Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com Comments (3)

Oromoo Ta’ee Kan Kana Hin Hubanne, Ani Oromoo Dha Ofiin Jechuunuu Mamsiisaa Dha

Abdii Boruutiin*

Oromoon bilisummaa ni barbaada moo hin barbaadu? jedhee otuun gaafii kana dhiyeessee, deebii lama argachuu nan danda’a jedhen yaada. Tokko, eeyyen ni barbaada yoo ta’u, inni lammaffaan lakkii hin barbaadu kan jedhu dha. Warrii eeyyen ni barbaada jedhanii deebii kennu, Oromoon akka gabrummaa keessa/jala jiru warra beekani fi amananii dha. Warri lakkii bilisummaa hin barbaadu jedhanii deebii kennu garuu, karaa lamaan ilaalamuu ni danda’u. Isaan tokko Oromoon dur gabrummaa jala ture, amma garuu erga mootummaan Derguu kufe booda bilisummaa isaa argate warra jedhanii dha. Isaan biroo ammoo Oromoon duris taanan gabrummaa jala/keessa hin turre, har’as hin jiru, kanaaf bilisummaa isa hin barbaachisu ykn bilisummaa hin barbaadu warra jedhanii dha.

Akka ilaalcha isaaniitti (akka isaan gaafii kanaaf deebii kennaniitti) namoota kana garee saditti baafnee ilaaluun ni danda’ama jechuu dha.

Garee tokkoffaa, warra Oromoon bilisummaa ni barbaada jedhan yoo ta’an, isaan kun Oromoon akka gabrummaa Habashaa jala/keessa ture fi ammas jiru waan beekaniif ykn waan kana (itti) amananiif, bilisummaan Oromoo argamuu qaba jedhanii warra yaadan ykn amananii dha. Asirratti hubadhaa! yaaduu fi amanuun akka tokko hin taane; boodan itti deebi’a. Gareen kun Oromoo qofaa otuu hin taane, warra Oromoo hin ta’inis dabalachuu danda’a. Alagaa ta’anii waayee Oromoo sirriitti kan beekani fi hubatan; Oromoon bilisummaa argachuu qaba warri jedhan baay’eetu jiru jechuu dha.

Garee lammaffaa, akkuman kanaa olitti ibse, isaan, Oromoon gabrummaa jala/keessa ture; amma garuu bilisummaa waan argateef, bilisummaa isa hin barbaachisu ykn bilisummaa hin barbaadu warra jedhanii dha. Warra qabsoon bilisummaa Oromoos galii isaa gahe jedhanii dha. Qabsoon kana booda godhamu, guddina fi dagaagina sabaatiif malee, bilisummaa dhaafii miti warra jedhanii dha. Kanaaf, qabsoo bilisummaa Oromootiin mormu. Isaan kun Oromoota qofaa otuu hin taane, alagaa fi diina illee ta’uu danda’u.

Garee sadaffaa, gareen kun warra gaafii uummata Oromoo hin fudhanne; warra gabrummaa fi bilisummaa Oromootti hin amanne; Oromoon gabrummaa jala hin turre, ammas hin jiru; gaafiin isaas gaafii bilisummaa fi abbaabiyyummaa miti ykn ta’uu hin qabu jedhanii warra yaadan ykn amanani dha. Gareen kun garuu Oromoota lakkoofsaan xinnaa ta’an of keessa haa qabaatu malee, garee alagaa ykn/fi diinaa ti.

