Adaba Du’aa Marsaa Lammataa (VOA)
Qopheessaa Jaallannee Gammadaa | Washington DC
Mootummaan Itiyoophiyaa Oromoota murtii du’aa itti mureen shororkeessota balaa dhaqqabsiisani jedha. Dubartiin isaan waliin hidhamte immoo jarreen hiyyeessota yakka akkanaa waliin hidhata hin qabne, Isaan keessaa dubartiin tokko bakka daa’ima ishee keessu iyyuu dhabdee waliin hidhamtee jirti jedhu.
Televiziyonni Itiyoophiyaa Caamsaa 21 bara 2010 oduu dabarseen oromoota ja’a irratti adaba du’aa qabee hanga hidhaa fi adaba qarshii manni murtii Federaalaa kennu isaa beeksisee jira.
Akka kanaanis Shamarree Dirribee Ittaanaa, obbolessa isaani dargaggoo Darguu Ittaanaa fi aaddee Urgee Abbabaa adaba du’aatu murame.
Abban warraa aaddee Urgee kan ta’an Obbo Girmaa Reggaasaa hidhaa umrii guutuu, Obbo Indaalee Negerii hidhaa waggaa 10 fi waggaa sadiif jireenya hawaasummaa tii ala akka ta’an, Aaddee Warqinash Guutee hidhaa waggaa lamaa fi qarshii kuma lamaan akka adabaman itti murame.
Daani’eel Jaallataa namni jedhamu immoo, jedha gabaasaan Televiziyoona Itiyoophiyaan dhiyaate, minii-baasii Araat kiloo irraa gara Laga-haar deemaa ture dhuka’aan gubee balaa eega gessisee booda ofiis balaa sana keessatti gubatee lubbuun dabre. Adabbiin du’aa kenname prezidaantii prezidaantii Itiyoophiyaan eega raggaasisamee booda ka raaw’atamu tahuun illee ibsamee jira.
Kanneen adabiin itti murame keessaa aaddee Worqinaash Guutee, Caamsaa bara 2008 qabamanii hidhaa baatiilee saddeetii tii booda wabiin gadhiifaman. Kanaaf jecha murtiin inni dhumaa bakka isaan hin jirretti ture kan itti murame.
Namoonni sadeen duuti itti murame hiyyeeyyii mana namaa keessaa hojjetaa jiraatan waan turaniif, badii akkasii geggeessuuf karooraa fi dandeetii isaas kanneen qaban miti, jedhu Aadde Warqinash, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin.
“Namoota murtiin irratti dabre keessaa Aaddee Urgee Abbabaa, abbaan-manaa isaanii obbo Girmaanis mana hidhaa waan jiraniif, mucaa isaanii umuriin waggaa sadii waliin hidhamanii jiru.” jedhu Aadde Warqinash.
– VOA
»» BACK TO MAIN PAGE
3 Comments »
RSS feed for comments on this post
Write Your Comment Below.
RULES FOR COMMENTING:
Gadaa.com values your inputs, and to maintain a positive environment of discussion, the following rules will be enforced for comments. When you click SUBMIT COMMENT below, you are agreeing to abide by the following rules.
1. Comments are moderated. Your comment appears below after it has been approved by a Gadaa.com Admin.
2. If you use different names to post comments, we will delete all of your comments.
3. Apply common-sense respect and courtesy.
4. By submitting your comments, you take all the responsibility, legal or otherwise, for your comments.
5. Comments are naturally short. Long comments may not be approved.
6. Frequent offenders of the above rules will lose future posting privileges.



Dawaa said,
June 25, 2010 @ 2:01 pm
This was politically motivated to demoralize the Oromo people by the Tigrian minority government. There is no insult more than this against one nation. This should be a lesson to the Oromo organization that hoping any Abyssinian government can have a different view towards Oromos is a mistake. Minilik, HaileSelase, Mengistu and Meles have the same objective which is to suppress the Oromo people and rule Oromia. Therefore, Freeing Oromia is the only solution to free our people. A Democratized and united country can only be achieved when nations are free first.
Goofta said,
June 25, 2010 @ 2:41 pm
Yaa rabbi kuno kana taane!! All this is a result of our weakness. They can kill us with impunity. They do not think about retribution. Please somebody translate this interview into English and send it to Human Rights Watch, Amnesty International and all major human rights groups. If this is not evidence of crime against humanity, what is? Killing of innocent Oromos just to make a political statment that they are in control, can kill us at any time as they wish. We are so divided that we cannot even start a major campaign to save the lives of these innocent Oromos. What a sorry state we are in. It makes me wanna holler!!!!!!
Caalaa said,
July 1, 2010 @ 10:52 am
It is good that the oromo people heard all these crimes against them selves.This is the nature of every coward minority dictators,they arbitrary kill,detain,torture for the sake of staying in power:For them there is nothing to worry about tomorow if they fill their bellies for their daily subsistance by commiting crime against our people.The good news is that killings,torture and any crime of such sort has never ever stopped the struggle of people for freedom.It is just a matter of time,we will come over it!.Wake up oromo nation!,we are more than enough for ourselves!
IUOF!