophiyaa mudate dhiyessii omishaa jiruu fi fedhii uummatni waa bitachuuf qabu wal madaaluu dhaba isaati kan jedhan Obbo Bulchaan, qabeenyi biyyattii dhunfannaa namoota muraasaa harka ituu jiruu gabaa walabaa gaggeesuun hin danda’amu jedhu.

Mootummaan maqaa dhaabbatoota dhunfaa fi ofii isaan hojii daldalaa fi dinagdee harkatti galfatee waan jiruuf, rakkoon jiru salphaatti kan furamuu miti jedhu obbo Bulchaan.

Mootummaan ofii isaatii hojii qonnaa bifa ammayaan bal’inaan yoo gaggeesse qofa furmaanni dhufuu danda’a kan jedhan obbo Bulchaan, investeronni biyya alaa Itiyoophiyaa keessatti hojii qonnaa gurguddaa kan gaggeesaa jiran ta’us, oomiisha argatan gara biyya ofiitti ergu waan ta’eef, gabaa ykn uummata Itiyoophiyaa keessaa waan gargaaru hin qabu jedhu.

VOA (Afaan Oromoo)

Gadaa.com

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

3 Responses in THE COMMENT SECTION

  1. Shaashiituu Shoonee

    Jan 23, 11 at 1:30 pm

    How else can the ruling family keeps enriching itself and its known monoply business conglomarate if not through impoverishing and stealing 99.6% of the wretched Ethiopian voices and now intentionally oppressing and impoverishing the small business communities being used as scapegoats so that they may not have savings, become middle class and increasingly demand their rightful political rights?

    All in the Meles family just like the Tunisian Ben Ali business family seems to be the best business in the country. Hmm…

    “When a fox preaches take care of your chicken.” ~African proverb

  2. qero

    Jan 23, 11 at 5:01 pm

    Hi

    thank you obbo Bulecha and VOA.

    Eaaee akkuma jedhamee umman hojaachu qabaa hojaachu dhaf immoo poletican ykn bulchinisii gariin jirachu qabaa, Garu biyaa sana kessatii warii gariitii hojaachaa jiraan nagadaa jiraan, hojaa issaniitii irraa ykn nagaadaa issanitii irraa gara mana hidhatii ergamanii hojaan issanii jala babadhee meqa meqatu jiraa. Kanaf Namoon” bilisuma” aregachu qabu akka hojaatannii biyaa issanii gudissanif.Kane achi kane baretees biyaa tii debi’aa hinjiru biyaa bilisumaa jiru kessatii hojaa aregatee hojaatee bilisumaa dhan jirachu filataa kanaf hundumaa dura” bilisuman” jirachu qaban jedhaa. Kesssatu umaataa Oromodhaf. Meqatu biyaa alatii dhessa jiraa nagadaa issaa dhisee, meqatu nagadiin issaa cufamee, kunii hundiinu bilisumaa wan hin qabinef. Issayuu biyaa alatiis namiinii dhessee akka hin jiranef security issanii ergaa namootiin ama illee biyaa oremattii rakkachaa jiru. BILISUMAAN BU’RAA HUNDATII, DEMOCRACIIN BU’URAA GUDINATII. KANA MOTIMAAN AMMA JIRU HOJACHAA HIN jiru, Kanf NAMAS RAKIISAA JIRAA. EGAA DUBIIN JIRU BILUSUMAA KENNA YKN IMMOO NURAA DEMMAA JECHUNII QABAA UMAANII OROMOS, WARE BIRAS.

    galatooma,

    Support the oromo people!!! the true leader!!!

    qero

  3. buli

    Jan 23, 11 at 5:33 pm

    yaa ummmataa oromo, motummaani habasha(tigiree) saba ishetifi malee, sabota bira kana biyyaa sana keessaa jirani dhimma hin qabdu, sabni ishee nyaatee qufee yoo bule, sabni kani yoo bela’ee dhimi hin qabdu, haa ta’u kuni immo hoji warra gorboftati. kanaafi keessumayuu ummani oromo tokkuma ummee dina kana kani qabenyaa ilmani oromotaa fi sabota kanan biyyaa is ijaracha jiru ofii irraa buqisuu qaba. fknf nuti qawee hin qabnu, humna hin qabnu, motummaa kana kufisuu hin dandenyuu warri jedhani ni jiru ta’a, qawee akkami akka argtuu beekta? dhagaa fo eeboo qabadhu ti, dinaa tokko ishii adda keesssa dhawii, qawee tokko irraa fudhadhu, achii booda qawee tokko dina ykn gorbofta kuma tokko ofii irraa deebisaa, akkata itti fayyadamtuu yoo beektee. ani kan jedhe ummata iyyessaa ba’ii ajesi miti. nama qabenya balessa jiru, kee fudhate, si agabuu bulchee, qabenyaa samu, mirgaa of kabachisii. Jaarraa 21ffaa kana keessaa jaldessi ille qarmee mirga isafi falama jira. akkasumma kutaa fi ammantiniii, beekumsa, qabenyaa adda wali qoduu dhisiti mirga ketifi falmi. ofii kabachisii, adunyaa irraati ofii beeksisi, atisi enyuu gadi miti. gootumaa kee afaan qifani lafti hin balesni, hojidhan agarsisi. sodaa ofii keessaaa basii, falamadhu, falamadhu mirga ketifii, oduu ganda keessaa irraa fagadhu, sobdu ofii irraa fagessii
    galatommaa.
    buli irraa.