Dhugaan jiru, kan seenaan illee mul’isu fi ragaa ta’uu danda’u, gaafiin uummata Oromoo gaafii bilisummaa fi abbaabiyyummaa ti. Uummanni keenya kan dur qabaachaa ture, humnaan waan dhabeef, kan dhabe sana deebisee argachuuf qabsaa’aa jira. Kanaaf, kan abbaan fe’e mormuu hin dandeenye Oromoon bilisummaa barbaada. Abbaan fe’e karaa fe’een haa ilaalu; abbaan fe’e haa fudhatu ykn haa didu, dhugaan jiru kana. Erga dhugaa kana amananii hin fudhannetti, warri garee lammaffaa fi garee sadaffaa keessa jiran, ija Oromootiin (ija uummata keenyaatiin) akkuma tokkotti ilaalamu jedheen yaada. Erga kaayyoo Oromoo faallessanii, gareen lamaanuu diina qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) ti. Kanaaf, QBOtti gufuu ta’uu fi yoo danda’ame sirumaa dhabamsiisuu barbaadu ykn yaalii godhu; kanuma argamaa jiru dhas.

Barruu kiyya kan har’aa keessatti, kan ani irratti xiyyeeffadhu warra garee tokkoffaa ti. Akkuman kanaa olitti gara jalqabaarratti tuqee dabre, gareen kun warra Oromoon bilisummaa ni barbaada jedhanii yaadan fi/ykn amananii dha.Yaaduun maali, amanuun maali? Jechoota kan lamaan gabaabumatti ibsuu dhaaf, yaaduun waan tokko akka namatti mul’atetti ilaaluu fi hubachuu yoo ta’u, amanuun ammoo waan tokko akka namatti mul’atutti ilaaluu fi hubachuu qofaa otuu hin taane, ni ta’a ykn hin ta’u; dhugaa dha ykn dhara fi kkf jedhanii fudhachuu dha. Gabaabumatti, yaaduun hubachuu dha malee fudhachuu miti; amanuun (ykn itti amanuun) garuu waan hubatan sanas itti amananii fudhachuu dha. Nuyi, Oromoon bilisummaa ni barbaada jennee warra yaadnu fi warra amannu, jidduu keenya garaa garummaan jiraa?

Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, garaa garummaan jira jedheen amana. Warri bilisummaa ni barbaadna jennee yaadnu, akka bilisummaa barbaadnu, fe’ii ykn hawwii agarsiifna malee, isa kana argachuu dhaaf maal godhuu akka qabnu; maaltu akka nurraa eegamu, waan hubannu natti hin fakkaatu. Bilisummaan barbaadnu ykn hawwinu kun waan akkanumatti ofumaaf dhufu ykn namni biraa nuuf fidu goonee waan yaadnu natti fakkaata. Nuyi nama biraa irraa waan tokkoo hin eegnu, maaliif akkana jetta? naan jechuu dandeessu. Kanaafis deebii qaba. Yoo bilisummaa barbaadna ykn bilisummaan haa dhufu jenne, QBO kanaaf waan tokko godhuutu nurra jira; gahee keenya gumaachuutu nurraa eegama jechuu dha. Waan kana ammoo karaa lamaan godhuu dandeenya.

Karaa tokkoffaan, qabsoon kun cimee akka galii hawwame gahu ykn gahuu danda’u, waan dandeenye, karaa dandeenyeen qooda keenya gumaachuu qabna. Beekumsaan, barumsaan, dandeettii dhaan, humna fi qabeenyaan (maallaqaan) qabsoo bilisummaa kana cimsuu qabna. Bilisummaa humnaan namarraa fudhatame, deebisanii argachuu kan danda’an humnumaan (qawwee dhaan) ta’u illee, qabsoo kan finiinsuu dhaaf qawwee qofaa baachuun nurra hin jiru; karaa biraatiinis gahee keenya gumaachuu ni dandeenya jechuu dha. QBO akka dhimma mataa keenyaatti, akka dhuunfaatti fudhannee, warra kanaaf qabsaa’an waliin dhaabbannee, isaan bira fi duuba hiriirree, irree tokkoon diina keenya irratti duullee, injifannoo agarsiisuu qabna jechuu dha.

Karaa lammaffaan, yoo gahee ykn qooda keenya qabsoo bilisummaa kanaaf gumaachuu hin barbaadne ykn hin dandeenye, sababa gara garaatiin, warra qabsoo kana gaggeessan irratti olola oofuu fi hojii isaaniitti gufuu ta’uu dhaabuu dha. Sababa adda addaatiin wal qoqqooduu, waliin mormuu, walirratti duuluu, wal dadhabsiisuu dhaabuu fi diinni qaawwa argatee nu keessa seenee, addaan nu hiree qabsoo keenyas dadhabsiisuu dhaaf carraa akka hin arganne godhuu dha. Akka Oromootti akka ilmaan abbaa fi haadha tokkootti wal mararfachuu, wal obsuu, wal danda’uu, wal amanuu fi wal amansiisuu akkasuma illee, akka aadaa keenyaatti wal kabajuu dha. Xinnaan guddaa, quxusuun hangafa, wallaalaan beekaa dhaaf kabaja kennuun aadaa Oromoo bareedaa dha; kan waaqni/rabbi uumaa dhaan nuuf kenne dha.

Gaafii kanaa olitti kaasetti deebi’uu dhaaf, Oromoonni warri bilisummaa ni barbaadna ykn Oromoon bilisummaa ni barbaada jedhanii “amanan” garuu, warra gaafiin uummata keenyaa maal akka ta’e hubatani fi kanattis amananii fudhatan waan ta’aniif, QBO kanattis akkasuma warra amananii dha. Namni tokko waan barbaadu tokkotti yoo amane ammoo waan barbaade sana argachuu dhaaf karaa danda’een yaalii godha malee, hamma waan sana argatutti hin dhiisu. Oromoon bilisummaatti amanus, kana argachuu dhaaf halkani fi guyyaa ciminaan hojjechuu qaba. Kun hawwii kiyya, kaayyoo kiyya jedhee erga itti amane, kaayyoo kana galii dhaan gahuuf onnee dhaan, garaa kutannoo dhaan hojjeta. Fe’ii fi hawwiin isaa kaayyoo kana bakkaan gahuuf waan ta’eef, gufuulee adda addaatiin hin injifatamu. Yeroo kana Oromummaa fi bilisummaatti malee waan biraattiis hin amanu; waayee kanaaf dursa kenna; wanti duubatti isa deebisu hin jiru jechuu dha.


Gaafiin jalqaba barruu kanaarratti ka’e, Oromoon bilisummaa ni barbaada moo hin barbaadu? dha. Deebii gaafii kanaaf kennamuu danda’uu ka’ee, namoota garee saditti baasee ibsuu yaalee jira. Warri garee lammaffaa fi garee sadaffaa, warra QBOtti hin amanne dha. Isaan diina qabsoo kanaa ti jechuun ni danda’ama. Warri garee tokkoffaa ilaalcha adda addaa haa qabaatan malee, warra bilisummaa barbaadu dha. Kana haa yaadanis itti haa amananis, kan waliin qaban garuu “bilisummaa barbaaduu” dha. Yoo hin barbaadne hin barbaadnu jedhanii dhiisuu, yoo barbaadan ammoo kanaaf hojjechuu dha. Kuni akka dafee dhufu ammoo wal gargaaruu dha; tumsa waliif ta’uu dha; humna cimaa tokko waliin uumuu dha. Humni cimaan uumamuu kan danda’u garuu tokkummaa dhaan qofaa dha. Kanaaf, bilisummaan akka argamu tokkummaa ijaaruu dha.

Tokkummaan humna kan jedhamus akkanumaanii miti. Weellisuu qofaa miti; kan kaayyoo tokkoof ijaaramuu dha. Warri kaayyoo tokko qaban ammoo waliin hin morman; tokkummaa barbaachisaa kana waliin ijaaruuf carraaqu malee, gufuu walitti hin ta’an. Tokkummaan bilisummaa dhaaf ijaaramus, kan QBO galii dhaan ga’u jedheen yaada; kun tokkummaa dhugaa kan uummanni Oromoos barbaadu dha jedheen amana. Tokkummaan akkanaa tokkummaa biraa kan diigu yoo ta’e, tokkummaan diigamu kun tokkummaa diinaa ti malee tokkummaa Oromoo, kan kaayyoo tokkoof (bilisummaa Oromootiif) ijaaramuu miti. Warri bilisummaa Oromoo barbaadan dhugaa kana hubachuu qabu. Wal arrabsuu, wal abaaruu, wal nyaachuu, diina dhiisanii walirratti duuluu, wal laaffisuu fi wal dadhabsiisuun uummata keenyaaf bu’aa takka illee hin fidu; uummata keenya rakkoolee keessaa hin baasu. Kan kanarraa bu’aa argatu diina fi warra bilisummaa hin barbaadne qofaa dha.

ABO garee sadeen walitti deebisanii tokkoomsuuf (ABO tokko godhuuf) yaalii araaraa, kan yeroo ammaa godhamaa jiru, ilaalchisee, uummata Oromoo jidduutti ykn hawaasa Oromoo keessatti, yaadni adda addaa mul’achaa waan jiru fakkaata. Anis ofii kiyyaaf, akka Oromoo tokkootti, waayee kana ilaalchisee dhaga’uu malee wanti ani keessa isaa beeku fi arges waan hin jirreef, akkuma nama biraa, yaada kiyya kennuuf malee namoota ykn garee ykn jaarmayaa tokkotti hirkadhee isaan kanaaf dubbachuufii miti. Kun akka sirriitti hubatamun barbaada.

Akkan marsaalee (website) tokko tokko irratti argee dubbisetti fi dhagayetti, kan yaalii araaraa kana godhaa jiru Obboo Leenco Lataa akka ta’e dha. QBO kana keessatti of duuba garagallee yoo ilaalle fi yaadanne, bara 1991-1992 yeroo ABOn mootummaa ce’umsaa keessa ture fi booda dirqamee keessaa ba’e, balleessi guddaan akka godhame fi miseensota WBO irratti balaa guddaan akka ga’e, waan hin dhokanne fi kanuma beekamuu dha. Kana namni yoo dagate illee seenaan kan hin dagannee dha. Hoggantoota ABO yeroo sana turan keessaa Obboo Leencon tokko ture. Nama kana ittisuu dhaaf otuu hin taane, akka ilaalcha dhuunfaa kiyyaatti, balleessa dalagame sanaaf kan itti gaafataman hoggantoota hundumaa, kan yeroo sana turan ta’uu qabu malee abalu qofaa dha jechuun sirrii natti hin fakkaatu.

Namni tokko ammoo balleessa dalagee dabre tokko itti amanee fudhatee, kanaaf illee dhiifama gaafatee, gara fuulduraatti waan gaarii tokko hojjechuu yoo barbaade, kun waanuma ilmaan namaarraa eegamuu dha jedheen yaada. Hoggantoonni keenyas akkuma fakkeenya kanaa kan godhan yoo ta’e, kun aadaa diimookraasii ti. Balleesa fudhachuu fi kanaafis dhiifama gaafachuu diduun garuu aadaa diimookraasii waan faallessuuf, kun uummata biratti fudhatama hin qabu jechuu dha. Kun dhugaa waliigalaa ti. Hoggantoonni keenya ammoo dhugaa jirutti amananii, kan dabre irraa baratanii, gara fuulduraatti uummata keenyaaf, qabsoo bilisummaa Oromootiif garaa qulqulluu dhaan kan hojjetan yoo ta’e, kanuma dabre sana qofaa qabnee, amma isaaniin mormuun sirrii natti hin fakkaatu. Bu’aa maal irraa argachuu dandeenya? Akka ilaalcha kiyyaatti, walumaan mormuu qofaa yoo ta’e, bu’aan tokko illee hin argamu.

Waaqa/rabbi galanni haa ga’u, jalqaba bara kanaa irratti tokkummaa tokko argannee jirra. Inni kunis ULFO dha; kun tarkaanfii ykn sadarkaa duraa ti. Amma ammoo waaqni/rabbi nu gargaaree ABO garee sadeen walitti deebi’anii yoo tokkooman (ABO tokko ta’an) kun sadarkaa lammaffaa ta’a. Kana booda (itti’aanee) kan ta’uu qabu, ABO tokko ta’u fi ULFO walitti fidanii (ABO+ULFO) yoo danda’ame walittibaqsanii tokko godhuu; yoo kan hin danda’amne ta’e ammoo, tokkummaa hunda hammataa ykn tumsa bilisummaa ijaaruu dha. Kaayyoon tokkummaa ykn tusa akkanaa “bilisummaa fi abbaabiyyummaa” dhabne deebifnee argachuu dha. Egaa, eessaree ykn maaliree rakkoon jiru? Maaliif tarkaanfi fi sadarkaaleen ibse kana waliin godhuun hin danda’amne? Maaltu maal faallessa? Kamtu kam diiga?

Oromoo ta’ee, tokkummaan akkanaa, kan kaayyoo tokkoof, bilisummaa dhaaf ijaaramu, akka hin milkoofne kan gufuu (itti) ta’u ykn kanaan mormu yoo jiraate, ana naaf galuu hin danda’u. Wal shakkuun, waliin mormuun, walirratti duuluun, humna walii dadhabsiisuun eessanuu nu hin geenye; kanuma arginee dabarree dha. Kan dabre irraa barachuu qabna. Oromoon tokko; eenyummaan keenyas tokko; eenyummaan keenya kun ammoo Oromummaa akka guddifnu fi dagaagsinu nu godhuu qaba. Kaayyoon keenyas tokko’uma jedheen yaada “bilisummaa fi abbaabiyyummaa dhabne deebifnee argachuu” dha. Yoo kan beeknee, hubannee, kanattis amanne, wanti walitti nu buusu hin jiru. Yoo jiraatani illee garaa garummaa xixiqqoo dha jedheen yaada. Waan xixiqqoo kanaa kaanee, rakkoo guddaa ofitti uumnee, kaayyoo keenyatti gufuu ta’uun nurraa hin eegamu. Kan ani Oromoo dha jedhu, yoo dhugaa Oromoo ta’e, waayee kana hubachuun dirqama ta’a. Oromoon dhugaa jiru hubatee, garuu otuma beekuu diddaa kan agarsiisu fi tokkummaatti gufuu ta’uu kan barbaadu yoo ta’e, ani Oromoo dha ofiin jechuu fi waayee uummata Oromoo dubbachuunuu mamsiisaa dha jedheen amana.

Galatoomaa.

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com


Gadaa.com

3 Comments

  1. Dammaqaa said,

    May 16, 2010 @ 9:27 pm

    Obbo Abdii Boruu,

    Barreeffama kee yeroo hedduu nan dubbisaa. Haala kanarraa akka armaan gadiitti siin hubadha:

    Nama Oromummaa ofiitti amanee dhugaaf(akka sitti fakkaatetti) qabsaa’u ta’uu kee.
    Nama summiin naannummaa kan dhaabbillee Oromoo jeeqaa jiru sitti waan dhi’aate natti hin fakkaatu.(waan xuroofte natti hin fakkaatu)
    Nama angoof ykn of beeksiisuuf hojjetu osoo hin taane Ummata Oromoof dhimmamtee waan hojjettu natti fakkaata.
    Barreeffamni kan kee qubee sirrii ta’een,kan doggora hin qabnee fi akka nama galutti ifa ta’ee kan barreeffamee dha. Jechoota naannoo hedduutti dubbataman itti maktee waan barreessituuf waaltina afaan Oromootifis qabsaa’aa jirta jechuu dha.

    Kana hundaafuu galata argadhu
    Garuu an akka nama tokkootti waan tokkotti nan amana. ABOn qabsoo ummata keenyaa keessatti bu’aa guddaa buuseera. Saniif yoomillee taanaan seenaan hin dagatu. Amma garuu qabsoo fi hammilee ummata keenyaa miidhaa jiraa malee faaydaan inni fidaa jiru hin jiru. Fiduu mitii warra biroo jijjiirama,haa xinnaatu haa guddatuu, fiduuf qabsaa’aa jiranitti danqaa ta’aa jira. To me it has reached a point of no repair. OFC malee karaa dhaabbillee siyaasaatin kan biroo waan jiru natti hin fakkaatu. YO akka raajii(by miracle) ABOn cancala naannummaa cabsee, siyaasaa isaa jaarraa 21ffaa wajjin wal simee yo dhi’aate malee.

    Galatoomii,

  2. Oromboona said,

    May 17, 2010 @ 10:11 pm

    Abdii,
    We better forget the irrational opposition of our foes against tokkummaa of oromummaa for bilisummaa and the the cry of Habesha elites for the rise of Oromo Obama to save their empire from either disintegration in to several independent nation-states or transformation in to a union of free nation-states. It is nice, that we are still looking for the appropriate terms for the five types of Oromo individuals, who are now taking part in the current discussion on tokkummaa of oromummaa for bilisummaa. Let me summarize all the ideas given by some of you till now. Here are the types:

    - the commited Oromo patriots who are promoting and propagating the ongoing tokkummaa, we just need to support them. I think the majority of Oromo nationalists support this. I do belong here and I do want to thank those with my position.

    - the dissenting friends, who do have alternative opinion and think to have the better way of doing business. We need to respect their idea, try to reason with them and possibly convince them to accept the ongoing tokkummaa, instead of their trying to foster another tokkummaa. I think, individuals in this group don’t necessarily fight against the ongoing tokkummaa, but they try to forge an alternative and better tokkummaa.

    - the misguided friends, who are opposing the ongoing tokkummaa, without knowing the negative impact of their position. We just should try to inform them, to show their deficiency or try to teach them if possible. But we need to fight against their destructive opinions against the ongoing tokkummaa.

    - the disgrantled friends, who are opposing the ongoing tokkummaa because of their negative experience related to the individuals or the organizations, which are now promoting the ongoing tokkummaa. If we can, we have to try to intervene and treat their injury, if not at least we better have an empathy with them, but we should fight against their destructive way of opposing the ongoing tokkummaa.

    - the cunning foes, who are fighting against the Oromo cause, being camouflaged as Oromo (speaking and writing Afaan Oromo), but doing their planned damage. After being sure that these are enemies, we should just fight them and against their destructive venomes, but no necessity of discussion with them.

  3. Abdii Boruu said,

    May 19, 2010 @ 4:47 pm

    Obboo Dammaqaa,

    Yaada keetiif baay’ee galatoomi.

    Qabxiileen ati asitti barreessite, kan ittiin na madaaluu yaalte, dhuguma kan ka’uu qabanii dha. Ittiin na jajjeef otuu hin taane:

    1) Oromummaatti amanuun barbaachisaa dha. Yoo kanatti amanan ammoo, akka dhugaaf qabsaa’an nama godha.
    2) Eenyummaa waliin qaban “Oromummaa” dagatanii, naanummaa dhaan wal qoqqooduun dhuguma summaa balleessaa dha. Akkuma atuu jette, namni Oromummaaatti amanu, waayee diigaa kan akka naannummaa, gandummaa,…. kana irraa of eeguu fi of qusachuu qaba.
    3) Qabsaa’aan dhugaa aangoo fi of beeksisuuf otuu hin taane, dhimma uummata ofiitiif dursa kenna; kanatu qabsaa’aa dhugaa isa godha jechuu dha.
    4) Qabsoon waaltina Afaan Orommo qaama qabsoo bilisummaa Oromoo ti. Kanaaf, guddina Afaan keenyaatiifis qabsaa’uu qabna.

    Barruulee (barreeffama) kiyyas ilaalchisee, hamman danda’e; akka dubbistootaaf galutti barreessuun yaala; kanaafis nan carraaqa. Akkuma biyyi keenya bal’aa ta’e, jechoonni tokko tokko kutaa fi naannoo gara garaa keessatti adda adda ta’u; kun kanuma beekamu dhas. Akkaataan Oromoon dubbatu ykn haasa’u illee kaabaa kibbatti, bahaa lixatti adda adda ta’uu mala. Kanaaf, hamma Afaan Oromoo guddatee, akkaataa tokkoon (standardised way of writing) barreeffamutti, bakkee tokko tokkotti adda adda ta’uu danda’a jechuu dha. Namoonni ilee akkuma dubbatanitti barreessuu malu. Fakkeenyaaf anis akkuman dubbadhuttan barreessa.

    Akkaataan ani ittiin barreessu Afaan keenya guddisuu baatus, xinnaatu illee, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, Afaan keenyaan barreessuu yaaluun, akka Afaan Oromoo hin dagatamne godha jedheen yaada. Yoo ittiin dubbanne fi barreessinee, babal’isaa deemuu yaalle malee, Afaan keenya dagatamee duubatti hafuu danda’a jechuu kooti. Kanaaf, ani gara kiyyaan, caalaa beekee otuu hin taane, hammuman beeku fi danda’u sanaan Afaan keenya akka mul’atun yaala; kun hawwii kiyyas.

    Walittiakeeksa OFC fi ABO ilaalchisee, “OFC malee karaa dhaabbillee siyaasaatin kan biroo waan jiru natti hin fakkaatu” kan jette kana fudhachuu baadhu illee, wanti ati barreessite dhugaa dha. Dhugaa dubbadhu yoo naan jette, akka ilaalcha kiyyaatti, waayeen ABO baay’ee na shakkisiisaa jira. Amma illee abdii irraa kutachuu baadhus, gaafiileen gara garaa sammuu kiyya keessa akka deddeebi’an na godhaa jira.

    Gareen sadeenuu, waanumti isaan fe’an; waanumti isaan yaadani fi waanumti isaan godhan ifa naaf ta’uu didaa jira. Wanti biraa illee yoo hafe, yeroo jaarmayoonni walitti baqaa jiranitti; yeroo uummanni Oromoo bakka hundatti tokkummaa lallabaa jiranitti; yeroo ABO garee sadeen walitti deebisanii tokkoomsuuf yaaliin godhamaa jirutti; sirii dhaa ABO garee afraffaan ijaaramuun isaa, waayee ABO diraamaa godhe jira. Waayee kana amma asitti barreessee waanan hin fixneef, yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.

    OFC ilaalchisee, dhugaa dubbachuu dhaaf, dhaabilee fi jaarmayoota Oromoo walaba ta’anii socha’aa jiran keessaa, yeroo ammaa kaayyoo ofii illee ifa godhee, kanaafis ciminaan hojjechaa kan jiru OFC dha jedheen yaada. Tokkoomuu danda’uun injifannoo tokko dha; tokkoomanii waliin hojjechuun ammoo injifannoo itti aanaa fi isa guddaa dha.

    Akkuma gadaa.com irratti, “ilaa fi ilaame” jala: “coming together is a beginning; keeping together is progress; working together is success” jedhu OFCn ABO caalaa waayee kana hojiirra oolchaa waan jiru natti fakkaata.

    Kun ABO garee sadeeniif (edaa amma afraffaanis jira!!!!) waan hojjetu fakkaataa??? Mee ni ilaalla.